MATA DUREE QOʼANNAA 36
FAARFANNAA 103 Tiksitoota—Dhiirota Kennaa Taʼan
‘Jaarsolii Gumii Waammadhu’
“Isin gidduudhaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii gumii ofitti haa waammatu.”—YAQ. 5:14.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti yeroo gargaarsi nu barbaachisutti jaarsolii gumii gargaarsa gaafachuu kan qabnu maaliif akka taʼe ilaalla.
1. Yihowaan hoolota isaatiif iddoo guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti?
YIHOWAAN hoolota isaatiif iddoo guddaa kenna. Dhiiga Ilmasaatiin isaan biteera, akkasumas akka isaan kunuunsaniif jaarsolii gumiitiif itti gaafatamummaa kenneera. (HoE. 20:28) Waaqayyo hoolonnisaa of eeggannoodhaan akka qabaman barbaada. Jaarsoliin qajeelfama Yesuus hordofuudhaan hoolota Yihowaa ni jajjabeessu, akkasumas balaa hafuuraarraa isaan eegu.—Isa. 32:1, 2.
2. Yihowaan eenyufaʼiif xiyyeeffannaa addaa kenna? (Hisqiʼel 34:15, 16)
2 Yihowaan hoolotasaa hundaaf baayʼee yaada, warra rakkina keessa jiraniif garuu xiyyeeffannaa addaa kenna. Jaarsoliitti fayyadamee warra karaa hafuuraa rakkina keessa jiran ni gargaara. (Hisqiʼel 34:15, 16 dubbisi.) Haa taʼu malee, yeroo gargaarsi nu barbaachisutti gargaarsa akka gaafannu barbaada. Yeroo akkasiitti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu malees, “tiksitootaa fi barsiisota” gumii gargaarsa gaafachuu qabna.—Efe. 4:11, 12.
3. Gaʼee jaarsoliin qaban qoruun keenya hunda keenya kan fayyadu akkamitti?
3 Mata duree kana keessatti Yihowaan jaarsoliitti fayyadamee karaa hafuuraa kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla. Gaaffiiwwan kanaaf deebii arganna: Jaarsolii gargaarsa gaafachuu kan qabnu yoomi? Akkas gochuu kan qabnu maaliifi? Isaanoo kan nu gargaaran akkamitti? Yeroo ammaatti rakkinni nurra gaʼaa kan hin jirre yoo taʼellee, deebiin gaaffiiwwan kanaa dinqisiifannaa qophii Waaqayyootiif qabnu nuuf guddisa; tariimmoo gaaf tokko lubbuu keenya nuuf oolchuu dandaʼa.
‘JAARSOLII WAAMMACHUU’ KAN QABNU YOOMI?
4. Yaaqoob 5:14-16, 19, 20 waaʼee dhukkuba hafuuraa dubbata kan jennu maaliifi? (Fakkiiwwanis ilaali.)
4 Yaaqoob baratichi qophii Waaqayyo gargaarsa hafuuraa akka argannuuf godhe ibseera. Akkas jedhee barreesseera: “Isin gidduudhaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii gumii ofitti haa waammatu.” (Yaaqoob 5:14-16, 19, 20 dubbisi.) Yaanni naannoo caqasa kanaa jiru Yaaqoob waaʼee dhukkuba hafuuraa dubbachaa akka jiru argisiisa. Fakkeenyaaf, namni dhukkubsate sun doktara utuu hin taʼin, jaarsolii haa waammatu jedhameera. Kana malees, Yaaqoob namni sun yeroo cubbuu isaatiif dhiifama argatu akka fayyu waan ibseef, dhukkuba hafuuraa argisiisa. Karaa tokko tokkoon wantoonni nama karaa hafuuraa dhukkubsate walʼaanuuf godhamanii fi wantoonni nama karaa qaamaa dhukkubsate walʼaanuuf godhaman wal fakkaatu. Yeroo dhukkubsannu doktara bira dhaqna, mallattoo dhukkuba keenyaa itti himna, achiis qajeelfama inni nuuf kennu hordofna. Haaluma walfakkaatuun, karaa hafuuraa yeroo dhukkubsannu jaarsolii bira dhaquu, haala keessa jiru isaaniif ibsuu fi gorsa Kitaaba Qulqulluu isaan nuuf kennan fudhachuu qabna.
Yommuu dhukkubsannu doktara bira dhaqna; karaa hafuuraa yommuu dhukkubsannus jaarsolii bira dhaquu qabna (Keeyyata 4 ilaali)
5. Karaa hafuuraa dhukkubaaf akka saaxilamne akkamitti beekna?
5 Yaaqoob boqonnaa 5 irratti karaa hafuuraa rakkinni akka nu mudate yommuu nutti dhagaʼamu jaarsolii akka haasofsiisnu jajjabeeffamneerra. Haa taʼu malee, rakkinni cimaan hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnu balaarra buusu nu mudachuusaa dura gargaarsa gaafachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Of gowwoomsuu hin qabnu. Kitaabni Qulqulluun fayyummaa hafuuraa keenya ilaalchisee of gowwoomsuu akka dandeenyu nu akeekkachiisa. (Yaq. 1:22) Kiristiyaanonni Sardees keessa turan tokko tokko dogoggora akkasii raawwataniiru; Yesuusis karaa hafuuraa haala isaan keessa jiran ilaalchisee akeekkachiisa isaaniif kenneera. (Mul. 3:1, 2) Karaan fayyummaa hafuuraa keenya itti gamaaggamuu dandeenyu tokko hinaaffaa yeroo ammaatti waaqeffannaa keenyaaf qabnu isa dur qabnuu wajjin wal bira qabuudha. (Mul. 2:4, 5) Akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluun akkuma durii na gammachiisaa? Walgaʼiiwwaniif kanan qophaaʼuu fi kanan irratti argamu barsiifatuma waan natti taʼeefii? Hinaaffaan ani tajaajilaaf qabu qabbanaaʼeeraa? Bashannanuu fi qabeenya argachuun yeroo koo gara caalaa na jalaa fudhachaa jiraa? Yaada koo hoo toʼachaa jiraa?’ Gaaffiiwwan kana keessaa isa tokkoofillee deebii eeyyee jedhu yoo kennite, kun dadhabina yoo furmaata argachuu baate caalaatti hammaachaa deemu akka qabdu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Dadhabina keenya ofuma keenyaan furuu yoo dadhabne ykn ulaagaa Waaqayyoo cabsuutti nu geesseera yoo taʼe jaarsolii gargaarsa gaafachuu qabna.
6. Namoonni cubbuu cimaa raawwatan maal gochuu qabu?
6 Dhugaadha, namoonni cubbuu cimaa gumiidhaa isaan baasisuu dandaʼu raawwatan jaarsoliitti himuu qabu. (1 Qor. 5:11-13) Namoonni cubbuu cimaa raawwatan hariiroo Yihowaa wajjin qaban deebisanii haareffachuuf gargaarsi isaan barbaachisa. Yihowaan furicharratti hundaaʼee dhiifama akka nuuf godhuuf “hojiiwwan yaada geddarachuu [keenya] argisiisan” hojjechuu qabna. (HoE. 26:20) Hojiiwwan kana keessaa tokko yommuu cubbuu cimaa raawwannu jaarsoliitti himuudha.
7. Namoonni jaarsolii gargaarsa gaafachuu qaban kan biroonoo eenyufaʼi?
7 Jaarsoliin kan gargaaran namoota cubbuu cimaa raawwatan qofa miti; warra karaa hafuuraa dadhabanis ni gargaaru. (HoE. 20:35) Tarii walʼaansoo fedhii dogoggoraa wajjin gooturratti siif milkaaʼaa akka hin jirre sitti dhagaʼama taʼa. Keessumaa dhugaa dhagaʼuu kee dura qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachaa, poornoogiraafii ilaalaa ykn halalummaa raawwachaa kan turte yoo taʼe walʼaansoon gootu sitti ulfaachuu dandaʼa. Rakkina kee kanaa wajjin kophaa kee qabsaaʼuun si hin barbaachisu. Jaarsa gumii yaaddoo kee yeroo itti himtu dhaggeeffatu, gorsa gaarii siif kennu, akkasumas fedhii dogoggoraa dandamachuudhaan Yihowaa gammachiisuu akka dandeessu siif mirkaneessutti himuuf filachuu dandeessa. (Lal. 4:12) Qabsoon gootu yoo abdii si kutachiise jaarsoliin si gargaaru; akkas sitti dhagaʼamuunsaa hariiroo Yihowaa wajjin qabduuf iddoo guddaa akka kennituu fi garmalee akka ati ofitti hin amanamne akka argisiisu si yaadachiisuu dandaʼu.—1 Qor. 10:12.
8. Jaarsoliitti himuun kan nu hin barbaachisne cubbuuwwan kamfaʼidha?
8 Fayyummaa hafuuraa keenya ilaalchisee yaaddoo nutti dhagaʼamu hunda jaarsoliitti himuun nu hin barbaachisu. Fakkeenyaaf, obboleessa ykn obboleettii tokkotti dubbii nama miidhu dubbatte haa jennu, tariimmoo aarii kee utuu hin toʼatin hafte haa jennu. Kana jaarsoliitti himuu mannaa gorsa Yesuus obboleessa ykn obboleettii kee wajjin nagaa uumuu ilaalchisee kenne hojiirra oolchuu dandeessa. (Mat. 5:23, 24) Amaloota kanneen akka garraamummaa, obsaa fi of toʼachuu jiran irratti qorannoo gochuudhaan amaloota kana gara fuulduraatti caalaatti argisiisuu dandeessa. Dhugaadha, carraaqqii kana erga gootee boodayyuu rakkina kee furuu hin dandeenye taanaan jaarsa tokko gargaarsa gaafachuu dandeessa. Phaawulos ergamaan xalayaa warra Filiphisiyusiif barreesserratti obboleessi maqaansaa hin ibsamne tokko Ewodiyaa fi Sinxiikeen garaagarummaa isaanii akka furan akka gargaaru gaafatameera; jaarsi gumii kee keessa jiru tokkos gargaarsa akkasii siif gochuu dandaʼa.—Filp. 4:2, 3.
JAARSOLII WAAMMACHUU KAN QABNU MAALIIFI?
9. Jaarsolii gargaarsa gaafachuuf qaanaʼuu kan hin qabne maaliifi? (Fakkeenya 28:13)
9 Cubbuu cimaa yommuu raawwannu ykn qabsoo dadhabina keenyaa wajjin goonurratti akka nuuf hin milkoofne yeroo nutti dhagaʼamutti gargaarsa gaafachuun amantii fi ija jabina gaafata. Qaaniin jaarsolii waamuurraa duubatti akka nu jechisiisu heyyamuu hin qabnu. Maaliif? Qophii Yihowaan karaa hafuuraa fayya buleeyyii akka taanuu fi amantii cimaa akka qabaannu nu gargaaruuf godhetti fayyadamuudhaan isattii fi qajeelfama inni nuuf kennurratti amantii akka qabnu argisiisna. Kufuuf akka jenne yoo nutti dhagaʼame gargaarsisaa akka nu barbaachisu ni hubanna. (Far. 94:18) Cubbuu yoo hojjennemmoo, cubbuu sana yoo himannee fi yoo dhiisne, araara Yihowaa ni arganna.—Fakkeenya 28:13 dubbisi.
10. Cubbuu hojjenne dhoksuuf yoo yaalle maaltu taʼuu dandaʼa?
10 Gargaarsi yeroo nu barbaachisutti jaarsa tokkotti himuun keenya eebba nuuf argamsiisa; faallaa kanaatiin immoo cubbuu hojjenne dhoksuuf yaaluun keenya haalli keenya akka itti hammaatu gochuu dandaʼa. Daawit Mootichi cubbuu hojjete dhoksuuf yeroo yaaletti karaa hafuuraa, karaa miiraa fi karaa qaamaa miidhamee ture. (Far. 32:3-5) Akkuma dhukkubbii ykn madaa qaamaa, rakkinni hafuuraas sirriitti hin walʼaanamu taanaan caalaatti itti hammaachuu dandaʼa. Yihowaan kana ni hubata, kanaafuu qophii inni karaa hafuuraa akka fayyinu nuuf godhetti fayyadamuudhaan dhimmichaaf ‘furmaata akka kenninu’ nu affeereera.—Isa. 1:5, 6, 18.
11. Cubbuu cimaa hojjenne dhoksuun keenya warra kaanirratti dhiibbaa akkamii gochuu dandaʼa?
11 Cubbuu cimaa hojjenne yoo dhoksine warra kaan miidhuu dandeenya. Guutummaan gumichaa hafuura Waaqayyoo akka hin arganne gochuu fi nagaan obbolootaa fi obboleettota keenyaa akka booraʼu gochuu dandeenya. (Efe. 4:30) Haaluma wal fakkaatuun, namni gumii keessa jiru tokko cubbuu cimaa akka raawwate yoo beekne dhimmicha jaarsoliitti akka himu isa jajjabeessuu qabna.a Cubbuu cimaa namni kan biraan raawwate dhoksuun keenya nuunis nu gaafachiisa. (Lew. 5:1) Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu dhugaa jiru dubbachuuf nu kakaasuu qaba. Akkas gochuun keenya qulqullinni gumichaa akka eegamuu fi namni cubbuu hojjete sun Yihowaa wajjin deebisee hariiroo gaarii akka qabaatu gumaacha godha.
JAARSOLIIN KAN NU GARGAARAN AKKAMITTI?
12. Jaarsoliin namoota karaa hafuuraa dadhaban kan gargaaran akkamitti?
12 Jaarsoliin namoota karaa hafuuraa dadhaban akka gargaaran qajeelfamni isaaniif kennameera. (1 Tas. 5:14) Dogoggora yoo raawwatte gaaffilee yaadaa fi miira kee hubachuuf isaan gargaaru si gaafachuu dandaʼu. (Fak. 20:5) Atis aadaa keetiin, amala keetiin ykn qaanii haala si mudateen kan kaʼe sitti dhagaʼamuun akkas gochuun yoo sitti ulfaatellee yaada kee ifatti dubbachuudhaan isaan gargaaruu dandeessa. Wanta dogoggoraan dubbadhaa laata jettee hin yaaddaʼin. (Iyo. 6:3) Jaarsoliin dafanii xumura tokkorra hin gaʼan. Kanaa mannaa, gorsa siif kennuu isaanii dura sirriitti si dhaggeeffachuu fi odeeffannoo guutuu argachuuf yaalu. (Fak. 18:13) Hoolota tiksuun yeroo akka gaafatu ni hubatu; kanaafuu, gargaarsa si barbaachisu akka argattuuf al tokkoo ol si haasofsiisuun akka isaan barbaachisu ni hubatu.
13. Kadhannaan jaarsolii fi gorsi isaan Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanii nuuf kennan kan nu fayyadu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)
13 Jaarsoliin wanta raawwatteen kan kaʼe miirri balleessaa sitti dhagaʼamu akka itti hammaatu gochuuf hin yaalan. Kanaa mannaa siif kadhatu. ‘Humna’ kadhannaan isaanii qabu arguun kee si ajaaʼibsiisuu dandaʼa. Kana malees, gargaarsi isaan siif godhan ‘maqaa Yihowaatiin zayitii sitti dibuu’ dabalata. (Yaq. 5:14-16) ‘Zayitiin’ kun dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru argisiisa. Jaarsoliin Dubbii Waaqayyootti ogummaadhaan fayyadamuudhaan si tasgabbeessu, si jajjabeessu, akkasumas hariiroo Yihowaa wajjin qabdu akka haareffattu si gargaaru. (Isa. 57:18) Gorsi Kitaaba Qulqulluu isaan siif kennan kutannoo wanta sirrii taʼe raawwachuuf goote siif cimsuu dandaʼa. Yihowaan karaa isaanii, ‘Karichi isa kana. Isa irra deemi’ yommuu siin jedhu dhagaʼuu dandeessa.—Isa. 30:21.
Jaarsoliin Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii namoota dhukkubsatan ni jajjabeessu, akkasumas ni tasgabbeessu (Keeyyata 13-14 ilaali)
14. Akka Galaatiyaan 6:1 jedhutti jaarsoliin nama “tarkaanfii dogoggoraa” fudhate tokko kan gargaaran akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)
14 Galaatiyaa 6:1 dubbisi. Kiristiyaanni “tarkaanfii dogoggoraa” fudhate tokko ulaagaa qajeelinaa Waaqayyoo wajjin walsimee jiraachaa hin jiru. Tarkaanfii dogoggoraa kan jedhame murtoo dogoggoraa ykn cubbuu cimaa seera Waaqayyoo cabsuudhaan raawwatamu argisiisuu dandaʼa. Jaarsoliin jaalalaan kakaʼanii ‘nama akkasii hafuura garraamummaatiin sirreessuuf yaalii godhu.’ Jechi Afaan Giriikii “sirreessuu” jedhamee hiikame miidhaan dhaabbataa taʼe akka hin geenyeef lafee iddoo isaatii gadhiise tokko iddootti deebisuu argisiisuu dandaʼa. Akkuma doktarri tokko lafee cabe utuu namichatti dhukkubbii cimaan hin dhagaʼamin iddootti deebisuuf yaalu, jaarsoliinis nama karaa hafuuraa dhukkubsate tokko utuu rakkina biraa itti hin dabalin walʼaanuu irratti xiyyeeffatu. Kana malees, isaanis akka ‘of eeggatan’ gorfamaniiru. Jaarsoliin daandii keenya akka sirreeffannu yeroo nu gargaaranitti isaanis cubbuu akka dhaalanii fi tarkaanfii dogoggoraa fudhachuu akka dandaʼan ni hubatu. Kanaafuu, nama sana caalaa qajeeloo akka taʼanitti akka hin yaanne baayʼee of eeggatu; kanaa mannaa gad of qabu, akkasumas gara laafina argisiisu.—1 Phe. 3:8.
15. Rakkina keessa jirra taanaan maal gochuu dandeenya?
15 Jaarsolii gumii keenya amanuu ni dandeenya. Iccitii keenya eeguu akka qabanii fi yaada dhuunfaa isaaniirratti utuu hin taʼin, Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanii gorsa nuuf kennuu akka qaban leenjiʼaniiru; akkasumas baʼaa keenya akka baannu nu gargaaruu akka qaban leenjiʼaniiru. (Fak. 11:13; Gal. 6:2) Dhugaadha, amallisaanii fi muuxannoonsaanii garaagara. Haa taʼu malee, rakkina nu mudate tokko jaarsa kamittiyyuu bilisummaadhaan himachuu ni dandeenya. Garuu nama wanta dhagaʼuu barbaannu nutti himu argachuuf jennee jaarsolii garaagaraa gorsa gaafachuu hin qabnu. Akkas yoo goone akkuma namoota “barumsa gaarii” Dubbii Waaqayyoo keessa jiru barachuu mannaa, akka namoota warra “gurra isaanii isaaniif qirqirsan” barbaaddatanii taana. (2 Xim. 4:3) Jaarsa tokko yeroo gorsa gaafannu jaarsichi kanaan dura jaarsolii kan biroo gorsa gaafachuu keenyaa fi gorsa akkamii akka nuuf kennan nu gaafachuu dandaʼa. Kana malees, jaarsa kan biraa gorsa gaafachuudhaan humnasaa akka beeku argisiisuu dandaʼa.—Fak. 13:10.
ITTI GAAFATAMUMMAA DHUUNFAA KEENYAA
16. Hundi keenya itti gaafatamummaa akkamii qabna?
16 Jaarsoliin akka hoolota Waaqayyootti kan nu eegan taʼus, wanta gochuu qabnu nutti hin himan. Hundi keenyayyuu Waaqayyoof kan bulle taanee jiraachuuf itti gaafatamummaa qabna. Dubbii fi gocha keenyaaf Waaqayyoof deebii ni kennina. Gargaarsa isaatiin qorumsa amanamummaa keenya ilaalchisee nu mudatu injifachuu ni dandeenya. (Rom. 14:12) Kanaafuu, jaarsoliin wanta gochuu qabnu nutti himuu mannaa, ilaalcha Waaqayyoo isa Dubbiisaa keessatti argamu akka hubannu nu gargaaru. Murtoo gaarii gochuuf gorsa isaanii isa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe hordofuudhaan “dandeettii hubannaa” keenyaa leenjisuu dandeenya.—Ibr. 5:14.
17. Murtoon keenya maal taʼuu qaba?
17 Hoolota Yihowaa taʼuun keenya mirga guddaadha! Yihowaan, Yesuus inni “tiksee gaarii” taʼe furii akka nuuf kaffalu erguudhaan carraa barabaraaf jiraachuu nuuf baneera. (Yoh. 10:11) Yihowaan jaarsolii gumii keessa jiranitti fayyadamuudhaan waadaa, “Tiksitoota akka fedhii kootti hojjetan isiniif nan kenna; isaanis beekumsaa fi hubannaadhaan isin ni sooru” jechuudhaan gale raawwateera. (Er. 3:15) Karaa hafuuraa yommuu dadhabnu ykn yommuu dhukkubsannu jaarsoliin akka nu gargaaran waammachuurraa duubatti jechuu hin qabnu. Kanaafuu, qophii Yihowaan jaarsolii gumii nuuf kennuudhaan nuuf godherraa guutummaatti fayyadamuuf haa murteessinu.
FAARFANNAA 31 Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼi!
a Namni cubbuu hojjete sun yeroo gaʼaa keessatti utuu hin dubbatin yoo hafe, amanamummaan Yihowaadhaaf qabdu wanta beektu jaarsoliitti akka himtu si kakaasuu qaba.