LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Waxabajjii ful. 14-19
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • DHUMNI YOOM AKKA DHUFU HIN BEEKNU
  • YIHOWAAN TARKAANFII KAN FUDHATU AKKAMITTI AKKA TAʼE HIN BEEKNU
  • WANTA BORU TAʼU HIN BEEKNU
  • YIHOWAAN HAMMAM AKKA NU BEEKU GUUTUMMAATTI HUBACHUU HIN DANDEENYU
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Yihowaan “Waaqa Jiraataa” Akka Taʼe Yaadadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Murtii Yihowaan Gara Fuulduraatti Dabarsu Ilaalchisee Maal Beekna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Dubbii Namoonni Amanamoon Dhumarratti Dubbatanirraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Waxabajjii ful. 14-19

MATA DUREE QOʼANNAA 26

FAARFANNAA 123 Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu

Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu

“Isa Hundumaa Dandaʼu hubachuun humna keenyaa oli.”—IYO. 37:23.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti wanta hundumaa kan hin beekne taanus wanta beeknurratti kan xiyyeeffannuu fi Yihowaatti kan amanamnu yoo taʼe rakkina nu mudatu dandamachuu akka dandeenyu mariʼanna.

1. Yihowaan dandeettii akkamii nuuf kenneera? Maaliif?

YIHOWAAN dandeettii yaaduu, dandeettii barachuu, dandeettii hubannaa argachuu fi dandeettii wanta baranne hojiirra oolchuu akka qabaannu godhee nu uume. Akkasitti kan nu uume maaliifi? ‘Beekumsa Waaqayyoo akka argannuu’ fi yeroo isa tajaajillu murtoo gaarii beekumsa sirriirratti hundaaʼe akka goonu waan barbaaduufi.—Fak. 2:1-5; Rom. 12:1.

2. (a) Waaʼee ofii keenyaa maal hubachuu qabna? (Iyyoob 37:23, 24) (Fakkichas ilaali.) (b) Waan hundumaa akka hin beekne amannee fudhachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

2 Dandeettii barachuu kan qabnu taanus wantoonni nuti hin beekne hedduun jiru. (Iyyoob 37:23, 24 dubbisi.) Mee fakkeenya Iyyoob haa ilaallu. Yihowaan Iyyoobiin gaaffiiwwan hedduu gaafateera; kunis wantoonni inni hin beekne hedduun akka jiran isa hubachiiseera. Gaaffiiwwan Yihowaan isa gaafate gad of qabuu fi ilaalchasaa jijjiiruu akka qabu isa hubachiisaniiru. (Iyo. 42:3-6) Nutis wantoota hundumaa akka hin beekne gad of qabuudhaan amannee fudhachuun keenya nu fayyada. Humna keenya beekuun keenya Yihowaan wanta murtoo gaarii gochuuf nu barbaachisu akka nuuf ibsu amanannaa isarratti qabaachuuf nu gargaara.—Fak. 2:6.

Yihowaan yommuu Iyyoobiin haasofsiisu duumessa keessaa ifti ifaa jira. Eliihuu fi jajjabeessitoonni sobaa sadan isa bira jiru.

Akkuma Iyyoob wantoonni nuti hin beekne akka jiran amannee fudhachuun keenya nu fayyada (Keeyyata 2 ilaali)


3. Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?

3 Mata duree kana keessatti wantoota nuti hin beekne tokko tokkoo fi haalawwan rakkisoo sababa kanaan nu mudachuu dandaʼan ilaalla. Akkasumas wantoota tokko tokko beekuu dhiisuun keenya gaarii kan taʼe maaliif akka taʼe ilaalla. Qabxiiwwan kanarratti mariʼachuun keenya Yihowaan inni “beekumsi isaa mudaa hin qabne” wantoota beekuun nu barbaachisu akka nutti himu amanannaa qabnu nuuf cimsa.—Iyo. 37:16.

DHUMNI YOOM AKKA DHUFU HIN BEEKNU

4. Maatewos 24:36​rratti akka ibsametti waaʼee maalii hin beeknu?

4 Maatewos 24:36 dubbisi. Dhumni sirna kanaa yoom akka dhufu hin beeknu. Yesuusiyyuu yeroo lafarra turetti “guyyaa sanaa fi saʼaatii sana” hin beeku ture.a Yesuus, Yihowaan yeroo wantoonni tokko tokko itti raawwataman ‘aangoo isaa jala akka godhate’ yeroo booda ergamoota isaatti himeera. (HoE. 1:6, 7) Yihowaan yeroo itti dhumni sirna kanaa dhufu murteesseera; nuti garuu guyyaan sun yoom akka taʼe adda baasnee beekuu hin dandeenyu.

5. Dhumni yoom akka dhufu beekuu dhiisuun keenya dhiibbaa akkamii nurraan gaʼuu dandaʼa?

5 Akkuma Yesuus dubbate dhumni sirna kanaa dhufuusaa dura yeroo hammamii eeguun akka nu barbaachisu hin beeknu. Kanaan kan kaʼes, keessumaa guyyaa Yihowaa kanaan dura yeroo dheeraadhaaf eegaa turre taanaan obsa dhabuu ykn abdii kutachuu dandeenya. Yookiin qoosaa miseensota maatii keenyarraa ykn namoota kan biroorraa nurra gaʼu dandamachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. (2 Phe. 3:3, 4) Dhumni yoom akka dhufu beekna utuu taʼee caalaatti obsa akka qabaannuu fi qoosaa namootaa salphaatti akka dandamannu nutti dhagaʼamuu dandaʼa.

6. Dhumni yoom akka dhufu beekuu dhiisuun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?

6 Yihowaan dhumni yoom akka jalqabu nutti himuu dhiisuudhaan kan isa tajaajillu jaalala isaaf qabnuu fi amanannaa isarratti qabnuun kakaanee akka taʼe argisiisuuf carraa nuuf baneera. Yihowaa kan tajaajillu akkuma waan amantiin isarratti qabnu yeroon itti darbuutti guyyaa tokko sammuutti qabannee miti. Yeroo itti “[guyyaan] Yihowaa” dhufurratti xiyyeeffachuu mannaa, wanta guyyaan sun raawwaturratti xiyyeeffachuun keenya gaariidha. Akkas gochuudhaan caalaatti isatti dhihaanna, akkasumas isa gammachiisuuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona.—2 Phe. 3:11, 12.

7. Wantoonni beeknu tokko tokko maalfaʼi?

7 Wantoota beeknurratti xiyyeeffachuun keenya gaariidha. Guyyoonni dhumaa bara 1914​tti akka jalqaban beekna. Yihowaan raajiiwwan waggaa kana adda baasnee beekuuf nu gargaaran qofa utuu hin taʼin, wantoota sana booda raawwataman beekuuf nu gargaaran akka nuuf barreeffaman godheera. Kanaan kan kaʼes, ‘guyyaan Yihowaa inni guddaan akka dhihaate’ mirkanaaʼoo taaneerra. (Sef. 1:14) Kana malees, wanta Yihowaan akka raawwannu barbaadu beekna; Yihowaan ‘misiraachoo Mootummichaa’ hamma nuuf dandaʼame namoota hedduuf akka lallabnu barbaada. (Mat. 24:14) Ergaan kun biyyoota 240 taʼan keessatti afaan 1,000 oliin lallabamaa jira. Hojii barbaachisaa taʼe kanarratti hinaaffaadhaan hirmaachuuf, “guyyaa sanaa fi saʼaatii sana” beekuun nu hin barbaachisu.

YIHOWAAN TARKAANFII KAN FUDHATU AKKAMITTI AKKA TAʼE HIN BEEKNU

8. Yaanni “hojii Waaqa dhugaa” jedhu maal argisiisa? (Lallaba 11:5)

8 “Hojii Waaqa dhugaa” kan beeknu yeroo hunda miti. (Lallaba 11:5 dubbisi.) Hojii Waaqa dhugaa kan jedhame wanta Yihowaan fedhiisaa raawwachuuf akka taʼu godhu ykn akka taʼu heyyamu argisiisa. Yihowaan wanti tokko akka gaʼu kan heyyamu maaliif akka taʼe ykn nu gargaaruuf maal akka godhu sirriitti hin beeknu. (Far. 37:5) Akkuma saayintistoonni daaʼimni tokko gadameessa dubartii tokkoo keessatti akkamitti akka guddatu guutummaatti hin hubanne, beekumsi akkasiis hubannaa keenyaa olidha.

9. Yihowaan tarkaanfii kan fudhatu akkamitti akka taʼe beekuu dhiisuun keenya dhiibbaa akkamii nurraan gaʼuu dandaʼa?

9 Yihowaan tarkaanfii kan fudhatu akkamitti akka taʼe adda baasnee beekuu dhiisuun keenya murtoo tokko gochuurraa duubatti akka jennu nu taasisuu dandaʼa. Tajaajila keenya balʼifachuuf aarsaa kaffaluurraa duubatti akka jennu, fakkeenyaaf, jireenya salphaa jiraachuu ykn bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemuurraa duubatti akka jennu nu taasisuu dandaʼa. Yookiinimmoo galma hafuuraa baafanne tokkorra utuu hin gaʼin yoo hafne, tajaajilarratti carraaqqii gooneef buʼaa dinqisiisaa taʼe utuu hin argatin yoo hafne ykn piroojektii tiʼookraasii tokkorratti gufuun yoo nu mudate Yihowaan nutti gammaduusaa shakkuu dandeenya.

10. Wanta Yihowaan godhu beekuu dhiisuun keenya amaloota barbaachisoo akkamii horachuuf nu gargaara?

10 Wanta Yihowaan godhu beekuu dhiisuun keenya amaloota akka gad of qabuu fi humna ofii beekuu jiran akka horannu nu gargaara. Yaanni Yihowaa fi daandiinsaa kan keenyarra baayʼee akka caalu hubachuufis nu gargaara. (Isa. 55:8, 9) Kana malees, milkaaʼina argachuuf guutummaatti Yihowaatti amanamuu baranna. Tajaajilarratti ykn piroojektii tiʼookraasii tokkorratti buʼaa gaarii yommuu argannu Yihowaan akka jajamu gochuun keenya barbaachisaadha. (Far. 127:1; 1 Qor. 3:7) Wantoonni tokko tokko akka nuti yaanne yoo taʼuu baatan wanti hundumtuu toʼannaa Yihowaa jala akka jiru yaadachuu qabna. (Isa. 26:12) Wanta nurraa eegamu erga goonee booda Yihowaanis gaʼeesaa akka raawwatu amanannaa isarratti qabaachuu keenya itti fufuu qabna. Yihowaan akkuma bara duriitti yeroo tokko tokko godhe dinqii raawwachuu baatus qajeelfama nu barbaachisu akka nuuf kennu amanannaa isarratti qabna.—HoE. 16:6-10.

11. Wantoonni barbaachisoon nuti beeknu maalfaʼi?

11 Yihowaan yeroo hundumaa jaalala qabeessa, haqa qabeessaa fi ogeessa akka taʼe beekna. Wanta isaafis taʼe obboloota keenyaaf goonuufis iddoo guddaa akka kennu beekna. Yihowaan yeroo hundumaa warra isaaf amanamoo taʼan akka badhaasus beekna.—Ibr. 11:6.

WANTA BORU TAʼU HIN BEEKNU

12. Yaaqoob 4:13, 14​rratti akka ibsametti waaʼee maalii hin beeknu?

12 Yaaqoob 4:13, 14 dubbisi. Jireenya keenya keessatti wanti boru nu mudatu maal akka taʼe hin beeknu. Sirna kana keessatti “yeroo fi wanti hin eegamne” nu mudachuu dandaʼa. (Lal. 9:11) Kanaan kan kaʼes, karoorri keenya kan milkaaʼu taʼuuf dhiisuusaa ykn karoora keenya fiixaan baasuuf lubbuudhaan jiraachuu keenyallee hin beeknu.

13. Wanta gara fuulduraatti taʼu hunda beekuu dhiisuun keenya miirri akkamii akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa?

13 Wanta gara fuulduraatti taʼu beekuu dhiisuun keenya jabaannee dhaabbachuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼa. Akkamitti? ‘Maaltu uumama laata?’ jennee yaaddaʼuu dandeenya; kunimmoo gammachuu nu dhabsiisuu dandaʼa. Haalawwan gaddisiisoon akka tasaa uumamanii fi wantoonni hin eegamne tokko tokko akka gaddinuu fi akka jeeqamnu nu taasisuu dandaʼu. Wantoonni eegne tokko tokko utuu hin raawwatamiin yommuu hafan aaruu fi abdii kutachuu dandeenya.—Fak. 13:12.

14. Gammachuu dhugaa argachuun keenya maalirratti kan hundaaʼedha? (Fakkiiwwanis ilaali.)

14 Haalawwan rakkisoo nu mudatan yommuu dandamannu, wanti nu mudatu maaliyyuu yoo taʼe Abbaa keenya isa samii kan tajaajillu ofittummaadhaan kakaanee utuu hin taʼin jaalala isaaf qabnuun kakaanee akka taʼe mirkaneessina. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan rakkina nu mudatu hundumaarraa nu eega jennee yaaduu akka hin qabne, akkasumas wanta jireenya keenya keessatti nu mudatu dursee akka hin murteessine ifa nuuf godha. Inni gammachuun keenya wantoota gara fuulduraatti taʼan beekuurratti akka hin hundoofne beeka. Kanaa mannaa, gammachuun keenya qajeelfamasaa argachuuf carraaquu fi isaaf ajajamuu keenyarratti hundaaʼa. (Er. 10:23) Murtoowwan garaagaraa yommuu goonu qajeelfamasaa argachuuf kan yaallu yoo taʼe, “Fedhii Yihowaa yoo taʼe, ni jiraanna, kana yookiin sana ni goona” jechaa jirra jechuun ni dandaʼama.—Yaq. 4:15.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Abbaan tokkoo fi ilmisaa boorsaa yeroo balaa qopheeffachaa jiru. Kitaaba Qulqulluu fi wantoota yeroo balaatiif barbaachisan boorsaa keessa ka⁠a⁠ʼachaa jiru. 2. Abbaan, haatii fi ilmi bokkaan yeroo roobu dunkaana keessa ta⁠a⁠ʼanii jiru. Yeroo balaan isaan mudate kanatti wantoota qopheeffatan fayyadamaa jiru.

Qajeelfama Yihowaa argachuuf carraaquun keenyaa fi isaaf ajajamuun keenya eegumsa amansiisaa nuuf argamsiisa (Keeyyata 14-15 ilaali)b


15. Waaʼee gara fuulduraa maal beekna?

15 Wanta boru taʼu beekuu baannus Yihowaan samiirratti ykn lafarratti jireenya barabaraa nuu kennuuf waadaa akka nuu gale beekna. Inni akka hin sobnee fi waadaa gale akka hin raawwanne wanti tokkollee isa dhowwuu akka hin dandeenye beekna. (Tit. 1:2) ‘Wanta gara fuulduraatti taʼu, akkasumas wantoota hamma yoonaatti hin raawwatamne bara dheeraa dura dubbachuu’ kan dandaʼu isa qofadha. Wantoonni inni kanaan dura dubbate raawwatamaniiru; wantoonni inni gara fuulduraa ilaalchisee dubbates ni raawwatamu. (Isa. 46:10) Wanti kamiyyuu Yihowaan akka nu hin jaallanne dhowwuu akka hin dandeenye mirkanaaʼoodha. (Rom. 8:35-39) Inni ogummaa, jajjabinaa fi humna wanta nu mudatu kamiyyuu dandamachuuf nu barbaachisu nuuf kenna. Yihowaan akka nu gargaaruu fi akka nu eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Er. 17:7, 8.

YIHOWAAN HAMMAM AKKA NU BEEKU GUUTUMMAATTI HUBACHUU HIN DANDEENYU

16. Akka Faarfannaa 139:1-6​rratti ibsametti wanti Yihowaan beekuu fi nuti guutummaatti hubachuu hin dandeenye maalidha?

16 Faarfannaa 139:1-6 dubbisi. Uumaan keenya waaʼee keenya wanta hundumaa beeka, wanta tokko kan yaannee fi miirri taʼe tokko kan nutti dhagaʼame maaliif akka taʼe beeka. Wantoota dubbannuu fi wantoota yaannu beeka. Wanta raawwannu hundaa fi sababa itti raawwannus beeka. Daawit mootichi Yihowaan yeroo hundumaa nu gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼee fi nu gargaaruu akka dandaʼu ibseera. Gooftaa Olaanaan uumama cufaa samii fi lafa uume xiyyeeffannaa akkasii nuu kennuunsaa baayʼee nama dinqisiisa! Daawit, “Beekumsi akkasii hubannaa kootii oli dha. Baayʼee fagoo waan taʼeef, bira gaʼuu hin dandaʼu” jedheera; nutis akkasuma nutti dhagaʼama.—Far. 139:6.

17. Yihowaan sirriitti akka nu beeku amannee fudhachuun kan nutti ulfaatu maaliif taʼuu dandaʼa?

17 Maatii keessatti guddanneen, aadaa keenyaan ykn amantaa kanaan dura keessa turreen kan kaʼe Yihowaa akka Abbaa jaalala qabeessa xiyyeeffannaa nuuf kennuutti ilaaluun nutti ulfaata taʼa. Yookiin dogoggorri kanaan dura raawwanne baayʼee cimaa waan taʼeef Yihowaan waaʼee keenya beekuu akka hin barbaannee fi nurraa fagoo akka taʼe nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Daawitittillee yeroon itti miirri akkasii dhagaʼame jira. (Far. 38:18, 21) Yookiin namni akkaataa jireenya isaarratti jijjiirama godhee ulaagaa qajeelinaa Waaqayyootiin jiraachuuf garaadhaa carraaqqii gochaa jiru tokko, ‘Waaqayyo na beeka erga taʼee wanta dhiisuuf baayʼee natti ulfaatu tokko akkan dhiisu kan narraa eegu maaliifi?’ jedhee gaafata taʼa.

18. Yihowaan hamma nuti of beeknu caalaa akka nu beeku amannee fudhachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)

18 Yihowaan hamma nuti of beeknu caalaa akka nu beekuu fi wantoota gaggaarii nuti akka qabnu nutti hin mulʼanne akka nu keessatti argu barachuu ni dandeenya. Dhugaadha hirʼina qabnu ni arga; haa taʼu malee, miirri taʼe tokko kan nutti dhagaʼamee fi wanta tokko kan raawwanne maaliif akka taʼe ni hubata, nu jaallatas. (Rom. 7:15) Yihowaan yeroo hunda nama akkamii taʼuu akka dandeenyu beeka, kana hubachuun keenyammoo jabina amanamummaadhaan isa tajaajiluu keenya itti fufuuf nu barbaachisu nuuf argamsiisa, akkasumas gammachuu nuuf argamsiisa.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Obboleessi abdii kutate tokko guyyaa dukkana⁠a⁠ʼaa bokkaan roobaa jiru tokkotti karaa foddaa ilaalaa jira. 2. Obboleessi kun jannata keessatti naannoo bareedaa t⁠a⁠ʼe ilaalaa michootasaa wajjin deemaa jira.

Yihowaan addunyaa haaraa keessatti jireenyi gammachiisaan akka nu eeggatu amanannaa qabnu nuuf cimsuudhaan rakkina yeroo ammaatti nu mudatu akka dandamannu nu gargaara (Keeyyata 18-19 ilaali)c


19. Wanti waaʼee Yihowaa sirriitti beeknu maalidha?

19 Yihowaan jaalala akka taʼe beekna. Kana ilaalchisee shakkiin tokkollee nutti hin dhagaʼamu. (1 Yoh. 4:8) Ulaagaan qajeelinaasaa jaalala inni nuuf qabu kan calaqqisiisu akka taʼee fi jireenya gaarii taʼe akka jiraannu akka barbaadu beekna. Yihowaan jireenya barabaraa akka argannu akka barbaadus beekna. Kun akka dhugoomu gochuufis furicha qopheesseera. Furichi inni nuuf qopheesse mudaa kan qabnu taanus milkaaʼina argachuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. (Rom. 7:24, 25) ‘Waaqayyo garaa keenya irra akka caaluu fi wanta hundumaa akka beeku’ beekna. (1 Yoh. 3:19, 20) Yihowaan waaʼee keenya waan hundumaa ni arga; fedhiisaa raawwachuurrattis milkaaʼina akka argannu amanannaa nurratti qaba.

20. Dhiphina hin barbaachisne hambisuuf maaltu nu gargaara?

20 Yihowaan odeeffannoo beekuun nu barbaachisu nu hin dhoksine. Dhugaa kana gad of qabuudhaan amannee yeroo fudhannu wantoota toʼachuu hin dandeenye ilaalchisee utuu hin barbaachisin dhiphachuurraa ni fagaanna; akkasumas wantoota caalaatti barbaachisoo taʼanirratti xiyyeeffanna. Yeroo akkas goonu Yihowaa isa “beekumsa mudaa hin qabne [qabutti]” guutummaatti akka amanamnu argisiisna. (Iyo. 36:4) Yeroo ammaatti hubannaan wantoota tokko tokko ilaalchisee qabnu kan daanggeeffame taʼus, yeroo itti Waaqa keenya isa guddaarraa wantoota haaraa fi waaʼeesaa barabaraaf itti barannu hawwiidhaan eegganna.—Lal. 3:11.

WANTOOTA ARMAAN GADII AKKA HIN BEEKNE AMANNEE FUDHACHUUN KEENYA KAN NU FAYYADU AKKAMITTI?

  • Yeroo itti dhumni dhufu

  • Wanta boru uumamu

  • Yihowaan hammam akka nu beeku

FAARFANNAA 104 Waaqayyo Hafuura Qulqulluu Nuu Kenna

a Waraana addunyaa Seexanaa isa hamaa balleessuuf geggeeffamu kan hogganu Yesuus waan taʼeef inni yeroo ammaatti Armaagedoon yoom akka jalqabuu fi ‘injifannoo isaa yoom akka xumuru’ beeka jedhanii yaaduun sirriidha.—Mul. 6:2, 19:11-16.

b IBSA FAKKII: Abbaa fi ilmi maatiisaanii yeroo balaatiif qopheessuuf borsaa yeroo balaatti qabatanii deeman qopheeffachaa jiru.

c IBSA FAKKII: Obboleessi rakkina keessa jiru tokko yeroo gammachiisaa addunyaa haaraa keessatti isa eeggaturratti yaadaa jira.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi