Fuula Mataduree/Fuula Ibsa Qopheessitootaa Qabate
Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
Namoota Kitaaba Kana Dubbisaniif
Lafa jannata taaturra bara baraaf jiraachuun ni danda’ama. Macaafa Qulqulluu qorachuudhaan waa’ee abdii gammachiisaa kanaa ni baranna. Haata’u malee, barumsi kunis ta’e barumsi bu’uuraa garabiraan akka barumsa jalqabaatti kan ilaalamudha. Macaafni Qulqulluun, namoonni Waaqayyoon jaallatan dhugaan ‘hammam akka ol fagaatuufi gad fagaatu akka hubatan’ jajjabeessa. (Efesoon 3:18) Kitaabni kunis kaayyoo kanaaf qophaa’e. Kitaabichi karaa hafuuraa akka guddattuufi daandii isa dhiphaa gara addunyaa haaraa Waaqayyo fidutti geessurra adeemuuf akka qophooftu akka si gargaaru abdanna.
—Qopheessitoota
Bara 2007tti Maxxanfame
Kitaabni Kun hojii addunyaa maratti Macaafa Qulqulluu barsiisuuf taasifamu deggeruuf gumaacha qarshii namoonni fedhiisaaniitiin kennaniin qophaa’an keessaa tokkodha.
Ibsi garabiraan yoo kenname malee, caqasawwan kitaabicha keessatti argaman Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo bara 1997 maxxanfame keessaa kan fudhatamanidha. Caqasichatti aansee, NW yoo jedhame, caqasichi kan fudhatame Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa afaan Ingiliffaa keessaa ta’uusaa argisiisa.
Bakka Fakkiiwwan Irraa Fudhataman:
▪ Qola: U.S. Navy photo
▪ Ful. 180: Ijoollee: UNITED NATIONS/J. FRANK