LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w24 Hagayya ful. 20-25
  • Namoota Cubbuu Hojjetanitti Jaalalaa fi Araara Argisiisuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoota Cubbuu Hojjetanitti Jaalalaa fi Araara Argisiisuu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • JAARSOLIIN NAMOOTA CUBBUU CIMAA HOJJETAN KAN GARGAARAN AKKAMITTI?
  • “NAMA HUNDUMAA DURATTI IFADHU”
  • “YIHOWAAN JAALALA GUDDAA KAN QABUU FI GARA LAAFESSA DHA”
  • Gargaarsa Nama Gumiidhaa Baafameef Taʼu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • ‘Jaarsolii Gumii Waammadhu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Gumiin Ilaalcha Yihowaan Cubbamootaaf Qabu Calaqqisiisuu kan Dandaʼu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Gumiin Kiristiyaanaa kan Gurmaaʼe Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
w24 Hagayya ful. 20-25

MATA DUREE QOʼANNAA 34

FAARFANNAA 107 Fakkeenya Jaalalaa

Namoota Cubbuu Hojjetanitti Jaalalaa fi Araara Argisiisuu

“Waaqayyo gaarummaa isaatiin gara yaada geddarachuutti si geessuuf yaalaa [jira].”—ROM. 2:4.

YAADA IJOO

Jaarsoliin obboloota gumiisaanii cubbuu cimaa hojjetan gargaaruuf kan yaalan akkamitti?

1. Namni tokko cubbuu cimaa erga hojjetee booda maaltu taʼa?

MATA DUREE darberratti Phaawulos gumii Qorontos keessatti nama cubbuu cimaa hojjete tokko ilaalchisee qajeelfama akkamii akka kenne ilaalleerra. Namichi sun yaada waan hin geeddaranneef gumiidhaa baafamuu qaba ture. Haa taʼu malee, caqasni ijoon keenya akka argisiisutti Waaqayyo nama tokko gara yaada geddarachuutti geessuu dandaʼa. (Rom. 2:4) Jaarsoliin namni tokko yaada akka geddaratu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

2-3. Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa akka hojjete yoo beekne maal gochuu qabna? Maaliif?

2 Jaarsoliin nama sana gargaaruuf jalqaba dhimmicha beekuu qabu. Maarree, Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa gumiidhaa isa baasisuu dandaʼu akka hojjete yoo beekne maal gochuu qabna? Jaarsolii gargaarsa akka gaafatu isa jajjabeessuu qabna.—Isa. 1:18; HoE. 20:28; 1 Phe. 5:2.

3 Haa taʼu malee, namni sun jaarsolii haasofsiisuu yoo didehoo? Gargaarsa isa barbaachisu akka argatuuf dhimmicha jaarsoliitti himuu qabna. Akkas gochuun keenya akka isa jaallannuu fi isa dhabuu akka hin barbaanne argisiisa. Namni sun cubbuusaarraa deebiʼuu yoo baate hariiroo Yihowaa wajjin qabu caalaatti balaadhaaf saaxila. Maqaan gumiis akka badu gochuu dandaʼa. Kanaafuu, jaalala Yihowaa fi nama sanaaf qabnuun kakaanee ija jabinaan tarkaanfii fudhanna.—Far. 27:14.

JAARSOLIIN NAMOOTA CUBBUU CIMAA HOJJETAN KAN GARGAARAN AKKAMITTI?

4. Jaarsoliin nama cubbuu cimaa hojjete yeroo haasofsiisan kaayyoon isaanii maalidha?

4 Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa yeroo hojjetu qaamni jaarsolii isaan gidduudhaa obboloota gaʼumsa qaban sadi filatee koree hundeessa.a Obboloonni kun humnasaanii kan beekanii fi kan gad of qaban taʼuu qabu. Namni cubbuu hojjete tokko yaada akka geddaratu gargaaruuf kan yaalan taʼus, namni kamiyyuu jijjiirama akka godhu dirqisiisuu akka hin dandeenye ni hubatu. (Kes. 30:19) Jaarsoliin akka Daawit Mootichaa deebii gaarii kan kennan namoota cubbuu hojjetan hunda akka hin taane beeku. (2 Sam. 12:13) Namoonni tokko tokko gorsa Yihowaa fudhachuu diduu dandaʼu. (Uma. 4:6-8) Taʼus, jaarsoliin kaayyoonsaanii dandaʼamnaan namni sun yaada akka geddaratu gargaaruudha. Jaarsoliin nama cubbuu hojjete yeroo haasofsiisan maal sammuutti qabachuu qabu?

5. Jaarsoliin nama cubbuu hojjete yeroo haasofsiisan maal sammuutti qabachuu qabu? (2 Ximotewos 2:24-26) (Fakkichas ilaali.)

5 Jaarsoliin nama cubbuu hojjete sana akka hoolaa badee fi gatii guddaa qabuutti ilaalu. (Luq. 15:4, 6) Kanaafuu, nama sana yeroo haasofsiisan wanta isa miidhu hin dubbatan ykn hin raawwatan. Akkasumas kaayyoon itti isa haasofsiisan dhugaa jiru beekuuf gaaffii isa gaafachuu qofa akka taʼetti hin yaadan. Kanaa mannaa, amaloota 2 Ximotewos 2:24-26 irratti ibsaman argisiisu. (Dubbisi.) Jaarsoliin garaasaa tuquuf yeroo yaalanitti garraamummaa fi gaarummaa isatti argisiisuuf carraaqqii godhu.

Tikseen hoolotasaa bira jiru tokko hoolaa badde tokko barbaadaa jira. Hoolaan badde sun dameewwan mukaa gidduu danqamtee jirti, lukni ishii madaaʼeera.

Jaarsoliin akkuma tiksitoota bara durii hoolaa bade tokko gargaaruuf carraaqqii guddaa godhu (Keeyyata 5 ilaali)


6. Jaarsoliin nama cubbuu hojjete haasofsiisuusaanii dura garaasaanii qopheessuu kan dandaʼan akkamitti? (Roomaa 2:4)

6 Jaarsoliin garaasaanii qopheeffatu. Yaada Phaawulos, “Waaqayyo gaarummaa isaatiin gara yaada geddarachuutti si geessuuf yaalaa [jira]” jechuudhaan barreesse sammuutti qabachuudhaan nama cubbuu hojjete yeroo haasofsiisan hundatti fakkeenya Yihowaa hordofuuf yaalu. (Roomaa 2:4 dubbisi.) Jaarsoliin tiksitoota aangoo Kiristoos jala jiran akka taʼan yaadachuu qabu. (Isa. 11:3, 4; Mat. 18:18-20) Nama cubbuu hojjete sana haasofsiisuusaanii dura kaayyoosaanii irratti kadhannaadhaan yaaduu qabu; kaayyoonsaanii namni sun yaada akka geddaratu gargaaruudha. Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenyarratti qorannaa godhu, hubannaa argachuufis ni kadhatu. Wanta cubbuu hojjechuutti isa geesse beekuuf haala namni sun kanaan dura keessa ture hubachuuf ni yaalu.—Fak. 20:5.

7-8. Jaarsoliin nama cubbuu hojjete yeroo haasofsiisan obsa Yihowaa calaqqisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

7 Jaarsoliin obsa Yihowaa calaqqisiisu. Yihowaan bara duriitti namoota cubbuu hojjetan gargaaruuf kan yaale akkamitti akka taʼe ni yaadatu. Fakkeenyaaf, Yihowaan Qaayiniin obsaan haasofsiiseera; jijjiirama yoo gochuu baate miidhaan akka isarra gaʼuu fi yoo ajajame akka eebbifamu isatti himeera. (Uma. 4:6, 7) Yihowaan Naataan raajichatti fayyadamee Daawitiif gorsa kenneera; Naataanis fakkeenya garaa Daawit tuqetti fayyadameera. (2 Sam. 12:1-7) Kana malees, Yihowaan gara Israaʼelota hin ajajamneetti raajotasaa “irra deddeebiʼee” erguusaa ‘itti fufeera.’ (Er. 7:24, 25) Isaan gargaaruuf hamma isaan yaada geddaratanitti hin eegne. Kanaa mannaa, dursa fudhatee yaada akka geeddaratan isaan jajjabeesseera.

8 Jaarsoliinis nama cubbuu cimaa hojjete yeroo gargaaran fakkeenya Yihowaa hordofu. Akka 2 Ximotewos 4:2 jedhutti Kiristiyaana cubbuu hojjete sana yeroo haasofsiisan “obsa” guddaa isatti argisiisu. Kanaafuu, jaarsi tokko namni cubbuu hojjete sun wanta sirrii taʼe raawwachuuf fedhii akka qabaatu gargaaruuf yeroo hunda tasgabbaaʼuu fi obsa qabaachuu qaba. Jaarsi sun kan aaru ykn kan dheekkamu yoo taʼe namni cubbuu hojjete sun gorsasaa dhagaʼuu diduu ykn yaada geddarachuu dhiisuu dandaʼa.

9-10. Jaarsoliin namni cubbuu hojjete sun balleessaasaa akka hubatu gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

9 Jaarsoliin wantoota nama sana cubbuu hojjechuutti geessan hubachuuf yaalu. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni sun karaa hafuuraa kan dadhabe suutuma suuta qoʼannaa dhuunfaa gochuu ykn tajaajilarratti hirmaachuu waan dhaabeefii? Yeroo hunda kadhachuu dhiiseeraa? Fedhiin dogoggoraa akka isa toʼatu heyyameeraa? Hiriyaa ykn bashannana ilaalchisee filannaa gaarii hin taane godheeraa? Filannaan inni godhe ilaalchaa fi fedhiisaarratti dhiibbaa kan godhe akkamitti? Murtoo fi gochasaa kana ilaalchisee Yihowaa Abbaasaatti maaltu akka dhagaʼamu hubateeraa?

10 Jaarsoliin wantoota hariiroo Yihowaa wajjin qabu isa jalaa laaffisanii fi cubbuutti isa geessanirratti akka yaadu gargaaruuf gaaffii isa gaafachuu dandaʼu. Kanas gaarummaadhaan, akkasumas dhimma dhuunfaasaa keessa utuu hin galin gochuu qabu. (Fak. 20:5) Kana malees, akkuma Naataan yeroo Daawitiin haasofsiisetti godhe, namni sun gochasaarratti akka yaaduu fi dogoggorasaa akka hubatu isa gargaaruuf fakkeenyatti fayyadamuu dandaʼu. Tarii jalqaba yeroo isa haasofsiisanitti gochasaatti gaabbuu dandaʼa. Guutummaatti yaada geddarachuullee ni dandaʼa.

11. Yesuus cubbamoota akkamitti qabe?

11 Jaarsoliin fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqqii godhu. Yesuus Saaʼol isa Xarsees yeroo haasofsiisetti, “Saaʼol, Saaʼol, maaliif na ariʼatta?” jedhee isa gaafateera. Kunis gochisaa dogoggora akka taʼe hubachuuf isa gargaareera. (HoE. 9:3-6) Yesuus “dubartii Iizaabel jedhamtu” ilaalchisee, “Ani yaada akka geddarattu yeroo ishiidhaaf kenneen ture” jedheera.—Mul. 2:20, 21.

12-13. Jaarsoliin namni cubbuu hojjete yaada akka geddaratu yeroo isaaf kennuu kan dandaʼan akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

12 Jaarsoliin fakkeenya Yesuus waan hordofaniif namni cubbuu hojjete sun yaada hin geddaratu jechuuf hin ariifatan. Namoonni tokko tokko jalqaba yeroo koreen jaarsolii isaan haasofsiisu yaada geddarachuu dandaʼu; kaanimmoo yeroon dabalataa isaan barbaachisuu dandaʼa. Kanaafuu, jaarsoliin nama cubbuu hojjete sana al tokkoo ol haasofsiisuuf qophii gochuu dandaʼu. Tarii Kiristiyaanni sun jalqaba jaarsolii wajjin erga wal argee booda wanta isatti himamerratti yaaduu jalqabuu dandaʼa. Gad of qabee Yihowaan dhiifama akka isaaf godhu kadhachuu dandaʼa. (Far. 32:5; 38:18) Kanaafuu, jaarsoliin deebiʼanii yeroo isa haasofsiisan ilaalcha jalqaba yeroo isa haasofsiisanitti qabu jijjiiree taʼuu dandaʼa.

13 Jaarsoliin namni cubbuu hojjete sun yaada akka geddaratu isa gargaaruuf miirasaa hubachuu fi gaarummaa isatti argisiisuuf yaalu. Yihowaan carraaqqiisaanii akka eebbisuu fi Kiristiyaanni sun gara qalbiisaatti deebiʼee yaada akka geddaratu ni abdatu, akkasumas ni kadhatu.—2 Xim. 2:25, 26.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Jaarsoliin sadii obboleessa tokko haasofsiisaa jiru. Obboleessi sun yeroo jaarsoliin isa haasofsiisanitti gara bakka biraa ilaalaa jira. 2. Boodas, jaarsoliin sun deebiʼanii obboleessa sana haasofsiisaa jiru. Obboleessi sun yeroo jaarsoliin isa haasofsiisanitti xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa jira.

Jaarsoliin namni cubbuu hojjete tokko yaada akka geddaratu yeroo isaaf kennuuf al tokkoo ol isa haasofsiisuu dandaʼu (Keeyyata 12 ilaali)


14. Namni cubbuu hojjete tokko yeroo yaada geddaratu eenyutu galateeffamuu qaba? Akkas kan jennuhoo maaliifi?

14 Namni cubbuu hojjete tokko yeroo yaada geddaratu baayʼee gammanna! (Luq. 15:7, 10) Garuu yeroo kanatti eenyutu galateeffamuu qaba? Jaarsoliidhaa? Phaawulos namoota cubbuu hojjetan ilaalchisee, “Tarii Waaqayyo . . . yaada akka geddaratan carraa isaaniif ni kenna taʼa” akka jedhe yaadadhu. (2 Xim. 2:25) Kanaafuu, Kiristiyaanni tokko amalaa fi ilaalchasaa yeroo jijjiiru galateeffamuu kan qabu nama utuu hin taʼin Yihowaadha. Phaawulos namni tokko yaada erga geddaratee booda buʼaa argamu ibseera. Namni sun dhugaa ilaalchisee caalaatti beekumsa sirrii qabaata, gara yaadasaatti deebiʼa, akkasumas kiyyoo Seexanaa keessaa baʼa.—2 Xim. 2:26.

15. Jaarsoliin cubbamaa yaada geddarate gargaaruusaanii itti fufuu kan dandaʼan akkamitti?

15 Namni cubbuu hojjete tokko yaada yeroo geddaratu koreen jaarsolii namni sun kiyyoo Seexanaarraa fagaachuu fi wanta sirrii raawwachuusaa itti fufuu akka dandaʼu isa gargaaruuf tikni akka isaaf godhamu qophii godha. (Ibr. 12:12, 13) Dhugaadha, jaarsoliin wanta namni sun raawwate hunda warra kaanitti hin himan. Maarree, wanti gumichi beekuun isa barbaachisu maalidha?

“NAMA HUNDUMAA DURATTI IFADHU”

16. Yaanni 1 Ximotewos 5:20 irratti “nama hundumaa” jedhu eenyufaa argisiisa?

16 Ximotewos Tokkoffaa 5:20 dubbisi. Phaawulos yaada kana kan barreesse “namoota cubbuu hojjechuu amaleeffatan” ilaalchisee maaltu godhamuu akka qabu Ximotewos isa akkumasaa jaarsa taʼetti himuufi. Phaawulos maal jechuusaati? “Nama hundumaa” kan jedhe guutummaa gumichaa argisiisuuf taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kanaa mannaa, namoota waaʼee cubbuu sanaa beekan muraasa argisiisuufi. Namoonni kun warra gocha sana argan ykn namni cubbuu hojjete sun gochasaa itti hime taʼuu dandaʼu. Jaarsoliin dhimmichi akka ilaalamee fi nama cubbuu hojjete sanaaf sirreeffamni akka kenname kophaatti isaanitti himu.

17. Namni tokko cubbuu cimaa akka hojjete obboloonni gumii keessa jiran baayʼeen kan beekan yoo taʼe ykn beekuunsaanii hin oolu yoo taʼe beeksisa akkamiitu himama? Maaliif?

17 Yeroo tokko tokko namni tokko cubbuu cimaa akka hojjete obboloonni gumii keessa jiran baayʼeen beekuu dandaʼu ykn beekuunsaanii hin oolu taʼa. Haala akkasii keessatti yaanni caqasichaa “nama hundumaa” jedhu guutummaa gumichaa dabalata. Kanaafuu, jaarsi tokko nama sanaaf adabni akka kenname gumichatti beeksisa hima. Maaliif? Phaawulos kun taʼuunsaa warri kaanis cubbuutti akka hin kufneef “akeekkachiisa akka taʼu” ibseera.

18. Jaarsoliin ijoolleen cuuphaman cubbuu cimaa yeroo hojjetan maal gochuu qabu? (Fakkichas ilaali.)

18 Mucaan umuriinsaa waggaa 18 gadi taʼee fi cuuphame tokko cubbuu cimaa yoo hojjetehoo? Qaamni jaarsolii jaarsoliin lama mucaa sanaa fi warrasaab Kiristiyaanota taʼan akka haasofsiisan qophii godhu. Jaarsoliin warrisaa mucaansaanii yaada akka geddaratu gargaaruuf tarkaanfii akkamii akka fudhatan beekuuf yaalu. Mucichi ilaalcha gaarii kan qabuu fi warrisaa isa gargaaraa jiru taanaan jaarsoliin sun lamaan tarkaanfii dabalataa fudhachuun barbaachisaa akka hin taane murteessuu dandaʼu. Yihowaan ijoolleesaaniitiif sirreeffama jaalalarratti hundaaʼe akka kennan itti gaafatamummaa kan kenne warraafi. (Kes. 6:6, 7; Fak. 6:20; 22:6; Efe. 6:2-4) Sana booda jaarsoliin mucaan sun gargaarsa isa barbaachisu argachaa jiraachuusaa darbee darbee warrasaa ni gaafatu. Haa taʼu malee, mucaan cuuphame tokko yaada geddarachuu diduudhaan wanta sirrii hin taane raawwachuusaa yoo itti fufehoo? Yeroo akkasiitti koreen jaarsolii warrasaa Kiristiyaanota taʼan wajjin isa haasofsiisu.

Jaarsoliin lama mucaa cuuphamee tokkoo fi warrasaa manasaaniitti haasofsiisaa jiru. Jaarsi inni tokko caqasa dubbisaafii jira.

Mucaan cuuphame tokko cubbuu cimaa yeroo hojjetu jaarsoliin lama warrasaa Kiristiyaanota taʼan wajjin taʼanii isa haasofsiisu (Keeyyata 18 ilaali)


“YIHOWAAN JAALALA GUDDAA KAN QABUU FI GARA LAAFESSA DHA”

19. Jaarsoliin namoota cubbuu hojjetan yeroo haasofsiisan fakkeenya Yihowaa hordofuuf carraaqqii kan godhan akkamitti?

19 Yihowaan jaarsoliin koree keessatti tajaajilan qulqullina gumii akka eegan isaanirraa eega. (1 Qor. 5:7) Isaanis namoonni cubbuu hojjetan yaada geddarachuuf akka kakaʼan gargaaruuf wanta isaaniif dandaʼame gochuu barbaadu. Yeroo nama sana gargaaranitti akka inni jijjiiramu abdachuusaanii itti fufu. Maaliif? Fakkeenya Yihowaa isa ‘jaalala guddaa qabuu fi gara laafessa taʼee’ hordofuu waan barbaadaniifi. (Yaq. 5:11) Yohaannis ergamaan ilaalcha akkasii akka qabu kan argisiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Akkana jedhee barreesseera: “Yaa ijoollee koo, wantoota kana kanan isiniif barreessu akka isin cubbuu hin hojjenneefi. Haa taʼu malee, namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete nuti Abbaa biraa gargaaraa qabna; innis Yesuus Kiristoos isa qajeelaa taʼe dha.”—1 Yoh. 2:1.

20. Mata duree ittaanurratti maal ilaalla?

20 Kan nama gaddisiisu, Kiristiyaanni tokko yaada geddarachuu diduu dandaʼa. Yeroo akkasiitti gumiidhaa baafamuu qaba. Jaarsoliin yeroo haalli akkasii uumamu maal godhu? Waaʼee kanaa mata duree ittaanurratti ilaalla.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Roomaan 2:4 akka jedhutti jaarsoliin nama cubbuu hojjete yeroo haasofsiisan kaayyoonsaanii maalidha?

  • Jaarsoliin 2 Ximotewos 2:24-26 irraa qajeelfama akkamii argatu?

  • ‘Nama hundumaa duratti ifachuu’ jechuun maal jechuudha?

FAARFANNAA 103 Tiksitoota—Dhiirota Kennaa Taʼan

a Kanaan dura gareen kun koree murtii jedhama ture. Garuu murtii kennuun hojiisaanii keessaa tokko qofa waan taʼeef kana booda ibsa kanatti hin fayyadamnu. Kanaa mannaa, garee kana koree jaarsolii jennee waamna.

b Yaanni warra jedhu warra heyyama seeraa argatanii ijoollee guddisan ykn warra itti gaafatamummaa kana qaban kan biroos ni argisiisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi