LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wt boq. 10 ful. 90-100
  • Mootummaa “Deebi’ee Matumaa Hin Badne”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaa “Deebi’ee Matumaa Hin Badne”
  • Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bulchitoota Mootummaa Waaqayyoo
  • Mootummaan Kun Kaayyoosaa Galmaan Kan Ga’u Akkamitti?
  • Wantoota Mootummichi Yeroo Ammaatti Raawwachaa Jiru
  • Mootummaa Waggaa Kuma Tokkoof Bulchu
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kaayyoon Waaqayyoo Gara Raawwiisaatti Adeemaa Jira
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
wt boq. 10 ful. 90-100

Boqonnaa Kudhan

Mootummaa “Deebi’ee Matumaa Hin Badne”

1. Wantoonni biyya lafaarratti raawwatamaa jiran waa’ee ilmaan namootaa maal mirkaneessaniiru?

ILMAAN namootaa olaantummaa Yihowaatiif ajajamuu diduudhaan ofiin of bulchuuf yaaluunsaanii, gammachuu akka isaaniif hin argamsiisne wantoota lafarratti raawwatamaa jiranirraa hubachuun ni danda’ama. Mootummaan namootaa loogii tokko malee ilmaan namaatiif faayidaa argamsiisu hin jiru. Namoonni beekumsa saayinsiitiin guddina hangana hin jedhamnerra yoo ga’anillee, dhukkuba balleessuufi du’a hambisuu hin dandeenye; nama tokkoofillee kana gochuu hin dandeenye. Bulchiinsi namootaa waraana, walirratti ka’uu, yakka, malaammaltummaa, ykn hiyyummaa balleessuu hin dandeenye. Mootummoonni gurguddoo tokko tokko ammayyuu biyyoota hedduu hacuucaa jiru. (Lallaba 8:9) Teeknooloojiin, sassanniifi wallaalummaan lafa, bishaaniifi qilleensa naannoo mancaasaa jiru. Namoonni aangoorra jiran seeraan ala qarshiitti waan fayyadamaniif, namoota hedduudhaaf wanta jireenyaaf barbaachisu argachuun ulfaataa ta’eera. Bulchiinsi namootaa waggoota kuma hedduudhaaf ture, jechi armaan gaditti argamu dhugaa ta’uusaa mirkaneesseera: ‘Namni akeeka jireenyasaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu hin danda’u.’​—Ermiyaas 10:23.

2. Rakkoo ilmaan namootaatiif furmaannisaa maal qofadha?

2 Furmaannisaa maalidharee? Mootummaa Waaqayyoo isa Yesus bartoonnisaa akkas jedhanii waa’eesaa akka kadhatan isaan barsiisedha: “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!” (Maatewos 6:​9, 10) Mootummaan Waaqayyoo inni samii keessatti hundeeffame 2 Phexros 3:​13⁠rratti “bantiiwwan waaqaa haaraa” jedhamee kan ibsame yeroo ta’u, innis “lafa haaraa” jechuunis ilmaan namootaa qajeelota ta’an bulcha. Kanaafuu, rakkina ilmaan namootaa kan balleessu Mootummaa Waaqayyoo isa yeroo Yesus lallabaa ture irratti xiyyeeffatedha. (Maatewos 4:​17) Yesus, Mootummaa kanaaf iddoo akkamii kennuu akka qabnu akkas jechuudhaan dubbateera: “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa!”​—Maatewos 6:​33.

3. Yeroo ammaatti waa’ee Mootummaa Waaqayyoo barachuun ariifachiisaa kan ta’e maaliifi?

3 Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti mootummoota biyya lafaa barabaraaf balleessuuf tarkaanfii waan fudhatuuf, yeroo ammaatti waa’ee Mootummaa kanaa barachuun keenya ariifachiisaadha. Daani’el 2:​44 akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Bara mootota sanaatti [mootummoota yeroo ammaatti bulchaa jiraniitti] Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebi’ee matumaa hin badne, isa mo’ichi isaas saba biraatti hin darbine [samiirratti] dhaabuuf jira [sana booda ilmaan namootaa lafa kana hin bulchan]; inni mootummoota sana [yeroo ammaatti argaman] hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.” Kanaafuu, Mootummaan kun sirna hamaa kana balleessuudhaan guyyoonni gara dhumaa akka raawwataman godha. Isa booda biyya lafaa kan bulchu Mootummaa Waaqayyoo isa samiirra jiru qofa ta’a. Yeroo dhihootti aara galfii akkasii akka argannu beekuu keenyaan Yihowaa galateeffachuu hin qabnuu?

4. Haala Mootummichaa wajjin wal qabateen wanti bara 1914⁠tti samii keessatti raawwatame maalidha? Kana beekuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

4 Bara 1914⁠tti, Yesus Kiristos Mootii ta’uudhaan ‘diinotasaa gidduutti akka mo’uuf’ muudameera. (Faarfannaa 110:​1, 2) ‘Guyyoonni gara dhumaa’ kunis kan jalqaban wagguma sanatti ture. (2 Ximotewos 3:​1-5, 13) Raajii mul’ataa ilaalchisee wantoonni Daani’el arge samiirratti kan raawwataman waggaa sanatti ture. ‘Isa bara baay’ee dheeraa jiraate’ jechuunis Yihowaarraa, isa ilma namaa fakkaatuuf jechuunis Yesus Kiristosiif “Warri saba garaa garaa, warri gosa garaa garaa, warri afaan garaa garaa dubbatan hundinuu akka isa waaqessaniif [tajaajilaniif, NW ] gooftummaan, ulfinni, mootummaan isaaf in kenname.” Daani’el: “Gooftummaan isaa kan hin darbinee dha, inni gooftummaa bara baraa ti; mootummaan isaas isa balleeffamu miti” jechuudhaan wanta mul’ata sanarratti arge barreesseera. (Daani’el 7:​13, 14) Waaqayyo Mootummaasaa isa Yesus Kiristos harka jiru kanaan fayyadamee, wanta gaarii Addaamiifi Hewwaaniif Jannata keessatti qopheessee ture namoota qajeelummaa jaallataniif kenna.

5. Mootummicha ilaalchisee wantoonni gadi fageenyaan hubachuu barbaannu maalidha? Maaliif?

5 Amanamummaadhaan Mootummaa kanaaf bitamuuf fedhii qabdaa? Taanaan, akkaataa hundeeffamaafi hojii mootummaa samiirra jiru kanaa beekuu ni barbaadda jechuudha. Mootummaan kun, yeroo ammaatti maal hojjechaa akka jiru, gara fuulduraatti maal akka raawwatuufi sirraa maal akka barbaadu beekuuf hawwuunkee hin oolu. Waa’ee Mootummichaa baruuf carraaqqii gochuu yeroo jalqabdu dinqisiifannaan Mootummichaaf qabdu ni guddata. Bulchiinsa Mootummaa kanaaf yeroo abboomamuu jalqabdu, wantoota gaarii inni ilmaan namootaa ajajamoo ta’aniif fidu warra kaanitti himuuf kakaata.​—Faarfannaa 48:12, 13.

Bulchitoota Mootummaa Waaqayyoo

6. (a) Caaffanni Qulqullaa’oon Mootummaan Masiihichaa olaantummaa eenyuu akka argisiisu kan ibsan akkamitti? (b) Waa’ee Mootummichaa barachuun keenya maal goochuuf nu kakaasuu qaba?

6 Namni tokko wantoota kana baruuf yeroo qorannaa godhu, Mootummaan kun olaantummaan Yihowaa kan ittiin ibsamu ta’uusaa hubata. Ilmasaatiif ‘gooftummaa, ulfinaafi mootummaa’ kan kenne Yihowaadha. Ilmi Waaqayyoo Mootii ta’uudhaan bulchuu erga jalqabee booda, sagaleen tokko samiirraa akkas jechuudhaan dubbateera: “Kana booddees ergamichi torbaffaan malakata isaa afuufe. Waaqa keessaas sagaleen guddaan, Mootummaan biyya lafaa kan gooftaa keenyaa, [kan Yihowaa] kan Masiihii isaatiis ta’eera; inni [Yihowaan] immoo baraa hamma bara baraatti in mo’a.” (Mul’ata 11:15) Kanaafuu, waa’ee Mootummaa kanaafi wanta inni raawwatu ilaalchisee hubannaan arganne hundi gara Yihowaatti dhihaachuuf nu gargaara. Wanti baranne hundi, barabaraaf olaantummaa Yihowaatiif akka abboomamnu nu kakaasuu qaba.

7. Yihowaan Yesus Kiristosiin Bulchaa Ittaanaa gochuunsaa kan nu gammachiisu maaliifi?

7 Yihowaan Yesus Kiristosiin Bulchaa Ittaanaasaa gochuudhaan teessoorra akka isa kaa’es qalbeeffadhu. Yesus Ijaartuu Isa Guddaa, Waaqayyo lafaafi ilmaan namootaa uumuuf itti fayyadame waan ta’eef, nu caalaatti wanta nu barbaachisu beeka. Kana malees, erga namoonni uumamanii jalqabee ‘ilmaan namootaa akka jaallatu’ argisiiseera. (Fakkeenya 8:​30, 31; Qolosaayis 1:​15-​17) Gara biyya lafaa dhufee lubbuusaa aarsaa godhee waan nuu kaffaleef ilmaan namootaatiif jaalala guddaa qaba jechuu dandeenya. (Yohannis 3:​16) Kanaafuu, Yesus karaa itti cubbuufi du’arraa walaba taanuufi jireenya bara baraa itti argannu nuu baneera.​—Maatewos 20:28.

8. (a) Haala bulchiinsa ilmaan namootaarraa adda ta’een, Mootummaan Waaqayyoo barabaraaf kan jiraatu maaliifi? (b) “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” bulchiinsa samii wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?

8 Mootummaan Waaqayyoo Mootummaa matumaa deebi’ee hin banneefi barabaraaf jiraatudha. Yihowaan matumaa kan hin duune waan ta’eef Mootummaansaa barabaraaf kan dhaabatu ta’uusaa nuuf mirkaneessa. (Anbaaqom 1:​12) Mootota ilmaan namootaarraa haala adda ta’een, Yesus Kiristos inni Waaqayyo mootii godhee isa muudes hin du’u. (Roomaa 6:9; 1 Ximotewos 6:​15, 16) Namoonni Waaqayyoof amanamoo ta’uudhaan “gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaa” baba’aniifi 144,000 ta’an garabiraanis Yesusii wajjin samiirratti mootota ta’u. Namoonni kunis jireenya matumaa hin banne argatu. (Mul’ata 5:​9, 10; 14:​1-4; 1 Qorontos 15:42-​44, 53) Yeroo ammaatti garri caalaansaanii samiirra kan jiran yeroo ta’u, warri isaan keessaa lafarratti hafanimmoo ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ ta’uudhaan hojii Mootummaa kanaa lafarratti babal’isaa jiru.​—Maatewos 24:45-​47.

9, 10. (a) Mootummaan Waaqayyoo dhiibbaawwan namoota qoodaniifi amala namootaa mancaasan akkamii balleessa? (b) Diinota Mootummaa Waaqayyoo ta’uu hin barbaannu taanaan wantoota akkamiirraa fagaachuu qabna?

9 Yihowaan, yeroo dhihootti humnoota murtoosaa raawwachiisaniin fayyadamee biyya lafaa kana ni qulqulleessa. Humnoonni kunis, namoota fedhasaaniitiin olaantummaa Yihowaa fudhachuu didaniifi qophii inni karaa Yesus Kiristos nuuf godhe tuffatan hunda barabaraaf balleessu. (2 Tasaloniiqee 1:​6-9) Guyyaan sun, guyyaa Yihowaan olaantummaasaa itti mirkaneessuufi nutis hawwiidhaan eegaa turre ta’a. “Kunoo, guyyaan Waaqayyoo inni hamaan, . . . warra cubbamootas isa lafa irraa balleessuuf, dheekkamsaa fi aarii boba’aadhaan in dhufa.” (Isaayaas 13:9) “Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa ti, guyyaa dhiphinaatii fi guyyaa gidiraa ti; guyyaa rakkinaatii fi guyyaa badiisaa ti; guyyaa dimimmisaatii fi guyyaa dukkanaa ti; guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkana limixii ti.”​—Sefaniyaa 1:​15.

10 Amantiin sobaa, mootummoonni ilmaan namootaafi loltoonnisaanii warri inni hamaan biyya lafaa seerratu geggeessu hundi barabaraaf balleeffamu. Namoonni ofittoo ta’an, amanamoo hin taaneefi amala addaggummaa argisiisuudhaan kutaa biyya lafaa ta’an hundi lafarraa balleeffamu. Seexanniifi hafuuronni hamoon waggaa kuma tokkoof hidhamuudhaan, namootaa wajjin akka wal hin argine taasifamu. Sana booda Mootummaan Waaqayyoo guutummaatti biyya lafaa kana bulchuu jalqaba. Kun namoota qajeelummaa jaallataniif aara galfii guddaa kan argamsiisu mitii?​—Mul’ata 18:21, 24; 19:11-​16, 19-​21; 20:​1, 2.

Mootummaan Kun Kaayyoosaa Galmaan Kan Ga’u Akkamitti?

11. (a) Mootummaan Masiihichaa kaayyoo Yihowaan lafaaf baase akka raawwatamu kan godhu akkamitti? (b) Bulchiinsi Mootummaa kanaahoo namoota yeroo sana lafarratti argamaniif eebba akkamii argamsiisa?

11 Mootummaan Masiihichaa kaayyoo Waaqayyo jalqaba lafaaf baase guutummaatti akka raawwatamu godha. (Uumama 1:​28; 2:​8, 9, 15) Hanga har’aatti ilmaan namootaa kaayyoo kana deggeruu hin barbaanne. Haata’u malee, namoonni “biyya lafaa isa dhufuuf jiru” keessatti argaman Ilma namaa jechuunis Yesus Kiristosiif ni bitamu. Namoonni badiisa Yihowaan fidurraa oolan, tokkummaadhaan Mootummaa Kiristos jalatti wanta inni isaan ajaje gammachuudhaan hojjechuudhaan guutummaa biyya lafaa jannata taasisu. (Ibroota 2:​5-9) Namoonni hundi hojii harkasaaniitti ni gammadu, akkasumas oomisha gaarii lafti kun kenniturraa faayidaa guddaa argatu.​—Faarfannaa 72:​1, 7, 8, 16-​19; Isaayaas 65:21, 22.

12. Namoonni Mootummaa kanaaf abboomaman sammuufi qaamaan gonkummaa kan argatan akkamitti?

12 Addaamiifi Hewwaan yeroo uumaman, namoota gonkummaa qaban turan; kaayyoon Waaqayyoos lafti ijoolleesaanii warra qaamaafi sammuudhaan gonkummaa qabaniin akka guutamtu ture. Kaayyoonsaa kunis bulchiinsa Mootummichaa jalatti raawwiisaa argata. Kana gochuuf garuu jalqaba wantoonni cubbuudhaaf sababii ta’an hundaa baduu qabu; kaayyoo kana galmaan ga’uufis Kiristos Mootii qofa utuu hin ta’in Angafa Lubootaa ta’ee tajaajila. Suutuma suuta namoonni isaaf abboomaman gatii aarsaa cubbuutiif inni kaffalerraa akka fayyadaman godha.

13. Bulchiinsa Mootummichaa jalatti dhukkubniifi dullumni maal ta’u?

13 Bulchiinsa Mootummichaa jalatti namoonni lafarra jiraatan qaama fayyaa qabaatu. “Yommus iji warra jaamotaa in banama, gurri warra duudaas in saaqama, yommus namni naafti akka borofaa in utaala, warri arrabni isaanii didaas gammadanii in ililchu.” (Isaayaas 35:​5, 6) Qaamni dullumaan ykn dhukkubaan miidhame qaama ijoollee caalaatti haaroma; dhukkubni yeroo har’aatti fayyuu hin dandeenye ni bada. “Dhagni isaa kan saafelaa caalaatti haa haara’u! Akka bara dargaggummaa isaattis haa deebi’u!” (Iyoob 33:25) Yeroon namni tokkollee “Na dhukkuba” jedhee hin dubbanne ni dhufa. Maaliif? Namoonni Waaqayyoon sodaatan cubbuurraas ta’e dhiibbaa cubbuurraa walaba waan ta’aniifidha. (Isaayaas 33:24; Luqaas 13:11-​13) Eeyyee, Waaqayyo “imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!”​—Mul’ata 21:4.

14. Namoonni gonkummaa argatu jechuun maalfaa dabalata?

14 Haata’u malee, gonkummaa qabaachuu jechuun qaamaafi sammuu fayyaa qabaachuu jechuu qofa miti. ‘Akka bifaafi fakkaattii’ Waaqayyootti waan uumamneef gonkummaa qabaachuun amalawwansaa calaqqisuus ni dabalata. (Uumama 1:​26) Kana gochuufimmoo barumsa guddaa kennuu barbaachisa. Addunyaa haaraa keessatti ‘qajeelummaan ni buufata.’ Kanaafuu akkuma Isaayaas raajiidhaan dubbate, “warri biyya lafaa irra jiraatan qajeelummaa in baru.” (2 Phexros 3:​13; Isaayaas 26:9) Amalli kunimmoo, namoota qomoo addaddaa qaban, firoottaniifi maatiiwwan gidduu nagaan akka jiraatu, hundumaa caalaattimmoo Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf isaan gargaara. (Faarfannaa 85:10-​13; Isaayaas 32:17) Namoonni qajeelummaa baratan suutuma suuta fedha Waaqayyoo hubachaa adeemu. Jaalalli Yihowaadhaaf qaban yeroo guddachaa adeemu, jireenyasaanii hundaan daandiiwwansaa hordofuu jalqabu. Isaanis akkuma Yesus, ‘ani yeroo hundumaa wanta [Abbaakoo] gammachiisun hojjedha’ jedhe jechuu danda’u. (Yohannis 8:​29) Jechi kun yeroo ilmaan namootaa hundaarratti raawwatamu jireenyi baay’ee kan nama gammachiisu ta’a!

Wantoota Mootummichi Yeroo Ammaatti Raawwachaa Jiru

15. Gaaffiiwwan keeyyata kana keessatti argamaniin fayyadamuudhaan, wanta Mootummichi raawwatuufi nuyis yeroo ammaatti gochuu qabnu ibsi.

15 Wanta Mootummaan Waaqayyoo yeroo ammaatti gochaa jiruufi jijjiiramni namoonni bulchiinsa kanaaf abboomaman gochaa jiran arguun ni danda’ama. Gaaffiiwwaniifi caqasawwan kanatti aansanii dhihaatan, wantoota Mootummaan kun raawwate tokko tokko, akkasumas wantoota namoonni Mootummichaaf abboomaman gochuu danda’aniifi gochuu qaban si yaadachiisu.

Mootummichi jalqaba eenyurratti tarkaanfii fudhate? Kun maal geessise? (Mul’ata 12:​7-​10, 12)

Kiristos erga mootii ta’ee booda xiyyeeffannaa kan kenne namoota warra kam walitti qabuufidha? (Mul’ata 14:​1-3)

Maatewos 25:31-33⁠rratti akka ibsametti, Yesus rakkinni guddaan erga jalqabamee booda maal akka godhu dubbate?

Guyyaa dhumaa dura hojii akkamiitu hojjetamaa jira? Hojii kanarratti hirmaachaa kan jiranoo eenyufa’i? (Faarfannaa 110:3; Maatewos 24:14; Mul’ata 14:​6, 7)

Namoonni siyaasaafi amantii hojii lallabaa kana dhaabsisuu kan dadhaban maaliifi? (Zakaariyaas 4:6; Hojii Ergamootaa 5:​38, 39)

Namoonni bulchiinsa Mootummichaatiif abboomaman jijjiirama akkamii godhaniiru? (Isaayaas 2:4; 1 Qorontos 6:​9-​11)

Mootummaa Waggaa Kuma Tokkoof Bulchu

16. (a) Kiristos yeroo hammamiitiif bulcha? (b) Yeroo sanattis ta’e sana booda wantoota dinqisiisoo akkamiitu raawwatama?

16 Seexanniifi hafuuronni hamoon erga hidhamanii booda, Yesus Kiristosiifi namoonni 144,000 moototaafi luboota ta’uudhaan waggaa kuma tokkoof bulchu. (Mul’ata 20:6) Yeroo sanatti cubbuuniifi duuti karaa Addaam namatti dhufe barabaraaf waan baduuf, ilmaan namootaa gonkummaa argatu. Bulchiinsi Waggaa Kuma tokkoo erga raawwateefi Masiihichi Mootiifi Luba ta’uudhaan hojii isatti kenname erga raawwatee booda, ‘Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaarra akka ta’uuf’ Yesus ‘gooftummaa hundumaa Waaqayyo abbaatti kenna.’ (1 Qorontos 15:24-​28) Sana booda ilmaan namootaa olaantummaa Yihowaa deggeran akka qoruuf, Seexanni yeroo gabaabaadhaaf hidhaadhaa ni hiikama. Qorumsi inni dhumaa kun erga raawwatee booda, Yihowaan Seexanaafi namoota jal’oota isa deggeran hunda ni balleessa. (Mul’ata 20:​7-​10) Namoonni olaantummaa Yihowaa, jechuunis uumamasaa bulchuuf mirga kan qabu isa ta’uusaa fudhatan guutummaatti amanamoo ta’uusaanii argisiisu. Namoonni kun Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaatu; innis jireenya barabaraa akka argatan gochuudhaan akka ijoolleesaatti isaan ilaala.​—Roomaa 8:​21.

17. (a) Dhuma waggaa kumaatti Mootummaan kun maal ta’a? (b) Mootummaan kun ‘mootummaa matumaa deebi’ee hin banne kan ta’u’ akkamitti?

17 Kanaafuu, lafaa wajjin haala wal qabateen hojiin Yesusiifi namoota 144,000 ta’an hojjetan ni jijjiirama jechuudha. Isa booda hojii akkamii hojjetu? Kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun waan ibse hin qabu. Haata’u malee, olaantummaa Yihowaa amanamummaadhaan yoo deggerre, dhuma Waggaa Kuma Tokkootti Yihowaan isaaniifis ta’e uumama cufaaf kaayyoo maalii akka qabu beekuu dandeenya. Bulchiinsi Kiristos inni waggaa kuma tokkoo ‘kan hin darbineefi’ Mootummaansaas ‘kan hin balleeffamne’ ta’a. (Daani’el 7:​14) Kana jechuun maal jechuudha? Sana booda, namoota kaayyoo addaa qabaniif aangoon hin kennamu jechuudha. Kanaa mannaa Bulchaa kan ta’u Yihowaadha. Kana malees, hojiin Mootummaan kun raawwatu barabaraaf waan jiraatuuf ‘mootummaa deebi’ee matumaa hin badne’ ta’a. (Daani’el 2:​44) Mootiifi Luba kan ta’e Masiihichi, akkasumas warri isaa wajjin moototaafi luboota ta’an amanamummaadhaan Yihowaa waan tajaajilaniif ulfinni barabaraa ni kennamaaf.

Maree Irra Deebii

• Rakkoowwan ilmaan namaatiif furmaata kan ta’u Mootummaa Waaqayyoo qofa kan ta’e maaliifi? Mootiin Mootummaa Waaqayyoo bulchuu kan jalqabe yoomi?

• Mootummaan Waaqayyoofi wanta Mootummichi raawwatu ilaalchisee wanti caalaatti si gammachiisu maalidha?

• Ammumayyuu hojiiwwan Mootummaan Waaqayyoo hojjete akkamii arguu dandeenyeerra? Nutihoo kana keessatti gahee maalii qabna?

[Fakkii fuula 93rra jiru]

Mootummaa Waaqayyoo jalatti namoonni hundi qajeelummaa baratu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi