LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 3/15 ful. 7-9
  • Gorsa Kan Kennitu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gorsa Kan Kennitu Akkamitti?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gorsa Gaafachuu kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Gorsa Kennuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Qorannaa Gochuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Meeshaa Haaraa Qorannaa Gochuuf Gargaaru
    Tajaajila Mootummaa—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 3/15 ful. 7-9

Gorsa Kan Kennitu Akkamitti?

Namoonni gorsa akka isaaniif kennitu si gaafatanii beekuu? Fakkeenyaaf gaaffiiwwan, ‘Maal utuun godhee naa wayya? Afeerrii kanarratti argamuun qabaa? Hojii kana hojjechuu nan dandaʼaa? Nama kanaa wajjin gaaʼela dhaabbachuuf michoomuu nan dandaʼaa?’ jedhan si gaafatanii beekuu?

Namoonni garaa qajeelaa qaban murtoo hariiroo michoota, maatiifi Yihowaa wajjin qaban tuqu gochuuf akka isaan gargaartu si gaafatu taʼa. Yeroo kanatti deebiinkee maalirratti kan hundaaʼe taʼuu qaba? Yeroo namootaaf gorsa kennitu maal gochuudhaan beekamta? Dhimmisaa salphaas taʼe cimaa Fakkeenyi 15:28, “Namni qajeelaan deebii kennuu isaa dura irratti in yaada” jedha. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu armaan gadii gorsa kennuurratti si gargaaruu dandaʼu.

1 Haalasaa Sirriitti Hubadhu.

“Namni dubbii utuu hin dhaggeeffatin deebii kennu, gowwuma isaa fi yeelloo isaa mulʼisa.”—FAK. 18:13.

Gorsa gaarii kennuuf, haala namni sun keessa jiruufi ilaalchasaa hubachuu qabna. Fakkeenyaaf: Namni tokko sii bilbilee karaa gaariin mana keetti geessu isa kam akka taʼe utuu si gaafatee, nama kana gargaaruuf maal beekuutu si barbaachisa? Bakka inni jiru utuu hin beekin karaa gaarii manakeetti geessu isatti himuu dandeessaa? Akka hin dandeenye beekamaadha! Qajeelfama sirrii taʼe kennuunis, namni qajeelfama barbaadu sun “bakka” kam akka jiru, jechuunis haala akkamii keessa akka jiruufi ilaalcha akkamii akka qabu hubachuu gaafata. Haalli deebii kenninurratti dhiibbaa gochuu dandaʼu jiraa? Haalasaa sirriitti utuu hin hubatin, gorsa kennuun caalaatti nama sana burjaajessuu dandaʼa.—Luq. 6:39.

Qorannaa Hangamii Akka Godhe Gaafadhu. Nama gorsa barbaadu sana gaaffiiwwan armaan gadii gaafachuunis gaarii taʼuu dandaʼa: “Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu isa kam hojiirra oolchuuf yaaddeetta? Filannoon gochuuf yaadde faayidaa ykn miidhaa maalii geessisuu dandaʼa? Hanga ammaatti qorannaa akkamii gooteetta? Warri kaan jechuunis jaarsoliin gumii, warrikee ykn namni Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisu gorsa akkamii sii kennaniiru?”

Deebiiwwan gaaffii kanaa beekuun keenya namni sun deebii argachuuf carraaqqii inni godhe hubachuuf nu dandeessisa. Akkasumas, wanta namoonni kaan jedhan tilmaama keessa galchuudhaan gorsa kennuuf nu gargaara. Kana malees, namni gorsa barbaadu sun nama ‘wanta gurra isaatti tolu’ isatti himu kan barbaadu taʼuufi dhiisuusaa hubachuu dandeenya.—2 Xim. 4:3.

2 Ariitiidhaan Deebii hin Kennin.

‘Namni adduma addaan dhagaʼuutti ariifataa, dubbachuutti suuta jedhaa taʼuun isarra jira.ʼ—YAQ. 1:19.

Yaada gaariitiin kakaanee ariitiidhaan deebii kennina taʼa. Haataʼu malee, keessumaa dhimma akka gaariitti qorannaa irratti hin goonerratti maree gochaa jirra taanaan akkas gochuun keenya gaarii taʼaa? Fakkeenyi 29:20, “Nama dubbii ariifatu irra, nama gowwaatu abdii qaba” jedha.

Yeroo fudhadhuutii akkaataan ati itti deebii kennitu ogummaa Waaqayyoo wajjin kan walsimu taʼuufi dhiisuusaa mirkaneessi. “Yaanniifi ‘hafuurri biyya lafaa’ yaada koorratti dhiibbaa godheeraa?” jedhii of gaafadhu. (1 Qor. 2:12, 13) Ilaalcha gaarii qabaachuun qofti gaʼaa taʼuu akka hin dandeenye yaadadhu. Phexros ergamaan wanta ulfaataa Yesusirra gaʼuuf jiru erga hubatee booda, “Waaqayyo si haa oolchu! Kun si irratti dhufuun hin taʼu” jedhee isa gorsee ture. Deebii Phexros kennerraa maal baranna? Of eeggannoo gochuu baannaan namni garaa qajeelaa qabu tokkollee gorsa yaada, ‘Waaqayyoorratti utuu hin taʼin kan namootaarratti’ hundaaʼe kennuu dandaʼa. (Mat. 16:21-23) Kanaaf dubbachuu keenya dura irratti yaaduun keenya baayʼee barbaachisaadha! Kana malees, muuxannoon keenya ogummaa Waaqayyoo wajjin matumaa kan wal gitu miti.—Iyo. 38:1-4; Fak. 11:2.

3 Gad Of Deebisuudhaan Dubbii Waaqayyoo Hojiirra Oolchi.

‘Ani isa abbaan na barsiise akkan dubbadhu malee, ofiin homaa hin hojjedhu.ʼ—YOH. 8:28.

“Utuun si taʼee . . . godhan ture” jettee beektaa? Deebiin gaaffichaa ifa yeroo fakkaatuttillee, gad of deebisuurratti fakkeenya Yesusirraa barachuun gaariidha. Inni ogummaafi muuxannoo ilmaan namootaa hundumaarra caalu qaba ture; taʼus, “Abbicha isuma . . . ofii isaatii waanan dubbadhu na abboome malee, ani ofuma kootiin hin dubbanne” jedheera. (Yoh. 12:49, 50) Barumsiifi gorsi Yesus yeroo hunda fedha Abbaasaarratti kan hundaaʼe ture.

Fakkeenyaaf, Luqaas 22:49⁠rratti bartoonni Yesus yeroo inni qabamuuf jedhe loluu ykn dhiisuu ilaalchisee gaaffii isa gaafatanii turan. Isaan keessaa tokko billaatti fayyadamee ture. Maatewos 26:52-54⁠rratti akka ibsametti, haala rakkisaa akkasii keessattillee Yesus yeroo fudhatee fedhii Yihowaarratti hundaaʼee bartootasaatiif deebii akka kenne hubadhu. Yesus seera buʼuuraa Uumama 9:6, raajii Faarfannaa 22⁠fi Isaayaas 53⁠rra jirurratti hundaaʼee qajeelfama isaaniif kennuunsaa, lubbuu namootaa akka oolcheefi Yihowaa akka gammachiise homaa hin shakkisiisu.

4 Barreeffamoota Keenyatti Fayyadami.

“Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi, gooftaan isaa naaʼota isaa warra kaaniif yeroodhaan nyaata isaanii akka isaaniif kennuuf mana isaa irra kaaʼate isa kam ree?”—MAT. 24:45.

Yesus hojjetaa amanamaa nyaata hafuuraa baayʼee barbaachisaa taʼe dhiheessu muudeera. Dhimmoota barbaachisaa taʼan ilaalchisee gorsaafi qajeelfama yeroo kennitu, yeroo fudhattee barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼanirratti akka gaariitti qorannaa ni gootaa?

Indeeksiin Barreeffamoota Waldaa Masaraa Eegumsaafi Waachtaawar Laayibirariina odeeffannoo balʼaafi ifa taʼe qabataniiru. Odeeffannoo kana akka laayyootti ilaaluun dogoggora guddaadha! Dhimmawwan kumatti lakkaaʼaman jalatti matadureewwan hedduun nama gorsa barbaadu gargaaran ibsamaniiru. Warri kaan seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akka qoraniifi Dubbii Waaqayyoorratti akka yaadan gochuu dandeessaa? Akkuma meeshaan Giloobaal Poozishiniingi Siiystam jedhamu namni tokko bakka jiruufi bakka gaʼuu barbaade beekuuf isa gargaaru, barreeffamoonni qorannaadhaaf gargaaranis namni sun karaa isa kamirra akka jiruufi karaa jireenyaarra deemuusaa itti fufuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe hubachuuf isa gargaaru.

Jaarsolii hedduun, babalʼistoonni Indeeksii Barreeffamoota Waldaa Masaraa Eegumsaarraa mataduree addaddaa ilaaluudhaan seera buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoorratti akka yaadan isaan leenjisaniiru. Gargaarsa akkasii argachuunsaanii wanta isaan yaaddessuuf saffisaan furmaata akka argatan isaan gargaaruu malees, qorannaa gochuufi qophii hafuuraa Yihowaan godhetti akka amanaman isaan godheera. Karaa kanaan, “sammuun isaanii hojiidhaan itti bare hamaa fi gaarii gargar baasuu” dandaʼeera.—Ibr. 5:14.

5 Warra Kaaniif Murteessuuf Yaaluurraa Of Qusadhu.

“Namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu qaba.”—GAL. 6:5.

Dhumaarratti, namni kamiyyuu gorsa isa kam hojiirra akka oolchu filachuun isa barbaachisa. Yihowaan hundi keenya seera buʼuuraasaatiin geggeeffamuu ykn dhiisuu ilaalchisee filannoo akka goonu nuu heyyameera. (Kes. 30:19, 20) Haalawwan tokko tokko seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hedduu hojiirra oolchuu waan gaafataniif, namni gorsa barbaadu sun dhumarratti isa kam hojiirra akka oolchu murtoo mataasaa gochuu qaba. Dhimma ykn umrii nama gorsa nu gaafate sanarratti hundaaʼuudhaan, ‘Gaaffii kanaaf deebii kennuuf mirga qabaa?’ jennee of gaafachuun keenyas barbaachisaadha. Dhimmawwan tokko tokko jaarsolii gumii kan ilaallatan ykn namni gorsa gaafatu sun ijoollee yoo taʼemmoo warrasaa utuu gaafatee caalaatti gaarii taʼuu dandaʼa.

[Miiljalee]

a Yeroo ammaa Waachtaawar Laayibirariin siidiidhaan afaan 39⁠in argama. Indeeksiin Barreeffamoota Waldaa Masaraa Eegumsaa immoo afaan 45⁠nii oliin argama.

[Saanduqa/​Fakkii fuula 8⁠rra jiru]

Waaqeffannaa Maatiitiif Qorannaa Gochuu

Gaaffiiwwan dhiheenyatti sii dhihaataniif deebii argachuuf maaliif qorannaa hin gootu? Namni tokko gaaffiiwwan armaan gadii utuu si gaafatee barreeffamootaafi seerawwan buʼuuraa isa gargaaran warra kam caqasuufii dandeessa? Fakkeenyaaf, obboleessi ykn obboleettiin tokko gaaʼelaaf jecha nama tokkoo wajjin wal beellamanii waliin haasaʼuu ilaalchisee yaada akka kennituuf si gaafatan haa jennu. Indeeksii ykn Waachtaawar Laayibirariitti yeroo fayyadamtu jalqaba matadureewwan dhimmichaa wajjin kallattiidhaan walitti dhufeenya qaban ilaali. Fakkeenyaaf Indeeksii keessatti mataduree “Dating” ykn “Marriage” jedhu ilaali. Achiis barreeffamoota dhimmichaa wajjin walitti dhufeenya qaban argachuuf mataduree xixiqqaa achi jala jiran ilaali. Akkasumas mataduree guddaa jalatti matadureewwan “See also” jedhaniifi yaada qorannaa irratti gootuu wajjin caalaatti walitti dhufeenya qaban jiraachuusaanii ilaali.

[Saanduqa fuula 9⁠rra jiru]

Jaarmiyaa Yihowaatiif galanni haa gaʼuutii, gorsa gaarii kennuus taʼe argachuu dandeenya. Lallabni 12:11, “Dubbiin warra ogeessaa akka ulee isa tiksituu biraa argatanii ittiin horii oofanii ti; jechi isaanii inni funaanamee walitti qabame, akka mismaara tarreetti cinqaarfamee ti” jedha. Akkuma tikseen tokko uleetti fayyadamee horii karaarraa gore karaarra buusuuf, gorsi jaalalarratti hundaaʼeefi gaarii taʼe namoota garaa qajeelaa qaban karaa sirriirra akka deeman qajeelcha. ‘Mismaarri’ akka gaariitti muka wal qabsiisuuf rukutame manni tokko jabaatee akka dhaabatu godha. Haaluma wal fakkaatuun gorsa gaarii kennuun buʼaa amansiisaa taʼe argamsiisuu dandaʼa. Namoonni ogeessota taʼan ogummaa Yihowaa isa ‘tikseesaanii’ taʼeefi ‘funaanamee walitti qabame’ qoruudhaan gammachuu guddaa argatu.

Gorsa yeroo kennitu fakkeenya Yihowaa isa Tiksee taʼee hordofi. Hamma nuuf dandaʼame nama nu dhagaʼuuf gorsa gaarii kennuu dandaʼuun keenya mirga guddaadha! Gorsi kenninu seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluurratti kan hundaaʼe yoo taʼe, amansiisaafi nama dhaggeeffatu sanaaf faayidaa barabaraa kan argamsiisu taʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi