MATA DUREE QOʼANNAA 35
FAARFANNAA 123 Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu
Gargaarsa Nama Gumiidhaa Baafameef Taʼu
“Namoota qajeeloo 99 yaada geddarachuun isaan hin barbaachisne caalaa, cubbamaa yaada geddarate tokkotti samii irratti gammachuu guddaan ni taʼa.”—LUQ. 15:7.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti namoonni tokko tokko gumiidhaa baafamuun kan isaan barbaachisu maaliif akka taʼee fi namoonni akkasii yaada akka geddaratanii fi deebiʼanii Yihowaa biratti fudhatama akka argatan jaarsoliin akkamitti isaan gargaaruu akka dandaʼan ilaalla.
1-2. (a) Yihowaan cubbuu taʼe jedhamee raawwatamu ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? (b) Yihowaan namoota cubbuu cimaa raawwataniif abdii akkamii kenneera?
YIHOWAA duratti fudhatama kan qabu amala hunda miti; inni cubbuu ni jibba. (Far. 5:4-6) Ulaagaaleesaa warra qajeeloo taʼanii fi Dubbiisaa keessatti nuuf ibse akka eegnu nurraa eega. Dhugaadha, Yihowaan namoonni cubbuu dhaalan mudaa kan hin qabne akka taʼan hin eegu. (Far. 130:3, 4) Taʼus, ‘namoota isa hin sodaannee fi gaarummaa guddaa Waaqa keenyaatiin qabatanii addaggummaa raawwatan’ callisee hin ilaalu. (Yih. 4) Kitaabni Qulqulluun waraanni Armaagedoon waraana Waaqayyoo isa “namoonni Waaqayyoon hin sodaanne itti balleeffaman” akka taʼe dubbata.—2 Phe. 3:7; Mul. 16:16.
2 Haa taʼu malee, Yihowaan eenyuyyuu akka badu hin barbaadu. Mata dureewwan darbanirratti akkuma ilaalle, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo “hundumtuu yaada akka geddaratan” akka barbaadu ifatti dubbata. (2 Phe. 3:9) Jaarsoliin namoonni cubbuu raawwatan daandiisaanii jijjiiranii deebiʼanii Yihowaa duratti fudhatama akka argatan obsaan gargaaruudhaan fakkeenya Yihowaa hordofu. Taʼus, deebii gaarii kan kennu nama hunda miti. (Isa. 6:9) Namoonni cubbuu cimaa raawwatan tokko tokko jaarsoliin akka isaan yaada geddaratan isaan gargaaruuf irra deddeebiʼanii carraaqqii kan godhan taʼus jijjiirama gochuu didu. Maarree, jaarsoliin haala akkasii keessatti maal gochuu qabu?
“NAMA HAMAA OF GIDDUUDHAA BAASAA”
3. (a) Kitaabni Qulqulluun cubbamaan yaada hin geddaranne maal godhamuu akka qabu dubbata? (b) Namni tokko yaada geddarachuu diduunsaa gumiidhaa baafamuuf akka filate argisiisa kan jennu maaliifi?
3 Namni cubbuu cimaa hojjete tokko yaada geddarachuu yoo dide jaarsoliin qajeelfama 1 Qorontos 5:13 irratti argamuu fi “Nama hamaa of gidduudhaa baasaa” jedhu hordofuuf dirqamu. Namni cubbuu hojjete sun kun akka taʼu filateera jechuun ni dandaʼama; wantuma facaafate haammata.a (Gal. 6:7) Akkas kan jennu maaliifi? Jaarsoliin yaada akka geddaratu isa gargaaruuf irra deddeebiʼanii carraaqqii kan godhan taʼus gargaarsasaanii fudhachuu waan dideefi. (2 Mot. 17:12-15) Gochisaa ulaagaalee Yihowaatiif ajajamuu akka hin barbaanne argisiisa.—Kes. 30:19, 20.
4. Cubbamaan yaada hin geddaranne tokko yeroo gumiidhaa baafamu beeksisni kan himamu maaliifi?
4 Cubbamaan yaada hin geddaranne tokko yeroo gumiidhaa baafamu, namni sun kana booda Dhugaa Baatuu Yihowaa akka hin taane gumichi akka beekuuf beeksisni ni himama. Kaayyoon beeksisni kun itti himamu nama sana salphisuuf miti. Kanaa mannaa, obboloonni ajaja Kitaaba Qulqulluu, ‘Michummaa nama sanaa wajjin qabdan dhiisaa,’ akkasumas “Nama akkanaa wajjin nyaata illee hin nyaatinaa” jedhu hordofuu akka dandaʼaniifi. (1 Qor. 5:9-11) Qajeelfamni kun kennamuunsaa sirriidha. Phaawulos ergamaan, “raacitii xinnoon guutummaa bukichaa akka bukeessu” barreesseera. (1 Qor. 5:6) Cubbamoonni yaada hin geddaranne gumiidhaa hin baafaman taanaan, warri kaan ajajawwan Yihowaa eeguuf carraaqqii gochuun barbaachisaa akka hin taane isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa.—Fak. 13:20; 1 Qor. 15:33.
5. Nama gumiidhaa baafameef ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Maaliif?
5 Maarree, Kiristiyaana gumiidhaa baafame tokkoof ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Nama sana wajjin hariiroo kan hin qabaanne taʼus, akka hoolaa badeetti malee akka nama abdii hin qabneetti isa ilaaluu hin qabnu. Hoolaan bade tokko deebiʼuu ni dandaʼa. Hoolaan bade kun Yihowaadhaaf akka of murteesse yaadadhu. Kan nama gaddisiisu, waadaa yeroo of murteessetti gale eegee jiraachaa waan hin jirreef balaarra buʼeera. (His. 18:31) Haa taʼu malee, hamma Yihowaan araara argisiisuusaa itti fufetti namni kun ammayyuu abdii qaba. Jaarsoliin namni gumiidhaa baafamellee abdii akkasii akka qabu argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?
JAARSOLIIN WARRA GUMIIDHAA BAAFAMAN GARGAARUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?
6. Jaarsoliin nama gumiidhaa baafame gargaaruuf tarkaanfiiwwan kamfaa fudhatu?
6 Namni gumiidhaa baafame tokko gara Yihowaatti deebiʼuuf gargaarsa utuu hin argatin ofumasaatiin carraaqqii akka godhu isarraa eegamaa? Matumaa! Koreen jaarsolii cubbamaan yaada hin geddaranne tokko gumiidhaa akka baafame yeroo itti himan, gara gumiitti deebiʼuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu akka dandaʼus isatti himu. Taʼus, wanti jaarsoliin godhan kana qofa miti. Yeroo baayʼee, ilaalchasaa akka jijjiire ilaaluuf jiʼoota muraasa booda deebiʼanii isa wajjin wal arguu akka barbaadan itti himu. Namni sun deebiʼee isaan wajjin wal arguuf fedhii yoo qabaate jaarsoliin yeroo wal argan kanatti yaada akka geddaratuu fi akka deebiʼu miira hoʼaadhaan isa jajjabeessu. Ammayyuu ilaalchasaa hin jijjiirre taanaan jaarsoliin yaada akka geddaratu isa jajjabeessuuf gara fuulduraattis isa wajjin wal arguuf yaalu.
7. Jaarsoliin nama gumiidhaa baafame yeroo haasofsiisanitti gara laafina Yihowaa calaqqisiisuu kan dandaʼan akkamitti? (Ermiyaas 3:12)
7 Jaarsoliin nama gumiidhaa baafame yeroo haasofsiisanitti gara laafina Yihowaa calaqqisiisuuf carraaqqii godhu. Fakkeenyaaf, Yihowaan sabasaa mata jabeeyyii taʼanii fi Israaʼel durii keessa jiraachaa turan hamma ofumasaaniitiin yaada geddaratanitti hin eegne. Kanaa mannaa, mallattoon yaada akka geddaratan argisiisu tokkollee utuu hin jiraatin dursa fudhatee isaan gargaareera. Mata duree maxxansa kanaa isa lammaffaarratti akkuma ilaalle, Yihowaan, haadha manaasaa ishii cubbuu hojjechaa jirtuuf dhiifama akka godhu Hoseʼaa raajichatti himuudhaan hammam garaa akka laafu fakkeenyaan argisiiseera. (Hos. 3:1; Mil. 3:7) Jaarsoliinis akkuma Yihowaa cubbamoonni akka deebiʼan barbaadu; deebiʼuun akka isaanitti ulfaatu hin godhan.—Ermiyaas 3:12 dubbisi.
8. Fakkeenyi Yesuus waaʼee ilma badee dubbate gara laafinaa fi araara Yihowaa caalaatti hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Luqaas 15:7)
8 Fakkeenya Yesuus waaʼee ilma badee dubbate yaadadhu; mata duree lammaffaarratti waaʼee kanaa ilaalleerra. Abbaan mucaa sanaa gara manaatti deebiʼaa akka jiru yeroo argu “fiigee isatti [maramee] isa dhungate.” (Luq. 15:20) Abbaan sun hamma ilmisaa dhiifama akka isaaf godhu isa kadhatutti akka hin eegne hubadhu. Kanaa mannaa, akkuma abbaa jaalala qabeessa tokkootti dursa fudhateera. Jaarsoliin namoota Yihowaa dhiisaniif ilaalchuma akkasii qabaachuuf carraaqqii godhu. Hoolonni badan kun gara Yihowaatti akka deebiʼan barbaadu. (Luq. 15:22-24, 32) Cubbamaan tokko yeroo deebiʼu samiirrattis taʼe lafarratti gammachuu guddaatu taʼa!—Luqaas 15:7 dubbisi.
9. Yihowaan cubbamoonni maal akka godhan barbaada?
9 Wanta hamma ammaatti ilaallerraa akka hubannutti, Yihowaan cubbamoota yaada geddarachuu hin barbaanne calluma jedhee hin ilaalu. Taʼus, isaan gargaaruuf carraaqqii gochuusaa itti fufa. Garasaatti akka deebiʼan barbaada. Yihowaan cubbamoota yaada geddaratan ilaalchisee maaltu akka isatti dhagaʼamu Hoseʼaa 14:4 irratti akkana jechuudhaan ibseera: “Ani isaan nan fayyisa, isaanis kana booda amanamummaa isaanii hin dhiisan. Dheekkamsi koo waan . . . deebiʼeef, ani fedhii kootiin isaan nan jaalladha.” Jaarsoliin Yihowaan miira akkasii akka qabu beekuunsaanii mallattoo namni tokko yaada geddarachaa akka jiru argisiisu kamiifiyyuu xiyyeeffannaa kennuuf isaan kakaasa. Yaanni kun namoonni Yihowaa dhiisanis dafanii garasaatti akka deebiʼan isaan kakaasa.
10-11. Jaarsoliin namoota kanaan dura gumiidhaa baafaman gargaaruuf kan yaalan akkamitti?
10 Jaarsoliin namoota kanaan dura tarii waggoota hedduu dura gumiidhaa baafaman gargaaruuf kan yaalan akkamitti? Namoonni kun cubbuu gumiidhaa akka baafaman isaan godhe hojjechuu dhiisanii taʼuu dandaʼa. Tariimmoo, sababa gumiidhaa itti baafamanillee irraanfatanii taʼuu dandaʼa. Namni tokko gumiidhaa erga baafamee yeroo hammamiiyyuu yoo taʼe, jaarsoliin nama sana argachuu fi haasofsiisuuf ni yaalu. Dhaqanii yeroo isa gaafatanitti, isa wajjin kadhatu, akkasumas gara gumiitti akka deebiʼu miira hoʼaadhaan isa jajjabeessu. Namni sun gumiirraa fagaatee kan jiraate waggoota hedduudhaaf yoo taʼe karaa hafuuraa baayʼee akka dadhabu hin shakkisiisu. Kanaafuu, gara gumiitti deebiʼuu akka barbaadu yoo ibse, jaarsoliin gara gumiitti deebiʼuusaa durallee namni tokko Kitaaba Qulqulluu akka isa qoʼachiisu qophii gochuu ni dandaʼu. Garuu Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu qophii kan godhan jaarsolii qofadha.
11 Jaarsoliin gara laafina Yihowaa calaqqisiisuudhaan namoota Yihowaarraa fagaatan barbaaduu fi gara gumiitti akka deebiʼan isaan jajjabeessuuf wanta dandaʼan hunda godhu. Namni cubbuu hojjete tokko yaada akka geddaratee fi dogoggora raawwachaa ture akka dhiise yoo argisiise, dafee gara gumiitti deebiʼuu dandaʼa.—2 Qor. 2:6-8.
12. (a) Jaarsoliin maalirratti of eeggannoo addaa gochuu qabu? (b) Namoonni cubbuu tokko tokko hojjetan araara Yihowaa argachuu akka hin dandeenye goonee yaaduu kan hin qabne maaliifi? (Miiljalees ilaali.)
12 Jaarsoliin haalawwan tokko tokko keessatti nama tokko gara gumiitti deebisuusaanii dura of eeggannoo addaa gochuun isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf, namni tokko gumiidhaa kan baafame ijoolleerra miidhaa geessisuudhaan, gantummaadhaan ykn haxxummaadhaan gaaʼelasaa diiguuf cubbuu hojjetee yoo taʼe, jaarsoliin namni kun garaadhaa yaada geddarachuusaa mirkaneeffachuun isaan barbaachisa. (Mil. 2:14; 2 Xim. 3:6) Yeroo akkasiitti gumichaaf eegumsa gochuu qabu. Haa taʼu malee, Yihowaan cubbamaa garaadhaa yaada geddaratee fi wanta gadhee raawwachuusaa dhiise kamiifiyyuu dhiifama akka godhu yaadachuu qabna. Kanaafuu, jaarsoliin namoota warra kaanirratti gocha gara jabinaa hojjetan wajjin haala wal qabateen kan of eeggatan taʼus, namoonni cubbuu taʼe tokko raawwatan araara Yihowaa argachuu akka hin dandeenye yaaduu hin qaban.b—1 Phe. 2:10.
WANTA GUMIIN GOCHUU DANDAʼU
13. Karaa nama jaarsoliin adabbii isaaf kennan itti qabnuu fi karaa nama gumiidhaa baafame itti qabnu gidduu garaagarummaan jiru maalidha?
13 Mata duree darberratti akkuma ilaalle, namni tokko adabbiin akka isaaf kenname yeroo tokko tokko beeksisni himamu dandaʼa. Yeroo akkasiitti namni sun yaada akka geddaratee fi dogoggora raawwachaa ture akka dhiise waan beeknuuf isa wajjin yeroo dabarsuu keenya itti fufuu dandeenya. (1 Xim. 5:20) Namni kun ammayyuu kutaa gumichaa waan taʼeef, obbolootasaa wajjin yeroo dabarsuudhaan jajjabina argachuun isa barbaachisa. (Ibr. 10:24, 25) Haa taʼu malee, hariiroon nama gumiidhaa baafame wajjin qabnu kanarraa baayʼee addadha. ‘Michummaa isaa wajjin qabnu dhiisuu’ qabna; ‘nama akkanaa wajjin nyaata illee hin nyaannu.’—1 Qor. 5:11.
14. Kiristiyaanonni akkaataa nama gumiidhaa baafame itti qabanirratti qalbiisaanii isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
14 Kana jechuun garuu, nama gumiidhaa baafame walgaʼiirratti akka argamu affeeruu ykn yeroo walgaʼiirratti argamu nagaa isa gaafachuu hin dandeenyu jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Dhugaadha, nama akkasii wajjin michummaa hin qabaannu. Taʼus, Kiristiyaanonni nama gumiidhaa baafame tokko walgaʼiirratti akka argamu affeeruu ilaalchisee qalbiisaanii isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamuu dandaʼu; tarii namni kun firasaanii ykn nama duraan itti dhihaatan taʼuu dandaʼa. Yoo argame hoo akkamitti isa qabu? Duraan, nama akkasii nagaa hin gaafannu turre. Dhimma kanarrattis Kiristiyaanni kamiyyuu qalbiisaa isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamuu qaba. Obboloonni tokko tokko nama sana nagaa gaafachuun ykn yeroo gara walgaʼii dhufu isa simachuun isaanitti hin ulfaatu taʼa. Taʼus, nama sana wajjin marii dheeraa gochuu ykn yeroo wajjin dabarsuu hin qabnu.
Kiristiyaanonni nama gumiidhaa baafame walgaʼiirratti affeeruuf ykn yeroo walgaʼiirratti argamu gabaabsanii nagaa gaafachuuf qalbiisaanii isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamu (Keeyyata 14 ilaali)
15. Yohaannis Lammaffaa 9-11 irratti kan ibsaman cubbamoota akkamiiti? (Saanduqa, “Yohaannisii fi Phaawulos Dubbachaa kan Turan Waaʼee Cubbuu Walfakkaataa Taʼeetii?” jedhus ilaali.)
15 Tarii namoonni tokko tokko, ‘Garuu Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanni nama akkasii nagaa gaafatu hojiisaa isa hamaa akka deggeru dubbata mitii?’ jedhanii yaadu taʼa. (2 Yohaannis 9-11 dubbisi.) Yaanni naannoo caqasa kanaa jiru akka argisiisutti qajeelfamni kun kan kenname gantootaa fi namoota gocha gadhee babalʼisan kan biroo ilaalchiseeti. (Mul. 2:20) Kanaafuu, namni tokko barumsa gantummaa ykn gocha gadhee kan biraa kan babalʼisu yoo taʼe jaarsoliin isa haasofsiisuuf qophii hin godhan. Dhugaadha, namni kun gara qalbiisaatti deebiʼuu dandaʼa. Hammasitti garuu nama akkasii nagaa hin gaafannu, walgaʼiirratti akka argamus hin affeerru.
GARA LAAFINAA FI ARAARA YIHOWAA CALAQQISIISUU
16-17. (a) Yihowaan cubbamoonni maal akka godhan barbaada? (Hisqiʼel 18:32) (b) Jaarsoliin cubbamoota yeroo gargaaruuf yaalanitti Yihowaa wajjin akka hojjetan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?
16 Mata dureewwan shanan kanarratti maal baranne? Yihowaan eenyuyyuu akka badu hin barbaadu! (Hisqiʼel 18:32 dubbisi.) Cubbamoonni akka isatti araaraman barbaada. (2 Qor. 5:20) Yihowaan bara duriitii kaasee tajaajiltoonnisaa isarraa fagaatan yaada akka geddaratanii fi akka deebiʼan jajjabeessuuf irra deddeebiʼee kan yaalu kanaafi. Jaarsoliin gumii namoonni cubbuu hojjetan yaada akka geddaratan gargaaruuf carraaqqii gochuudhaan Yihowaa wajjin hojjechuuf mirga argataniiru.—Rom. 2:4; 1 Qor. 3:9.
17 Yeroo cubbamoonni yaada geddaratan samiirratti gammachuu guddaatu taʼa! Abbaan keenya Yihowaan yeroo hoolonnisaa badanii turan gara gumiitti deebiʼan hundatti baayʼee gammada. Gara laafina, araaraa fi gaarummaa guddaa Yihowaan qaburratti yeroo xiinxallu jaalalli isaaf qabnu ni guddata.—Luq. 1:78.
FAARFANNAA 111 Sababa Itti Gammannu
a Mata duree kana keessatti nama cubbuu hojjete dhiira akka taʼetti ibsine. Taʼus, qajeelfamni kenname dhiiraafis taʼe dubartiidhaaf ni hojjeta.
b Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti, cubbuun dhiifama hin qabne cubbuu taʼe tokko utuu hin taʼin, cubbuu mata jabinaan Waaqayyoon mormuudhaan yeroo hunda hojjetamu argisiisa. Nuti namni tokko cubbuu dhiifama hin qabne hojjeteera jennee murteessuu hin dandeenyu.—Mar. 3:29; Ibr. 10:26, 27.