LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb23 Fulbaana ful. 7
  • Tiksitoota Wanta Saba Yihowaa Fayyadu Hojjetan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tiksitoota Wanta Saba Yihowaa Fayyadu Hojjetan
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Jaarsolii Gumii Waammadhu’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Namoota Cubbuu Hojjetanitti Jaalalaa fi Araara Argisiisuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Obbolootaa—Jaarsa Taatanii Tajaajiluuf Carraaqaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
mwb23 Fulbaana ful. 7

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Tiksitoota Wanta Saba Yihowaa Fayyadu Hojjetan

Namoonni baayʼeen namoota aangoo irra jiraniif ilaalcha gaarii hin qaban. Akkas kan itti dhagaʼamu maaliif akka taʼe ni hubanna. Ilmaan namootaa waggoota dheeraadhaaf of fayyaduuf jecha aangoo isaanii karaa dogoggora taʼeen fayyadamaa turaniiru. (Mik 7:3) Jaarsoliin gumiiwwan keenya keessatti argaman garuu, aangoo isaaniitti karaa saba Yihowaa fayyaduun akka fayyadaman waan leenjiʼaniif baayʼee galateeffanna.—As 10:3; Mat 20:25, 26.

Jaarsoliin gumii namoota addunyaa aangoo qabatan irraa baayʼee addadha; ilaaltota olaanaa taʼuudhaan hojii isaanii kan raawwatan jaalala Yihowaa fi saba isaatiif qabaniin kakaʼaniiti. (Yoh 21:16; 1Ph 5:1-3) Tiksitoonni kun qajeelfama Yesuus jala taʼuudhaan, babalʼistoonni hundi kutaa maatii waaqeffattoota Yihowaa akka taʼan akka isaanitti dhagaʼamuu fi Yihowaatti dhihaatanii akka jiraatan isaan gargaaru. Hoolota Yihowaa karaa hafuuraa gargaaruuf, akkasumas yeroo yaaliin fayyaa hatattamaa barbaachisuutti ykn balaan gaʼutti gargaarsa gochuuf dafanii tarkaanfii fudhatu. Gargaarsi yoo si barbaachise, dursa fudhattee jaarsa gumii keessanitti argamu tokko maaliif hin haasofsiistu?—Yaq 5:14.

Suuraa viidiyoo “Tiksitoota Hoolota Kunuunsan” jedhamu irraa fudhatame. Jaarsi gumii tokko yommuu Eeliyaasii wajjin wal argutti gammachuudhaan isa hammatee nagaa gaafachaa jira.

VIIDIYOO TIKSITOOTA HOOLOTA KUNUUNSAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Maariyaanaan gargaarsa jaarsolii irraa kan fayyadamte akkamitti?

  • Eeliyaas gargaarsa jaarsolii irraa kan fayyadame akkamitti?

  • Muuxannoowwan kun hojii jaarsoliin raawwatan ilaalchisee maaltu akka sitti dhagaʼamu godhan?

Haalawwan armaan gadii yeroo si mudatan dursa fudhadhuutii jaarsolii haasofsiisi

  • Yoo teessoo ykn lakkoofsa bilbilaa kee jijjiirte

  • Yoo qorumsi cimaan si mudate

  • Yoo yeroo dheeraadhaaf bakka kan biraa deemte

  • Yoo dhibee fayyaa cimaan si mudate ykn hospitaala ciiste

  • Yoo cubbuu cimaa raawwatte

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi