LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 4/09 ful. 2
  • Warra Dubbisuu Hin Dandeenye Barsiisi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Warra Dubbisuu Hin Dandeenye Barsiisi
  • Tajaajila Mootummaa—2009
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dubbisuuf Carraaqqii Godhi
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Namoota Dubbisuun Isaan Rakkisu Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Ijoolleen Dubbisuun Isaanii Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi?—Kutaa 1: Dubbisuu moo Ilaaluu?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Kitaaba Qulqulluu Dubbisuudhaan Faayidaa Guddaa Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2009
km 4/09 ful. 2

Warra Dubbisuu Hin Dandeenye Barsiisi

1. Tajaajilarratti rakkina akkamiitu nu mudachuu danda’a?

1 Yommuu tajaajilarratti hirmaannu, darbee darbee namoonni dubbisuu hin dandeenye nu mudatu. Namoota kanammoo dhugaa barsiisuun rakkisaa ta’uu danda’a. Namoota kana gargaaruuf maal gochuu dandeenya?

2. Namoota dubbisuu hin dandeenye akka kabajnu argisiisuu kan dandeenyu akkamiitti? Namoota akkasii kabajuu kan qabnu maaliifi?

2 Isaan Kabaji: Yihowaa biratti bakki guddaan kan kennamuuf, sadarkaa barnootaa nama tokkoo utuu hin ta’iin, haala garaa namichaati. (1 Sam. 16:7; Fak. 21:2) Kanaaf, namoota dubbisuu hin dandeenye tuffachuu hin qabnu. Namoota akkasii yoo kabajneefi yoo isaanii obsine, gargaarsa goonuuf fudhachuu danda’u. (1 Phe. 3:15) Kunimmoo, namoonni kun keeyyata ykn caqasa tokko akka dubbisan dirqisiisuurraa of qusachuu dabalata. Namni tokko suutuma suuta yommuu dhugaa Macaafa Qulqulluu barachaa adeemu, fedhii inni dubbisuuf qabu dabalaa adeema. Kana malees, gammachuu ‘halkaniifi guyyaa’ Dubbii Waaqayyoo dubbisuudhaan argamu dhamdhamuuf caalaatti hawwii qabaachaa deema.—Far. 1:2, 3.

3. Namoota dubbisuu hin dandeenye barsiisuuf tooftaawwan akkamiitti fayyadamuu danda’ama?

3 Malawwan Addaddaatti Fayyadamanii Macaafa Qulqulluu Qayyabsiisuu: Fakkiiwwaniin fayyadamuun keenya, akka gaariitti namoota barsiisuufi wanta baratan akka yaadatan gochuurratti shoora guddaa qaba. Baratichi fakkii barreeffama qayyabachaa jirurraa maal akka hubate gaafachuu dandeessa. Achiis, barumsa fakkicharraa argamu akka hubatu isa gargaaruuf gaaffiiwwan tokko tokko gaafadhu. Fakkicha ilaalchisee caqasawwan qabxii baratichi hubachuu qabu ibsan tokko tokkotti fayyadami. Barumsicha irra deebi’uufis fakkiiwwaniin fayyadamuun ni danda’ama. Yeroo tokkotti barumsa hedduu hin barsiisin. Qabxiiwwan ijoo barumsicha keessatti argaman akka gaariitti ibsi malee, waan barumsichaa wajjin hin adeemne keessa hin galiin. Caqasoota kallattiidhaan Macaafa Qulqulluu keessaa dubbisi; akkasumas waan dubbifame akka hubate gaafadhu. Kana gochuun, fedhii dubbisasaa fooyyessuuf qabu isaaf guddisuudhaan, caalaatti dhugaa Macaafa Qulqulluu ofumasaatiin hubachuuf fedhii akka qabaatu isa kakaasa.

4. Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu dubbisuu akka danda’an akkamitti gargaaruu dandeenya?

4 Meeshaalee Dandeettii Dubbisuu Namaa Fooyyessan: Namoonni dubbisuu hin dandeenye ykn kanaan dura akka gaariitti dubbisuuf carraa hin arganne, odeeffannoo dhihaatu akka gaariitti hubachuufi qabachuun isaan hin rakkisu. Barreeffamoota keenya warra kaasseettiidhaan qophaa’anitti akka fayyadaman isaan jajjabeessuu dandeessa. Barreeffama sana qabatanii kaasseettii sana dhaggeeffachuun, akkasumas sagalee gadi qabanii wanta dhaga’an sana irra deebi’uun, dandeettiisaanii akka guddifatan isaan gargaaruu danda’a. Birooshurri Dubbisuu fi Barreessuu Barachuuf Carraaqqii Godhi jedhamus isaan gargaaruu danda’a. Bakka tokko tokkotti jaarsoliinis gumii keessatti kutaa shaakala dubbisaa qopheessuu danda’u. Gorsi kun, namoonni dubbisuu hin dandeenye, “caaffata qulqullaa’aa” fayyina isaanii argamsiisu akka hubatan gargaaruuf nu dandeessisa.—2 Xim. 3:15.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi