Dhugaa Baatonni Yihowaa ijoolleensaanii amalawwan Kiristiyaanummaa dhugaa akka horatan barsiisuuf carraaqqii godhu
Amalawwan Gaarii Ulfina Argamsiisan
Bara durii kaasee dhiironniifi durboonni ija jabeeyyiin ejjennoo namoota barasaanii turanirra adda ta’e fudhachaa turaniiru. Namoonni kun kaayyoosaaniif jecha lubbuusaanii kennuudhaan hacuuccaa karaa siyaasaa, amantiifi qomootiin irra ga’aa ture mo’aniiru.
KEESSUMAA Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa ija jabeeyyii turan. Jaarraawwan jalqabaa sadanitti yommuu ari’atamni cimaan isaanirra ga’e, baay’eensaanii mootii hin waaqeffannu jechuusaaniitiin saba Roomaa warra Waaqayyoon hin beekneen ajjeefamaniiru. Al tokko tokko iddoon aarsaa bakka namoonni wal’aansoo itti dorgomanitti dhaabama ture. Kiristiyaanonni du’a jalaa ooluuf, achi dhaqanii mooticha kan muude Waaqayyo ta’uusaa argisiisuuf ixaana xinnoo aarsuu qabu turan. Namoonni muraasni kana godhanis, baay’eensaanii amantiisaanii ganuu mannaa du’uu filataniiru.
Yeroo har’aattis, Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasaarraa walaba ta’uu ilaalchisee ejjennoo wal fakkaatu qabu. Ariisaa warra Naaziirraa isaanirra ga’erratti jabinni isaan argisiisan seenaa keessatti galmeeffameera. Waraana Addunyaa Lammaffaa duras ta’e booda, Jarman keessatti Dhugaa Baatonni harka 25 ta’an keessumaa mana hidhaatti “Haayil Hiitlar” (Hiitlar Fayyisaadha) hin jennu jechuusaaniitiin ajjeefamaniiru. Daa’imman warrasaanii warra Dhugaa Baatota ta’anirraa adda ba’anii akka jiraatan dirqisiifamaniiru. Ijoolleen, dhiibbaan akkasii isaanirra ga’us jabaatanii dhaabataniiru; dhiibbaa namoonni barumsawwan Caaffata Qulqullaa’oo wajjin wal faallessan akka fudhatan isaanirraan ga’aniifis hin mo’amne.
Alaabaaf Ulfina Addaa Kennuu
Yeroo har’aatti, ari’atamni cimaan akkasii Dhugaa Baatota Yihowaa hundarra ga’aa jira jechuu miti. Ta’us, al tokko tokko ijoolleen Dhugaa Baatota ta’an dhageettii yaada garaasaaniitiin kan ka’e alaabaaf ulfina addaa kennuufi sirnawwan sabboonummaa wajjin wal qabatan tokko tokkorratti hirmaachuu diduusaaniitiin ejjennoonsaanii karaa dogoggora ta’een hubatamuu danda’a.
“Mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa; Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa!”—Maatewos 22:21
Ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa ijoolleen kaan alaabaaf ulfina addaa akka hin kennine hin dhowwan; kun murtoo dhuunfaati. Ejjennoon Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimma kanarratti qaban garuu hin jijjiiramu: Alaabaa biyya kamiifiyyuu ulfina addaa hin kennan. Kana jechuun garuu alaabaaf ulfina hin kennan jechuu miti. Alaabaa biyya keessa jiraatan kamiifiyyuu ulfina akka kennan, seerawwan biyyichaatiif ajajamuudhaan argisiisu. Sochii mootummaa mormuun godhamu kamirrattiyyuu tasumaa hin hirmaatan. Dhugaa Baatonni Yihowaa, mootummoonni yeroo har’aatti bulchaa jiran, kan “Waaqayyo dhaabe” ykn qophii akka jiraataniif Inni heyyame ta’uusaa amanu. Kanaaf, gibira akka kaffalaniifi “warra biyya bulchuudhaaf aboo qabaniif” akka abboomaman kan ajaje Waaqayyo ta’uusaa ni amanu. (Roomaa 13:1-7) Kunimmoo yaada Yesus, “Mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa; Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa!” jedhee wajjin kan walsimudha.—Maatewos 22:21.
Namoonni tokko tokko, ‘Maarree Dhugaa Baatonni Yihowaa alaabaaf ulfina adda kennuuf jecha kan hin qoommaane maaliifi?’ jedhanii gaafatu ta’a. Alaabaaf ulfina addaa kennuu akka waaqeffannaatti kan ilaalan waan ta’eef si’a ta’u, waaqeffannaanimmoo kan malu Waaqayyoof qofadha. Waaqayyoon malee, namas ta’e wanta kamiyyuu hin waaqeffatan. (Maatewos 4:10; Hojii Ergamootaa 5:29) Kanaaf, ejjennoo ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa qabanis ta’e, haala amantiisaanii wajjin walsimuun jiraachuuf murtoo isaan godhan barsiisonni yommuu kabajaniif ni dinqisiifatu.
Yaadawwan armaan gaditti argaman akka ibsanitti alaabaaf ulfina addaa kennuun waaqeffannaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuusaa kan amanan Dhugaa Baatota Yihowaa qofa akka hin taane argisiisu.
“Alaabaawwan durii guutummaatti amantii wajjin walitti dhufeenya qabu jechuun ni danda’ama. . . . Alaabaan biyyaa akka wanta qulqulluutti akka ilaalamuuf yeroo hunda gargaarsa amantii kan barbaachisee ture fakkaata.” (Dalga ciibsee kan barreesse nuyidha.)—Insaaykilooppiidiyaa Biriitaanikaa.
“Alaabaanis akkuma fannoo, qulqulluudha. . . . Seerawwan biyya tokkoof ba’an jechoota ciccimoofi miira namaa kakaasan kan akka ‘Alaabaa Tajaajiluu,’ . . . ‘Alaabaaf Ulfina Addaa Kennuu,’ akkasumas ‘Alaabaaf Kan Bulan Ta’uu’ kan jedhanidha.” (Dalga ciibsee kan barreesse nuyidha.)—Za Insaaykilooppiidiyaa Ameerikaanaa.
“Kiristiyaanonni . . . ulfina mootichaa [Roomaaf] aarsaa dhiheessuu didaniiru—gochi kun gocha yeroo har’aatti alaabaaf ulfina addaa kennuu dhiisuu wajjin wal fakkaata.”—Zoos Abaawoot tuu Daayi (1958), Daani’el P. Maaniksiin kan qophaa’e, ful. 135.
Dargaggoonni Ibrootaa sadan bifa fakkeenyaa Nebukadnezaar mootiin Baabilon dhaabeef sagaduu didaniiru
Akkuma olitti ibsame, Dhugaa Baatonni Yihowaa alaabaaf ulfina addaa kennuu kan didan, mootummaaf ykn bulchitoota kamiifiyyuu kabaja waan hin qabeef miti. Kanaa mannaa, fakkii biyya bakka bu’uuf ulfina addaa waaqeffannaa wajjin wal gitu kennuu waan hin barbaanneefidha. Ejjennoo kana, ejjennoo dargaggoonni Ibrootaa sadan bara durii bifa fakkeenyaa mootichi Baabilon Nebukadnezaar bakkee Duraatti dhaabeef hin sagannu jechuun fudhatanii wajjin wal fakkaatu godhanii ilaalu. (Daani’el, boqonnaa 3) Kanaaf, yommuu warri kaan alaabaaf ulfina addaa kennan ykn alaabaaf amanamoo ta’uusaanii argisiisuuf yommuu waadaa galan ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa garuu dhageettii yaada garaasaanii isa Macaafa Qulqulluun leenji’e hordofu. Kanaaf wanta sirna kana jeequufi ulfina dhabsiisu gochuu baatanis, sirna kanarratti hin hirmaatan. Ijoolleen Dhugaa Baatota ta’an yommuu faaruun biyyaa faarfatamu, faarfachuu ykn meeshaa muuziqaatiin taphachuu kan hin barbaannes kanumaafidha.
Mirga Warri Qaban
Yeroo har’aatti, biyyoonni hedduun mirga warri wanta itti amanan ijoolleesaanii barsiisuuf qaban ni kabaju. Seerri ammayyuu Waldaa Kaatolikii keessatti itti hojjetamaa jiru dhaabbileen amantii hundi mirga kana akka deggeran kan argisiisudha: “Ijoolleesaaniitiif jireenya kan kenne warra waan ta’aniif, ijoolleesaanii barsiisuuf itti gaafatamummaa kan qaban ta’uusaaniirrayyuu, akkas gochuufis mirga qabu. Hunda caalaatti warri barumsa Kiristiyaanummaa Waldichaa wajjin walsimu ijoolleesaanii barsiisuunsaanii barbaachisaa kan ta’e kanaafi.”—Seera 226.
Ijoolleen warra kaaniif akka yaadan jajjabeeffamu
Dhugaa Baatonni Yihowaas wanta kanarraa adda ta’e hin godhan. Warri ijoolleesaaniitiif waan yaadaniif, amalawwan gaarii Kiristiyaanummaa dhugaa akka horatan gargaaruuf carraaqqii kan godhan ta’uusaaniirrayyuu, namoota akka jaallataniifi qabeenyaa namootaaf ulfina akka qabaatan isaan barsiisu. Gorsa Phaawulos, “Isin immoo abboota nana! Adabaa fi barsiisa gooftaatiin ijoollee keessan guddisaa malee, isaan aarsuudhaaf isaan hin tuttuqinaa!” jechuun Kiristiyaanota Efesooniif kenne hordofuu barbaadu.—Efesoon 6:4.
Maatiiwwan Amantiin Garagaraatiin Qoqqoodaman
Maatiiwwan tokko tokko keessatti Dhugaa Baatuu Yihowaa kan ta’e abbaa ykn haadha qofa ta’uu danda’u. Yeroo akkasiitti lamaanuu wanta itti amanan ijoolleesaanii barsiisuuf mirga akka qaban ni amanu. Ijoolleen barumsawwan amantii garagaraa barachuunsaanii miidhaa guddaa isaanirraan hin ga’u.a Amantii isa kam hordofuu akka qaban ijoolleen ofiisaaniitiin murteessuu qabu. Yeroo baay’ee ijoolleen maatiinsaanii Dhugaa Baatota Yihowaa ta’anis ta’uu baatanis, ijoolleen hundi seera amantii warrasaanii hordofu jedhamee hin eegamu.
Mirga Ijoolleen Dhageettii Yaada Garaa Wajjin Wal Qabateen qaban
Dhugaa Baatonni Yihowaa dhageettii yaada garaa Kiristiyaanota hundaaf bakka guddaa akka kennanis beekuu qabda. (Roomaa boqonnaa 14) Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Mirga Daa’immanii ilaalchisee Walga’ii Guddaa bara 1989 raggaasiserratti, ijoolleen “yaadasaanii ibsuu, wanta dhageettiin yaada garaasaanii isaanitti himu gochuu, amantii barbaadan hordofuuf mirga” akka qabaniifi “seera isaan ilaallaturratti yaadasaanii dhowwaa tokko malee ibsuufi dhimma isaan yaaddesse kamiifiyyuu xiyyeeffannaan akka kennamuuf gochuuf” mirga akka qaban ibsa.
Daa’imman lama fedhii guutummaatti wal fakkaatu qabaachuu hin danda’an. Kanaaf, sochiiwwan ykn hojiiwwan mana barumsaatti kennaman tokko tokko ilaalchisee murtoon ijoolleen Dhugaa Baatota ta’aniifi hin taane godhanirratti amma tokko garaagarummaan jiraachuu akka danda’u eeguu qabda. Atis seera bu’uuraa mirga dhageettii yaada garaa ilaalchisee kenname kana akka kabajju ni amanna.
a Ijoollee maatiiwwan amantiin gargar qoqqoodaman keessa jiraatan ilaalchisee Piroofeesar Istiivan Kaar Ruuben, kitaabasaanii isa Raayiziingi Juwish Chiildiran iin ee Kontemporaarii Worlid jedhamurratti akkas jedhaniiru: “Warri eenyummaasaanii isa dhugaa kan dhoksan, jireenya gara dhabaa kan jiraataniifi dhimma amantiif dantaa hin qabne keessa kan jiraatan taanaan ijoolleenis ni burjaaja’u. Warri waa’ee wantoota itti amanan, seerawwan ittiin geggeeffamaniifi ayyaana kabajan ilaalchisee ejjennoo ifa ta’e kan qabaniifi amanamoo yommuu ta’an, ijoolleen wantoota amantii wajjin wal qabataniin tasgabbiin waan itti dhaga’amuuf ofiif ulfina qabaatanii guddatu; kunimmoo ofitti amantaa akka qabaataniifi hawaasa keessatti iddoo qaban akka hubatan gargaaruurratti ga’ee guddaa qaba.”