LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Adoolessa ful. 8-13
  • Gorsa Kennuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gorsa Kennuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YEROO GORSA GAAFATAMNU
  • UTUU HIN GAAFATAMIN GORSA KENNUU
  • YEROO SIRRIITTII FI KARAA SIRRII TAʼEEN GORSA KENNUU
  • GORSA KENNUU FI FUDHACHUU KEESSAN ITTI FUFAA
  • Gorsa Gaafachuu kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • ‘Jaarsolii Gumii Waammadhu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Gorsi Kennitu ‘Garaa Namaa kan Gammachiisu’ Dhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • “Dubbii Ogeeyyii Dhaggeeffadhu”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Adoolessa ful. 8-13

MATA DUREE QOʼANNAA 29

FAARFANNAA 87 Kottaa Haaromaa

Gorsa Kennuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

“Ija koo si irra kaaʼee sin gorsa.”—FAR. 32:8.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti gorsa buʼa qabeessa taʼe kennuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ilaalla.

1. Gorsa kennuun kan isaan barbaachisu eenyufaʼi? Ibsi.

GORSA kennuu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Namoonni tokko tokko gorsa kennuun isaan gammachiisa. Warri kaanimmoo gorsa kennuurraa duubatti jedhu; yeroo gorsa kennanis bilisummaan isaanitti hin dhagaʼamu. Kanas taʼe sana, hundi keenya darbee darbee gorsa kennuun nu barbaachisa. Maaliif? Sababiin isaas, Yesuus duuka buutonnisaa warri dhugaan jaalala waliif qabaniin adda baafamanii akka beekaman dubbateera. (Yoh. 13:35) Karaan jaalala keenya itti argisiisnu inni tokkommoo obbolootaa fi obboleettota keenyaaf yeroo isaan barbaachisutti gorsa kennuudha. Kana malees, Kitaabni Qulqulluun garaadhaa gorsa yeroo kenninu michummaan keenya akka cimu dubbata.—Fak. 27:9.

2. Jaarsoliin maal gochuu qabu? Maaliif? (Saanduqa, “Gorsa Walgaʼii Torban Gidduurratti Kennamu” jedhus ilaali.)

2 Keessumaa jaarsoliin gorsa gaarii akkamitti kennuun akka dandaʼamu beekuu qabu. Yihowaan gumicha akka tiksaniif Yesuusitti fayyadamee dhiirota kana muudeera. (1 Phe. 5:2, 3) Karaawwan kana gochuu itti dandaʼan keessaa tokko gumiirratti haasaa yeroo dhiheessan gorsa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe kennuudha. Kana malees, warra gumiirraa fagaataniif dabalatee tokkoon tokkoon hoolota Yihowaatiif gorsa kennuu qabu. Jaarsoliin, akkasumas hundi keenya gorsa gaarii kennuu kan dandeenyu akkamitti?

Dura taaʼaan walgaʼii torban gidduu birooshura “Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi” jedhutti fayyadamee barataa tokko galateeffachaa fi gorsa kennaafii jira.

Gorsa Walgaʼii Torban Gidduurratti Kennamu

Dura taaʼaan walgaʼii torban gidduu warra kutaa dhiheessaniif yaadawwan isaan fayyadan kenna. Dura taaʼaan barataan tokko yeroo kutaasaa dhiheessu qabxii qoʼannaa sana hammam akka itti hojjete hordofa.

Barataan sun kuticha erga dhiheessee booda dura taaʼaan garaadhaa isa galateeffata. Barbaachisaa yoo taʼemmoo qabxii qoʼannaa sana hojiirra oolchuurratti wanta fooyyessuu qabu gaarummaadhaan isatti hima. Gorsi akkasii barataa sana qofa utuu hin taʼin guutummaa gumichaa fayyada.—Fak. 27:17.

3. (a) Gorsa gaarii kennuu barachuu kan dandeenyu akkamitti? (Isaayyaas 9:6; saanduqa, “Gorsa Yeroo Kennitu Fakkeenya Yesuus Hordofi” jedhus ilaali.) (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Fakkeenya namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii qoʼachuudhaan gorsa gaarii kennuu ilaalchisee wanta baayʼee barachuu dandeenya. Yesuus yeroo hunda gorsa gaarii kenna ture. Maqaawwan ulfinaa isaaf kennaman keessaa tokko “Gorsaa Dinqii” kan jedhudha. (Isaayyaas 9:6 dubbisi.) Mata duree kana keessatti warri kaan yeroo gorsa nu gaafatanii fi utuu hin gaafatamin gorsa kennuun yeroo nu barbaachisutti maal gochuu akka dandeenyu ilaalla. Yeroo sirrii taʼetti karaa sirrii taʼeen gorsa kennuun hammam barbaachisaa akka taʼes ni ilaalla.

Gorsa Yeroo Kennitu Fakkeenya Yesuus Hordofi

Mee wantoota Yesuus “Gorsaa Dinqii” akka taʼu isa taasisan tokko tokkoo fi fakkeenyasaa hordofuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

  • Yesuus wanta dubbachuu qabu beeka. Gorsi inni kennu ogummaa isaarratti utuu hin taʼin, ogummaa Yihowaarratti kan hundaaʼe waan taʼeef yeroo hunda wanta sirrii dubbachuu qabu beeka. Barattootasaatiin, “Ani wantootan isinitti dubbadhe ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne” jedheera.—Yoh. 14:10.

    Barumsa argannu: Muuxannoo fi ogummaa hedduu kan horanne yoo taanellee gorsi kenninu yaada keenyarratti utuu hin taʼin Dubbii Waaqayyoorratti kan hundaaʼe akka taʼu gochuu qabna.

  • Yesuus yoom gorsa kennuu akka qabu beeka. Wanta beekuun isaan barbaachisu hunda takkaatti barattootasaatti hin himne. Kanaa mannaa, barattootasaa gorsuuf yeroo sirriin hamma gaʼutti eegeera; akkasumas hamma isaan baachuu dandaʼan qofa isaanitti himeera.—Yoh. 16:12.

    Barumsa argannu: Nama tokkoof gorsa kennuu keenya dura dubbachuuf yeroo sirriin hamma gaʼutti obsuu qabna. (Lal. 3:7) Nama sanatti odeeffannoo kan baayʼisnu yoo taʼe burjaajaʼuu fi abdii kutachuu dandaʼa. Kanaafuu, rakkina isa mudate dandamachuuf hamma beekuun isa barbaachisu qofa isatti himuun keenya gaariidha.

  • Yesuus kabajaan akkamitti gorsa kennuun akka dandaʼamu beeka. Yesuus ergamootasaatiif gad of qabuu ilaalchisee irra deddeebiʼee gorsa kenneera. Taʼus yeroo kana hundumaatti gorsa kan kenne garraamummaa fi kabajaan ture.—Mat. 18:1-5.

    Barumsa argannu: Nama tokkoof gorsa wal fakkaatu irra deddeebinee kennuun yoo nu barbaachise garraamummaa fi kabajaan kan dubbannu yoo taʼe caalaatti buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya.

YEROO GORSA GAAFATAMNU

4-5. Namni tokko yeroo gorsa nu gaafatu jalqaba maal jennee of gaafachuu qabna? Fakkeenya kenni.

4 Namni tokko yeroo gorsa nu gaafatu jalqabarratti maal gochuu qabna? Tarii baayʼee gammannee yeruma sana gorsa kennuu barbaanna taʼa. Haa taʼu malee, jalqabarratti, ‘Dhimma kanarratti gorsa kennuuf gaʼumsa qabaa?’ jennee of gaafachuu qabna. Yeroo tokko tokko karaa gaariin nama gorsa nu gaafate sana gargaaruu itti dandeenyu gorsa isaaf kennuu utuu hin taʼin, nama dhimma sanarratti gorsa kennuuf gaʼumsa qabu akka gorsa gaafatu isatti himuudha.

5 Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Michuun kee tokko dhibee cimaadhaan qabame haa jennu. Yaalii fayyaa gaarii argachuuf qorannoo gochuu akka jalqabe sitti hime; achiis yaaliin fayyaa caalaatti gaarii taʼe isa kam akka taʼe si gaafate. Yaaliin fayyaa ati filattu jiraatus dhibee sana ilaalchisee garuu gorsa kennuuf gaʼumsa ykn leenjii hin qabdu. Haala akkasii keessatti karaa gaariin michuu kee gargaaruu itti dandeessu nama isa yaaluuf gaʼumsa qabu akka argatu isa gargaaruudha.

6. Gorsa kennuu keenya dura maal gochuun keenya gaariidha?

6 Dhimma tokko ilaalchisee gorsa kennuuf gaʼumsa akka qabnu yoo nutti dhagaʼamellee nama gorsa nu gaafate sanaaf deebii kennuu keenya dura takka turuuf filachuu dandeenya. Maaliif? Fakkeenyi 15:28, “Garaan nama qajeelaa deebii kennuu isaa dura ni xiinxala” jedha. Deebiisaa akka beeknu yoo nutti dhagaʼame hoo? Yeroo akkasiittis taanaan qorannoo gochuuf, kadhachuu fi xiinxaluuf yeroo muraasa ramaduu dandeenya. Akkas yoo goone deebiin keenya ilaalcha Yihowaan dhimma sanaaf qabu wajjin kan wal simu taʼa. Mee fakkeenya Naataan raajichaa haa ilaallu.

7. Fakkeenya Naataan raajichaarraa maal baratte?

7 Daawit Mootichi Yihowaadhaaf mana qulqullummaa ijaaruu akka barbaadu Naataan raajichatti himee ture. Naataanis yeruma sana akka ijaaru isa gorse. Haa taʼu malee, Naataan jalqaba yeroo fudhatee Yihowaa gaafachuu qaba ture. Maaliif? Sababiinsaas, Yihowaan Daawit mana qulqullummaa akka ijaaru hin barbaadu ture. (1 Sen. 17:1-4) Seenaan kun gorsa yeroo gaafatamnutti ‘dubbachuuf suuta jechuun’ keenya gaarii akka taʼe argisiisa.—Yaq. 1:19.

8. Sababiin yeroo gorsa kenninu of eeggannoo gochuun itti nu barbaachisu kan biraan maalidha?

8 Mee sababii yeroo nama tokkoof gorsa kenninutti of eeggannoo gochuun itti nu barbaachisu kan biraa haa ilaallu: Namni tokko gorsa nuti kennineen murtoo isa miidhu yoo godhe nutis hamma tokko itti gaafatamna. Dhugumayyuu, gorsa kennuu keenya dura of eeggannoodhaan irratti yaaduun keenya baayʼee barbaachisaadha.

UTUU HIN GAAFATAMIN GORSA KENNUU

9. Jaarsoliin gorsa kennuusaanii dura maal mirkaneeffachuu qabu? (Galaatiyaa 6:1)

9 Darbee darbee jaarsoliin obboloota “tarkaanfii dogoggoraa” fudhataniif dursa fudhatanii gorsa kennuu qabu. (Galaatiyaa 6:1 dubbisi.) Namni tokko filannaa dogoggoraa yeroo booda cubbuu cimaa hojjechuutti isa geessu gochaa jira taʼa. Kaayyoon jaarsolii namni sun daandii gara jireenya barabaraatti geessurra deemuusaa akka itti fufu gargaaruudha. (Yaq. 5:19, 20) Haa taʼu malee, gorsisaanii buʼa qabeessa akka taʼuuf jalqaba namni sun dhuguma tarkaanfii dogoggoraa fudhachuusaa mirkaneeffachuu qabu. Yihowaan hundi keenya qalbii keenyatti fayyadamnee murtoo akka goonu nuuf heyyameera. (Rom. 14:1-4) Maarree, obboleessi tokko tarkaanfii dogoggoraa fudhateera taanaan jaarsoliin dursa fudhatanii gorsa gaarii isaaf kennuu kan dandaʼan akkamitti?

10-12. Jaarsoliin utuu hin gaafatamin yeroo gorsa kennanitti maal gochuu qabu? Fakkeenya kenni. (Fakkiiwwanis ilaali.)

10 Jaarsoliin utuu hin gaafatamin gorsa kennuun yeroo isaan barbaachisutti haalli rakkisaan isaan mudachuu dandaʼa. Akkas kan jennu maaliifi? Phaawulos ergamaan namni tokko utuu hin beekin tarkaanfii dogoggoraa fudhachuu akka dandaʼu dubbateera. Kanaafuu, jaarsoliin namni sun gorsasaanii akka fudhatuuf jalqaba garaasaa qopheessuu qabu.

11 Utuu hin gaafatamin gorsa kennuun biyyoo jabaataarratti sanyii facaasuu wajjin wal fakkaata. Qonnaan bulaan tokko sanyii facaasuusaa dura irra deddeebiʼee qotuu qaba. Kunis biyyoon sun akka laafuu fi sanyicha biqilchuuf akka mijatu godha. Achiis sanyii sana ni facaasa. Boodas sanyichi akka guddatuuf bishaan obaasa. Haaluma wal fakkaatuun, jaarsi tokkos utuu hin gaafatamin gorsa kennuusaa dura garaa nama sanaa qopheessuunsaa gaariidha. Fakkeenyaaf, yeroo mijataa taʼe barbaadee jalqaba baayʼee akka isaaf yaadu isaaf mirkaneessuu dandaʼa. Namni gorsa kennu tokko jaalalaa fi gaarummaa argisiisuudhaan kan beekamu yoo taʼe warri kaan gorsasaa fudhachuun isaaniif salphata.

12 Jaarsi sun namni hundi dogoggora akka raawwatuu fi darbee darbee gorsi akka isa barbaachisu itti himuudhaan garaa nama sanaa qopheessuusaa itti fufuu dandaʼa. (Rom. 3:23) Sagalee tasgabbii qabuu fi kabaja guddaadhaan Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee tarkaanfii dogoggoraa kan fudhate akkamitti akka taʼe isaaf ibsa. Obboleessi sun dogoggora akka raawwate erga hubatee booda jaarsi sun dogoggorasaa sirreessuuf maal gochuun akka isa barbaachisu isaaf ibsuudhaan akka fakkeenyaatti sanyicha facaasa. Dhumarrattis jaarsi sun obboleessa sana garaadhaa galateeffachuu fi isa wajjin kadhachuudhaan sanyicha bishaan obaasa.—Yaq. 5:15.

Fakkiiwwan jaarsa obboleessa tokkoof gorsa kennaa jiruu fi qonnaan bulaa biyyoo jabaataarratti sanyii facaasaa jiru wal bira qabanii argisiisan. 1. Biyyoosaa qopheessi: Qonnaan bulaan sun qotaa jira; jaarsi sun obboleessa sana jaalalaan haasofsiisaa jira. 2. Facaasi: Qonnaan bulaan sun lafa qote sanarra sanyii facaasaa jira; jaarsi sun Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee obboleessa sana haasofsiisaa jira. 3. Bishaan obaasi: Qonnaan bulaan sun sanyicha bishaan obaasaa jira; jaarsi sun obboleessa sana wajjin kadhachaa jira.

Jaarsoliin utuu hin gaafatamin yeroo gorsa kennan jaalala argisiisuu fi namni sun gorsa sana fudhachuun akka isaaf salphatu gochuu qabu (Keeyyata 10-12 ilaali)


13. Jaarsoliin namni tokko gorsa isaan kennaniif akka hubate mirkaneeffachuu kan dandaʼan akkamitti?

13 Yeroo tokko tokko namni gorsi kennamuuf gorsa isaaf kenname sirriitti hubachuu dhiisuu dandaʼa. Jaarsoliin haalli akkasii akka hin uumamneef maal gochuu dandaʼu? Karaa kabaja qabuu fi malaan gaaffilee namni sun qabxii sana akka hubatu isa gargaaran gaafachuu dandaʼu. (Lal. 12:11) Deebiin inni kennu jaarsoliin namni sun gorsa isaaf kenname hubachuu fi dhiisuusaa adda baafachuuf isaan gargaara.

YEROO SIRRIITTII FI KARAA SIRRII TAʼEEN GORSA KENNUU

14. Yeroo aarree jirrutti gorsa kennuu qabnaa? Ibsi.

14 Hundi keenya mudaa waan qabnuuf wanta warra kaan aarsu raawwachuu ykn dubbachuu dandeenya. (Qol. 3:13) Dubbiin Waaqayyoo yeroo tokko tokko wanta warra kaan dheekkamsiisu gochuu akka dandeenyullee ni dubbata. (Efe. 4:26) Haa taʼu malee, yeroo aarree jirrutti gorsa kennuu hin qabnu. Maaliif? “Sababiin isaas, dheekkamsi namaa qajeelummaan Waaqayyoo akka raawwatamu hin godhu.” (Yaq. 1:20) Yeroo aarree jirrutti gorsa yoo kennine haalichi caalaatti akka hammaatu gochuu dandeenya. Kana jechuun garuu yaadaa fi miira keenya nama nu aarse sanaaf matumaa ibsuu hin qabnu jechuu miti. Hamma tasgabboofnutti yoo eegne garuu nama sana wajjin caalaatti walii galuu dandeenya. Mee fakkeenya Eliihuu isa Iyyoobiif gorsa gaarii kennerraa maal akka barannu haa ilaallu.

15. Fakkeenya Eliihuurraa maal baranna? (Fakkichas ilaali.)

15 Eliihuun guyyoota hedduudhaaf yeroo Iyyoob himata sobaa michoonnisaa isarratti dhiheessaniif deebii kennu dhaggeeffachaa ture. Eliihuun Iyyoobiif gaddee ture. Haa taʼu malee, Iyyoob Yihowaa ilaalchisee wanta dogoggoraa waan dubbateef, akkasumas garmalee waan ofirratti xiyyeeffateef Eliihuun baayʼee isatti aaree ture. Taʼus, Eliihuun hamma dabareensaa gaʼutti eegeera; achiis garraamummaa fi kabaja guddaadhaan Iyyoobiif gorsa kenneera. (Iyo. 32:2; 33:1-7) Fakkeenyi Eliihuu dhugaa baayʼee barbaachisaa tokko nu barsiisa: Gorsi yeroo sirrii taʼetti karaa sirrii taʼeen, jechuunis kabajaa fi jaalalaan kennamu buʼaa gaarii argamsiisa.—Lal. 3:1, 7.

Eliihuun Iyyoob inni madaadhaan uwwifamee jiru yeroo dubbatu gara laafinaan isa dhaggeeffachaa jira.

Eliihuun jalqabarratti kan aare taʼus garraamummaa fi kabaja guddaadhaan gorsa kenneera (Keeyyata 15 ilaali)


GORSA KENNUU FI FUDHACHUU KEESSAN ITTI FUFAA

16. Faarfannaa 32:8 irraa maal baratte?

16 Caqasni ijoon mata duree kanaa Yihowaan ‘ijasaa nurra kaaʼee akka nu gorsu’ dubbata. (Faarfannaa 32:8 dubbisi.) Kunis itti fufiinsaan deeggarsa akka nuuf godhu argisiisa. Yihowaan gorsa nuuf kennuu qofa utuu hin taʼin hojiirra akka oolchinus nu gargaara. Kun nuuf fakkeenya gaariidha. Warra kaaniif gorsa kennuuf yoo mirga arganne isaan jajjabeessuu fi murtoo gaarii akka godhan isaan gargaaruudhaan fakkeenya Yihowaa haa hordofnu.

17. Jaarsoliin dhimma tokkorratti gorsa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe yeroo kennanitti maal taʼuusaanii mirkaneessu? Ibsi. (Isaayyaas 32:1, 2)

17 Yeroo ammaatti yeroo kamiyyuu caalaa gorsa kennuunii fi fudhachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (2 Xim. 3:1) Jaarsoliin gorsa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe kennan “biyya bishaan hin qabne keessatti akkuma yaaʼaawwan bishaanii” akka taʼan argisiisu. (Isaayyaas 32:1, 2 dubbisi.) Michoonni keenya wanta dhagaʼuu barbaannu utuu hin taʼin wanta dhagaʼuun nu barbaachisu nutti himan kennaa gatii guddaa qabu nuuf kennu; kennaan kun akkuma “poomii warqii miʼa meetii irraa tolfame keessa jiruu ti.” (Fak. 25:11) Hundi keenya ogummaa gorsa kennuu fi fudhachuuf nu barbaachisu horachuu keenya itti haa fufnu.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Namni tokko yeroo gorsa nu gaafatu maal yaadachuu qabna?

  • Utuu hin gaafatamin gorsa yeroo kenninu maal yaadachuu qabna?

  • Yeroo aarrutti maal yaadachuu qabna?

FAARFANNAA 109 Garaadhaa Jaalladhaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi