LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Adoolessa ful. 2-7
  • Gorsa Gaafachuu kan Qabnu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gorsa Gaafachuu kan Qabnu Maaliifi?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • AMALAWWAN AKKAMII QABAACHUUN QABA?
  • GORSA GAARII NAAF KENNUU KAN DANDAʼU EENYU?
  • SAMMUU FI GARAA KOO BANAA GOCHUU KANAN DANDAʼU AKKAMITTI?
  • WARRI KAAN AKKA NAAF MURTEESSAN GAAFACHUUN QABAA?
  • GORSA GAAFACHUU KEESSAN ITTI FUFAA
  • Gorsa Kennuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Dubbii Namoonni Amanamoon Dhumarratti Dubbatanirraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Adoolessa ful. 2-7

MATA DUREE QOʼANNAA 28

FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi

Gorsa Gaafachuu kan Qabnu Maaliifi?

“Ogummaan . . . kan warra gorsa barbaadanii ti.”—FAK. 13:10.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti gorsa nuu kennamurraa guutummaatti fayyadamuuf maal gochuu akka qabnu ilaalla.

1. Murtoo ogummaarratti hundaaʼe gochuu fi karoorri keenya akka milkaaʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkeenya 13:10; 15:22)

HUNDI keenyayyuu murtoo ogummaarratti hundaaʼe gochuu barbaanna. Akkasumas karoorri keenya akka milkaaʼu ni barbaanna. Dubbiin Waaqayyoo wantoota kana galmaan gaʼuuf gorsa gaafachuu akka qabnu nutti hima.—Fakkeenya 13:10; 15:22 dubbisi.

2. Yihowaan maal nuu gochuuf waadaa galeera?

2 Dhugaadha, gorsa hundarra caaluu fi ogummaarratti hundaaʼe nuuf kennuu kan dandaʼu Yihowaadha. Yihowaan, “Ija koo si irra kaaʼee sin gorsa” jechuudhaan nu gargaaruuf waadaa galeera. (Far. 32:8) Yaanni kun Yihowaan gorsa nuuf kennuu qofa utuu hin taʼin, dhuunfaatti xiyyeeffannaa akka nuuf kennuu fi gorsasaa hojiirra oolchuuf akka nu gargaaru argisiisa.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan armaan gadii afuriif deebii Kitaabni Qulqulluun kennu ilaalla: (1) Gorsa naaf kennamurraa fayyadamuuf amalawwan akkamii qabaachuun qaba? (2) Gorsa gaarii naaf kennuu kan dandaʼu eenyu? (3) Sammuu koo fi garaa koo banaa gochuu kanan dandaʼu akkamitti? (4) Warri kaan murtoo akka naaf godhan gaafachuu kanan hin qabne maaliifi?

AMALAWWAN AKKAMII QABAACHUUN QABA?

4. Gorsa nuuf kennamurraa fayyadamuuf amalawwan akkamii qabaachuu qabna?

4 Gorsa gaarii nuuf kennamurraa fayyadamuuf gad of qabuu fi humna keenya beekuu qabna. Ofuma keenyaan muuxannoo ykn beekumsa filannoo gaarii gochuuf nu gargaaru qabaachuu dhiisuu akka dandeenyu amannee fudhachuu qabna. Amala gad of qabuu fi humna ofii beekuu hin qabnu taanaan, Yihowaan nu gargaaruu hin dandaʼu. Gorsi yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnutti argannus akkuma bishaan dhagaarra yaaʼuu taʼa. (Mik. 6:8; 1 Phe. 5:5) Kan gad of qabnuu fi humna keenya kan beeknu yoo taane garuu, gorsa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe dhagaʼuu fi irraa fayyadamuuf fedhii qabaanna.

5. Daawit wantoota akka kooru isa taasisan akkamii qaba ture?

5 Mee fakkeenya Daawit Mootichaarraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu. Daawit wantoota akka kooru isa taasisuu dandaʼan hedduu qaba ture. Mootii taʼuusaa yeroo dheeraa durallee dandeettii muuziqaa isaatiin beekamaa ture. Mootichaaf akka taphatullee gaafatamee ture. (1 Sam. 16:18, 19) Yihowaan, Daawit mootii ittaanu akka taʼu erga isa dibee booda hafuura qulqulluusaatti fayyadamee humna isaaf kenneera. (1 Sam. 16:11-13) Goliyaad isa guddicha dabalatee diinotasaanii ajjeesuudhaan sabasaa biratti beekamaa taʼee ture. (1 Sam. 17:37, 50; 18:7) Namni koora qabu tokko wantoota guguddaa akkasii yoo raawwate gorsi warra kaanii na hin barbaachisu jedhee yaaduu dandaʼa. Daawit garuu nama akkasii hin turre.

6. Daawit nama gorsa fudhachuu jaallatu akka ture akkamitti beekna? (Fakkii ilaali.)

6 Daawit erga mootii taʼee booda michoota gorsa isaaf kennan filatee ture. (1 Sen. 27:32-34) Daawit nama gorsa fudhachuudhaan beekamu waan tureef kun taʼuunsaa nu hin ajaaʼibsiisu. Daawit dhiirota qofarraa utuu hin taʼin, dubartii Abigaayil jedhamtu irraas gorsa fudhateera. Abigaayil haadha manaa Naabaal isa kabaja hin qabne, hin galateeffannee fi of tuulaa taʼee turte. Daawit gorsa gaarii ishiin isaaf kennite gad of qabuudhaan fudhateera; kanaan kan kaʼes dogoggora cimaa raawwachuurraa ooleera.—1 Sam. 25:2, 3, 21-25, 32-34.

Daawit Mootichi Abigaayil yeroo isa kadhattu xiyyeeffannaadhaan ishii dhaggeeffachaa jira.

Daawit Mootichi gad of qabuudhaan gorsa Abigaayil isaaf kennite fudhatee hojiirra oolcheera (Keeyyata 6 ilaali)


7. Fakkeenya Daawitirraa maal barachuu dandeenya? (Lallaba 4:13) (Fakkiiwwanis ilaali.)

7 Daawitirraa barumsa argannu qabna. Fakkeenyaaf, dandeettii ykn aangoo qabna taʼa. Taʼus, matumaa waan hundumaa akka beeknuu fi gorsi akka nu hin barbaachisne yaaduu hin qabnu. Akkasumas gorsicha kan nuuf kenne eenyuyyuu yoo taʼe, akkuma Daawit gorsa gaarii nuuf kenname fudhachuu qabna. (Lallaba 4:13 dubbisi.) Akkas kan goonu yoo taʼe dogoggora guddaa nuunis taʼe warra kaan gaddisiisu raawwachuurraa ooluu dandeenya.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Jaarsoliin afur walg⁠a⁠ʼii ta⁠a⁠ʼanii jiru. Inni tokko dheekkamsaan dubbachaa jira. 2. Boodas jaarsi dargaggeessi walg⁠a⁠ʼicharratti argamee ture tokko konkolaataa keessatti obboleessa dheekkamaa ture sana dhuunfaatti haasofsiisaa jira.

Gorsicha kan nuuf kenne eenyuyyuu yoo taʼe, gorsa gaarii fudhachuuf fedhii qabaachuu qabna (Keeyyata 7 ilaali)c


GORSA GAARII NAAF KENNUU KAN DANDAʼU EENYU?

8. Yonaataan, Daawitiif gorsa kennuuf gaʼumsa qaba ture kan jennu maaliifi?

8 Mee barumsa dabalataa Daawitirraa argannu tokko haa ilaallu. Gorsa namoonni Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabanii fi rakkina isa mudate sirriitti beekan isaaf kennan fudhateera. Fakkeenyaaf, Saaʼol Mootichi isatti araaramuuf fedhii qabaachuusaa beekuu yeroo barbaadetti, gorsa Yonaataan ilmi Saaʼol isaaf kenne dhaggeeffateera. Yonaataan, Daawitiif gorsa gaarii kennuu kan dandaʼe maaliifi? Sababiin isaas, Yonaataan Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qaba, akkasumas Saaʼoliin akka gaariitti beeka. (1 Sam. 20:9-13) Maarree kanarraa barumsa akkamii arganna?

9. Gorsa yeroo barbaannu eenyuun gaafachuu qabna? Ibsi. (Fakkeenya 13:20)

9 Gorsa yeroo barbaannu nama Yihowaa wajjin hariiroo gaarii qabuu fi dhimma nu mudate sana ilaalchisee beekumsa qabu gaafachuu qabna.a (Fakkeenya 13:20 dubbisi.) Fakkeenyaaf, dargaggeessi tokko hiriyaa gaaʼelaa isaaf taʼu barbaadaa jira haa jennu. Gorsa gaarii isaaf kennuu kan dandaʼu eenyu? Michuunsaa gaaʼela hin godhanne tokko gorsa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe yoo isaaf kenne isa gargaaruu dandaʼa. Haa taʼu malee, obboleessi kun hiriyoota gaaʼelaa bilchina hafuuraa qabanii fi akka gaariitti isa beekan, akkasumas yeroo muraasaaf gaaʼela keessa turan gorsa yoo gaafate, gorsa haala isaatiif taʼuu fi hojiirra oolchuu dandaʼu argachuuf carraa balʼaa qaba.

10. Kanatti aansinee maal qoranna?

10 Amalawwan horachuu qabnu lamaa fi gorsa gaarii nuuf kennuu kan dandaʼu eenyu akka taʼe ilaalleerra. Mee ammammoo sammuu fi garaa keenya banaa gochuu kan qabnu maaliif akka taʼe haa ilaallu; akkasumas warri kaan akka nuuf murteessan gaafachuu qabnamoo hin qabnu isa jedhu haa ilaallu.

SAMMUU FI GARAA KOO BANAA GOCHUU KANAN DANDAʼU AKKAMITTI?

11-12. (a) Maal gochuurraa of qusachuu qabna? (b) Rooboʼaam Mootichi yeroo murtoo barbaachisaa taʼe tokko gochuun isa barbaachisetti maal godhe?

11 Yeroo tokko tokko namni tokko gorsa kan barbaadu fakkaachuu dandaʼa; haa taʼu malee, kan inni barbaadu nama murtoo inni godhe isaaf deggerudha. Namni akkasii sammuu fi garaa banaa taʼe hin qabu jechuun ni dandaʼama. Kanaafuu, wanta Rooboʼaam Mooticha mudaterraa barachuu qaba.

12 Rooboʼaam, Solomoon Mootichatti aansee mootii Israaʼel taʼe. Rooboʼaam yeroo mootii taʼetti sabichi wantoota gaggaarii hedduu qaba ture; taʼus, Solomoon baʼaa akka isaanitti feʼe isaanitti dhagaʼama ture. Kanaafuu, sabichi gara Rooboʼaam dhufee baʼaasaanii akka isaaniif salphisu isa kadhate. Rooboʼaamis murtoo gochuusaa dura akka irratti yaaduuf yeroo akka isaaf kennan isaan gaafate. Jalqabarratti maanguddoota Solomooniin gargaaraa turan gorsa gaafachuudhaan tarkaanfii gaarii taʼe fudhatee ture. (1 Mot. 12:2-7) Haa taʼu malee, gorsa maanguddoonni kun isaaf kennan hin fudhanne. Akkas kan godhe maaliifi? Rooboʼaam wanta gochuu yaade dursee murteessee nama murtoo isaarratti walii galu barbaadaa turee laata? Taanaan yommuu dargaggoonni hiriyootasaa taʼan gorsa isaaf kennan wanta barbaade sana argateera. (1 Mot. 12:8-14) Rooboʼaam gorsa dargaggoonni kun isaaf kennanirratti hundaaʼee namoota isa gaafataniif deebii kenne. Kanaan kan kaʼes, sabichi bakka lamatti hirame, yeroo sanaa kaasee Rooboʼaamirra rakkinni hedduun ni gaʼe.—1 Mot. 12:16-19.

13. Sammuu fi garaa banaa taʼe akka qabnu akkamitti beekuu dandeenya?

13 Fakkeenya Rooboʼaam irraa maal baranna? Gorsa yeroo gaafannu sammuu fi garaa keenya banaa gochuu qabna. Akkas gochaa akka jirru akkamitti beekuu dandeenya? ‘Gorsa ergan gaafadhee booda gorsichi wantan dhagaʼuu barbaadu waan hin taaneef, fudhachuu nan dhiisaa?’ jennee of gaafachuu dandeenya. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu.

14. Gorsi yeroo nuuf kennamu maal yaadachuu qabna? Fakkeenya kenni. (Fakkichas ilaali.)

14 Mee obboleessi tokko hojii mindaa gaarii isaaf argamsiisu akka hojjetu affeerraan isaaf dhihaate haa jennu. Affeerraa kana fudhachuusaa dura jaarsa tokko gorsa gaafate. Obboleessi kunis hojichi yeroo dheeraadhaaf maatii isaarraa isa fageessuu akka dandaʼu isaaf caqase. Jaarsi kun qajeelfama Kitaaba Qulqulluu itti gaafatamummaan obboleessa kanaa inni jalqabaa, maatiisaatiif karaa hafuuraa kunuunsa gochuu akka taʼe ibsu isa yaadachiise. (Efe. 6:4; 1 Xim. 5:8) Haa taʼu malee, obboleessi kun gorsa jaarsi kun isaaf kennerratti walii galuu dhiisuudhaan, obboloota kan biroo gorsa inni dhagaʼuu barbaadu isaaf kennan gaafate haa jennu. Obboleessi kun dhuguma gorsa barbaadaa jiramoo wanta gochuu yaade dursee murteessee, nama yaadasaarratti walii galu barbaadaa jira? Garaan keenya gantuu akka taʼe yaadachuu qabna. (Er. 17:9) Yeroo tokko tokko gorsi baayʼee nu barbaachisu gorsa nuti dhagaʼuu hin barbaanne taʼuu dandaʼa.

Obboleettiin takka obbolootaa fi obboleettota hedduu gorsa gaafachaa jirti. Gorsisaanii waan garaa ishii hin geenyeef namoota garaagaraa gaafachaa jirti.

Gorsa gaarii fudhachuuf yaalaa jirramoo, nama yaada keenyarratti walii galu barbaadaa jirra? (Keeyyata 14 ilaali)


WARRI KAAN AKKA NAAF MURTEESSAN GAAFACHUUN QABAA?

15. Maal akka hin goone of eeggachuu qabna? Maaliif?

15 Tokkoon tokkoon keenya murtoo mataa keenyaa gochuuf itti gaafatamummaa qabna. (Gal. 6:4, 5) Akkuma olitti ilaalle namni ogeessa taʼe tokko, murtoo gochuusaa dura Dubbii Waaqayyoo fi Kiristiyaanota bilchaatoorraa gorsa argachuuf yaala. Haa taʼu malee, warri kaan murtoo akka nuuf godhan akka hin gaafanne of eeggachuu qabna. Namoonni tokko tokko kallattiidhaan, “Ati utuu bakka koo taatee maal goota?” jedhanii gaafachuudhaan akkas godhu. Warri kaanimmoo ofii isaaniitii dhimmicharratti gad fageenyaan utuu hin yaadin, wantuma warri kaan godhan gochuudhaan karaa dhokataa taʼeen kana godhu.

16. Kiristiyaanonni gumii Qorontos keessa turan foon waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa taʼe ilaalchisee murtoo akkamii gochuu qabu turan? (1 Qorontos 8:7; 10:25, 26)

16 Foon waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa godhamee taʼuu dandaʼu ilaalchisee haala gumii Qorontos keessatti uumamee ture haa ilaallu. Phaawulos, “Waaqoliin tolfamoon gatii akka hin qabnee fi Waaqa isa tokkicha malee kan biraan akka hin jirre beekna” jechuudhaan Kiristiyaanota kanaaf barreessee ture. (1 Qor. 8:4) Namoonni gumii Qorontos keessa turan tokko tokko kana yaadatti qabachuudhaan, foon waaqa tolfamaadhaaf aarsaa taʼee fi boodammoo gabaarratti gurguramu nyaachuu akka dandaʼan murteessanii turan. Kaanimmoo foon akkasii nyaachuun qalbiisaanii waan jeequuf nyaachuu dhiisuuf murteessanii turan. (1 Qorontos 8:7; 10:25, 26 dubbisi.) Kun murtoo dhuunfaati. Phaawulos obboloonni Qorontos warra kaaniif murtoo akka godhanis taʼe wantuma warri kaan godhan callisanii akka hordofan hin gorsine. Tokkoon tokkoon isaanii ‘waaʼee ofii isaanii Waaqayyoof deebii kennu.’—Rom. 14:10-12.

17. Wantuma warri kaan godhan callisnee goona yoo taʼe maaltu uumamuu dandaʼa? Fakkeenya kenni. (Fakkiiwwanis ilaali.)

17 Yeroo harʼaatti wanti kanaa wajjin wal fakkaatu akkamitti uumamuu dandaʼa? Mee qoqqoodama dhiigaa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Kiristiyaanonni hundi qoqqoodama dhiigaa fudhachuu fi dhiisuu ilaalchisee murtoo mataasaanii gochuu qabu.b Dhimma kana guutummaatti hubachuun nutti ulfaachuu dandaʼa; haa taʼu malee, murtoo akkasii gochuun baʼaa ofii keenyaa baachuu qabnu keessaa tokkodha. (Rom. 14:4) Wantuma namni kan biraan godhe goona yoo taʼe, qalbii keenya laaffisuu dandeenya. Qalbii keenya leenjisuu fi dandeettii qalbii keenyaa fooyyessuu kan dandeenyu yoo itti fayyadamne qofadha. (Ibr. 5:14) Kanaafuu Kiristiyaana bilchaataa tokko gorsa gaafachuu kan qabnu yoomiree? Dura qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu haala keenyaa wajjin wal qabatanirratti qorannoo gochuu qabna. Achiis gama kanaan gargaarsi nu barbaachisa yoo taʼe gorsa gaafachuu dandeenya.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Obboleessi tokko kaardii qajeelfama yaalii fayyaa guutuuf Kitaaba Qulqulluu, kitaaba “Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!” jedhamu barumsa 39​ffaa fi viidiyoo “Yaalii Fayyaa Dhiigaa Wajjin Wal Qabatu Irratti Murtoo Gochuun kan Dand⁠a⁠ʼamu Akkamitti? jedhutti fayyadamaa jira. 2. Boodammoo obboleessi bilchina qabu tokko caqasa tokko yeroo isaaf ibsu dhaggeeffachaa jira.

Gorsa gaafachuu kan qabnu erga ofii keenyaa qorannoo goonee booda taʼuu qaba (Keeyyata 17 ilaali)


GORSA GAAFACHUU KEESSAN ITTI FUFAA

18. Yihowaan maal nuuf godheera?

18 Yihowaan murtoo mataa keenyaa akka goonu nuuf heyyamuudhaan amanannaa guddaa akka nurratti qabu argisiiseera. Dubbiisaa Kitaaba Qulqulluu nuuf kenneera. Akkasumas michoota qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu akka hubannu nu gargaaran nuuf kenneera. Yihowaan akka Abbaa tokkootti itti gaafatamummaasaa raawwateera. (Fak. 3:21-23) Maarree galateeffannaa keenya argisiisuuf maal gochuu dandeenya?

19. Yihowaa gammachiisuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Mee kanarratti yaadi: Warri ijoolleensaanii bilchaatoo, ogeeyyii fi tajaajiltoota Yihowaa warra kaan gargaaran yommuu taʼan arguun isaan gammachiisa. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan karaa hafuuraa bilchaachuu keenya yommuu itti fufnu, gorsa yommuu gaafannuu fi murtoo isa kabajchiisu yommuu goonu arguun isa gammachiisa.

GORSA GAARIIRRAA FAYYADAMUUUF . . .

  • gad of qabuu fi humna keenya beekuu kan qabnu maaliifi?

  • sammuu fi garaa keenya banaa gochuu kan qabnu maaliifi?

  • murtoo mataa keenyaa gochuu kan qabnu maaliifi?

FAARFANNAA 127 Nama Akkamii Taʼuun Qaba?

a Kiristiyaanonni yeroo tokko tokko maallaqa, yaalii fayyaa ykn dhimmoota kan biroo ilaalchisee namoota Yihowaa hin waaqeffanne gorsa gaafachuunsaanii gaarii taʼuu dandaʼa.

b Waaʼee mata duree kanaa ibsa balʼaa argachuuf, kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu barumsa 39 qabxii 5​ffaa fi kutaa “Qorannoo Dabalataa Godhi” jedhu ilaali.

c IBSA FAKKII : Jaarsi tokko walgaʼii dhiheenya godhamerratti akkaataa inni itti dubbate ilaalchisee obboleessa akkumasaa jaarsa taʼeef gorsa kennaa jira.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi