LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 3/15 ful. 3-6
  • ‘Wanti Namatti Tolu Bara Hundumaa Mirgakee Jira’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Wanti Namatti Tolu Bara Hundumaa Mirgakee Jira’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • QAJEELCHAA TAʼANII TAJAAJILUU
  • HOJII DAAWWANNAATTI QABAMUU
  • TAJAAJILA BETʼEL
  • JIJJIIRAMA GARABIRAA YUUKREENITTI NU MUDATE
  • JIJJIIRAMA AKKA TASAA UUMAME
  • Yeroo ‘Waraannii fi Oduun Waraanaa’ Jirutti Gargaarsa Gochuu
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Afeerrii Nama Hundaaf Dhihaate!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 3/15 ful. 3-6

Seenaa Jireenyaa

‘Wanti Namatti Tolu Bara Hundumaa Mirgakee Jira’

Looyis Diidar Akka Dubbattetti

Jireenya keessan keessatti, yeroo meeqa, ‘Filannoon godhe sirrii hin turre’ jettanii beektu? Waggaa 50 tajaajila yeroo guutuurratti dabarse keessatti, mirga Yihowaa taʼuu kootiin wanti namatti hin tolle tokkollee narra gaʼeera jedhee hin yaadu. Maaliif akka taʼe mee isinittan hima.

KANAN dhaladhe bara 1939⁠tti siʼa taʼu, Kaanaadaa, baadiyyaa Saaskaachiwaan jedhamtu keessatti obboleessaafi obboleettotakoo afurii wajjinan guddanne. Jireenyi naannoo dirree balʼaafi bakka qotiisaa jiru baayʼee kan nama gammachiisu ture. Gaaf tokko, Dhugaa Baatonni Yihowaa dhufanii abbaakoo yeroo haasofsiisan, ‘Waaqayyo maqaa qabaa?’ jedheen isaan gaafadhe. Isaanis Macaafa Qulqulluu qabatanii turan Faarfannaa 83:18⁠rraa maqaa Yihowaa jedhu nutti argisiisan. Kunis maqaa Waaqayyoofi Dubbisaa caalaatti beekuuf fedhii akkan qabaadhu na godheera.

Yeroo sanatti ijoolleen baadiyyaa hamma kutaa saddeetiitti kutaa tokko keessatti baratu turan. Mana barumsaa dhaquuf fardaan ykn miillaan kiilomeetira hedduu deemu. Wanta barsiisaa naannoo sana keessa jiruuf barbaachisu hunda kan guutan maatii barattootaa turan. Yeroo dabareen maatii keenyaa gaʼu, barsiisaa haaraa Joon Diidar jedhamu waggaa tokkoof mana keenyatti simatan.

Natti beekamuu baatus, dargaggeessi kunis Dubbii Waaqayyoo beekuuf fedhii guddaa qaba ture. Yeroo tokko koominiizmiifi sooshaalizmii abbaankoo deggeru dinqisiifachaan ture. Joon suuta jedhee, “Eenyuyyuu ilmaan namootaa bulchuuf mirga hin qabu. Bulchuuf mirga kan qabu Waaqayyo qofadha” jedhee naa deebise. Kunis maree nama gammachiisu hedduu gochuuf nu dandeessise.

Joon bara 1931⁠tti waan dhalateef, miidhaa guddaa waraanni geessise dhagaʼee ture. Yeroo Waraanni Kooriyaa bara 1950⁠tti godhame waraanarratti maaliif akka hirmaatan namoota waldaalee addaddaa hordofan hedduu gaafatee ture. Hundisaaniiyyuu Kiristiyaanonni waraanarratti hirmaachuunsaanii sirriidha jedhaniin. Yeroo boodas, gaaffiidhuma kana Dhugaa Baatota Yihowaa gaafate. Isaanis ejjennoo Caaffata Qulqullaaʼoorraatti hundaaʼeefi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa waraanaaf qaban itti argisiisan. Joon bara 1955⁠tti kan cuuphame siʼa taʼu, anis waggaa ittaanuttan cuuphame. Lamaan keenyayyuu jireenyaafi humna keenya guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu akka barbaannu beekna turre. (Far. 37:3, 4) Aniifi Joon Adoolessa bara 1957 gaaʼela dhaabbanne.

Yeroo baayʼee guyyaan waggaa gaaʼela itti dhaabbate kabajnu guyyaa walgaʼii koonyaarra oola ture. Yeroo kanatti obboloota gaaʼelaaf kabaja qabaniifi kumaan lakkaaʼamanii wajjin taʼuu keenyatti gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Yeroo jalqabaatiif walgaʼii biyyoolessaarratti kan argamne bara 1958⁠tti ture. Shan taanee Saaskaachiwaanii kaanee konkolaataadhaan Niiwu Yoorki Siitii deemne. Torban tokkoof guyyaa guyyaa deemaa oollee, halkanimmoo dunkaana keessa bulla turre. Obboleessi Pensilvaaniyaa, Betlihemitti wal argine tokko gaafas mana maatiisaa akka bullu yeroo nu afeeru hangam akka gammanne tilmaamuu dandeessu! Gaarummaa inni nuuf godheen kan kaʼe qulqullina keenya eegnee Niiwu Yoorki Siitii gaʼuu dandeenyeerra. Walgaʼiin guddaan sun Yihowaa tajaajiluun gammachuu guddaa kan argamsiisu taʼuusaa akka hubannu nu godheera. Yaanni faarfatichi, “Wanti namatti tolus immoo bara hundumaattuu mirga kee jira” jedhee barreesse dhugaa taʼuusaa hubanneerra.—Far. 16:11.

QAJEELCHAA TAʼANII TAJAAJILUU

Waggaa tokko booda, jechuunis bara 1959⁠tti qajeelchaa taanee tajaajiluu kan jalqabne siʼa taʼu, mana xinnoo konkolaataadhaan harkifamuufi tabba Saaskaachiwaanirra jiru keessa jiraanna turre. Tabba kanarra dhaabatanii fagoo ilaaluun kan dandaʼamu siʼa taʼu, iddoowwan kana keessaa tokko tokko naannoo tajaajila keenyaa turan.

Gaaf tokko waajjira dameerraa xalayaan nama gammachiisu tokko nuuf ergame. Bakka Joon tiraakteeriidhaan hojjechaa jirutti xalayicha itti argisiisuuf fiigaan deeme. Xalayaan sun Ontaariyoo, magaalaa Reed Leekitti qajeelchaa addaa taanee akka tajaajilluuf afeeramuu keenya kan ibsudha. Iddoon kun eessa akka taʼe waan hin beekneef kaartaarraa ilaaluuf ariifanne.

Bakki kun dirree keessa jiraachaa turree wajjin yeroo waliin ilaalamu baayʼee addadha! Amma bosona guddaafi magaalota xixinnoo naannoo bakka albuuda warqee baasanitti dhihoo jiran arguu dandeenya. Guyyaa jalqaba mana barbaaddachaa turretti, intalli xinnoon tokko maree nuyi dubartii ollaasaanii jirtuu wajjin goonu dhageesse. Achiis gara manaatti fiigdee haadhasheetti kan himte siʼa taʼu, haatishees bakka galgala sana bullu gaarummaadhaan nuu kennite. Bakki ciisichaa sun madabii dhoqqeerraa hojjetamedha. Borumtaasaa, mana mukarraa hojjetameefi kutaa lama qabu kan arganne siʼa taʼu, manichi qodaa xinnoo ibidda irratti bobeeffatanirraa kan hafe, bishaan boombaafi qodaa mana keessaa hin qabu ture. Suuqii miʼa moofaa taʼe itti gurguran keessaa meeshaa muraasa kan bitanne siʼa taʼu, waanuma arganne kanatti gammannee jiraachuuf yeroo nutti hin fudhanne.

Gumiin kan jiru kiilomeetira 209 fagaateeti. Namoonni bakka albuudni warqee baafamu kana keessa hojjetan Awurooppaarraa kan dhufan siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu afaansaaniitiin qophaaʼe akka isaanii kenninu nu gaafatu turan. Yeroo gabaabaa keessatti namoota Macaafa Qulqulluu qayyabataniifi cimoo taʼan 30 argachuu dandeenyeerra. Jiʼa jaʼa gidduutti gumiin xinnoon tokko ni hundeeffame.

