Namoonni Haaraa Mormii Isaan Mudatu Akka Mo’an Qopheessaa
1 Namoonni yeroo isaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabaniifi ‘nama Waaqayyoo ta’anii jiraachuu hawwan,’ Seexanni xiyyeeffannaa addaa isaanirratti godha. (2 Xim. 3:12) Mormiin namoota wajjin hojjetan, hiriyoota wajjin baratan ykn ollaarraa dhufuu danda’a. Keessumaa firoonni isaanii yaadan yeroo isaan morman baay’ee itti ulfaachuu danda’a.—Mat. 10:21; Mar. 3:21.
2 Mormiin Akka Ga’u Raajiin Dubbatameera: Namoonni haaraan ari’atamni akka isaanirra ga’u eeguu akka qabaniifi kunis duuka bartoota Kiristos warra dhugaa akka ta’an kan argisiisu ta’uusaa hubachuu qabu. (Yoh. 15:20) Al tokko tokko namoota kaanirraa mormiin kan dhufu, waa’ee Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalcha dogoggoraa qabaachuusaaniin ta’uu danda’a. Duuka buutuu Yesus ta’uufi Waaqayyoof abboomamuu keenyaan warra kaan biratti ulfina dhabuun, gammachuu guddaa kan argamsiisu ta’uusaa yaadadhaa. (HoE. 5:27-29, 40, 41) Namoota haaraa ta’an Yihowaan akka isaan gargaaru mirkaneessaafii. (Far. 27:10; Mar. 10:29, 30) Amanamummaasaanii eeguun gaaffii olaantummaarratti ka’e ilaalchisee Yihowaa cina dhaabachuusaanii mirkaneessa.—Fak. 27:11.
3 Ga’ee Beekumsi Sirriin Qabu: Qorumsi irra ga’us barattoonni Macaafa Qulqulluu beekumsa sirrii argachuusaanii itti fufuun barbaachisaa akka ta’e isaan hubachiisaa. Seexanni mormiitti fayyadamee wanti baratan garaasaanii keessatti hundee akka hin godhanne gochuuf yaala. (Fak. 4:23; Luq. 8:13) Hundee amantiisaanii jabeeffachuuf Dubbii Waaqayyoo ilaalchisee beekumsa sirrii argachuusaanii itti fufuu qabu.—Far. 1:2, 3; Qol. 2:6, 7.
4 Barbaachisummaa Jabaatanii Dhaabachuu: Rakkinni akkamii yoo nu mudate jabaatanii dhaabachuun barbaachisaa ta’uusaarrayyuu bu’aa gaarii argamsiisa. (Luq. 21:16-19) Warri haaraan mormii isaanirra ga’u jala jabaatanii dhaabachuunsaanii isaaniifis ta’e namoota kaaniif faayidaa argamsiisa. Yihowaan warra amanamummaan jabaatanii dhaabatan akka eebbisu muuxannoo mataasaaniirraa arguu danda’u.—Yaq. 1:12.
5 Phaawulos obboloonni Tasaloniiqee guddina isaan karaa hafuuraa godhanitti gammadee ture. Baay’eensaanii dhugaa akka beekaniif kan isaan gargaare isa waan tureef guddina argisiisaniif Yihowaa galateeffateera. (2 Tas. 1:3-5) Nuyis namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu mormii isaanirra ga’u akka mo’aniifi jabaatanii akka dhaabatan kan isaan qopheessinu taanaan, gammachuu akkasii argachuu dandeenya.