LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lv ful. 212-ful. 215
  • Alaabaaf Ulfina Addaa Kennuu, Filannoofi Tajaajila Hawaasummaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Alaabaaf Ulfina Addaa Kennuu, Filannoofi Tajaajila Hawaasummaa
  • “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Amalawwan Gaarii Ulfina Argamsiisan
    Dhugaa Baatota Yihowaafi Barumsa
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Qophiiwwan Sabboonummaa Argisiisan Irratti kan hin Hirmaanne Maaliifi?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
lv ful. 212-ful. 215

KUTAA DABALATAA

Alaabaaf Ulfina Addaa Kennuu, Filannoofi Tajaajila Hawaasummaa

Alaabaaf Ulfina Addaa Kennuu. Dhugaa Baatonni Yihowaa faarfannaan alaabaa yeroo faarfatamu alaabaaf sagaduun ykn ulfina addaa kennuun, gocha waaqeffannaa fayyinni kan Waaqayyo utuu hin ta’in, kan Biyya tokkoo ykn kan bulchitootaa kan argisiisu akka ta’e amanu. (Isaayaas 43:11; 1 Qorontos 10:14; 1 Yohannis 5:21) Bulchitoota kana keessaa tokko Nebukadanezaar Mooticha Baabilon duriiti. Mootiin kun humnasaafi hinaaffaa inni amantiisaatiif qabu namoonni akka isa dinqisiifataniif, bifa fakkeenyaa guddaa dhaabsise; achiis sagalee muuziqaa faarfannaa alaabaa fakkaatu yeroo dhaga’an fakkii kanaaf akka sagadan namoota isa jalatti bulan abboome. Haata’u malee, Ibroonni Shaadraak, Meshaakiifi Abed-Neegoo jedhaman sadan adabbii du’aa isaanitti fiduyyuu fakkii kanaaf sagaduu didan.—Daani’el, boqonnaa 3.

Bara keenya ilaalchisee barreessaan seenaa Kaarltan Heeyiz jedhaman akkas jechuun barreessaniiru: “Alaabaan mallattoo guddaa jaalalli biyyaa, amantiifi waaqeffannaa ittiin beekamudha. Dhiironni yeroo alaabaan hidhamuufi buufamu baarmexaa ofirraa fudhu; alaabaaf walaloo barreessu; ijoolleenis isaaf faarfatu.” Itti dabalaniis, kanneen akka guyyoota ayyaanaa guutummaa biyya tokkootti kabajaman, “qulqullootaafi gootota,” akkasumas “manni qulqullummaasaanii” akka jiran ibsaniiru. Ayyaana hawaasaa biyya Biraaziilitti godhamerratti pireezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Humna Waraanaa, “Akkuma Biyyi Abbaa ofii waaqeffatamu . . . alaabaan ulfina guddaa argachuufi waaqeffatamuu qaba” jechuun dubbataniiru. Kitaabni Za Insaaykiloopiidiyaa Ameerikaanaan, yeroo tokko “alaabaan akkuma fannoo qulqulluudha” jechuun dubbateera.

Insaaykiloopiidiyaan kun dhiheenyatti akka ibsetti, faarfannaawwan alaabaa “sabboonummaasaanii ibsuuf kan itti fayyadaman ta’uusaarrayyuu, yeroo baay’ee kadhannaa Waaqayyo namootaafi bulchitootasaanii akka eeguu, akkasumas akka isaan geggeessu dhihaatudha.” Kanaaf tajaajiltoonni Yihowaa alaabaaf ulfina addaa kennuu, faarfannaa alaabaafi ayyaanawwan sabboonummaa mul’isan akka waaqeffannaatti kan ilaalan sababii ga’aa waan qabaniifidha. Ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa manneen barumsaa Yuunaayitid Isteetis keessa jiraatan alaabaaf ulfina addaa kennuu ykn kakuu galuuf fedhii kan hin qabaanne ta’uusaanii ilaalchisee, kitaabni Za Ameerikaan Kaaraaktar jedhamu akkas jedha: “Manni Murtii Olaanaa, dhumarratti sirnoota amantii guyyaa guyyaan raawwatan kabajuuf akka hin dirqamne murteesseera.”

Sabni Yihowaa ayyaanota Caaffanni Qulqullaa’aan hin deggerre kabajuu baatanis, mirga warra kabajanii garuu hin tuqan. Alaabaan mallattoo biyya tokkoo waan ta’eef ni kabaju; bulchitoonni karaa seera qabeessa ta’een “biyya bulchuudhaaf aboo qaban,” akka “hojjetaa Waaqayyootti” akka tajaajilan ni hubatu. (Roomaa 13:1-4) Kanaaf Dhugaa Baatonni Yihowaa, gorsa “moototaaf, biyya bulchuu keessatti warra aboo qaban hundumaaf” akka kadhatan isaaniif kennameef ni abboomamu. Kan kadhannu garuu, “nagaatti gabiitti akka namoota Waaqayyootti jireenya ulfina qabu jiraachuu akka dandeenyuuf[idha].”—1 Ximotewos 2:2.

Paartilee siyaasaa filachuu. Kiristiyaanonni dhugaa mirga namoonni filannoo gochuuf qaban ni kabaju. Filannoo godhame mormuun fincila hin kaasan ykn abbootii taayitaa filatamanii wajjin hin gamtooman. Haata’u malee, dhimmawwan siyaasaa irraa guutummaatti walaba ta’uuf kutataniiru. (Maatewos 22:21; 1 Phexros 3:16) Kiristiyaanni tokko biyyoota filannoo gochuun dirqama ta’etti ykn namoota bakka filannoo hin dhaqnerratti dhiibbaa cimaan irra ga’u keessa jiraatu maal gochuu qaba? Innis yoo yaanni garaasaa isaaf heyyame akkuma Shedraak, Meshaakiifi Abed-Neegoo bakkee Duraa jedhamu dhaqan, bakka filannaan itti godhamu deemuuf murteessuu danda’a. Ta’us, wanta ejjennoosaa akka laaffisu godhu tokkoyyuu raawwachuurraa of qusata. Seera bu’uuraa ja’an armaan gadii yaadachuu qaba:

  1. Duuka buutonni Yesus ‘kan biyya lafaa miti.’—Yohannis 15:19.

  2. Kiristiyaanonni Kiristosiifi Mootummaasaa bakka bu’u.—Yohannis 18:36; 2 Qorontos 5:20.

  3. Gumiin Kiristiyaanaa amantiidhaan tokkodha; miseensonnisaas jaalala Kiristosiin walitti hidhamaniiru.—1 Qorontos 1:10; Qolosaayis 3:14.

  4. Namoonni abbaa taayitaa filatan, wanta namni filatame kun raawwatuuf itti gaafatamu.—Seera bu’uuraa jechoonni 1 Saamu’el 8:5, 10-18 fi 1 Ximotewos 5:22⁠rra jiran qaban qalbeeffadhu.

  5. Yihowaan, sabni Israa’el mootii ijaan argamu moosifachuu barbaaduusaanii, akka isa tuffatanitti ilaaleera.—1 Saamu’el 8:7.

  6. Kiristiyaanonni namoota siyaasaatti waa’ee bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo ija jabina guutuudhaan dubbachuu qabu.—Maatewos 24:14; 28:19, 20; Hojii Ergamootaa 28:31.

Tajaajila hawaasummaa. Biyyoota tokko tokkotti namoonni hojii humna waraanaa wajjin wal qabate raawwachuu didan, yeroo muraasaaf tajaajila hawaasummaa akka kennan isaanirraa eegama ta’a. Haala kanaa wajjin wal qabateen murtoo gochuun yoo nu barbaachise, waa’ee dhimma kanaa kadhachuu, tariimmoo Kiristiyaana ga’eessaa wajjin mari’achuufi murtoo yaanni garaa keenyaa nutti hime gochuu qabna.—Fakkeenya 2:1-5; Filiphisiiyus 4:5.

Dubbiin Waaqayyoo, “harka warra biyya bulchanii fi warra aboo qabanii jala of galchuu, abboomamuu fi hojii gaarii hojjechuufis qophaa’oo” akkasumas “sababi qabeeyyii, NW” akka taanu nu gorsa. (Tiitoos 3:1, 2) Kana yaadatti qabachuudhaan, akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Hojii hawaasummaa kana fudhachuun ejjennoo ani amantiikoof qabu akkan laaffisu ykn amantii sobaarratti akkan hirmaadhu na taasisaa?’ (Miikiyaas 4:3, 5; 2 Qorontos 6:16, 17) ‘Hojii kana hojjechuunkoo itti gaafatama Kiristiyaanummaa ani qabu raawwachuun akka natti ulfaatu ykn tasumaa akkan hin raawwanne na dhorkaa?’ (Maatewos28:19, 20; Efesoon 6:4; Ibroota 10:24, 25) ‘Karaa biraatiin, tajaajila akkasiirratti hirmaachuun sagantaa sochiiwwan hafuuraa bal’ifachuuf, tariimmoo tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuuf carraa naa banaa?’—Ibroota 6:11, 12.

Kiristiyaanni tokko mana hidhaa galuurra, tajaajila hawaasummaarratti hirmaachuuf yoo murteesse, Kiristiyaanonni hidhatasaa ta’an murtoosaa kabajuufii qabu. (Roomaa 14:10) Tajaajila akkasiirratti hirmaachuu dhiisuuf yoo murteesses, warri kaan ejjennoosaa kana kabajuufii qabu.—1 Qorontos 10:29; 2 Qorontos 1:24.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi