Sagantaa Haaraa Walga’ii Addaa
Matadureen sagantaa walga’ii addaa waggaa tajaajilaa 2009 ‘Hojii Isa Fudhattan Sana Raawwadhaa!’ jedhuufi Qolosaayis 4:17rratti kan hundaa’edha. Kiristiyaana waan taaneef gorsa kanaaf xiyyeeffannaa guddaa kennina. Kaayyoon qabnu akkuma Yesus tajaajila keenya amanamummaan raawwachuudha. (Yoh. 17:4) Phaawulos tajaajilasaa raawwachuuf murteessee waan tureef, gama kanaan fakkeenya gaarii nuu ta’a.—HoE. 20:24.
Kutaan daawwataa olaanaa aanaatiin dhihaatu, babal’istoonni hedduun rakkoowwan tajaajilarratti isaan mudate akkamitti akka mo’an ibsa. Achiis haasawaan “Isa Dhaabdan Kunuunsaa” jedhuun dhihaatu namoota “jireenya barabaraatiifis kanqophaa’an” akkamitti gargaaruu akka dandeenyu addeessa. (HoE. 13:48, hiika bara 1899) Obboleessi haasawaa daawwannaa dhiheessu jalqaba mataduree “Akka Tajaajiltoota Waaqayyootti Kan Of Dhiheessinu Akkamitti?” jedhu 2 Qorontos 6:1-10rratti hundaa’uun caqasa caqasaan ibsa. Waaree boodammoo mataduree “Tajaajila Keessaniif Bakka Guddaa Kennaa” jedhu dhiheessa. Kutaawwan “Dargaggoonnis Ta’e Maanguddoonni Tajaajilatti Gammadaa”, akkasumas “Dargaggoota Guutummaatti Tajaajilasaanii Raawwatan” jedhuun dhihaaturraa jajjabina akka argattan hin shakkisiisu. Warri of murteessuusaanii bishaaniin cuuphamuun argisiisuu barbaadan, utuu hin turin sassaabaa ilaaltuu olaanaa beeksisuu qabu. Kutaawwan barbaachisaa walga’ii addaa, aanaafi koonyaarratti godhamu keessaa tokko qayyabannaa Masaraa Eegumsaa taasifamudha. Barruu torban walga’iin addaa godhamutti qayyabatamu fudhattanii dhufuu hin dagatinaa.
Tajaajila keenya raawwachuuf fedhiifi sochiiwwan wanta Yihowaan adaraan nutti kenne akka hin raawwanne nu taasisan kaan akka hin jiraanne mirkaneessuuf carraaquu qabna. Jajjabinni guyyaa walga’ii addaa kanarratti Caaffata Qulqullaa’aarraa argannu, hundi keenya tajaajilarratti xiyyeeffachuufi guutummaatti raawwachuuf maal gochuu akka qabnu qorree hubachuuf nu gargaara.