Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Sadaasa 10 Jalqabu
Faarfannaa 28 (224)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu raabsuudhaan naannoo tajaajilaa guutummaatti hojjetanii raawwachuun guddina gumichi argisiise yaada ilaaltuu olaanaa tajaajilaarraa argame itti dabalii dhiheessi. Babal’istoonni hedduun Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddeefi Dammaqaa! Onkoloolessaa raabsaa waan jiraniif bu’aa gaarii argatan akka dubbatan gaafadhu.
Daq. 15: Jaalalaafi Arjummaa Argisiisaa. Haasawaa Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 15, 2008, ful. 6-7rratti hundaa’ee jaarsaan dhihaatu.
Daq. 20: “Wanta Gati Jabeessa Namaaf Hirru Qabna.” Keeyyata 2rratti si’a mari’attan, dhugaan Macaafa Qulqulluu gara jaarmiyaa Yihowaatti akka dhufan isaan kakaase ykn yeroo cuuphamanii kaasee caalaatti dinqisiifatan isa kam akka ta’e dhaggeeffattoota gaafadhu.
Faarfannaa 25 (204)
Torban Sadaasa 17 Jalqabu
Faarfannaa 9 (37)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman.
Daq. 15: Saanduqa Gaaffii.
Daq. 20: “Barsiisaa Ta’uu Dandeessa!” Babal’isaa ykn qajeelchaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf ga’umsa akka hin qabne itti dhaga’amu mo’e tokkoof gaafannoo godhi. Gargaarsa argachuuf Yihowaatti kan amaname akkamitti? Jaarmiyaan Yihowaa ga’umsa akka qabaatuuf karaawwan murtaa’aniin gargaarsa akkamii godheeraaf? Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuudhaan eebba akkamii argate?
Faarfannaa 16 (143)
Torban Sadaasa 24 Jalqabu
Faarfannaa 21 (191)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumiin godheef xalayaan galateeffannaa waajjira dameerraa ergame yoo jiraate dubbisi.
Daq. 20: Akka gumichaaf barbaachisutti itti fayyadamaa.
Daq. 15: Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddeefi Dammaqaa! Sadaasaa raabsuuf qophaa’uu. Barruulee kanarratti yaada gabaabaa erga kennitee booda, namoota naannoo tajaajilaasaaniitti argaman mataduree kamtu isaan hawwachuu akka danda’u dhaggeeffattoota gaafadhu. Matadureewwan kana beeksisuuf gaaffiiwwaniifi caqasoota kamitti fayyadamu? Akkaataawwan dhiheenyaa Tajaajila Mootummaarratti dhihaatanitti akkamitti fayyadamuun akka danda’amu hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi. Jaarsi tokko mataduree naannoo sanaaf ta’urratti qophaa’ee haa dhiheessu.
Faarfannaa 17 (187)
Torban Muddee 1 Jalqabu
Faarfannaa 11 (85)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajila Sadaasaa akka deebisan yaadachiisi.
Daq. 15: Muuxannoowwan gumii keessaa argaman. Tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu raabsuun naannoowwan tajaajilaa meeqa akka hojjetaman dubbadhu. Dhaggeeffattoonni tiraakticha yommuu raabsan ykn tiraaktichatti fayyadamanii qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf si’a carraaqanitti muuxannoo argatan akka dubbatan afeeri. Sadaasatti kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ennaa raabsanitti muuxannoo nama jajjabeessu argames akka dubbatan gaafadhu. Muuxannoo ba’eessa argame tokko ykn lama hojiin argisiisaan dhiheessuun ni danda’ama.
Daq. 20: “Namoonni Haaraa Mormii Isaan Mudatu Akka Mo’an Qopheessaa.” Keeyyata 2rratti si’a mari’attan, yaanni kitaaba Ragaa Dhiheessuu jedhamu mataduree “Dhugaa Baatota Yihowaa” jedhu jala jiru, barataan Macaafa Qulqulluu gaaffii firoota isaa yaadaniifi hiriyootarraa dhihaatuuf deebii kennuuf akkamitti akka gargaaru gabaabsii ibsi.
Faarfannaa 28 (224)
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen jalqabamee gaaffiifi deebiin kan dhihaatu.