Dubbisuuf Carraaqqii Godhi
BINEENSONNI wanta ati amma raawwachaa jirtu gochuu hin dandaʼan. Namoota 6 keessaa tokko carraa barumsaa waan hin arganneef dubbisuu hin dandaʼu; namoota dubbisuu dandaʼan keessaas baayʼeensaanii yeroo hunda dubbisuuf barsiifata hin qaban. Haataʼu malee, dubbisuu dandaʼuunkee, waaʼee biyyoota kaanii beekuuf, muuxannoo namoota kaaniirraa barumsa argachuufi beekumsa gaarii rakkoowwan si mudatan moʼuuf si gargaaru argachuuf si dandeessisa.
Wanti ijoollee keetiif dubbistu amalasaaniirratti jijjiirama fiduu dandaʼa
Dargaggeessi tokko barumsasaarraa faayidaa argachuunsaa, akka gaariitti dubbisuusaarratti kan hundaaʼedha. Dandeettiin dubbisuusaa, yeroo hojii barbaadutti gosa hojii argachuu dandaʼurratti dhiibbaa kan geessisu ykn hojii hojjeturratti saʼatii hangamii dabarsuu akka qabu kan murteessu taʼuu dandaʼa. Haadhotiin manaa akka gaariitti dubbisan, maatiisaaniitiif nyaata madaalamaa qopheessuu, qulqullina manasaanii eeguufi maatiinsaanii dhukkubaaf akka hin saaxilamne gochuu dandaʼu. Akkasumas, ijoolleensaanii qaroomina sammuu akka qabaatan gochuurratti shoora guddaa qabaachuu danadaʼu.
Hunda caalaa garuu, faayidaa guddaan dubbisuurraa argamu ‘beekumsa Waaqayyoo’ argachuuf kan nama gargaaru taʼuusaati. (Fak. 2:5, NW) Karaawwan Waaqayyoon itti tajaajillu keessaa hedduunsaanii dandeettii dubbisuu gaafatu. Walgaʼiiwwan gumiirratti Caaffanni Qulqullaaʼooniifi barreeffamoonni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan ni dubbifamu. Tajaajilarratti buʼa qabeessa taʼuunkees garri caalaansaa dubbisa keerratti kan hundaaʼedha. Qophiin sochiiwwan kanaaf gootus dubbisuu dabalata. Kanaaf, karaa hafuuraa guddachuunkee barsiifata dubbisuuf qabdurratti kan hundaaʼedha.
Carraa Argattu Baʼeessa Godhii Itti Fayyadami
Namootaaf dubbisuuf carraaqi
Namoonni waaʼee Waaqayyoo barachaa jiran tokko tokko barumsa hin qaban. Namoonni kun gama hafuuraatiin guddina argisiisuuf dubbisuu barachuun isaan barbaachisa taʼa. Yookiinimmoo, dandeettii dubbisasaanii guddifachuuf dhuunfaatti gargaarsi isaan barbaachisuu dandaʼa. Barbaachisaa taanaan, gumiiwwan birooshura Dubbisuu Fi Barreessuu Barachuuf Carraaqqii Godhi jedhamutti fayyadamanii, warra dubbisuufi barreessuu hin dandeenye gargaaruu dandaʼu. Namoonni kumaan lakkaaʼaman qophii kanarraa faayidaa guddaa argataniiru. Akka gaariitti dubbisuun barbaachisaa waan taʼeef, gumiiwwan tokko tokko namoota dandeettii dubbisuusaanii guddifachuu barbaadan gargaaruuf, Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti dabalanii sagantaa kana qopheessu. Bakka qophiin akkasii hin jirrettillee, namni tokko yeroo hunda sagaleesaa ol kaasee dubbisuuf saʼaatii ramaduudhaan, yeroo hunda Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirratti argamuufi hirmaachuudhaan dandeettiisaa guddisuu dandaʼa.
Kan nama gaddisiisu garuu, fiilmiiwwan nama kolfisiisan, sagantaan televijiiniifi wantoonni kaan namoonni hedduun dubbisuuf fedhii akka dhaban godhaniiru. Namni tokko yeroo hunda televijiinii kan ilaaluufi baayʼee kan hin dubbisne yoo taʼe, dandeettiin dubbisuu, dandeettiin sirriitti yaaduufi madaaluu, akkasumas akka gaariitti yaadasaa ibsuuf qabu ni daangeffama.
“Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” barreeffamoota Macaafa Qulqulluu hubachuuf nu gargaaran nuu qopheessa. Barreeffamoonni kun, wantoota jireenya hafuuraatiif barbaachisaa taʼan hedduu qabu. (Mat. 24:45; 1 Qor. 2:12, 13) Kana malees, wantoonni biyya lafaarratti raawwatamaa jiran hiika maalii akka qaban nu hubachiisu; waaʼee uumamaa caalaatti akka barannu nu gargaaru, akkasumas rakkoowwan nu yaaddessan tokko tokko akkamitti hiikuu akka dandeenyu nu barsiisu. Caalaatti garuu, karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun akkamitti isa tajaajiluu akka dandeenyuufi akkamitti isa biratti fudhatama argachuu akka dandeenyu nuu ibsu. Dubbisni akkasii nama hafuuraa akka taatu si gargaara.
Haataʼu malee, akka gaariitti dubbisuu dandaʼuun balaa hin qabu jechuu miti. Dandeettii kana karaa sirrii taʼeen itti fayyadamuu qabna. Akkuma nyaata nyaannu filannu, wanta dubbisnus filachuu qabna. Nyaata faayidaa hin qabne ykn fayyaakee miidhu maaliif nyaatta? Haaluma wal fakkaatuun, akka tasaa barreeffama yaadaafi sammuukee mancaasu yoo argattellee hin dubbisin. Wantoota dubbisnu filachuu ilaalchisee, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluutiin geggeeffamuu qabna. Barreeffama tokko dubbisuukee dura caqasoota armaan gadiirratti yaadi: Lallaba 12:12, 13; Efesoon 4:22-24; 5:3, 4; Filiphisiiyus 4:8; Qolosaayis 2:8; 1 Yohannis 2:15-17; fi 2 Yohannis 10.
Yeroo Dubbistu Ilaalcha Sirrii Qabaadhu
Yeroo dubbisnu ilaalcha sirrii qabaachuun barbaachisaa akka taʼe, seenaawwan Wangeelota keessatti argaman qorachuudhaan hubachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Maatewos Wangeelasaa keessatti, Yesus gaaffii haxxummaa geggeessitoonni amantii macaafota akka gaariitti beekan isa gaafataniif deebii kennuusaa dura, “Hin dubbifne moo isin?” akkasumas “Takkaa hin dubbifnee ree?” jedhee isaan gaafachaa akka ture barreesseera. (Mat. 12:3, 5; 19:4; 21:16, 42; 22:31) Yeroo dubbisnu ilaalcha sirrii qabaachuu baannaan, murtoo sirrii hin taane gochuu ykn yaadasaa guutummaatti utuu hin hubatin akka hafnu seenaa kanarraa hubachuu dandeenya. Fariisonni kana gochuudhaan jireenya barabaraa arganna jedhanii waan yaadaniif Caaffata Qulqullaaʼoo dubbisu turan. Yesus, namoonni Waaqayyoof jaalala hin qabneefi qophii inni fayyinaaf godhe hin fudhanne, jireenya barabaraa akka hin arganne dubbateera. (Yoh. 5:39-43) Fariisonni ofittummaadhaan kakaʼanii Caaffata Qulqullaaʼoo waan qoraniif, beekumsisaanii sirrii hin turre.
Wanti guddaan Dubbii Waaqayyoo akka dubbisnu nu kakaasu jaalala isaaf qabnu taʼuu qaba. Jaalalli ‘dhugaatti waan gammaduuf,’ fedha Waaqayyoo akka barannu nu kakaasa. (1 Qor. 13:6) Kanaan dura dubbisuu kan hin jaallanne yoo taanellee, ‘garaa keenya guutuu’ Yihowaa jaallachuun keenya, beekumsasaa argachuuf akka carraaqnu nu kakaasa. (Mat. 22:37) Jaalalli fedhii akka qabaannu, fedhiinimmoo barachuuf akka kakaanu nu gargaara.
Saffisaan Dubbisuuf Xiyyeeffannaa Kenni
Dubbisuun jechootaa wajjin wal baruu gaafata. Ammumayyuu dubbisaa kan jirtu jechoota waan beektuufi hiikasaanii waan yaadattuufidha. Jechoonni ati beektu baayʼachaa yommuu adeeman, saffisni dubbisa kees dabaluu dandaʼa. Jechoota tokko tokkoon ilaaluu mannaa, jechoota hedduu ergaan takkaa ilaaluuf yaali. Dandeettii akkasii guddifachaa yommuu adeemtu, wanta dubbisaa jirtu caalaatti hubatta.
Waliin dubbisuun maatiin akka walitti dhihaatu godha
Barumsa cimaa taʼe dubbisuudhaan caalaatti faayidaa argachuu yoo barbaadde garuu, mala garabiraatti fayyadamuun si barbaachisa taʼa. Yihowaan Caaffata Qulqullaaʼoo dubbisuu ilaalchisee Iyaasuudhaan, ‘Macaafni seeraa kun afaankee keessaa hin dhabamin, sagaleekee dhageessisii dubbisi’ jedheera. (Iya. 1:8, NW) Yeroo baayʼee namni tokko sagaleesaa dhageessisee kan dubbatu yeroo dhimma sanarratti xiinxaludha. Kanaaf, jechi afaan Ibrootaa ‘sagalee dhageessisanii dubbisuu’ jedhamee hiikame, ‘xiinxaluu’ jedhamees hiikameera. (Far. 63:6; 77:12; 143:5) Namni tokko wanta tokkorratti yommuu xiinxalu, gadi fageenyaan irratti yaada malee hin ariifatu. Irratti xiinxalaa dubbisuun, Dubbiin Waaqayyoo sammuufi garaa keenyarratti dhiibbaa guddaa akka geessisu godha. Macaafni Qulqulluun, raajii, gorsa, fakkeenya, walaloo, murtoo Waaqayyo kenne, kaayyoo Yihowaa balʼinaan ibsameefi seenaa namoota hedduu kan qabate siʼa taʼu, ergaan achi keessa jirus namoota daandii Yihowaarra deemuu barbaadaniif faayidaa guddaa argamsiisa. Karaa sammuufi garaakee tuquu dandaʼuun Macaafa Qulqulluu dubbisuun faayidaa guddaa siif argamsiisa.
Yaadakee Sassaabbachuu Baradhu
Dubbisuunkee karaa hafuuraa guddachuuf si gargaara
Yommuu dubbistu seenaa sana keessa akka jirtu godhii of ilaali. Namoota seenaa sana keessatti ibsaman ija qalbii keetiin ilaaluufi bakkasaanii of kaaʼuudhaan miirasaanii hubachuuf yaali. Seenaa 1 Saamuʼel boqonnaa 17rratti argamu isa waaʼee Daawitiifi Yonaataan ibsu yommuu dubbistu, akkas gochuun hamma tokko sii salphachuu dandaʼa. Haataʼu malee, seenaa macaafa Seera Baʼuufi Seera Lewwootaa keessatti ibsaman kan akka, ijaarsa godoo walgaʼii, hojii lubummaa, balʼina godichaa, miʼawwan hojii ijaarsaa, foolii ixaanaa, akaayii midhaaniifi qalma gubame ija qalbii keetiin ilaaluuf yaalii gochuunkee, dubbisa keerraa faayidaa guddaa argachuuf si gargaaruu dandaʼa. Tajaajilli lubummaa mirga guddaa akkamii akka ture yaadi! (Luq. 1:8-10) Wanta dubbisturratti miiraakee guutuudhaan xiyyeeffachuunkee, wanti dubbisaa jirtu faayidaa inni qabu hubachuufi boodas akka hin irraanfanne si gargaara.
Of eeggannoo hin gootu taanaan garuu, yeroo dubbisuuf jettu yaannikee hiramuu dandaʼa. Ijikee wanta dubbistu utuma ilaaluu, yaannikee iddoo garabiraa dhaquu dandaʼa. Muuziqaan ykn televijiiniin banameeraa? Miseensonni maatiikee haasaʼaa jiruu? Dandaʼamnaan bakka gabii qabutti dubbisuun gaariidha. Taʼus wanti xiyyeeffannaa keenya hiru keessa keenyaa dhufuu dandaʼa. Tarii hojiidhaan muddamtee oolte taʼa. Taanaan, wantoonni bakka hojiitti dabarsite sammuutti dhufanii si jeequu dandaʼu. Wanta guyyaa sanatti dabarsite irra deebitee yaaduunkee gaarii taʼus, yeroo dubbistutti garuu kana gochuu hin qabdu. Yaadakee sassaabbattee ykn kadhannaadhaan dubbisa kana jalqabde taʼa. Haataʼu malee yeroo dubbistu yaannikee si baduu yoo jalqabe, yaadakee sassaabbachuuf yaali. Yaannikee wanta dubbisturratti akka xiyyeeffatu gochuuf of toʼadhu. Kana yoo goote suutuma suuta fooyyaʼaa adeemuu dandeessa.
Jechi hubachuu hin dandeenye tokko yoo si mudate maal gochuu dandeessa? Jechoonni haaraa taʼan tokko tokko hiiknisaanii achumarratti ibsamee taʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo hiikasaa yaada naannoosaatti argamurraa hubachuu dandeessa. Taʼuu baannaan, galmee jechootaa yoo qabaatte achirraa ilaali ykn booddee nama gaafachuu akka dandeessuuf jecha sanarratti mallattoo godhi. Kunimmoo, jechoota baayʼee beekuufi waan dubbiste akka gaariitti hubachuuf si gargaara.
Namootaaf Dubbisuu
Warra kaaniif akka gaariitti dubbisuuf dandeettii qabdu guddifadhu
Phaawulos ergamaan, Ximotewos dubbisuuf carraaqqii akka godhu yommuu isa gorse, keessumaa namootaaf akka dubbisu isatti himuusaa ture. (1 Xim. 4:13) Namootaaf akka gaariitti dubbisuu jechuun, jechoota achirratti argaman dubbisuu caalaa gaafata. Namni dubbisu sun hiika jechoota achirratti argamaniifi yaadasaanii sirriitti hubachuu qaba. Yaada jechootaa sirriitti dabarsuufi miirasaanii akka gaariitti calaqqisuu kan dandaʼu yoo kana godhe qofadha. Kunimmoo akka gaariitti qophaaʼuufi shaakaluu gaafata. Phaawulos, “Namootaaf dubbisuutti, . . . of kenni!” jechuudhaan gorsa kan kenne kanaafi. Gama kanaan Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa leenjii guddaa argatta.
Dubbisuuf Yeroo Ramadi
“Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba, wanti ariitiidhaan hojjetamu hundinuu hiyyeessa nama godha.” (Fak. 21:5) Jechi kun fedhii dubbisuudhaaf qabnurrattis ni hojjeta. “Buʼaa” argachuu yoo barbaanne, sochiiwwan garabiraan yeroo itti dubbisnu akka nu hin dhabsiisnetti dhimminee hojjechuu qabna.
Yoom yoom dubbista? Ganamamoo guyyaa dubbisuu filattaa? Guyyaa guyyaatti daqiiqaa 15 ykn 20 qofallee dubbisaaf yeroo yoo ramadde, baayʼee dubbisuu akka dandeessu hubatta. Wanti barbaachisaa taʼe yeroo hunda dubbisuu keeti.
Yihowaan kaayyoonsaa inni guddaan barreeffamaan akka taaʼu maaliif filate? Namoonni barreeffama kana akka dubbisaniifidha. Barreeffamni kun, hojiiwwan Yihowaa warra dinqisiisoo qorachuuf, ergaasaa ijoolleesaaniitti himuufi wanta Waaqayyo godhe yaadachuuf isaan gargaara. (Far. 78:5-7) Gaarummaa Yihowaan gama kanaan nuu godheef dinqisiifannaa qabnu argisiisuuf karaan hundarra caalu, Dubbiisaa isa jireenya argamsiisu dubbisuuf carraaquudha.