Sagantaa Haaraa Guyyaa Walga’ii Addaa
1 Sab-quunnamtiifi barumsi biyya lafaa qabeenya horachuu yoo jajjabeessan iyyuu, sagaleen Waaqayyoo garuu ‘Hojii Gaarii Hojjechuun kan Sooromtan Ta’aa’ jedhuudhaan nu gorsa. (1 Xim. 6:18) Kunis mata-duree walga’ii addaa Caamsaa 2003 jalqabuuti. Walga’ii kana irraa jajjabina akkamii argannaa?
2 Ilaaltuun ol aanaa aanaa ‘Fuula Waaqayyoo Duratti kan
Sooroman Ta’uun’ maal jechuu akka ta’e ni ibsa. Akkasumas karaa hafuuraa sooressa ta’uuf obboloota tattaaffatan tokko tokkoof gaaffiifi deebii godha. Daawwatichi haasawaa isaa isa jalqabaa irratti, sabni Waaqayyoo ‘Yeroo midhaan sassaabamu kanatti hojii gaarii’ akkamitti raawwachaa akka jiran ibsa. Hundi keenya hojii midhaan sassaabuu Waaqayyo ajajeefi yeroo har’aa hojetamaa jiru kana irratti guutummaatti akkamitti akka hirmaannu yaada jajjabinaa arganna.
3 Dargaggoonni Kristiyaanaa karaa hafuuraa sooromuuf yeroo tattaaffatan arguun keenya hangam nu gammachiisaa! Kun immoo Yihowaaf ulfina fida, akkasumas dargaggootaaf mirga addaa tajaajilaa isaan eeguuf bu’uura gaarii kaa’uuf isaan gargaara. Kutaan “Dargaggoota Hojii Gaariidhaan Yihowaa Jajan Galateeffachuu” jedhu, gochawwan gaarii dargaggoonni aanicha keessatti raawwatan ni ibsa.
4 Hojii gaarii hordofuun bu’aa maalii qabaa? Daawwatichi haasawaa isaa isa xumuraa “Hojii Gaarii Hojjechuufi Eebba Yihowaa Argachuu Keessan Itti Fufaa” jedhu irratti gaaffii kanaaf ibsa ni kenna; akkasumas karaa itti eebba Yihowaa argachuu dandeenyu arfan nu hubachiisa. (1) Dhuunfaatti (2) Maatiidhaan, (3) Gumiittifi (4) Jaarmiyaadhaan.
5 Namoonni Yihowaaf of murteessan cuuphamuuf carraa gaarii qabu. Tarkaanfii kana fudhachuuf qophoofteetta taanaan, yeruma sana sassaabaa ilaaltuu ol aanaatti beeksisi.
6 Gumii keessanitti Guyyaan wal ga’ichi itti gaggeeffamu yeroo beeksifamu, walga’ii kana irratti argamuuf dafii karoora baasi. Faarfannaafi kadhannaa jalqabaa irratti argamuu akka dandeessutti dursii ga’uuf yaali. Sagantaa walga’ii addaa kana irratti argamuufi guutummaa sagantaa kanaa xiyyeeffannaan hordofuun keenya, Waaqa keenya Yihowaa duratti karaa hafuuraa sooreyyii ta’uu keenya akka itti fufnu yaada jajjabinaa nuuf kenna.