Dhugaa Baatonni Yihowaan Nama Miseensa Amantii Isaanii Ture Tokko Akkamitti Ilaalu?
Namoota hundumaa ni jaallanna, gaarummaa isaanitti ni argisiisna, akkasumas isaan kabajna. Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko yoo qabbanaaʼe ykn Yihowaa waaqeffachuu yoo dhiise isaa gargaaruuf yaalla; akka isa jaallannu itti himna, akkasumas karaa hafuuraa deebiʼee akka jajjabaatu ni gargaarra.—Luqaas 15:4-7.
Yeroo tokko tokko gochi nama sanaa gumiidhaa kan isa baasisu taʼuu dandaʼa. (1 Qorontos 5:13) Haa taʼu malee, obboleessa keenya baayʼee waan jaallannuuf, gumiidhaa akka hin baaneef dursinee isa gargaaruuf carraaqqii goona. Taʼus, akkuma Kitaabni Qulqulluun nu jajjabeessu, yoo gumiidhaa baafamellee isa jaallachuu fi isa kabajuu keenya itti fufna.—Maarqos 12:31; 1 Pheexiros 2:17.
Namni tokko gumiidhaa akka baafamu wanti taasisu maalidha?
Kiristiyaanni tokko cubbuu cimaa hojjetee yoo yaada geddarachuu dide, gumiidhaa baafamuu akka qabu Kitaabni Qulqulluun ifatti dubbata.b (1 Qorontos 5:11-13) Cubbuuwwan ciccimoon nama tokko gumiidhaa baasisan warra kamfaa akka taʼan Kitaabni Qulqulluun ifatti dubbata. Fakkeenyaaf, gochawwan kanneen akka ejjaa, machii, ajjeechaa, miseensa maatii ofii miidhuu fi hanna jiran namni tokko gumiidhaa akka baafamu taasisuu dandaʼu.—1 Qorontos 6:9, 10; Galaatiyaa 5:19-21; 1 Ximotewos 1:9, 10.
Haa taʼu malee, nama cubbuu cima hojjete tokko yeruma sana gumiidhaa hin baasnu. Jaarsoliin gumiic jalqaba gocha isaa akka sirreessu isa gargaaruuf yaalu. (Roomaa 2:4) Jaarsoliin garraamummaa fi gaarummaadhaan garaa isaa tuquuf yaalu. (Galaatiyaa 6:1) Akkasitti isa gargaaruun isaanii dogoggora isaa hubatee yaada akka geddaratu isa kakaasuu dandaʼa. (2 Ximotewos 2:24-26) Isa gargaaruuf irra deddeebiʼe yaaliin erga godhamee boodallee, ulaagaa Kitaaba Qulqulluu cabsuu isaa yoo itti fufee fi yaada geddarachuu yoo dide, gumiidhaa baafamuu qaba. Jaarsoliin namni sun sana booda Dhugaa Baatuu Yihowaa akka hin taane gumiidhaaf beeksisa himu.
Jaarsoliin namni gocha dogoggoraa raawwatu jijjiirama akka godhuuf, gaarummaa fi garraamummaadhaan isa gargaaruuf carraaqqii godhu
Maarree nama cubbuu hojjechuu amaleeffate tokko gumiidhaa baasuun faayidaa akkamii qaba? Tokkoffaa, gumiin ulaagaa naamusaa Waaqayyoo isa qulqulluu taʼe eegee akka jiraatu godha; akkasumas gumicha dhiibbaa gadhee namni sun geessisurraa eega. (1 Qorontos 5:6; 15:33; 1 Pheexiros 1:16) Kana malees, namni sun cubbuu hojjechuu akka dhiisuu fi jijjiirama akka godhu kakaasuu dandaʼa taʼa.—Ibroota 12:11.
Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota gumiidhaa baafaman akkamitti ilaalu?
Kitaabni Qulqulluun, Kiristiyaanonni nama gumiidhaa baafamee wajjin ‘michummaa qaban dhiisuu’ akka qabanii fi ‘nama akkanaa wajjin nyaata illee nyaachuu’ akka hin qabne dubbata. (1 Qorontos 5:11) Kanaafuu, nama gumiidhaa baafametti hin michoomnu. Haa taʼu malee, guutummaa guutuutti isa hin cufnu. Isa kabajna. Walgaʼii keenyarratti argamuu dandaʼa; Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼii kanarratti argaman nagaa isa gaafachuuf filachuu dandaʼu.d Gara gumiitti deebiʼuuf jaarsolii gargaarsa gaafachuus ni dandaʼa.
Namoonni gumiidhaa baafaman walgaʼiiwwan keenyarratti argamuu ni dandaʼu
Namni tokko gumiidhaa kan baafame taʼus, hiriyaan gaaʼelaa isaa fi ijoolleen isaa xixinnoon garuu ammayyuu Dhugaa Baatota Yihowaati yoo taʼehoo? Gama hafuuraatiin hariiroon inni maatii isaa wajjin qabu ni jijjiirama, firoomni dhiigaa qaban garuu itti fufa. Mana tokko keessa waan jiraataniif, hariiroon inni haadha manaa fi ijoollee isaa wajjin qabu itti fufa, hundi isaanii jaalala walitti argisiisuu qabu.
Namni gumiidhaa baafame tokko jaarsoliin akka isa gaafatan itti himuu dandaʼa; isaanis gorsa Kitaaba Qulqulluu isaaf kennu, akkasumas yaada akka geddaratuu fi gara Waaqayyootti akka deebiʼu miira hoʼaadhaan isa affeeru. (Zakkaariyaas 1:3) Namni sun gocha dogoggoraa raawwachuu yoo dhiisee fi ulaagaa naamusaa Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuuf garaadhaa fedhii yoo qabaate, gara gumiitti deebiʼee simatamuu fi deebiʼee miseensa gumichaa taʼuu ni dandaʼa. Akkuma yeroo namni cubbamaa ture tokko yaada geddaratetti gumiin Qorontos godhe, gumichi, “gaarummaadhaan dhiifama isaaf gochuu fi isa jajjabeessuu” qaba.—2 Qorontos 2:6-8.
Namoonni gumiidhaa baafamanii turan maaltu isaanitti dhagaʼama?
Mee Dhugaa Baatonni Yihowaa gumiidhaa baafamanii turanii fi booda gara Waaqayyootti deebiʼuuf murteessan tokko tokko maal akka jedhan ilaali.
“Gara gumiitti deebiʼuuf yeroon murteessu, jaarsoliin ergan gumiidhaa baafamee kaasee waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif wantan hojjedhe hundumaa beekuu barbaadu jedheen yaadee ture. Isaan garuu, ‘Wanta kana booda gochuu qabdurratti akka xiyyeeffattu barbaanna’ naan jedhan. Sana booda nan tasgabbaaʼe.”—Maariyaa, Yuunaayitid Isteetis.
“Gumichi akkan deebiʼu hawwiidhaan eegaa ture. Iddoo guddaa akkan qabu natti dhagaʼame. Obboloonni koo fi obboleettonni koo dhiifama akkan argadhee fi yeroo gara fuulduraa irratti akkan xiyyeeffadhuu na gargaaraniiru. Jaarsoliin hariiroo Yihowaa wajjin qabu akkan cimsadhu na gargaaruuf yeroo hunda qophaaʼoo turan. Na jajjabeessuu fi na gargaaruudhaan ammayyuu Yihowaa duratti iddoo guddaa akkan qabuu fi akka inni na jaallatu akkan hubadhu na gargaaraniiru.”—Malkoom, Seeraa Liyoon.
“Jaalala Yihowaan saba isaatiif qabuu fi jaarmiyaan isaa qulqulluu taʼee itti fufuun isaa baayʼee na gammachiisa. Haa taʼu malee, namoonni kana hin hubanne namoota cubbuu raawwatan gumii baasuun keenya isaan aarsa taʼa. Abbaan keenya inni samii Waaqa jaalala qabeessaa fi dhiifama godhu akka taʼe beekuu kootti baayʼeen galateeffadha.”—Saandii, Yuunaayitid Isteetis.
a Odeeffannoon mata duree kana keessa jiru kan hojjetame dhiirotaaf akka taʼutti taʼus saala lamaaniifuu ni hojjeta.
b Olitti kan caqasame waaʼee namoota yaada hin geeddarannee fi cubbuu hojjechuu isaanii itti fufan gumii baasuuti. Amma garuu jecha Kitaabni Qulqulluun baasuu jedhee ibsetti fayyadamnee gumii keessaa akka baafamanitti isaan waamna.
c Jaarsoliin gumii dhiirota amanamoo fi muuxannoo qaban yommuu taʼan Kitaaba Qulqulluu ni barsiisu; saba Yihowaa ni eegu, akkasumas ni jajjabeessu. Hojii kana kan hojjetan mindaadhaan miti.—1 Pheexiros 5:1-3.
d Namni tokko haala ulfaataa taʼe keessatti gumii dhiisuudhaan gocha dogoggoraa raawwachuu ykn gocha sana gumii keessatti babalʼisuuf yaaluu dandaʼa taʼa. Yeroo haalli akkasii uumamutti ajaja Kitaaba Qulqulluu, “Nagaa isa hin gaafatinaa” jedhu hordofna.—2 Yohaannis 9-11.