LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • yp2 boq. 16 ful. 136-141
  • Jireenya Bifa Lama Qabu Jiraachaa Akkan Jiru Namatti Himuun Qabaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jireenya Bifa Lama Qabu Jiraachaa Akkan Jiru Namatti Himuun Qabaa?
  • Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Fedhii Of Dandeessee Jiraachuuf Qabdu
  • Wanti Yihowaa Jalaa Dhokatu hin Jiru
  • Furmaata Kennuu
  • Jireenya Bifa Lama Qabu Jiraachuu Dhaabuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Warri Koo Seera Kan Natti Baayʼisan Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Warri Koo Yeroo Hunda yoo Wal Falman Maal Gochuun Qaba?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Warri Koo Akkan Bashannanu kan Naaf hin Heyyamne Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
yp2 boq. 16 ful. 136-141

BOQONNAA 16

Jireenya Bifa Lama Qabu Jiraachaa Akkan Jiru Namatti Himuun Qabaa?

□ Dhugaatii alkoolii dhuguu

□ Namoota warri kee gadhee akka taʼanitti ilaalan wajjin yeroo dabarsuu

□ Muuziqaa gadhee dhaggeeffachuu

□ Paartii gadhiisii taʼerratti argamuu

□ Dhoksaatti jaalallee qabachuu

□ Fiilmiiwwan naamusaan ala taʼan ilaaluu ykn geemii akkasii taphachuu

□ Dubbii gadhee dubbachuu

WANTOOTA fuula darberratti tarreeffaman ilaali. Warra kee dhoksuudhaan wantoota akkasii ni gootaa? Taanaan, wanti gochaa jirtu dogoggora taʼuu isaa beekuun kee hin oolu. Sammuun kees baayʼee si ceephaʼa taʼa. (Roomaa 2:15) Taʼus, waaʼee kanaa warra keetti himuun ulfaataa akka taʼe sitti dhagaʼama. Warra keetti maaltu akka dhagaʼamu yeroo yaaddu, “Isaanitti himee isaan gaddisiisuurra dhoksuu wayya” jettee yaadda taʼa. Haa taʼu malee, kun jireenya bifa lama qabu jiraachaa akka jirtu kan argisiisu taʼinnaa laata? Wanta gochaa jirtu dhoksuuf kan yaaltu maaliifi?

Fedhii Of Dandeessee Jiraachuuf Qabdu

Kitaabni Qulqulluun, “Namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa” jedha. (Uumama 2:24) Dubartiinis yeroo booda abbaa ishii fi haadha ishii ni dhiisti. Nama guddaa taʼuuf, of dandaʼuuf, akkasumas murtoo mataa keetii gochuuf fedhii qabaachuun waanuma jirudha. Taʼus, dargaggoonni tokko tokko warri isaanii wantoota gaarii akka hin taanetti ilaalan yeroo isaaniif heyyamuu didan ni fincilu.

Warri tokko tokko garmalee seera cimsuu akka dandaʼan beekamaadha. Shamarreen Kiim jedhamtu akkana jetteetti: “Fiilmii ilaaluu hin dandeenyu jechuun ni dandaʼama. Abbaan koo muuziqaa tokkoyyuu akka dhaggeeffannu hin barbaadu.” Dargaggoonni tokko tokko seera sirrii akka hin taanetti ilaalan kanaan kaʼe hiriyoota isaanii warra isaan caalaa bilisummaa akka qaban yaadanitti hinaafu.

Shamarreen Taamii jedhamtu sababiin dargaggoonni jireenya bifa lama qabu itti jiraatan kan biraan hiriyoota isaanii biratti fudhatama argachuu waan barbaadaniif akka taʼe dubbatteetti. Akkana jetteetti: “Mana barumsaatti dubbii gadhee dubbachuudhaan jireenya akkasii jiraachuun jalqabe. Akkuma ijoollee kaanii akkan taʼe natti dhagaʼamee ture. Boodas xuuxuun jalqabe. Hamma natti hoʼutti dhugaatii alkoolii dhuguus nan jalqabe. Achiis dhoksaatti jaalalleen qabadhe; warri koo garuu seera cimsu, jaalallee akkan qabadhus naaf hin heyyaman.”

Dargaggeessi Piit jedhamus muuxannoo akkasii qaba. Akkana jedheera: “Maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessattin guddadhe. Taʼus, akka natti hin qoosamne baayʼeen sodaadha ture.” Maarree, Piit sodaa isaa moʼuuf maal godhe? Akkana jedheera: “Nama hundumaa biratti fudhatama argachuufan yaale. Yeroo ayyaanaatti kennaa kanan hin fudhanne maaliif akka taʼe yeroo na gaafatan sababii sobaan dhiheessa ture.” Piit xinnuma ejjennoo isaa laaffisuu jalqabee utuma baayʼee hin turin dogoggora cimaa raawwachuu jalqabe.

Wanti Yihowaa Jalaa Dhokatu hin Jiru

Bara duriitii kaasee namoonni jireenya bifa lama qabu jiraatan jiru. Israaʼelonni durii tokko tokko eenyuyyuu akka isaanirratti hin beekne yaaduudhaan jireenya bifa lama qabu jiraachaa turan. Haa taʼu malee, Isaayyaas raajichi akkana jedhee isaan akeekkachiiseera: “Warra karoora isaanii Yihowaa jalaa dhoksuuf karaa dheeraa deemaniif wayyoo. Isaan, ‘Eenyutu nu arga? Eenyutu waaʼee keenya beeka?’ jechaa, hojii isaanii dukkana keessatti hojjetu.” (Isaayyaas 29:15) Israaʼelonni sun Waaqayyo gocha isaanii akka argu dagatanii turan. Yihowaan yeroon isaa yommuu gaʼu balleessaa isaaniitiif isaan adabeera.

Harʼas haalli isaa akkasuma. Dogoggora raawwatte warra kee jalaa dhoksuu kan dandeessu taʼus, Yihowaa jalaa dhoksuu garuu hin dandeessu. Ibroonni 4:13, “Uumamni ija isaa jalaa dhokatu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, wanti hundi ija isa nu gaafatu sanaa duratti qullaa fi ifatti kan saaxilame dha” jedha. Maarree, dhoksuun kee maal si fayyada? Yeroo walgaʼiiwwan gumiirratti argamtu hinaaffaa kan qabdu fakkeessuudhaan Waaqayyoon gowwoomsuu hin dandeessu. Yihowaan yeroo namni tokko ‘hidhii isaatiin ulfina isaaf kennu, garaan isaa garuu baayʼee isarraa fagoo taʼu’ ni hubata.—Maarqos 7:6.

Namoonni jireenya bifa lama qabu jiraatan Yihowaa akka gaddisiisan hubatteettaa? Dhuguma kun taʼuu dandaʼaa? Eeyyee, ni dandaʼa. Israaʼelonni durii Seera Waaqayyoo yeroo dhiisanitti ‘Isa Qulqulluu kan Israaʼel gaddisiisaniiru.’ (Faarfannaa 78:41) Yeroo harʼaas ijoolleen ‘adabaa fi gorsa Yihowaatiin guddatan’ dhoksaadhaan wanta sirrii hin taane yeroo raawwatan hammam akka gaddu yaadi.—Efesoon 6:4.

Furmaata Kennuu

Wanta dhoksaatti raawwachaa jirtu Waaqayyoo fi warra keetti himuu qabda; akkasumas ofiif amanamaa taʼuu qabda. Akkas gochuun si qaanessuu fi adabbii sitti fiduu akka dandaʼu beekamaadha. (Ibroota 12:11) Fakkeenyaaf, warra kaan sobuu fi gowwoomsuun barsiifata sitti taʼeera taanaan, warri kee amantii sirratti dhabuu dandaʼu. Kanaafuu, yeroodhaaf isa duraanii caalaa bilisummaa kee daangessuu dandaʼu. Taʼus, balleessaa kee himachuun tarkaanfii hundarra caaludha. Maaliif?

Mee fakkeenya kana ilaali: Maatii kee wajjin gaaratti ol baʼaa akka jirtanitti yaadi. Yeroo warri kee si hin arginetti ajaja isaan akka isaanirraa hin fagaannee fi daandiirraa akka hin gorre siif kennan waan hin eegneef ni badde. Achiis akkuma tasaa dhoqqee keessa lixuu jalqabde. Yeroo kanatti gargaarsa argachuuf iyyuun si qaanessaa? ‘Warri koo akeekkachiisa isaanii waanan tuffadheef na adabu’ jettee yaaddoftaa? Lakki! Kanaa mannaa, hamma dandeesse sagalee kee ol kaastee iyyita.

Haaluma wal fakkaatuun, jireenya bifa lama qabu jiraachaa jirta yoo taʼe hatattamaan gargaarsa argachuun si barbaachisa. Duubatti deebitee dogoggora kee sirreessuu akka hin dandeenye yaadadhu. Garuu kana booda jijjiirama gochuu ni dandeessa. Baayʼee kan si dhiphisuu fi kan sitti ulfaatu yoo taʼellee ofii keerrattis taʼe maatii keerratti rakkina dabalataa fiduu kee dura gargaarsa gaafachuun ogummaadha. Gocha keetti garaadhaa yoo gaabbite Yihowaan dhiifama siif godha.—Isaayyaas 1:18; Luqaas 6:36.

Kanaafuu, dhugaa isaa warra keetti himi. Gadda isaanii isaaniif hubadhu. Adaba siif kennanis fudhadhu. Akkas yoo goote, warra kees taʼe Yihowaa ni gammachiista. Qalbii qulqulluu waan qabaattuuf sammuun kees boqonnaa argata.—Fakkeenya 27:11; 2 Qorontos 4:2.

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Wanta ijoollee daree kee wajjin wal si fakkeessu baayʼee qabda. Garuu hiriyummaa mana barumsaa ilaalchisee maal beekuu qabda?

CAQASA IJOO

“Namni balleessaa isaa dhoksu milkaaʼina hin argatu, namni balleessaa isaa himatuu fi isa dhiisu garuu araara ni argata.”—Fakkeenya 28:13.

GORSA GAARII

Dogoggora kee salphistee hin ilaalin, garuu garmalee arbeessitees hin ilaalin. Yihowaan dhiifama gochuuf qophaaʼaa akka taʼe yaadadhu.—Faarfannaa 86:5.

KANA BEEKTAA?

Namni tokko miirri balleessaa isatti dhagaʼamuun isaa faayidaa qaba; dogoggora isaa akka sirreessu isa kakaasuu dandaʼa. Namni cubbuu raawwachuu isaa itti fufu garuu qalbiin isaa akka mancaʼu godha. Akkuma gogaa sibiila diimessaadhaan gubameetti hadooduu dandaʼa.—1 Ximotewos 4:2.

WANTAN GOCHUU YAADE

Jireenya bifa lama qabu jiraachaan jira yoo taʼe naman haasofsiisuu dandaʼu ․․․․․

Adabbii naaf kennamu dandamachuuf akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Dargaggoonni tokko tokko jireenya bifa lama qabu jiraachuuf wanti isaan kakaasu maalidha?

● Jireenya bifa lama qabu jiraachuun miidhaa akkamii qaba?

● Akkaataa jireenyaa akkasii dhiisuuf carraaqqii gochuun faayidaa akkamii qaba?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 140rra jiru]

“Dargaggoonni Kiristiyaanota ulaagaalee naamusaa olaanoo taʼaniin geggeeffaman taʼuu isaanii dubbachuu qabu jedheen yaada. Hamma isaaniif dandaʼametti dafanii akkas gochuu qabu. Utuu hin dubbatin yoo turan akkas gochuun caalaatti isaanitti ulfaata.”—Liindaa

[Fakkii fuula 141​rra jiru]

Jireenya bifa lama qabu jiraachuun akkuma dhoqqee keessa lixuuti; gargaarsa warra kaanii gaafachuu qabda

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi