Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 25—Faaruu Ermiyaas
Barreessaan: Ermiyaas
Bakki Itti Barreeffame: Naannoo Yerusaalem
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.D. 607
MACAAFNI geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffame kun maqaa kanaan moggaafamuunsaa sirriidha. Macaafni kun, mootiin Baabilon Nebukadnezaar Dh.K.D. bara 607tti Yerusaalemiin balleessuusaatti balaa guddaa saba Waaqayyoorra ga’e gaddaan kan ibsudha. Afaan Ibrootaatiin maqaan macaafa kanaa boqonnaa jalqabaarratti jecha,Eeh kahaah! jedhamuun kan moggaafame yeroo ta’u, hiiknisaas “Attamitti!” jechuudha. Namoonni Macaafa Qulqulluu Saptuujantii Giriik hiikan, macaafa kana Teerinooy jechuudhaan kan moggaasan yommuu ta’u, hiiknisaas “Faarfannaa gaddaa ykn Faaruu” jechuudha. Taalmuudiin Baabilonotaammoo macaafa kanaaf maqaa Kiinoz jedhuun kan fayyadamu yeroo ta’u, hiiknisaas “Faarfannaa gaddaa; Walaloo gaddaa” jechuudha. Yeroo jalqabaatiif afaan Laatiniitiin Laamanteeshin jechuudhaan kitaaba kanaaf maqaa kan kenne Jeroom yeroo ta’u, hiiknisaas Faaruu Gaddaa jechuudha.
2 Hiika Macaafa Qulqulluu hedduu keessatti Faaruun Ermiyaas Macaafa Ermiyaasitti aansee kan argamu yeroo ta’u, akka Macaafa Qulqulluu afaan Ibrootaatiin qophaa’etti garuu Hagiyoograaf ykn Barreeffamoota keessatti, jechuunis Macaafa Weedduu Weedduu Caalu, Ruut, Lallabaafi Asteer wajjin argama. Macaafni kun macaafota xixiqqoo walumatti qabaatti Meghiiloot (Maraa) jedhaman keessatti argama. Faaruun Ermiyaas, Macaafota Qulqulluu afaan Ibrootaatiin barreeffaman tokko tokko keessatti Macaafa Ruutiifi Lallaba gidduutti ykn Macaafa Asteeriifi Lallaba gidduutti kan argamu ta’us, Macaafota durii keessatti garuu, Macaafa Qulqulluu yeroo ammaatti argamuu wajjin haala wal fakkaatuun Macaafa Ermiyaasitti aanee akka jiru ni dubbatama.
3 Macaafichi eenyuun akka barreeffame hin dubbatu. Barreessaan macaafa kanaa Ermiyaas akka ta’e garuu homaa hin shakkisiisu. Macaafichi, seensa Giriik Saptuujantiirratti yaada akkas jedhu qabateera: “Israa’eloonni boojuudhaan erga fudhatamaniifi Yerusaalem erga baddee booda, Ermiyaas haala kanatti gadduudhaan waa’ee Yerusaalem akkas jechuudhaan dubbateera.” Jeroom, jechoota kanatti waan hin amanneef yaada kana hiika Macaafa Qulqulluu qopheesse keessaa baaseera. Haata’u malee, Faaruu Ermiyaasiin kan barreesse Ermiyaas ta’uunsaa Yihudoota biratti fudhatama kan qabuufi hiikni Macaafa Qulqulluu afaan Sooriyaatiin qophaa’e hiikni Siiriyaak, Vuulgeetiin Laatiin, Taargum oov Joonaataan, Taalmudiin Baabilonotaafi warri kaanis kun dhugaa ta’uusaa mirkaneessaniiru.
4 Namoonni Macaafa Qulqulluu morman tokko tokko, Faaruu Ermiyaasiin kan barreesse Ermiyaas miti jedhanii ragaa dhiheessuuf yaalii godhaniiru. Haata’u malee, kitaabni Ee Komentaarii oon za Hoolii Baayibil jedhamu macaafa kana kan barreesse Ermiyaas ta’uusaa akkas jechuudhaan ragaa dhiheessa. “Boqonnaa 2fi 4rratti Yerusaalemiin ilaalchisee ibsi gaariin kenname, barreessaan kun wanta ijaan ilaale kan barreesse ta’uusaa argisiisa. Kana malees, gara laafinaafi raajii haala walalootiin barreeffame ta’uunsaa, akkaataan itti barreeffame, akkaataan ijaarsa himasaafi yaannisaa Ermiyaas macaafa kana akka barreesse kan argisiisudha.”a Macaafni Faaruu Ermiyaasiifi Macaafni Ermiyaas ibsa wal fakkaatu hedduu qabataniiru. Isaan keessas gaddi guddaan waan itti dhaga’ame jechoota “ani kanaafan imimmaan koo dhangalaasee boo’a” jedhu (Faru. 1:16; 2:11; 3:48, 49; Er. 9:1; 13:17; 14:17), jechoota raajonniifi luboonni waan gadhee hojjechuusaaniitti hangam akka isaan jibbe ibsan akka fakkeenyaatti caqasuun ni danda’ama. (Faru. 2:14; 4:13, 14; Er. 2:34; 5:30, 31; 14:13, 14) Akkaataan barreeffama Ermiyaas 8:18-22fi Er. 14:17, 18rratti argamu, yaada gaddaa Faaruu Ermiyaasirratti argamuu wajjin kan wal fakkaatu ta’uusaa argisiisa.
5 Macaafichi kan barreeffame, Dh.K.D. bara 607tti Yerusaalem erga kuftee yeroo muraasa booda utuu baay’ee hin turin ta’uunsaa irratti walii galameera. Yeroo kanatti Yerusaalem marfamuunsheefi gubachuunshee sammuu Ermiyaas keessaa waan hin banneef, dhiphinnisaa kun macaafa kanarratti akka gaariitti ibsameera. Namni macaafa kanarratti ibsa kenne tokko, gaddi bakka tokkotti guutummaatti ibsamu akka hin jirreefii tokkoon tokkoon gaddaa walaloo gara garaa keessatti irra deddeebi’amee akka ibsame dubbateera. Achiis akkas jedheera: “Yaanni wal dha’aa ta’e kun . . . macaafichi kan barreeffame yeroo rakkinni kun uumamerra utuu baay’ee hin turin ta’uusaatiif ragaa quubsaa ta’a.”b
6 Akkaataan macaafichi itti qindeeffame xiyyeeffannaa hayyuu Macaafa Qulqulluu kamiyyuu kan hawwatudha. Macaafichi boqonnaa shan jechuunis walaloo shan qaba jechuun ni danda’ama. Boqonnaawwan jalqabaa arfan duraa duuba qubeetiin kan barreeffaman yommuu ta’u, lakkoofsi hundi qubeewwan 22n afaan Ibrootaatiin duraa duubaan barreeffaman keessaa isa tokkoon jalqaba. Karaa garabiraammoo boqonnaan sadaffaan lakkoofsa 66 kan qabu yommuu ta’u, qubee tokko jalatti lakkoofsa 3tu argama. Walaloon inni shanaffaan lakkoofsa 22 kan qabu ta’us, qubeewwan duraa duubaan jiraniin kan barreeffame miti.
7 Macaafni Faaruu Ermiyaas Nebukadnezaar Yerusaalemiin marsuu, qabachuufi balleessuusaatti gaddi kana hin jedhamne kan itti ibsame yommuu ta’u, kunimmoo barreeffamni kamiyyuu macaafa kanaa wajjin akka wal hin gitne argisiisa. Ermiyaas badiisa, rakkoofi jeequmsa ilaale kanaan gadda guddaa itti dhaga’ame ibseera. Beelli, billaaniifi wantoonni nama sodaachisan garabiraan magaalattiirra balaa guddaa geessisanii kan turan yommuu ta’u, wantoonni kun akka ga’an kan godhe Waaqayyo ture; kanas kan godhe sabni sun, raajonniifi luboonni cubbuu waan hojjetaniifidha. Haata’u malee, yeroo kanattis Yihowaarratti abdiifi amantaa qabaachuun waan danda’amuuf Ermiyaas Yerusaalem deebitee akka hundeeffamtu kadhateera.
FAAYIDAASAA
13 Macaafni kun Ermiyaas guutummaatti Waaqayyorratti amanamuusaa ibsa. Ermiyaas yeroo baay’ee aareefi hamileensaa cabee turetti akkasumas, namootarraa jajjabina argachuuf yeroo abdiin akkamiiyyuu hin turretti, Waaqa guddaa isa uumama cufa uume Yihowaa biraa fayyina argachuuf eeggata ture. Macaafni Faaruu Ermiyaas, namoota maqaa Waaqayyoo isa guddaafi wanta maqaan kun bakka bu’u salphisaniif akeekkachiisa nama sodaachisu kan kennu yommuu ta’u, waaqeffattoonni dhugaan garuu Waaqayyoof akka abboomamaniifi amanamummaasaanii eeganii akka jiraatan jajjabeessa. Seenaan, magaalaan akkasitti balleeffamteefi gaddi garaa nama raasu akkasii dhihaateef garabiraan akka jirtu hin dubbatu. Macaafni kun Waaqayyo namoota isaaf hin abboomamne, warra mataa jabaataniifi yaada garaa hin geddarannerratti tarkaanfii cimaa akka fudhatus ni dubbata.
14 Faaruun Ermiyaas akeekkachiisniifi raajiiwwan Waaqayyo dubbate keessaa hedduun raawwatamuusaaniis ni ibsa. (Faru. 1:2—Er. 30:14; Faru. 2:15—Er. 18:16; Faru. 2:17—Lew. 26:17; Faru. 2:20—Kes. 28:53) Macaafni kun raajiin Keessa Deebii 28:63-65rratti dubbatame raawwatamuusaa akka argates nuu mirkaneessa. Kana malees, macaafichi iddoowwan hedduutti yaadawwan Caaffata Qulqullaa’aa bakka garabiraa keessatti argaman ni caqasa. (Faru. 2:15—Far. 48:2; Faru. 3:24—Far. 119:57) Daani’el 9:5-14rratti sabni sun cubbuu waan hojjetaniif rakkinni akka isaanirra ga’e dubbachuudhaan yaada Faaruu Ermiyaas 1:5fi 3:42rratti argamu deggera.
15 Dhugumayyuu, balaan Yerusaalemirra ga’e kan nama gaddisiisudha! Haala akkasii keessattillee Faaruun Ermiyaas Yihowaan gaarummaafi araarasaa argisiisuudhaan Xiyooniin akka yaadatuufi deebisees akka ijaaru abdii kenna. (Faru. 3:31, 32; 4:22) Macaafni kun “ulfina keenya durii,” jechuunis bara dheeraa dura yeroo Daawitiifi Solomoon Yerusaalemiin bulchaa turan deebi’ee akka dhufu ibsa. Kakuu Yihowaan Daawitiif mootummaa bara baraa kennuuf gale yeroo sanattis akka eegametti jira ture. ‘Araarri Waaqayyoo dhuma hin qabu.’ Araarri isaa ganama ganama in haareffama.’ Bulchiinsa Mootummaasaa isa qajeelaa jalatti hanga uumamni hundi, “Waaqayyo qooda koo ti” jedhee galata dhiheessutti, warri isa jaallatan araarasaa argachuusaanii itti fufu.—5:21; 3:22-24.
[Miiljaleewwan]
a Bara 1952tti Jee. Aar. Dumeeloowuun kan maxxanfame ful. 483.
b Stadiis iin za Buuk oov Laamanteeshins 1954, Normaan Kee. Gotwaald, ful. 31.