Dargaggootaa—Jireenya Keessanitti Maal Gochuu Yaaddu?
“JIREENYAKOORRAA faayidaa guddaa argachuun barbaada.” Kana kan dubbatte, durba umrii kurnanii keessatti argamtu tokkodha. Atis hawwii akkasii akka qabdu homaa hin shakkisiisu. Haata’u malee, jireenyakeerraa “faayidaa guddaa” argachuu kan dandeessu akkamitti? Sabqunnamtiifi hiriyoonnikee tariimmoo barsiisonnikee, faayidaa akkasii argachuun kan danda’amu, qarshii baay’ee argachuu, hojii iddoo guddaan kennamuuf hojjechuufi nama beekamaa ta’uudhaan akka ta’e dubbatu ta’a.
Ta’us, Macaafni Qulqulluun qabeenya hedduu argachuuf carraaquun, “qilleensa ari’uu” akka ta’e dubbachuudhaan dargaggoota akeekkachiisa. (Lallaba 4:4) Sababiin kun itti jedhameef inni tokko, qabeenya hedduufi beekamummaa akkasii argachuu kan danda’an dargaggoota muraasa qofa waan ta’aniifidha. Warri sadarkaa kanarra ga’anillee wanta barbaadan sana akka hin arganne isaanitti dhaga’ama. Dargaggeessi Biriitaaniyaa barumsa sadarkaa olaanaa barachaa ture tokko, “Qabeenya hedduu argachuun saanduqa duwwaa wajjin kan wal fakkaatudha. Faayidaa akkamiiyyuu keessaa hin argattu” jechuudhaan dubbateera. Dhugaadha, hojiin yeroo tokko tokko qabeenyaafi beekamummaa namaa argamsiisuu danda’a. Haata’u malee, “karaa hafuuraa” wanta si barbaachisu sii guutuu hin danda’u. (Maatewos 5:3) Kana malees, 1 Yohannis 2:17, “Biyyi lafaa, . . . in darba” jechuudhaan akeekkachiisa. Biyya lafaa kana keessatti milkaa’ina yoo argattellee milkaa’inni kun yeroo dheeraa kan turu miti.
Lallabni 12:1, “Bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!” jechuudhaan dargaggoota kan gorsu kanaafi. Eeyyee, karaan jireenyakeerraa faayidaa guddaa itti argattu inni hundarra caalu Yihowaa tajaajiluudha. Haata’u malee, Waaqayyoon tajaajiluuf, dura ulaagaasaa guutuu qabda. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Jireenya ofii Waaqayyoon tajaajiluuf itti fayyadamuun maal gochuu dabalata?
Ulaagaa Dhugaa Baatuu Yihowaa Ta’uuf Gargaaru Guutuu
Jalqaba, Waaqayyoon tajaajiluuf fedhii qabaachuu qabda. Haata’u malee, fedhiin akkasii warrikee Kiristiyaanota waan ta’aniif qofa kan argamu miti. Yihowaa wajjin dhuunfaatti michummaa qabaachuu qabda. Intalli umrii kurnanii keessatti argamtu tokko, “Kadhannaan dhuunfaatti Yihowaa wajjin michummaa uumuuf nama gargaara” jetteetti.—Faarfannaa 62:8; Yaaqoob 4:8.
Roomaa 12:2, tarkaanfii fudhachuu qabdu kan biraa ibsa. Caqasichi, ‘Waan gaarii ta’e, waan Waaqayyo duratti fudhatamaa ta’e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubadhaa’ jedha. Wanta baratte keessaa tokko tokko shakkitee beektaa? Taanaan, gorsa Macaafa Qulqulluu hordofuudhaan wantoonni kun dhugaa ta’uusaanii ‘gargar baafachuuf’ qorannaa godhi. Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an dubbisi. Haata’u malee, waa’ee Waaqayyoo barachuun wantoota dhugaa ta’an hubachuu jechuu qofa miti. Wanti dubbiste garaakee akka tuquuf, irratti xiinxaluuf yeroo ramadi. Kana gochuunkee jaalalli Waaqayyoof qabdu akka guddatu godha.—Faarfannaa 1:2, 3.
Sana booda, wanta baratte karaa alidilee ta’een tarii hiriyoota mana barumsaakeetti himuuf yaali. Tarkaanfiin fudhachuu qabdu kan biraanimmoo manaa gara manaatti lallabuudha. Yeroo kana gootu hiriyoonni mana barumsaakee darbee darbee si arguu danda’u. Kunis jalqabarratti si naasisuu danda’a. Haata’u malee, Macaafni qulqulluun ‘wangeelatti akka hin yeellaane’ nu gorsa. (Roomaa 1:16) Ergaan ati qabatte, jireenyaafi abdii kan namaa argamsiisudha. Kanaaf, maaliif itti yeellaataree?
Warrikee Kiristiyaana yoo ta’an, tajaajilarratti isaanii wajjin hirmaachaa jirta ta’a. Ta’uyyuu, calluma jettee isaanii wajjin deemuu ykn barruuleefi tiraaktota raabsuu caalaa wanti gochuu dandeessu jiraa? Yommuu manaa gara manaatti lallabdu, Macaafa Qulqulluutti fayyadamtee dhuunfaakeetti namootaaf ibsa kennuu dandeessaa? Kana gochuu hin dandeessu yoo ta’e, warrikee ykn miseensi gumii ga’eessa ta’e tokko gargaarsa akka sii godhan gaafadhu. Babal’isaa hin cuuphamne ta’uudhaaf galma baafadhu.
Yeroo booda, jireenyakee guutuu Waaqayyoon tajaajiluuf jecha isaaf of murteessuuf kakaata. (Roomaa 12:1) Ta’us, of murteessuun wanta siifi Waaqayyo gidduu qofatti raawwatamu miti. Waaqayyo warri of murteessan hundi, ‘uummataaf dhugaa ba’uudhaan akka fayyan’ isaanirraa barbaada. (Roomaa 10:10, NW) Yeroo cuuphamuuf jettu amantiikee namoota duratti beeksista. Achiis bishaan keessa lixuudhaan cuuphamta. (Maatewos 28:19, 20) Cuuphaan wanta salphaatti ilaalamu akka hin taane beekamaadha. Ta’us, waadaan gale eegee jiraachuu hin danda’u ta’a jettee sodaachuudhaan cuuphamuurraa duubatti hin jedhin. Jabina argachuudhaaf Waaqayyootti kan amanamtu yoo ta’e, inni ‘humna humna gararraa’ sii kennuudhaan jabaattee akka dhaabattu si gargaara.—2 Qorontos 4:7; 1 Phexros 5:10.
Yommuu cuuphamtu, Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taata. (Isaayaas 43:10) Kunis jireenyakeerratti dhiibbaa guddaa geessisa. Of murteessuun ‘waa’ee ofiikee dhiisuu’ kan dabalatudha. (Maatewos 16:24) ‘Duraan dursitee yaadakee Mootummaa Waaqayyootti hidhuuf,’ galmawwankeefi wanta hawwitu tokko tokko dhiisuu qabda ta’a. (Maatewos 6:33) Kanaaf, of murteessuufi cuuphamuun carraawwan hedduu sii bana. Carraawwan kana keessaa tokko tokko haa ilaallu.
Carraawwan Yeroo Guutuu Waaqayyoon Tajaajiluuf Dandeessisan
● Qajeelchaa ta’uun carraawwan akkasii keessaa tokkodha. Babal’isaan qajeelchaa ta’e tokko, Kiristiyaana cuuphameefi fakkeenya ta’u, akkasumas ji’atti yoo xinnaate sa’aatii 70 misiraachicha lallabuudhaan kan dabarsudha. Sa’aatii dheeraa tajaajilarratti dabarsuun, dandeettii lallabuufi barsiisuukee guddifachuuf si gargaara. Qajeelchitoonni hedduun, namoonni isaan Macaafa Qulqulluu barsiisan Dhugaa Baatota akka ta’an gargaaruudhaan gammachuu argataniiru. Hojiin biyya lafaa gammachuu akkasii namaa argamsiisuu danda’u jiraa?
Qajeelchitoonni hedduun wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuuf, guyyaatti sa’aatii muraasaaf hojii qarshii isaaniif argamsiisu hojjetu. Itti gaafatamummaa kana raawwachuuf jecha, baay’eensaanii dursanii itti yaaduudhaan mana barumsaatti ykn warrasaaniirraa ogummaa tokko barataniiru. Warrikee barumsa sadarkaa lammaffaa erga xumurtee booda, leenjii dabalataa fudhachuunkee gaarii akka ta’e itti dhaga’amuu danda’a. Yoo akkas ta’e, fedhiinkee qarshii hedduu argachuu utuu hin ta’in, tajaajilakee deggeruufi tariimmoo tajaajila yeroo guutuu jalqabuu akka ta’e hin dagatin.
Qajeelchaan tokko hojiisaarratti utuu hin ta’in, tajaajilasaarratti jechuunis warri kaan jireenya akka argatan gargaaruurratti kan xiyyeeffatu ta’uu qaba. Qajeelchaa ta’uuf maaliif galma hin baafattu? Qajeelchaa ta’uun yeroo baay’ee mirgawwan gara biraa argamsiisa. Fakkeenyaaf, qajeelchitoonni hedduun bakka babal’istoonni Mootummichaa barbaachisan dhaqanii tajaajilu. Warri kaanimmoo qooqa gara biraa barachuudhaan, naannoosaaniitti ykn biyya alaatti gumii afaan gara biraatiin geggeeffamu keessatti tajaajilu. Eeyyee, qajeelchaa ta’uun jireenya nama kiisudha.
● Manni Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa carraa tajaajilaa kan biraati. Leenjiin jiʼa lamaaf mana barumsaa kanatti kennamu, qajeelchitoonni muuxannoo qabaniifi naannoo jiraatan dhiisanii deemuudhaan bakka itti ramadamanitti tajaajiluuf fedhii qaban kan irratti hirmaatanidha. Obboloonni kun, fakkeenya Yesus Kiristos isa labsitoota Wangeelaa hanga harʼaatti lafarratti tajaajilan hunda caaluu hordofuudhaan, “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jedhaniiru. (Isaayaas 6:8; Yohannis 7:29) Naannoo itti guddatan dhiisanii deemuun akkaataa jireenyaa salphaa taʼe jiraachuu barachuus kan dabalatudha. Aadaa, haala qilleensaafi nyaata kanaan dura beekanirraa adda taʼee wajjin wal baruu kan gaafatudha. Qooqa haaraa barachuunis isaan barbaachisuu dandaʼa. Obboloonni, akkasumas obboleettonni qeentee taʼaniifi hiriyoonni gaaʼelaa, umriinsaanii waggaa 23 hanga 65 taʼe mana barumsaa kana galanii barachuu dandaʼu. Manni barumsichaa, obboloonni kun gaʼumsa tajaajilasaaniitiif isaan gargaaru akka qabaatan, akkasumas Yihowaafi jaarmiyaansaa akka gaariitti akka isaanitti fayyadamu kan isaan gargaarudha.
● Tajaajilli Bet’el, waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa tokko keessatti fedhiidhaan tajaajiluu kan gaafatudha. Miseensonni maatii Bet’el tokko tokko kallattiidhaan barreeffamoota Macaafa Qulqulluu qopheessuurratti tajaajilu. Warri kaanimmoo hojiiwwan kan akka gamoofi meeshaa haaressuu ykn hojiiwwan jireenya maatii Bet’eliif barbaachisan kan biraarratti hirmaatu. Hojiiwwan kun hundi, mirgawwan Yihowaadhaaf tajaajila qulqulluu itti dhiheessanidha. Kana malees, warri Bet’el keessa tajaajilan hundi, wanti isaan hojjetan obbolootasaanii addunyaa maratti argaman hedduu akka fayyadu beekuunsaanii isaan gammachiisa.
Yeroo tokko tokko obboloonni ogummaa addaa qaban Bet’elitti akka tajaajilan afeeramu. Haata’u malee, baay’eensaanii leenjii kan argatan erga Bet’el galanii boodadha. Warri Bet’el keessa jiran faayidaa dhuunfaa argachuuf kan hojjetan miti. Kanaa mannaa, nyaata, bakka jireenyaafi qarshii xinnoo baasii dhuunfaatiif isaanii kennamuun gammadanii jiraatu. Dargaggeessi miseensa maatii Bet’el ta’e tokko tajaajilasaa ilaalchisee, “Baay’ee kan nama ajaa’ibsiisudha! Asitti hojjechuun salphaa miti, ta’us, iddoo kanatti tajaajiluukootti eebbawwan hedduu argadheera” jedheera.
● Tajaajilli ijaarsaa namni tokko gamoowwan waajjira dameefi Galmawwan Mootummaa ijaaruurratti akka hirmaatu kan isa dandeessisudha. Tajaajiltoonni ijaarsa akkasiitiif gargaarsa godhu. Tajaajilli akkasii akkuma namoota mana qulqullummaa Solomoon ijaaranii, karaa itti tajaajila qulqulluu dhiheessan keessaa tokkodha. (1 Mootota 8:13-18) Kunuunsi tajaajiltoota ijaarsaatiif godhamu, kan warra maatii Bet’eliif godhamuu wajjin tokkodha. Obboloonni kun, karaa kanaan tajaajiluudhaan Yihowaa galateeffachuunsaanii mirga guddaa mitii?
Garaa Guutuun Yihowaa Tajaajili
Yihowaa tajaajiluun, karaa hundarra caaluun jireenyakeetti fayyadamuuf si gargaara. Tajaajila yeroo guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluuf maaliif galma hin baafattu? Waa’ee tajaajila yeroo guutuu warrakee, jaarsolii gumiikeefi daawwattoota olaanaa wajjin mari’adhu. Bet’eliin galtee tajaajiluu ykn Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaarratti hirmaachuu kan barbaaddu yoo ta’e, yeroo walga’iin naannoo godhamutti walgaʼii obboloota bifa tajaajilaa kanarratti hirmaachuu barbaadanii wajjin godhamurratti argami.
Namoonni hundi tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuu akka hin dandeenye beekamaadha. Al tokko tokko dhibeen fayyaa, rakkinni qarshiifi itti gaafatamummaan maatii tajaajila nama tokkoo jalaa daangessuu danda’u. Ta’us Kiristiyaanonni of murteessan hundi ajaja Macaafa Qulqulluu, “Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a” jedhu hordofuu qabu. (Maatewos 22:37) Yihowaan hanga haallikee sii heyyame akka hojjettu sirraa barbaada. Kanaaf, haalli keessa jirtu maaliyyuu yoo ta’e Yihowaa tajaajiluu galmakee godhadhu. Galma irra ga’uu dandeessu baafadhu. Eeyyee, “bara dargaggummaa keetti uumaa kee yaadadhu!” Kana yoo goote bara baraan ni eebbifamta!