Abbaan manaa dubartii qayyabsiisnu tokkoo, luba mana sagadaasaatti bilbilee haati manaasaa qayyabannaashee akka dhaabdu akka itti himu gaafate. Yeroo maree goonutti lubichi barumsawwan barsiisnurratti waaʼee Sillaasee daballee barsiisuu akka qabnu dubbate. Dubartiin sun Macaafa Qulqulluu waldaan Kaatolikii qopheesse fuutee, lubichi wanta dubbate sana Macaafa Qulqulluurraa ragaa akka dhiheessu gaafatte. Innis Macaafa Qulqulluu sana minjaalarratti darbatee, wanta tokkoyyuu mirkaneessuun akka isa hin barbaachisne dubbate. Yeroo deemuuf jedhutti, afaan Yuukreeniitiin mana sana keessaa akka nu ariʼaniifi deebisanii akka ol nu hin galchine dubbate. Lubichi, Joon afaan Yuukreen akka dandaʼu hin beeku ture!

Utuma baayʼee hin turin, Joon hojii daawwannaatiif waan leenjiʼuuf magaalaa Reed Leek gadhiisnee baane. Haataʼu malee, Joon waggaa tokko booda walgaʼii koonyaarratti haasaa cuuphaa yeroo kennu, abbaan manaa dubartii sanaa kaadhimamtoota cuuphaa keessaa isa tokko ture! Wanti lubichi yeroo sana godhe namni kun Macaafa Qulqulluu qoruu akka jalqabu isa kakaaseera.

HOJII DAAWWANNAATTI QABAMUU

Hojii daawwannaarratti yeroo hirmaannu, maatiiwwan hedduu wajjin yeroo dabarsuuf mirga addaa argannee turre. Obboloota manasaaniitti nu keessumsiisaniifi yeroo wajjin dabarsinetti baayʼee dhihaachuu dandeenyeerra. Gaaf tokko gamoo yeroo gannaatti hoʼistuu hin qabne keessa turre. Ganama barii obboleettiin maanguddoo taʼan tokko suuta jedhanii kutaa keenya seenanii miʼa xinnoo tokkorratti ibidda nuu qabsiisan. Achiis, guyyaa sanaaf akka qophoofnuuf gabateefi bishaan hoʼaa nuu fidan. Amala gabii obboleettiin kun qabanirraa waan hedduu baradheera.

Hojiin daawwannaa caalaatti Yihowaatti akkan dhihaadhu na gargaareera. Albartaa keessatti aanaan keessa tajaajillu, magaalaa Kaaba Fagoo obboleettiin tokko jiraataniifi albuudni itti baafamu kan dabalatu ture. Jaarmiyaan Yihowaa obboleettii kophaasaanii jiraatan kana akkamitti ilaala? Jiʼa jaʼa jaʼatti, akkuma gumiiwwan magaalaa gurguddaa keessa jiran kaanii, torban tokkoof obboleettii kanaa wajjin tajaajiluufi walgaʼii gochuuf bakka kana deemna turre. Kun Yihowaan hoolaa tokkoofillee jaalalaan kunuunsa akka godhu kan nama yaadachiisudha.

Obboloota bakka buufannu nuu kennan hedduu wajjin wal gaafachuu keenya itti fufnee turre. Kun, kennaa Joon jalqaba naa kenne tokko, jechuunis saanduqa bareedaa waraqaa xalayaa irratti barreessaniin guutame na yaadachiisa. Waraqaa kanatti fayyadamnee michoota keenyaa wajjin xalayaa waliif barreessuu keenyatti gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Ammayyuu saanduqa xalayaa kana kabajaanan qaba.

Toorontoo keessatti daawwannaarra utuu jirruu, obboleessi Betʼel Kaanaadaa jiru tokko bilbilee waaʼee Betʼeliin galuu akka yaannu nu gaafate. Guyyaa meeqa gidduutti deebii argachuu barbaadee ture? “Dandaʼamnaan bor!” nuun jedhe. Nuyis galuu akka barbaannu borumtaasaa isatti himne.

TAJAAJILA BETʼEL

Hojiin haaraan hojjennu hundi wanta namatti toluufi Yihowaa biraa argamu addaddaa nutti argisiiseera. Haalli kun yeroo bara 1977 Betʼeliin gallettis itti fufeera. Obbolootaafi obboleettota dibamtoota taʼan tokko tokkoo wajjin michoomuu malees, amala addaa isaan qabaniifi Dubbii Yihowaatiif bakka guddaa kan kennan taʼuusaanii hubachuu dandeenyeerra.

Jireenyi haaraan Betʼel keessa jiru kan nama gammachiisudha. Fakkeenyaaf, amma uffata keenya shaanxaa keessa utuu hin taʼin, saanduqa dhaabbii keessa kaaʼanna, yeroo hundas gumii tokko keessatti tajaajilla. Hojii naaf kenname hojjechuu dabalatee, namoota daawwachiisuun yeroo hunda na gammachiisa ture. Namoota daawwachuu dhufaniif hojii Betʼelitti raawwatamu nan ibsa, yaada isaan kennan nan dhaggeeffadha, akkasumas gaaffiisaaniitiif deebii nan kenna.

Utuma hin beekin waggoonni hedduun kan darban ennaa taʼu bara 1997⁠tti, Joon Mana Barumsaa Miseensota Koree Waajjira Damee Paatarsan, Niiwu Yoorki galee akka leenjiʼu afeerame. Achiis, Yuukreen akka dhaqnu gaafatamne. Of eeggannoofi kadhannaadhaan akka irratti yaannu nu jajjabeessan. Gaafasuma galgala ni dhaqna jennee deebisne.

JIJJIIRAMA GARABIRAA YUUKREENITTI NU MUDATE

Bara 1992, walgaʼii biyyoolessaa Raashiyaa, Seeyint Piitisbargitti, achiis bara 1993 Yuukreen, Kiiyevitti godhamerratti argamnee turre. Walgaʼiiwwan kun obboloota keenya Awurooppaa Bahaa jiran akka jaallannu nu godhaniiru. Yuukreen, Laaviivitti, bakki nuti jiraannu inni haaraan gamoo dulloomaa darbii lammaffaarra ture. Karaa foddaa mooraa xinnoo bakka ashaakiltii qabu, lukkuun kormaa diimaafi lukkuun haadhoo wucoo hammatte tokko yommuun ilaalu, maasii Saaskaachiwaan keessa waanan jiru natti fakkaata ture. Mana sana keessa nama kudha lama taanee jiraanna. Betʼel dhaquuf yeroo hunda ganamaan kaanee magaalicha keessa kunnee deemna.

Yuukreeniin jiraachuu keenyatti maaltu nutti dhagaʼama? Obboloota qorumsa keessa darbaniifi mootummaan hojii lallabaasaanii dhowwee ture, akkasumas hidhamanii turan hedduu gidduu jiraachuun gad of deebisuu gaafata. Taʼus Dhugaa Baatonni kun amantiisaaniitti jabaatanii dhaabataniiru. Yeroo isaan galateeffannu, “Yihowaadhaaf jedheen godhe!” jedhanii deebisu turan. Matumaa akka irraanfataman isaanitti dhagaʼamee hin beeku. Ammallee, gaarummaa isaan isinii godhaniif yeroo isaan galateeffattan, “Yihowaan haa galatoomu!” jedhanii isinii deebisu; kunis wantoonni gaariin hundi kan maddan Yihowaa biraa taʼuusaa akka amanan kan argisiisudha.

Yuukreenitti obboloonni hedduun gara walgaʼii kan dhaqan miillaan gara saʼaatii tokkoo ykn isaa ol deemanii waan taʼeef, waliin haasaʼuufi wal jajjabeessuuf carraa hedduu qabu. Laaviiv keessa gumiiwwan 50 ol kan jiran siʼa taʼu, isaan keessaa 21 Galma Mootummaa guddaa kutaa hedduu qabu tokkotti fayyadamu. Guyyaa Dilbataa, obboloota hedduu gara walgaʼiitti yaaʼan ilaaluun baayʼee nama gammachiisa.

Obboloota sabrii qabaniifi namoota kaan kunuunsuu jaallatanii wajjin walitti dhihaachuuf yeroo nutti hin fudhanne. Hanga harʼaattillee yeroo afaanicha hubachuun natti ulfaatutti obsa guddaadhaan na dhaggeeffatu. Yeroo baayʼee ijisaanii wanta isaan dubbatan caalaa ergaa naaf dabarsu qaba.

Walgaʼiin biyyoolessaa bara 2003⁠tti Kiiyevitti godhame, obboloota gidduu wal amantaa guddaan akka jiru argisiisee ture. Bakka namoonni hedduun jiraniifi daandii baaburaa lafa jala deemu bira dhaabannee utuu jirruu, intalli xinnoon tokko gara keenya dhuftee suuta jettee, “Akkookoo wajjin wal jalaa badne” nuun jette. Intalli kun kaardii qomarratti kaaʼanne argitee Dhugaa Baatota taʼuu keenya waan hubatteef gara keenya dhufte. Nu argachuusheetti waan gammaddeef hin boonye. Haati manaa daawwataa olaanaa nuu wajjin turte tokko suuta jettee fuutee istaadiyomii keessaa bakka Kutaa Meeshaan Bade Kaaʼamutti ishee geessite. Intalli sun yeruma sana akkooshee wajjin wal arguu dandeesseetti. Intalli xinnoon kun namoota kumaan lakkaaʼaman gidduutti amantaa guddaa isheen obbolootarratti qabdu baayʼee na ajaaʼibsiiseera.

Waajjirri damee Yuukreen inni haaraan tajaajila Yihowaatiif Caamsaa 2001⁠tti yeroo murteeffamu obboloonni biyyoota hedduudhaa dhufanii turan. Dilbata ganama haasaan addaa istaadiyomiitti erga godhamee booda, obboloonni hedduun Betʼel isa haaraa daawwachuuf dhufanii turan. Wantan yeroo sanatti arge matumaa hin irraanfadhu! Obboloota gabiifi sabrii guddaa qaban kana arguunkoo baayʼee na dinqisiiseera. Kunis dinqisiifannaan wanta namatti toluufi Yihowaa tajaajiluudhaan argamuuf qabu naaf cimseera.

JIJJIIRAMA AKKA TASAA UUMAME

Bara 2004⁠tti Joon dhukkuba kaansariitiin qabamuunsaa kan nama gaddisiisudha. Kanaaf yaalii fayyaa argachuuf gara Kaanaadaa dhaqne. Yaalii fayyaa keemootiraappii jedhamu yeroo jalqabaatiif ennaa godhu baayʼee isatti ulfaatee kan ture siʼa taʼu, torban muraasaaf of hin beeku ture. Yeroo muraasa booda Joon of beekuunsaa kan nama gammachiisu ture. Isa booda dandeettii dubbachuu kan dhabe taʼus, dinqisiifannaa namoota isa gaafachuu dhufan hundaaf qabu ijasaatiin ibsaaf ture.

Joon dhukkubasaarraa fayyuu waan hin dandeenyeef birraa sana ni duʼe. Kutaa qaamakoo keessaa isa guddaa tokko akkan dhabetti natti dhagaʼame. Aniifi Joon Yihowaa waliin tajaajiluu keenyatti gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama ture. Kana booda maalan godha laata? Gara Yuukreenitti deebiʼuun filadhe. Jaalala guddaa miseensonni maatii Betʼeliifi gumicha keessa jiran natti argisiisaniif guddaan isaan galateeffadha.

Jireenya keenya keessatti filannoo goonetti gaaf tokkollee gaabbinee hin beeknu. Michoota gaarii wajjin jireenya gammachiisaa dabarsineerra. Ammas taʼe gara fuulduraatti waaʼee gaarummaa Yihowaa wantoonni barannu hedduun akka jiran beeka; akkasumas ‘gammachuu mirga Yihowaatti’ argamu waanan argadheef barabaraaf isa tajaajiluukoo akkan itti fufu abdiin qaba.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 6⁠rra jiru]

“Jireenya keenya keessatti filannoo goonetti gaaf tokkollee gaabbinee hin beeknu”

[Fakkii fuula 3⁠rra jiru]

Guyyaa cidha keenyaatti Joon wajjin

[Fakkii fuula 4⁠rra jiru]

Ontaariiyoo, magaalaa Reed Leekitti yeroon qajeelchaa addaa ture

[Fakkii fuula 5⁠rra jiru]

Bara 2002, Yuukreenitti Joon wajjin

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi