Qayyabannaa 2
Jechoota Sirriitti Dubbachuu
NAMOOTAA wajjin akka gaariitti mariʼachuuf jechoota sirriitti dubbachuu qabda. Yaanni ati dubbachuu barbaadde kan namatti toluufi baayʼee barbaachisaa taʼuu dandaʼus, waan ati jettu salphaatti namaa hin galu taanaan faayidaa hin qabaatu.
Haasaan namaa hin galle hojiidhaaf nama hin kakaasu. Namni sagalee guddaafi akka gaariitti dhagaʼamu qabu tokkollee, jechoota karaa ifa taʼeen hin dubbatu taanaan, haasaansaa hojiidhaaf nama hin kakaasu. Haasaansaa afaan dhaggeeffattoonnisaa dhagaʼuufi hubachuu hin dandeenyeen dubbachuu wajjin kan wal fakkaatu taʼa. (Er. 5:15) Macaafni Qulqulluun, “Sagaleen fiingee gargar baʼee yoo dhagaʼamuu dhaabaates, eenyutu lolaaf qophaaʼa ree? Isinis akkasuma, arraba keessaniin waan hin hubatamne yoo dubbattan, namni attamitti waan isin jettan beekuu dandaʼa ree? Isin akka waan qilleensatti dubbattanii ti” jechuudhaan ibsa.—1 Qor. 14:8, 9.
Jechoonni Sirriitti Akka Hin Dhagaʼamne Kan Godhan Maalfaʼi? Akka gaariitti afaan bananii dubbachuu dhiisuun rakkina akkasii fiduu dandaʼa. Mangaagaafi hidhiin keenya akka gaariitti hin sochoʼu taanaan, sagaleen afaan keenya keessaa baʼu kan ukkaamame taʼuu dandaʼa.
Daddafanii dubbachuunis, haasaan tokko hubachuuf kan nama rakkisu akka taʼu gochuu dandaʼa. Kunimmoo haasaa kaasseettiidhaan waraabamee saffisaan akka dubbatu godhamee wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Jechoonni hundi kaasseetticharra yoo jiraataniyyuu, haasicharraa faayidaa guddaan utuu hin argamin hafa.
Yeroo tokko tokkommoo, rakkinni kun rakkina qaama dubbii wajjin wal qabate taʼuu dandaʼa. Taʼus, namoonni rakkina akkasii qaban gorsa asirratti kenname hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuudhaan fooyyessuu dandaʼu.
Haataʼu malee, yeroo baayʼee rakkoon akkasii, jechoota liqimsuu ykn jechoota hedduu walitti dubbisuudhaan uumama; kunis haasaan tokko akka hin hubatamne gochuu dandaʼa. Tarii rakkinni kun, birsaga ykn qubeewwan barbaachisaa taʼan ykn qubeewwan dhuma jechaarratti argamanirra utaaluurraa kan dhufu taʼuu dandaʼa. Namni tokko karaa hubachuuf nama rakkisuun jechoota walitti qabee kan dubbatu yoo taʼe, dhaggeeffattoonni yaadaafi gaa leewwan muraasa qofa kan hubatan yoo taʼes, warra kaan garuu tilmaamuuf dirqamu. Kanaaf, namni tokko jechoota sirriitti dubbachuu dadhabuunsaa, karaa buʼa qabeessa taʼeen akka hin barsiisne isa danquu dandaʼa.
Jechoota Sirriitti Dubbachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti? Jechoota sirriitti dubbachuuf wanta barbaachisu keessaa inni tokko, jechoonni afaan ati dubbattuun akkamitti akka ijaaraman hubachuudha. Afaanota hedduu keessatti jechoonni birsagootarraa ijaaramu. Birsagoonni qubee tokko ykn isaa ol taʼaniifi takkaatti dubbatamanirraa kan ijaaramanidha. Afaanota akkasii keessatti, birsagoonni hundi sagalee wal fakkaatuun dubbifamuu baatanis, hundisaanii dhagaʼamuu qabu. Dandeettii kana fooyyessuu yoo barbaadde, suuta jettee dubbachuufi birsagoota hunda waamuuf yaali. Jalqabarratti garmalee kan of eeggattu si fakkeessuu dandaʼus, shaakalakee yommuu itti fuftu garuu suutuma suuta haasaankee akka gaariitti kan dhagaʼamu taʼaa dhufa. Siʼaayinaan haasaʼuuf jechoota tokko tokko walitti qabaatti dubbachuu akka dandeessu beekamaa taʼus, ergaa jechoota sanaa ni dhoksa taanaan garuu akkas gochuurraa of qusadhu.
Wanta of eeggannoo irratti gochuu qabdu: Jechoota sirriitti dubbachuuf, yeroo dubbistuufi yeroo dubbattu garmalee of eeggatta taʼa. Haataʼu malee, kun akkaataa dubbii uumamaa keerratti dhiibbaa akka geessisu gochuu hin qabdu. Kana yoo goote, namoota kan akkeessituufi akkaataa dubbii uumamaa keetiin kan hin dubbanne si fakkeessuu dandaʼa.
Yommuu dubbattu sagaleenkee ni ukkaamama taanaan, boquukee akka gaariitti ol qabdee dubbachuu shaakali. Macaafa Qulqulluurraa yommuu dubbistu macaaficha ol kaastee yoo qabatte, boquukee baayʼee utuu gad hin qabin ol jettee dhaggeeffattoota erga ilaaltee booda dubbisa keetti deebiʼuu dandeessa. Kunimmoo wanti ati dubbattu sirriitti akka dhagaʼamu godha.
Utuu hin dhiphatin dubbachuunkees haasaakee sii fooyyessuu dandaʼa. Ribuuwwan fuulaa ykn qaamawwan hafuura baafachuuf gargaaran dhiphataniiru taanaan, haasaa gaarii akka hin dhiheessine si gochuu akka dandaʼan beekamaadha. Sammuu, qaamota sagaleen akka uumamu godhaniifi hafuura ofii toʼachuu gidduu qindoominni gaariin jiraachuu kan qabu siʼa taʼu, dhiphinni akkasiimmoo qaamota kana gidduu qindoominni akka hin jiraanne godha.
Ribuuwwan mangaagaa ergaa sammuurraa dhufu saffisaan fudhachuuf akka gaariitti gadhiifamuu qabu. Hidhiinis gadhiifamuu qaba. Sagaleewwan afaaniifi qoonqoo keenya keessatti uumaman hedduun akka gaariitti dubbatamuu akka dandaʼanitti, hidhiin salphaatti wal gadhiisuufi shuntuuru qaba. Mangaagaafi hidhiin keenya akka gaariitti hin gadhiifamu taanaan, afaan keenya sirriitti banamuu kan hin dandeenye taʼuusaarrayyuu, sagaleen ilkaan gidduudhaan baʼuuf dirqama. Kunimmoo dubbiin keenya kan namatti hin tolle, ukkaamamaafi sirriitti kan hin dhagaʼamne akka taʼu godha. Mangaagaafi hidhii ofii gadhiisanii dubbachuu jechuun garuu, karaa dantaa akka hin qabne argisiisuun dubbachuu jechuu miti. Ribuuwwan gadhiisanii dubbachuu jechuun, karaa sirrii taʼeen sagalee dhageessisanii dubbachuu jechuudha.
Sagalee ol kaastee dubbisuunkee haalakee gamaaggamuuf si gargaaruu dandaʼa. Qaama dubbii dinqisiisaa taʼe kanatti akkamitti fayyadamaa akka jirtu sirriitti gamaaggami. Sagaleen rakkina tokko malee afaankee keessaa akka baʼuuf afaankee akka gaariitti ni bantaa? Arrabni, qaama dubbii keessaa gaʼee guddaa qabaatuyyuu, dubbachuuf kan si gargaaru isa qofa akka hin taane yaadadhu. Mormi, mangaagaan gajjallaa, hidhiin, ribuun fuulaafi ribuun qoonqoos gaʼee mataasaanii qabu. Yommuu dubbattu, fuula keerratti sochiin tokkoyyuu akka hin mulʼanne sitti dhagaʼamaa? Taanaan, carraan haasaankee sirriitti dhagaʼamuuf qabu baayʼee xinnoo taʼuu dandaʼa.
Teeppii yoo qabaatte, nama tajaajilarratti argattetti akkaataa dubbii uumamaa keetiin dubbachaa waan jirtu fakkeessitee dubbachuudhaan sagaleekee waraabuu dandeessa. Akkaataa uumamaa keetiin dubbachaa sagaleekee daqiiqaa muraasaaf waraabi. Wanta waraabame kana dhaggeeffachuunkee jechoota sirriitti waamuuf ykn dubbachuuf si rakkisan tokko tokko hubachuuf si gargaara. Jechoota karaa ifa taʼeen dubbachuu dadhabde, akkasumas jechoota ukkaamamaniifi qubeewwan hambistee dubbatte warra kam akka taʼan hubachuuf yaali. Yeroo baayʼee yaadawwan olitti ibsaman hojiirra oolchuudhaan rakkoowwan kanaaf furmaata argachuun ni dandaʼama.
Akka gaariitti dubbachuun si rakkisaa? Taanaan, isa kanaan duraa caalaa afaankee baniitii jechoota sirriitti dubbachuuf yaali. Qilleensa akka gaariitti fudhattee sombakee erga guuttee booda suuta jedhii dubbadhu. Namoonni akka gaariitti dubbachuun isaan rakkisu hedduun kana gochuudhaan akka gaariitti dubbachuu dandaʼaniiru. Yeroo qubee s fi z waamtu ni cabaqxa taanaan arrabakee ilkaan fuulduraarraa butuudhaan qubeewwan kana dubbisi. Rakkoo kana guutummaatti hambisuu yoo dadhabde abdii hin kutatin. Yihowaan, saba Israaʼeliifis taʼe Faraʼoon mooticha Gibxiitiif ergaa barbaachisaa taʼe dabarsuuf, Musee isa akka gaariitti dubbachuu hin dandeenye akka filate yaadadhu. (Bau. 4:10-12) Fedhiidhaan yoo of dhiheessite Yihowaan sittis ni fayyadama; milkaaʼina sii kennuudhaanis tajaajilakee sii eebbisa.