Namoota Dubbisuun Isaan Rakkisu Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?
1. Namoota dubbisuun isaan rakkisu Macaafa Qulqulluu barsiisuun ulfaataa kan taʼe maaliifi?
1 Namoonni dubbisuun isaan rakkisu wantoota hafuuraatiif fedhii kan qaban taʼus, Macaafa Qulqulluufi kitaabota kan biroo dubbisuu sodaachuu dandaʼu. Namoota akkasii guyyuma jalqabaatti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu yoo isaanii kennine nuu milkaaʼuu dhiisuu dandaʼa. Maarree, karaa hafuuraa isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Babalʼistoonni muuxannoo qabaniifi biyyoota 20 ol keessa jiraatan yeroo kanatti maal akka godhan isaan gaafanneerra. Isaanis yaada armaan gadii nuu kennaniiru.
2. Nama dubbisuun isa rakkisu gargaaruuf barreeffamoota kamitti fayyadamuu dandeenya?
2 Baratichi dubbisuu kan hin dandeenye ykn akka gaariitti kan hin dubbisne yoo taʼe, tarii birooshura Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamu ykn Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu jedhamutti fayyadamuu dandeessa taʼa. Qajeelchaan Yunaayitid Isteetis keessa jiraatu tokko, birooshuroota lamaanuu namichatti erga argisiisee booda isa kam akka wayyuuf isa filachiisa. Waajjirri damee Keeniyaa, uummanni Afriikaa akka aadaasaaniitti gaaffiifi deebiidhaan utuu hin taʼin seenaa dhaggeeffachuudhaan waan barataniif, birooshuroonni kun achitti buʼa qabeessa akka taʼan gabaaseera. Namni barate dubbisaafi gaaffiidhaan barachuu kan jaallatu taʼus, malli kun nama barumsa idilee muraasa qabutti toluu dhiisuu dandaʼa. Barataan Macaafa Qulqulluu tokko hamma tokko dubbisuu yoo dandaʼe, babalʼistoonni hedduun birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu ykn Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa! jedhamu, yookiinimmoo tarii Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu kitaaba jedhamutti fayyadamu.
3. Namoota dubbisuu hin dandeenye barsiisuurratti akka nuu milkaaʼuuf maal hubachuu qabna?
3 Isaan Dinqisiifadhaa: Namoonni dubbisuu hin dandeenye, qaanaʼuu dandaʼu taʼa; hedduunsaaniimmoo buʼaa akka hin qabnetti of ilaaluu dandaʼu. Dhugaa yeroo isaan barsiisnutti akka isaan tasgabbaaʼan gochuunis barbaachisaadha. Namoonni dubbisuu hin dandeenye baayʼeensaanii hubannaa gaarii kan qabaniifi barachuu kan dandaʼanidha. Ulfinaan isaan qabuu hin dagatinaa. (1 Phe. 3:16) Carraaqqiin isaan gochaa jiran buʼaa akka qabuufi guddina hafuuraa gochaa akka jiran yoo beekan, qayyabannaasaanii itti fufuu dandaʼu. Kanaafuu isaan dinqisiifachuurraa duubatti hin jedhinaa.
Namoonni dubbisuu hin dandeenye, tarii qaanaʼuu dandaʼu; hedduunsaaniimmoo waan tokkoyyuu buʼaa akka hin qabne isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Dhugaa yeroo isaan barsiisnutti akka isaan tasgabbaaʼan gochuunis barbaachisaadha.
4. Namoonni dubbisuun isaan rakkisu qayyabannaadhaaf akka qophaaʼan isaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Namni isin qayyabsiistan dubbisuun kan isa rakkisu yoo taʼellee, qayyabannaasaatiif akka qophaaʼu jajjabeessaa. Babalʼistoonni Afriikaa Kibbaa keessatti argaman tokko tokko, barattoonnisaanii miseensa maatii ykn hiriyaasaanii sirriitti dubbisuu dandaʼu gargaarsa akka gaafatan isaan jajjabeessu. Babalʼisaan Biritaaniyaa keessa jiraatu tokko, barattoonnisaa kitaabasaanii yoo jala sararan deebiisaa argachuun hammam salphaa akka taʼe akka hubatan gargaaruuf, yeroo qayyabannaasaaniitti kitaabasaatti fayyadamanii keeyyata muraasa akka qayyabatan godha. Obboleessi biyya Hindii tokkommoo, barattoonnisaa torban dhufuuf fakkiiwwan mataduree sana keessa jiran dursanii ilaaluudhaan akka irratti xiinxalan isaan jajjabeessa.
5. Yeroo qayyabannaa geggeessinu obsa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
5 Obsa Qabaadhaa: Barreeffama kamittiyyuu yoo fayyadamtan, yaada ijoorratti xiyyeeffachuudhaan barataan keessan akka gaariitti akka hubatu godhaa. Jalqabarratti, marii daqiiqaa 10 hanga 15 fudhatu gochuun gaʼaadha. Yaada baayʼeerratti mariʼachuuf yaaluu mannaa, yeroo tokkotti keeyyata muraasarratti qofa mariʼadhaa. Baratichi kan dubbisu suuta jedhee yoo taʼee obsa qabaadhaa. Dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabu yeroo guddifachaa deemu, dandeettii dubbisasaas fooyyeffachaa deemuunsaa hin oolu. Barataa keessan gama kanaan gargaaruuf, jalqabumaa kaasee walgaʼii gumiirratti akka argamu isa afeeraa.
6. Namni tokko dubbisuu akka baratu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
6 Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabatan, dubbisuu yoo baratan karaa hafuuraa dafanii guddatu. (Far. 1:1-3) Obboloonni hedduun birooshura Dubbisuu Fi Barreessuu Barachuuf Carraaqqii Godhi jedhamutti fayyadamanii dhuma qayyabannaarratti daqiiqaa muraasaaf barattootasaanii gargaaru. Barataan tokko abdii yoo kutate, wantoota barachuu dandaʼe tokko tokko addaan baastanii isaaf caqasuudhaan ofitti amanannaa akka qabaatu gochuu dandeessu. Yihowaan carraaqqiisaa akka isaaf eebbisu mirkaneessaafi; gargaarsa argachuuf akka kadhatus isa jajjabeessaa. (Fak. 16:3; 1 Yoh. 5:14, 15) Babalʼistoonni Biritaaniyaa keessa jiraatan tokko tokko, barattoonnisaanii galma duraa duubaan bira gaʼuu dandaʼan akka baafatan, jechuunis tarii dura qubee addaan baasanii akka beekan, achiis caqasoota baasanii akka dubbisan, dhumarrattimmoo barreeffamoota Macaafa Qulqulluu salphaa taʼan akka dubbisan isaan jajjabeessu. Namoonni dubbisuu akka dandaʼan barsiisuun, yeroo baayʼee akkamitti akka dubbisan qofa utuu hin taʼin fedhii akka qabaatan isaan kakaasuus kan dabalatudha.
7. Namoota dubbisuun isaan rakkisutti dhugaa himuurraa duubatti jechuu kan hin qabne maaliifi?
7 Yihowaan namoota barumsa guddaa hin qabne hin tuffatu. (Iyo. 34:19) Inni kan ilaalu garaa namootaati. (1 Sen. 28:9) Kanaafuu, namoota dubbisuun isaan rakkisutti dhugaa himuurraa duubatti hin jedhinaa. Barreeffamoota qayyabannaa ittiin jalqabsiisuu dandeessan hedduu qabdu. Yeroo booda kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamutti isa ceesisuufi Caaffata Qulqullaaʼoo caalaatti akka hubatu isa gargaaruu dandeessu.