Qorannaa Gochuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
SOLOMOON MOOTICHI “fakkeenya baayʼee itti yaadee, qoree, tarree galchee in qopheesse.” Maaliif? “Dubbii dhugaa” barreessuu waan barbaaduuf ture. (Lal. 12:9, 10) Luqaasis, wantoota jireenya Yesus keessatti raawwataman, ‘jalqaba isaatii jalqabee tarree galchee barreesseera.’ (Luq. 1:3) Tajaajiltoonni Waaqayyoo kun lamaan qorannaa godhaniiru.
Qorannaa gochuu jechuun maal jechuudha? Dhimma tokko ilaalchisee odeeffannoo argachuuf of eeggannoodhaan qoruu jechuudha. Kunimmoo dubbisuufi seera qorannaan itti godhamu hojiirra oolchuu gaafata. Namootaaf gaafannoo gochuus dabalachuu dandaʼa.
Wantoota akkamiirratti qorannaa gochuu dandeessa? Fakkeenya muraasa haa ilaallu. Qayyabannaa yommuu gootu ykn Macaafa Qulqulluu yommuu dubbistu, gaaffiiwwan barbaachisaa taʼan tokko tokko kaʼuu dandaʼu. Namni dhugaa baateef tokko gaaffii deebiisaa utuu beektee sitti tolu si gaafateera taʼa. Tariimmoo haasaan sii kennamee taʼuu dandaʼa.
Haasaa dhiheessuuf ramadamteetta haa jennu. Haasaan sii kenname wantoota tokko tokko walumatti qabaatti kan ibsu taʼuu dandaʼa. Haasicha akka gumichaaf taʼutti dhiheessuu kan dandeessu akkamitti? Qorannaa gochuudhaan yaada sana balʼisi. Wanta beekamaadha jettee yaadde sanatti odeeffannoo tokko ykn lama dabaluudhaan ykn fakkeenya haasaakee wajjin walsimu kennuudhaan, dhaggeeffattootaaf barumsa kennuufi fedhiisaanii kakaasuu dandeessa. Barreeffamni irratti qophaaʼaa jirtu dubbistoota addunyaa maraatti argamaniif kan qophaaʼe taʼuu dandaʼa; ati garuu barumsicha akka gumii ykn nama tokkoof taʼutti balʼisuu, akkasumas fakkeenya kennuufi akkamitti hojiirra ooluu akka dandaʼu ibsuu si barbaachisa taʼa. Kana akkamitti raawwachuu dandeessa?
Odeeffannoo argachuuf qorannaa gochuukee dura, dhaggeeffattootakee tilmaama keessa galchi. Waaʼee dhimma kanaa maal beeku? Maal beekuutu isaan barbaachisa? Sana booda kaayyoonkee maal akka taʼe hubadhu. Kaayyoonkee ibsuudhaa? amansiisuudhaa? soba taʼuusaa saaxiluudhaa? moo kakaasuudha? Ibsuun, odeeffannoo dabalataa dhiheessanii dhimma sana caalaatti ifa gochuu gaafata. Dhugaan kun kan beekame taʼuyyuu, wanta jedhame sana yoomiifi akkamitti hojiirra oolchuun akka dandaʼamu ibsuun si barbaachisa taʼa. Amansiisuun, gaaffii wanti tokko maaliif taʼe jedhuuf ragaa dhiheessuudhaan deebii kennuu gaafata. Soba saaxiluun, ragaa gar lachaniin dhihaate sirriitti beekuufi yaada akka ragaatti dhihaate hubachuu gaafata. Ragaa amansiisaa dhiheessuun barbaachisaa taʼus, dhugaa kana gaarummaadhaan dhiheessuu qabna. Kakaasuun, garaasaanii tuquu gaafata. Kana jechuun, dhaggeeffattootakee jajjabeessuufi wanta dhagaʼan hojiirra akka oolchan kakaasuu jechuudha. Muuxannoo namoota utuu rakkina keessa jiranii tarkaanfii akkasii fudhatanii dubbachuunis garaa dhaggeeffattootaa tuquuf gargaaruu dandaʼa.
Amma qorannaa jalqabuuf qophoofteetta jechuudhaa? Ammayyuu wanti si hafu jira. Odeeffannoo hammamii argachuun akka si barbaachisu yaadi. Kun saʼaatii qabdurratti kan hundaaʼedha. Odeeffannoo tokko warra kaaniif dabarsuuf saʼaatii hammamiitu sii kenname? Daqiiqaa shanimoo, daqiiqaa soddoma? Akkuma walgaʼii gumii saʼaatii murteeffametti kan dhihaatumoo, akka qayyabannaa Macaafa Qulqulluu ykn hojii tiksummaa akka haalasaatti kan jijijjiiramudha?
Dhumarratti, barreeffamoota qorannaadhaaf si gargaaran akkamii qabda? gaaffii jedhutu kaʼa. Barreeffamoota qabdu dabalatee, mana kitaabaa Galma Mootummaa keessaa barreeffamoota argachuu dandeessaa? Obboloonni waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilaa turan barreeffamasaaniitti akka fayyadamtu sii heyyamuu? Barreeffamni dabalataa yoo si barbaachise, mana kitaabaa uummataa keessaa argachuu dandeessaa?
Macaafa Qulqulluu Isa Hunda Caalaa Qorannaadhaaf Gargaarutti Fayyadamuu
Qorannaan gootu hiika caqasa tokkoo hubachuu gaafata taanaan Macaafuma Qulqulluurra jalqabi.
Yaada Naannoo Caqasichaa Jiru Ilaali. ‘Caqasni kun eenyuuf barreeffame? Caqasawwan naannoosaatti argaman, sababii yaanni kun itti barreeffame ykn waaʼee amala namoota achi keessatti ibsanii maal argisiisu?’ jedhii of gaafadhu. Qorannaa akkasii gochuunkee yeroo baayʼee caqasa tokko hubachuufi haasaa garaa namaa tuqu dhiheessuuf si gargaara.
Fakkeenyaaf, humna Dubbiin Waaqayyoo garaa namootaa tuquufi jireenyasaanii jijjiiruuf qabu argisiisuuf, Ibroonni 4:12 yeroo baayʼee ni caqasama. Yaadawwan naannoo caqasichaa jiran, Dubbiin Waaqayyoo akkamitti kana gochuu akka dandaʼu hubannaa dabalataa nuu kennu. Yaanni naannoo caqasichaa, Israaʼeloonni biyya Yihowaan Abrahaamiif abdachiisetti galuusaanii dura, waggaa 40f lafa onaa keessa jooraa yommuu turan wanta isaanirra gaʼe ibsa. (Ibr. 3:7–4:13) “Dubbiin Waaqayyoo,” jechuunis kakuu inni Israaʼeloota gara boqonnaasaatti galchuuf Abrahaamiif gale, kan duʼe utuu hin taʼin, jiraataafi raawwiisaa argachaa kan jiru ture. Israaʼeloonni abdii kanatti amanuuf sababii qabu turan. Haataʼu malee, Yihowaan biyya Gibxiitii gara Tulluu Siinaatti, achiis gara Biyyattii Abdachiifamtetti yommuu isaan geessu, irra deddeebiʼanii amantii akka hin qabne argisiisaniiru. Kanaaf wanta Waaqayyo dubbiisaa raawwachuuf godherratti amantii dhabuunsaanii, wanta garaasaanii keessa jiru ifa godheera. Yeroo keenyattis abdiin Waaqayyo kenne, wanti garaa namootaa keessa jiru akka beekamu godha.
Caqasawwan Dabalataa Waliin Ilaaluuf Gargaaran Ilaali. Macaafonni Qulqulluun tokko tokko caqasawwan dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran qabu. Macaafni Qulqulluunkee kana qabaa? Yoo qabaate si gargaaruu dandaʼa. Yaada Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo hiika bara 1899rra jiru tokko akka fakkeenyaatti ilaali. Phexros Isa Duraa 3:6rratti, Saaraan haadhotii manaa Kiristiyaana taʼaniif fakkeenya gaarii akka taate ibsameera. Caqasni dabalataa waliin ilaaluuf gargaaruufi Uumama 18:12rratti Saaraan “garaa ishee keessatti” gooftaako jettee Abrahaamiin akka waamte ibsuudhaan odeeffannoo dabalataa kenna. Kanaaf, Saaraan garaasheetii abboomamaa turte jechuudha. Caqasawwan dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran, hubannaa akkasii akka argattuufi raawwii raajii Macaafa Qulqulluu ykn akkaataa kakuun seerichaa itti hojjetu hubachuuf si gargaaru. Taʼus, kaayyoon caqasawwan dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran tokko tokko ibsa akkasiitiif kan gargaaran akka hin taane hubadhu. Yaanni ykn seenaan wal fakkaatu garabiraan ykn iddoo ibsame tokko argisiisuuf qofa kan kennaman taʼuu dandaʼu.
Konkordaansii Macaafa Qulqulluutti Fayyadami. Konkordaansiin Macaafa Qulqulluu jechoota Macaafa Qulqulluu keessatti itti hojjetaman tartiiba qubeetiin kaaʼa. Konkordaansiin kun, caqasa irratti qorannaa gochaa jirtuu wajjin walitti dhufeenya qabu argachuuf si gargaara. Caqasa sana baastee yommuu ilaaltu, qabxii si gargaaru garabiraas ni argatta. Dhugaan Macaafa Qulqulluu keessatti argamu akkamitti akka walsimu hubachuuf si gargaara. (2 Xim. 1:13) Macaafni Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa “Baafata Jechoota Macaafa Qulqulluu” buʼuura taʼan qabateera. Kitaabni Kompirheensiiv Konkordaansi jedhamummoo yaada kanarra balʼatu qaba. Kitaabni kun afaan keetiin ni argama taanaan, jechoonni ijoo taʼaniifi Macaafa Qulqulluu keessa jiran eessatti akka argaman sii ibsa.
Barreeffamoota Qorannaadhaaf Gargaaran Garabiraatti Fayyadamuu
Saanduqni fuula 33rratti argamu, barreeffamoota garabiraa qorannaa gochuuf gargaaran hedduu “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” qopheesse ibsa. (Mat. 24:45-47) Barreeffamoota kana keessaa hedduunsaanii baafata mataduree qabu; baayʼeensaaniimmoo fuula gara dhumaarraa indeeksii odeeffannoo barbaaddu argachuuf si gargaaran qabu. Masaraa Eegumsaafi Dammaqaan! dhuma waggaatti baafata mataduree qabatanii baʼu.
Odeeffannoon tokko barreeffama kamirratti akka argamu beekuunkee, saffisaan qorannaa gochuuf si gargaara. Fakkeenyaaf, waaʼee raajii, waaʼee barumsa buʼuuraa, waaʼee amala Kiristiyaanummaa ykn seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu beekuu barbaaddeetta haa jennu. Yaadawwan kana Masaraa Eegumsaarraa akka argattu beekamaadha. Barruun Dammaqaa! immoo, waaʼee haala yeroo, waaʼee rakkoo yeroo sanatti jiruu, waaʼee amantii, waaʼee saayinsiifi waaʼee namoota biyyoota garagaraatti argamanii qabatee baʼa. Kitaabni Za Gireetasti Maan Huu Eevar Liivdi jedhamummoo, seenaawwan Wangeelarratti argaman hundaarratti duraa duuba yeroo seenaansaa itti raawwatameen ibsa kenna. Kitaabni Aayizaayaa Piroofeesii—Laayit foor Ool Maankaayindi jedhamuufi jildii lamaan qophaaʼe, Peeyi Atteenshin tuu Daaniʼeelsi Piroofeesii!, akkasumas Riivaleeshin—Itis Giraandi Kilaaymaaksi Aat Haandi! jedhaman, caqasawwan tokko tokkoon ibsu. Gaaffiiwwan yeroo baayʼee tajaajilarratti kaʼaniif, kitaaba Riiziniingi Firoom za Iskiriipcharsi jedhamurraa deebii argatta. Waaʼee amantii kaanii, waaʼee barumsasaaniifi akkaataa itti hundeeffaman ilaalchisee odeeffannoo balʼaa argachuuf, kitaaba Mankaayindis Sarchi foor Good jedhamu ilaali. Kitaabni Jehovaas Wiitinasis—Pirookleemarsi oov Goodsi Kiingidam jedhamu, seenaa ammayyaa Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee ibsa balʼaa kenna. Hojiin lallabaa addunyaa maratti raawwatamaa jiru haala akkamiirratti akka argamu odeeffannoo haaraa argachuuf Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa ykn Tajaajila Mootummaa dhiheenyatti baʼeerraa ilaaluu dandeessa. Kitaabni Insaayit oon za Iskiriipcharsi jedhamu, waaʼee namootaa, biyyootaa, wantootaa, afaanotaa ykn seenaawwan raawwatamaniifi Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamanirratti yaada balʼaa kenna.
“Waach Taawor Pablikeeshinsi Indeeksi.” Indeeksiin afaan 20 oliin qophaaʼe kun, odeeffannoo barreeffamoota keenya addaddaarratti argaman sii ibsa. Indeeksiin kun indeeksii matadureefi indeeksii caqasaa jedhamee bakka lamatti hirameera. Indeeksii matadureetti fayyadamuu barbaannaan, jecha mataduree qorannaa irratti gochuu barbaaddu sana bakka buʼu filadhu. Indeeksii caqasaatti fayyadamuu yoo barbaaddemmoo, caqasa ibsa irratti argachuu barbaaddu filadhu. Mataduree ykn caqasa sana ilaalchisee barreeffamni afaan keetiin qophaaʼe yoo jiraate, Indeeksii barreeffama waggaa sanaa qabate keessaa argachuu dandeessa. Qubee furtuun Indeeksicharratti argamu barreeffamoota warra kam akka argisiisu hubachuuf ibsa fuula jalqabaarratti kenname ilaali. (Fakkeenyaaf, w99 3/1 15 jechuun, Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1, bara 1999 fuula 15 jechuudha.) Matadureewwan, “Fiildi Ministirii Eksipiiriyaansii” fi “Laayif Istooriis oov Jehoovaas Wiitinasis” jedhaman, gumiirratti kutaa gaarii dhiheessuuf si gargaaru.
Xiyyeeffannaankee wanta qorannaa irratti gochaa jirtuun ala taʼanitti akka hin fudhatamne of eeggadhu. Qabxii qorannaa gootuuf si barbaachisu qofarratti xiyyeeffadhu. Indeeksichi barreeffama ilaaltu yoo sii kenne, barreeffama sana baastee mataduree xixiqqaafi himoota jalqabaa keeyyata sanaa ilaaluudhaan, qabxii yaada barbaaddu qabate qofa argachuuf yaali. Ibsa caqasa tokkorratti kenname argachuu yoo barbaadde, fuula barreeffama indeeksicharratti kennamerraa bakka caqasichi itti argamu barbaadi. Isa booda, ibsa naannoo caqasichaatti argamu ilaali.
“Waach Taawar Laayibirarii” Siidiidhaan Qophaaʼe. Kompiitara argachuu dandeenyaan, Waach Taawar Laayibirarii Siidiidhaan qophaaʼeefi barreeffamoota keenya hedduu qabatetti gargaaramuudhaan faayidaa argachuu dandeessa. Siidiin kun jecha, jechoota ykn caqasa barreeffamoota keenya kamirrattiyyuu caqasamaniifi Waach Taawar Laayibirariirratti argaman barbaaddee argachuuf si gargaara. Siidiin kun afaan keetiin hin argamu taanaan, afaanota balʼinaan addunyaarratti itti hojjetaman keessaa afaan beektuun argachuu dandeessa.
Barreeffamoota Macaafa Qulqulluu Garabiraa
Phaawulos ergaasaa isa lammaffaa Ximotewosiif barreesserratti, ‘macaafota addumaan immoo maraa caaffatoota gogaa duugamaa’ Roomaatti akka isaaf geessu Ximotewosiin gaafateera. (2 Xim. 4:13) Phaawulos barreeffamoota akka gati jabeessaatti ilaalu kaaʼatee ture. Atis akkas gochuu dandeessa. Barruuleen Masaraa Eegumsaa, Dammaqaa! fi Tajaajila Mootummaa erga gumiirratti qayyabatamanii booda ni kaawwattaa? Taanaan, barreeffamoota kanaafi barreeffamoota keenya kaanitti fayyadamtee qorannaa gochuu dandeessa. Gumiiwwan hedduun mana kitaabaa Galma Mootummaasaanii keessaa barreeffamoota Macaafa Qulqulluu garaagaraa qabu. Barreeffamoonni kun miseensonni gumii hundi gara Galma Mootummaa yommuu dhufan akka itti fayyadamaniif kan qophaaʼanidha.
Faayila Dhuunfaa Qabaadhu
Qabxii gaarii yeroo haasaa dhiheessitu ykn yeroo barsiistu itti fayyadamtu barreeffadhu. Oduun gaazexaa ykn barruu tokkorratti baʼe, lakkoofsota ykn fakkeenya argatteefi tajaajilarratti itti fayyadamuu barbaaddu, kutii qabadhu ykn barreeffadhu. Guyyaasaa, matadureesaa, tariimmoo maqaa nama barreesse ykn dhaabbata maxxansiise barreeffadhu. Walgaʼiirratti yommuu argamtu, qabxiiwwaniifi fakkeenyota waaʼee dhugaa warra kaaniif ibsuuf si gargaaran yaadannoo qabadhu. Fakkeenya gaarii tokko dhageessee, yeroo sanatti itti fayyadamuuf carraa hin qabu jettee yaaddee beektaa? Fakkeenya argatte kana faayilakee keessa kaaʼadhu. Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti yeroo dheeraadhaaf hirmaatteetta taanaan, kutaa hedduu akka dhiheessite beekamaadha. Yaadannoo kutaa irraa dhiheessite hin gatin. Qorannaan qophii keetiif goote yeroo booda si gargaaruu dandaʼa.
Namoota Gaafadhu
Odeeffannoo hedduu namootarraa argachuu dandeessa. Luqaas Wangeelasaa yeroo barreesse namoota seenaa kana beekan gaafachuudhaan odeeffannoo hedduu akka argate hin shakkisiisu. (Luq. 1:1-4) Obboleessi tokko mataduree qorannaa irratti gochaa jirturratti odeeffannoo gaarii sii kennuu dandaʼa. Akka Efesoon 4:8, 11-16rratti ibsametti, Kiristos ‘Ilma Waaqayyoo beekuudhaan’ akka guddannu nu gargaaruuf dhiirota “kennaa” taʼanitti fayyadama. Obboloota muuxannoo qaban gaafachuun, yaada gaarii argachuuf si gargaara. Waaʼee dhimma sanaa namoota kaanii wajjin irratti mariʼachuunis, ilaalchasaanii hubachuuf si gargaara; kunimmoo barumsa gaarii dhiheessuuf si gargaaruu dandaʼa.
Yaada Qorannaakee Gamaaggami
Akkuma qamadii habaqiisaarraa gargar baasuun barbaachisu, yaada qorannaa keerraa argattes adda baasuun si barbaachisa. Yaada argattetti fayyadamuukee dura, wantoota barbaachisaa taʼan kanneen barbaachisaa hin taanerraa adda baasuun gaariidha.
Yaada argatte haasaa keerratti itti fayyadamuuf barbaadda taanaan, ‘Yaanni ani itti fayyadamuu barbaade matadureen dhiheessuuf na gargaaruu dandaʼaa? Moo yaada gaarii yoo taʼellee, matadureen ibsuu barbaadurraa akkan fagaadhu na godha?’ jedhii of gaafadhu. Wanta dhiheenyatti raawwatame dubbachuu yoo barbaadde ykn waaʼee saayinsiifi yaalii fayyaa yeroo yeroodhaan jijjiiramu dubbatta taanaan, odeeffannoonkee dhihootti kan baʼe taʼuusaa mirkaneessuu qabda. Barreeffamoota keenya warra turanirrattis sirreeffamni tokko tokko godhamee taʼuu akka dandaʼu hin dagatin. Kanaaf, mataduree kana ilaalchisee ibsa dhiheenyatti baʼe argachuuf yaalii godhi.
Odeeffannoo namoonni kaan qopheessanitti fayyadamuu yoo filatte, of eeggannoo guddaa gochuu qabda. Dubbiin Waaqayyoo dhugaa taʼuusaa hin dagatin. (Yoh. 17:17) Yesus kaayyoo Waaqayyoo galmaan gaʼuu keessatti shoora guddaa qaba. Qolosaayis 2:3, “Badhaadhummaan ogummaa fi beekumsaa hundinuu isa keessa dhokfamee jira” kan jedhus kanumaafi. Yaada kana tilmaama keessa galchuudhaan, qorannaakee gamaaggami. Qorannaa barreeffamoota namoota kaaniin qophaaʼanitti fayyadamuudhaan gootu ilaalchisee akkas jedhii of gaafadhu: ‘Yaanni kun kan arbeeffame, tilmaamarratti kan hundaaʼeefi hubannaa akka hin qabne kan argisiisudhaa? Ofittummaa kan babalʼisu ykn kaayyoo daldalaatiif kan barreeffamedhaa? Barreeffamoonni fudhatama qaban yaada kanaa wajjin walsimuu? Caalaattimmoo, dhugaa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimaa?’
Fakkeenyi 2:1-5, beekumsaafi hubannaa, ‘akka nama meetii barbaaduufi qabeenya dhokfamee jiru qoratuutti’ akka barbaannu nu jajjabeessa. Qorannaa gochuun carraaqqii gaafatus eebba guddaa argamsiisa. Qorannaan ilaalcha Waaqayyoo hubachuuf, yaada dogoggoraa sirreessuufi daandii dhugaarra jabaattee dhaabachuuf si gargaara. Akkasumas, kutaa namatti toluufi jireenya namootaarratti dhiibbaa gaarii geessisu dhiheessuuf si gargaara, atis haasaa sana dhiheessuu akka hawwituufi namoonni gammachuudhaan akka si dhaggeeffatan godha.