Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 14—2 Seenaa
Barreessaan: Izraa
Bakki Itti Barreeffame: Yerusaalem (?)
Barreeffamee kan Xumurame: Dh.K.D. naannoo 460
Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: Dh.K.D. 1037–537
MACAAFNI Seenaa Tokkoffaafi Lammaffaa jalqabarratti tokko waan tureef, seenaasaa, barreessaasaa, yeroo itti barreeffame, kutaa Macaafa Qulqulluu ta’uusaafi dhugaa ta’uusaa ilaalchisee mormiin dhihaate macaafota lamaaniifuu kan hojjetudha. Ragaa dhihaaterraa hubachuun akka danda’amutti, Izraan macaafa Seenaa Lammaffaa barreessee kan xumure Dh.K.D. naannoo bara 460 yeroo ta’u, kan barreesses Yerusaalemitti utuu hin ta’in hin oolu. Kaayyoon Izraa, ragaawwan seena qabeessa baduuf turan oolchuu ture. Gargaarsi hafuura qulqulluu, akkasumas dandeettiin Izraan seenaa qabachuufi gadi fageenyaan ibsuuf qabu, seenaa sirrii ta’eefi hin jijjiiramne akka barreessu isa godheera. Seenaa dhugaa barreesses fuulduraaf akka ta’utti kaa’eera. Guutummaa barreeffamoota qulqullaa’oo afaan Ibrootaa waggoota dhibbaan lakkaa’amaniif barreeffamaa turan walitti sassaabuun barbaachisaa waan ta’eef, wanti Izraan raawwate gaarii ture.
2 Yihudoonni bara Izraa turan, seenaa inni hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee barreesserraa fayyadamaniiru. Seenaan kun kan barreeffame isaan barsiisuufi jajjabeessuuf ture. Jajjabina Caaffata Qulqullaa’oorraa argataniin abdii qabaachuu danda’u turan. Macaafni Seenaa kutaa Macaafa Qulqulluu ta’uusaa amananii turan. Amanamaa ta’uusaas fudhatanii turan. Barreeffamoota geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kaaniinis ta’e, seenaawwan Macaafa Qulqulluudhaan ala ta’aniifi Izraan barreesse hedduu wajjin wal bira qabanii ilaaluu danda’u turan. Seenaawwan geggeessaa hafuura Waaqayyootiin hin barreeffamne akka badan kan godhan si’a ta’u, Macaafa Seenaa garuu akka hin bannetti kaa’anii turan. Hiiktonni Saptuujantii Macaafa Seenaa Macaafa Qulqulluu afaan Ibrootaa keessatti dabalaniiru.
3 Yesus Kiristosiifi barreessitoonni Caaffata Qulqullaa’aa afaan Giriikii, macaafni kun sirriifi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame ta’uusaa fudhataniiru. Yesus, Yerusaalem raajotas ta’e tajaajiltoota Yihowaa kan ajjeestuufi dhagaadhaan kan rukuttu ta’uushee yeroo dubbate, yaada 2 Seenaa 24:21rratti galmeeffame yaadatee akka ta’u beekamaadha. (Mat. 23:35; 5:12; 2 Sen. 36:16) Yaaqoob, Abrahaam “michuu Waaqayyoo” ta’uusaa kan dubbate, waan Izraan 2 Seenaa 20:7rratti barreesse dubbisee ta’uu danda’a. (Yaq. 2:23) Macaafni Seenaa raajiiwwan shakkii tokko malee raawwatamanis of keessaa qaba.—2 Sen. 20:17, 24; 21:14-19; 34:23-28; 36:17-20.
4 Qorannaan hambaa lafa keessaa (arki’ooloojiin) Macaafni Seenaa Lammaffaa sirrii ta’uusaa mirkaneessa. Naannoon Baabilon durii turte yeroo qotamu, barreeffamni supheerraa waa’ee bara mootummaa Nebukadnezaar ibsu argamee ture; isaan keessaa maqaan “Yaawukin, mootii biyya Yihudaa” jedhu kan argame yeroo ta’u, innis “Yo’aaqem mooticha biyya Yihudaa” ture.a Kunimmoo, Nebukadnezaar mootii ta’ee waggaa torbaffaatti, Yo’aaqem gara Baabilonitti booji’amuusaa ilaalchisee seenaa Macaafni Qulqulluun dubbatuu wajjin kan wal simudha.
5 Macaafni Seenaa Lammaffaa, bulchiinsa Solomoon isa Dh.K.D. bara 1037 jalqabee kaasee, hanga Dh.K.D. bara 537tti Qiiros manni qulqullummaa Yerusaalem jiru deebi’ee akka ijaaramuuf ajaja baasetti haalawwan Yihudaan keessa turte dubbata. Seenaa waggoota 500 kana keessatti, waa’een mootummaa gosa kurnanii kan ibsame haala Yihudaa wajjin walqabateen qofadha; akkasumas badiisni Dh.K.D. bara 740 mootummaa kaabaa kanarra ga’ellee hin ibsamne. Kun kan ta’e maaliifi? Wanti Izraa yaaddesse, Waaqeffannaan Yihowaa iddoo sirriitti jechuunis mana qulqullummaa Yerusaalem jirutti geggeeffamuusaafi akka Yihowaan kakuu galetti mootummaansaa karaa hidda dhalootaa Daawit dhufuusaa ture. Kanaafuu Izraan waaqeffannaa Yihowaa deggeruufi geggeessaa Yihudaa keessaa ba’u eeggachuudhaan, mootummaa kibbaarratti xiyyeeffatee ture.—Uma. 49:10.
6 Izraan yaadawwan nama jajjabeessanirratti xiyyeeffata ture. Macaafni Seenaa isa Lammaffaa boqonnaa 36 kan qabu yeroo ta’u, isaan keessaa 9 waa’ee bulchiinsa Solomoon kan dubbatan si’a ta’u, salgan kana keessaammoo 6 manni Yihowaa ijaaramuufi murteeffamuusaarratti xiyyeeffata. Seenaan galmeeffame waa’ee gantummaa Solomoon hin dubbatu. Boqonnaawwan 27 hafan keessaammoo, 14 waa’ee mootota shanan fakkeenya Daawit hordofanii garaa guutuudhaan Yihowaa waaqeffatanii dubbata; isaanis, Asaaf, Yoshaafaax, Yotaam, Hisqiyaasfi Yosiyaasidha. Boqonnaawwan 13 hafan keessattillee Izraan waan gaarii mootonni hamoon hojjetan addeesseera. Yeroo hundumaa wantoota biyyasaaniitti deebi’uusaaniifi waaqeffannaan dhugaa deebi’ee dhaabachuusaa wajjin wal qabatanirratti xiyyeeffata ture. Kun kan baay’ee nama jajjabeessu mitii?
FAAYIDAASAA
34 Macaafni Seenaa lammaffaa, wantoota Dh.K.D. bara 1037 hanga 537tti raawwataman ilaalchisee ragaawwan ibsaman garabiraa mirkaneessa. Kana malees, odeeffannoowwan faayidaa qabaniifi kutaa Macaafa Qulqulluu kan biraa keessatti hin argamne kan qabate yeroo ta’u, kanneen keessaa, 2 Seenaa boqonnaa 19, 20, akkasumas 29 hanga 31 akka fakkeenyaatti caqasuu dandeenya. Izraan kan xiyyeeffate seera lubummaafi tajaajilasaa akkasumas mana qulqullummaafi kakuu Mootummaarratti yeroo ta’u, wantoonni kunis seenaa saba sanaa keessatti bu’uuraafi yeroo dheeraadhaaf kan jiraatanidha. Qophiin kunimmoo, Masiihichaafi Mootummaasaa abdiidhaan eeggachuudhaan saba sana tokko gochuuf kan gargaaru ture.
35 Lakkoofsi gara dhumaa Seenaa Lammaffaa (36:17-23) Ermiyaas 25:12 raawwatamuusaa mirkaneessu; kana malees guutummaan waggoota 70 lakkaa’amuu kan qabu, yeroo Yerusaalem guutummaatti ona taatee kaasee hanga waaqeffannaan Yihowaa Dh.K.D. bara 537tti Yerusaalemitti deebi’ee dhaabatutti ta’uusaa argisiisa. Isheenis kan onte Dh.K.D. bara 607 jalqabeeti.b—Er. 29:10; 2 Mot. 25:1-26; Iz. 3:1-6.
36 Macaafni Seenaa Lammaffaa Kiristiyaanotaaf yaadachiisa cimaa qabateera. Mootonni Yihudaa baay’eensaanii jalqabarratti namoota gaarii kan turan yommuu ta’u, booddee garuu gochawwan hammeenyaa raawwachuutti deebi’aniiru. Seenaan kun, bu’a qabeeyyii ta’uun keenya Yihowaadhaaf amanamoo ta’uu keenyarratti kan hundaa’e ta’uusaa kan argisiisudha. Kanaafuu, “warra amantii qabanii fi warra lubbuu isaanii oolfatanii dha malee, warra badiisaaf dugda isatti gatan” akka hin taaneef akeekkachiisni nuu kennamuu qaba. (Ibr. 10:39) Mootii amanamaa kan ture Hisqiyaasillee dhukkubasaattii fayyuusaatti of tuulee kan ture yeroo ta’u, dafee waan gad of deebiseef adaba Yihowaa jalaa ooluu danda’e. Macaafni Seenaa Lammaffaa, amalawwan dinqisiisaa Yihowaan qabu kan addeessu, akkasumas maqaasaafi olaantummaasaa ol ol kan godhudha. Guutummaan seenichaa waaqeffannaa Yihowaadhaaf qofa ta’u dhiheessuurratti kan xiyyeeffatedha. Seenichi, mootii karaa sanyii Yihudaa dhufurratti kan xiyyeeffate yeroo ta’u, mootummaa bara baraaf “sanyii Daawit” isa amanamaa kan ta’e Yesus Kiristosiin bulfamu jalatti waaqeffannaa dhugaa ol ol jedhee arguuf abdii qabnu nuu jabeessa.—Mat. 1:1; HoE. 15:16, 17.
[Miiljaleewwan]
a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, Jildii 1, ful. 147.
b Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Qorachuu, Jildii 1, ful. 463; Jildii 2, ful. 326.