Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 16—Nahimiiyaa
Barreessaan: Nahimiiyaa
Bakki Itti Barreeffame: Yerusaalem
Barreeffamee Kan Xumurame: DH.K.D. 443 booda
Waggoota Seenaawwan Kun Itti Raawwataman: DH.K.D. 456–443 boodaatti
MAQAAN Nahimiiyaa jedhu hiiknisaa “Yihowaan nama jajjabeessa” jechuu yommuu ta’u, innis nama Yihudiifi hojjetaa mootii Faares isa Artashaastaa (Loongimaanas) jedhamu ture. Hojiinsaa mootichaaf dhugaatii dhiheessuu ture. Iddoon kun bakka guddaa nama amanamaafi kabaja qabuuf kennamu ta’uusaarrayyuu, mootichi yeroo gammachuu argatutti surraasaa argachuuf mijaa’aa waan ta’eef, namoonni hundi bakka kanaa hojjechuuf hawwu turan. Haata’u malee, Nahimiiyaan namoota booji’amtoota fedhii mataasaanii caalaatti ‘Yerusaalemitti gammadan’ keessaa tokko ture. (Far. 137:5, 6) Jireenya Nahimiiyaa keessatti wanti iddoo guddaa qabu aangoo argachuu ykn qabeenya horachuu utuu hin ta’in, waaqeffannaan Yihowaa deebi’ee akka hundeeffamu gochuu ture.
2 Yihudoonni Dh.K.D. bara 456tti “boojuu irraa hafanii” gara Yerusaalemitti deebi’an haalli jireenyaasaanii mijaa’aa hin turre. Rakkina guddaafi miidhaa keessatti argamu turan. (Nah. 1:3) Dallaan magaalattii diigamuusaarrayyuu, diinotasaanii warra nageenyasaanii hin jaallanne durattis waan kolfaa ta’anii turan. Nahimiiyaan haala kanatti baay’ee gaddee ture. Ta’uyyuu, waadaa Yihowaan dallaan Yerusaalem deebi’ee akka ijaaramuuf gale itti raawwatamu dhihaatee ture. Diinni jiraatus jiraachuu baatus Yerusaalemiifi dallaanshee ijaaramuu qabu turan. Yeroon kunimmoo, yeroo Yihowaan karaa Daani’el raajichaa dhufaatii Masiihichaa ilaalchisee dubbate itti raawwatamuuf milikkita ture. (Dan. 9:24-27) Karaa kanaan, Yihowaan haala mijeessuudhaan Nahimiiyaa isa amanamaafi hinaaffaa qabutti gargaaramuudhaan kaayyoonsaa akka raawwatamu taasiseera.
3 Macaafa maqaasaatiin waamamu kana Nahimiiyaan barreessuusaatiif shakkiin hin jiru. Jechi jalqaba macaafa kanaarratti “dubbiin Nahimiiyaan ilmi Hakaaliyaa dubbate” jedhuufi jecha “Ani” jedhuun fayyadamee barreessuunsaa, macaafa kana kan barreesse Nahimiiyaa ta’uusaatiif ragaa quubsaadha. (Nah. 1:1) Bara duriitti macaafni Izraafi Nahimiiyaa akka macaafa tokkootti waan ilaalamuuf Macaafa Izraa jedhamee waamama ture. Yihudoonni macaafa kana bakka lamatti hiruudhaan Macaafa Izraa isa Duraafi Macaafa Izraa isa Lammaffaa jedhanii kan waamaa turan yeroo ta’u, booda garuu Macaafa Izraa inni Lammaffaan Nahimiiyaa jedhamee waamamuu jalqabe. Xumura Macaafa Izraafi jalqaba Macaafa Nahimiiyaa gidduutti seenaawwan waggoota 12 kan raawwataman yeroo ta’u, seenaan Nahimiiyaa dhuma Dh.K.D. bara 456 kaasee hanga Dh.K.D. bara 443 boodaatti kan raawwatamanidha.—Nah. 1:1; 5:14; 13:6.
4 Macaafni Nahimiiyaa Caaffata Qulqullaa’aa geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffaman kaanii wajjin kan wal simu waan ta’eef kutaa Caaffata Qulqullaa’aa ta’uusaatiif shakkiin hin jiru. Macaafni kun, waa’ee Seera Musee karaa adda addaa kan caqasu yeroo ta’u, kanneen keessaa waa’ee fuudhaaf heeruma warra ormaa wajjin godhamu (Kes. 7:3; Nah. 10:30), waa’ee liqii (Lew. 25:35-38; Kes. 15:7-11; Nah. 5:2-11), akkasumas waa’ee Ayyaana Gordommaafi waa’ee wantoota kanaa wajjin wal fakkaatan baay’ee dubbateera. (Kes. 31:10-13; Nah. 8:14-18). Kana malees, macaafichi Yerusaalem yeroo mormiin jirutti, jechuunis “yeroo rakkinaa” akka ijaaramtu ilaalchisee raajiin Daani’el dubbate raawwatamuu jalqabuusaa kan argisiisudha.—Dan. 9:25.
5 Nahimiiyaan Dh.K.D. bara 455tti yeroo Yerusaalemiin deebisee ijaaruu dhaqetti maaltu ta’e? Ragaa qabatamaa Giriik, Faaresiifi Baabilonirraa argaman akka mirkaneessutti, Artashaastaan mootii kan ta’e Dh.K.D. bara 475tti yeroo ta’u, waggaa inni itti bulchuu jalqabe lakkaa’amuu kan jalqabemmoo, Dh.K.D. bara 474ttidha.a Kanaaf, Artashaastaan mootii erga ta’ee waggaa 20ffaansaa Dh.K.D. bara 455 ta’a jechuudha. Nahimiyaan 2:1-8 akka ibsutti, Nahimiiyaan dallaafi balbala Yerusaalem deebisee ijaaruuf mooticharraa heyyama kan argate, akka lakkoofsa warra Yihudootaatti waqtii arfaasaa ji’a Niisaan wagguma sana keessa ture. Raajiin Daani’el, waggoota 69 si’a 7 ykn waggoota 483, “Yeroo Yerusaalem deebitee akka ijaaramtuuf abboommiin ba’ee jalqabee, hamma bara geggeessituu isa dibamee moosifameetti” kan jiru ta’usaa dubbata. Masiihii inni dibamee Moosifame akka dhufu raajiin dubbatame kun kan raawwatame Dh.K.B. bara 29tti yommuu Yesus dibame yeroo ta’u, barri kunis seenaa addunyaafi Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal simudha.b (Dan. 9:24-27; Luq. 3:1-3, 23) Macaafni Nahimiiyaafi Luqaas Yihowaan raajii dhugaa akka dubbatuufi raajii kanas akka raawwatu waan ibsaniif raajii Daani’elii wajjin wal fakkaata. Dhugumayyuu, Macaafni Nahimiiyaa kutaa Macaafa Qulqulluu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamedha.
FAAYIDAASAA
16 Nahimiiyaan nama Waaqayyoo ta’uunsaa, namoota waaqeffannaa dhugaaf jaalala qabaniif jajjabina guddaa ta’uu qaba. Gad of deebisee geggeessituu saba Yihowaa ta’ee tajaajiluuf jecha aboo guddaa qabu dhiiseera. Qabeenya hordofuun kiyyoo akka ta’e cimsee balaaleffachuudhaan mirga namootarraa waa fudhachuuf qabu dhiiseera. Nahimiiyaan, sabichi waaqeffannaa dhugaaf hinaaffaa akka qabaatuufi waaqeffannaa kanas akka eegu jajjabeesseera. (Nah. 5:14, 15; 13:10-13) Nahimiiyaan nama ofittoo hin taaneefi ogeessa, nama hojii, balaan yoo itti dhufellee nama qajeelummaa hojjechuurraa duubatti hin jenne waan tureef, fakkeenya gaarii nuuf ta’a. (Nah.4:14, 19, 20; 6:3, 15) Inni Waaqayyoof sodaa sirrii ta’e kan qabuufi tajaajiltoota isaa wajjin turan amantaadhaan jajjabeessuuf carraaqqii godha ture. (Nah. 13:14; 8:9) Nahimiiyaan waaqeffannaa dhugaa, keessumaammoo fuudhaafi heerumni warra ormaa wajjin godhamu dhiibbaa inni geessisu ilaalchisee seerri Yihowaa akka raawwatamu godheera.—Nah. 13:8, 23-29.
17 Guutummaa macaafa kanaa keessatti, Nahimiiyaan nama waa’ee seera Yihowaa akka gaariitti beekuufi beekumsa kanas hojiirra kan oolchu ta’uusaa hubachuun ni danda’ama. Nahimiiyaan, akka Waaqayyo Keessa Deebii 30:1-4rratti abdii kennetti, Yihowaan akka isa eebbisuuf amantaa guutuudhaan kadhannaa dhiheesseera. (Nah. 1:8, 9) Yihudoonni wantoota baroota hedduu dura barreeffamanii turan akka hubataniif jecha walga’iiwwan hedduu qopheesseera. Nehimiyaafi Izraan Seera Musee yeroo dubbisanitti, saba sanaaf akka galutti ibsa kennuufi Seericha hojiirra oolchuudhaan fakkeenya gaarii ta’aniiru.—Nah. 8:8, 13-16; 13:1-3.
18 Nahimiiyaan nama guutummaatti Yihowaatti amanamu ta’uunsaafi gad of deebisuudhaan kadhannaa dhiheessuunsaa, nutis kadhannaadhaan gara Waaqayyotti dhihaachuudhaan isatti amanamuu keenya akka argisiisnu nu kakaasuu qaba. Kadhannaan inni dhiheesse Waaqayyoon kan ol ol godhu, cubbuu sabichaa hubachuusaa kan argisiisuufi maqaan Yihowaa qulqulluu ta’ee akka eegamuuf kan dhihaate ta’uusaa qalbeeffadhu. (Nah. 1:4-11; 4:14; 6:14; 13:14, 29, 31) Bulchaan hinaaffaa qabu kun, saba Waaqayyootiif madda jajjabinaa ta’ee ture; kunis qajeelfama inni kenneef hordofuuf qophaa’oo ta’uusaaniifi isaa wajjin ta’anii jaalala Waaqayyoo raawwachuudhaan gammachuu argachuusaaniitiin mul’ateera. Dhugumayyuu, fakkeenya nama jajjabeessu akkamii ture! Haata’u malee, bakka geggeessituun ogeessa ta’e kun hin jirreetti hawwiin qabeenya horachuu, malaammaltummaaniifi gantummaan hatattamaan babal’achuusaa hubanna. Haaluma wal fakkaatuunis, ilaaltonni olaanaa yeroo har’aatti saba Waaqayyoo giddutti argaman hundi, dammaqinaafi hinaaffaa kan qaban, akkasumas fedhii namoota hidhata amantaasaanii ta’an kan guutaniifi daandii waaqeffannaa dhugaarratti yommuu isaan geggeessan haalasaanii hubachuudhaan jabinaan akka deddeebi’aniif isaan jajjabeessu akka qaban isaan hubachiisa.
19 Nahimiiyaan Sagalee Waaqayyoorratti amantaa guddaa akka qabu argisiiseera. Nahimiiyaan Caaffata Qulqullaa’aa barsiisuudhaaf hinaaffaa qabaachuusaarrayyuu, caaffatoota kanaan gargaaramee saba biyyasaatti deebi’e kana gidduutti dhaala hidda dhalootaatiin argamu, akkasumas tajaajila lubootaafi Lewwoota hundeesseera. (Nah. 1:8; 11:1–12:26; Iya. 14:1–21:45) Kunimmoo Yihudoota warra hafaniif jajjabina guddaa argamsiiseera. Sanyii abdachiifameefi haaromsa guddaa Mootummaasaa jalatti raawwatamu ilaalchisee abdii sanaan dura isaaniif kennamerratti amantaa qaban isaaniif jabeesseera. Tajaajiltoonni Waaqayyoo Mootummichi akka deebi’ee ijaaramu abdii qabaachuunsaanii, ija jabinaan fedhii Mootummichaatiif akka dhaabataniifi waaqeffannaa dhugaa hamma andaara lafaatti akka babal’isan isaan jajjabeessa.
[Miiljaleewwan]
a Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, Jildii 2, ful. 613-616.
b Caaffata Qulqullaa’aa Gadi Fageenyaan Hubachuu, Jildii 2, ful. 899-901.