Sagantaa Haaraa Walga’ii Addaa
Matadureen sagantaa walga’ii addaa waggaa tajaajilaa 2008 “Nuyi Supheedha; Yihowaan Akka Nama Suphee Dha’uutti Nu Tolcha” jedhuufi Isaayaas 64:8, NW irratti kan hundaa’edha. Gorsi Caaffata Qulqullaa’oo sagantaa kanarratti nuu dhihaatu, Yihowaan Suphee Dha’aa Guddicha ta’uudhaan ogummaa, qajeelummaa, humnaafi jaalala inni nutti argisiise akka dinqisiifannu nu gargaara.
Haasawaan mataduree “Akka Qodaa Ulfinaatti Tajaajilarratti Hirmaachuu” jedhuufi daawwataa olaanaa aanaatiin dhihaatu, namoonni baay’een dhugaa baruufi warra kaaniif hiruurratti akkamitti eebba argachaa akka jiran argisiisa. Haasawaan “Xiinxaluun Eegumsa Isiniif Ta’a” jedhu, seerawwan bu’uuraa Yihowaarratti gadi fageenyaan xiinxaluun akkamitti akka nu eegu ibsa. Obboleessi haasawaa daawwannaa dhiheessu mataduree, “Fakkeenya Jireenya Bara Isa Darbu Kanaa Duukaa Hin Bu’inaa” jedhuufi “Waaqa Isa Akka Supheetti Isin Tolchuuf Kan Mijooftan Ta’aa” jedhuun haasawaa kenna. Warriifi dargaggoonni kutaawwan “Dargaggoota Yihowaadhaaf Dhimma Baasan” jedhuufi “Ga’ee Guddaa Warri Ijoollee Leenjisuurratti Qaban” jedhurraa jajjabina argatu. Hojiin argisiisaafi gaafannoowwaniin obboloonni keenya tajaajilarratti maal hojjechaa akka jiran arguufi dhaga’uutti ni gammanna. Warri Waaqayyoof of murteessuusaanii bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisuu barbaadan, utuu hin turin sassaabaa ilaaltuu olaanaatti beeksisuu qabu. Masaraa Eegumsaa torban walga’iin addaa godhamutti qayyabatamu fudhattanii dhufuu hin dagatinaa.
Suphee Dhooftuun Guddichi wanta karoorfate hundaa ni raawwata. Haata’u malee, qajeelfama inni nu qaqqajeelchuuf kennu fudhachuufi dhiisuuf filachuun tokkoo tokkoo keenyarratti kan hundaa’edha. Warri qajeelummaafi sirreeffama Yihowaatiif ajajaman akka suphee geengoo suphee dhooftuurra jiruu sirreeffamuu, fooyya’uufi gara qodaa faayida qabeessa ta’etti jijjiiramuu danda’u. Yihowaa deggeruudhaan olaantummaasaa ol ol gochuufi eebbaawwan hedduu argachuu dandeenya.