Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 56—Tiitoos
Barreessaan: Phaawulos
Bakki Itti Barreeffame: Maqedooniyaa (?)
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 61–64
“ANI Phaawulos . . . hojjetaa Waaqayyoo fi ergamaa Yesus Kristos ta’ee kana caafuu koo ti; Gara Tiitoos isa karaa amantii walii wajjin qabnu, ilma koo dhugaa ta’e!” (Tit. 1:1, 4) Ergaan Phaawulos, Tiitoos isa hidhata hojiisaafi michuusaa yeroo dheeraa ta’eef barreesse akkas jechuun kan jalqabu si’a ta’u, kan inni Qareexis biyya bishaan keessaatti isa hambises gumiiwwan akka gaariitti akka gurmeessuuf ture. Itti gaafatamni Tiitoositti kenname baay’ee guddaa ture. Biyyi bishaan keessaa kun, bakka jireenyaa “abbaa waaqayyoliifi namootaa” bara durii akka taate kan dubbatamu yommuu ta’u, jechi “Qareexisota Qareexis taasisuu,” jechuunis “kan nama gowwoomsu gowwoomsuu” jedhus biyya kanarraa madde.a Jiraattonni biyya bishaan keessaa kun soba dubbachuudhaan kan beekaman waan ta’eef, Phaawulos jecha namni isaan raajii keenya jedhan dubbate caqasee akkas jechuun barreesseera: “Warri Qareexis yeroo hundumaa sobduu dha, bineensota hamoo dha, albaadhota, dhibaa’oo dhas.” (1:12) Saboonni Qareexis bara Phaawulos turan akkas jedhamanii ibsamaniiru: “Waa hunda qabanii kan gadhiisan, fakkeessitoota, kan dubbii jaallatan, sassatoo, addaggee, sobduufi machooftuu kan turan si’a ta’u, Yihudoonni isaan gidduu jiraatanimmoo jiraattota biyyichaa caalaa amala manca’aadhaan kan guutaman turan.”b Gumiiwwan Qareexis naannoo haalli akkasii itti babal’atetti waan hundeeffamaniif, amantoonni naannoo sana jiraatan akeekkachiisa Phaawulos hordofuudhaan ‘Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaa gochuurraa fagaachuuf, of qabuu, qajeelinatti jiraachuufi namoota Waaqayyoo ta’anii jiraachuuf’ carraaqqii addaa gochuu qabu turan.—2:12.
2 Hariiroo Phaawulosiifi Tiitoos gidduu jiru ilaalchisee, ibsi Macaafni Tiitoos kennu baay’ee muraasadha. Ta’us, yaadawwan ergaa garabiraa Phaawulos Tiitoosiin ilaalchisee barreesserraa odeeffannoo hedduu argachuun ni danda’ama. Tiitoos, inni lammii Giriik, yeroo hedduu Phaawulosii wajjin adeemaa kan ture si’a ta’u, yoo xinnaate al tokko isaa wajjin gara Yerusaalem dhaqeera. (Gal. 2:1-5) Kanaaf, Phaawulos, “garee koo ti, . . . hidhata koo ti” jechuun waa’eesaa ibseera. Phaawulos ergaasaa isa jalqabaa biyya Efesoon keessaa warra Qorontosiif erga barreessee booda, Qorontositti kan erge karaa Tiitoos ture. Tiitoos biyya Qorontos yeroo ture buusii obboloota Yerusaalemiif godhamuu wajjin haala wal qabateen waa’eensaa kan ibsame yommuu ta’u, boodas hojii buusii kanaa akka fiixaan baasuuf Phaawulos deebisee gara Qorontositti isa ergeera. Phaawulos ergaa lammataa warra Qorontosiif barreesse akka geessuuf kan isatti kenne, Maqedooniyaatti erga wal arganii booda Tiitoos yeroo lammaffaaf gara Qorontositti yommuu deebi’etti ture.—2 Qor. 8:16-24; 2:13; 7:5-7.
3 Phaawulos yeroo jalqabaatiif Roomaatti hidhamee erga hiikamee booda, waggoota xumura tajaajilasaatti Ximotewosiifi Tiitoosii wajjin deebi’ee wal argeera. Kunis, yeroo isaan Qareexis, Giriikiifi Maqedooniyaatti tajaajilan kan dabalatu fakkaata. Dhumarrattis, Phaawulos gara Niqopholiis ishee Giriikirraa gara kaaba dhihaatti argamtu deemuunsaa kan ibsame yommuu ta’u, kan qabameefi yeroo dhumaatiif bakka itti hidhamee ajjeefametti, jechuunis Roomaatti kan geeffame iddoo kanaa hin ta’in hin oolu. Phaawulos, ‘wanta toora hin qabatin hafe akka toora qabsiisu, mandaruma mandarattis jaarsolii hojii waldaa geggeessuurra akka dhaabuuf’ Tiitoosiif qajeelfama kan kenneefi Qareexisitti kan isa dhiisee adeeme daawwannaasaa kanarratti ture. Phaawulos ergaa kana kan barreesse, Tiitoosiin Qareexisitti dhiisee erga deemee yeroo muraasa booda Maqedooniyaa yommuu turetti utuu hin ta’in hin oolu. (Tit. 1:5; 3:12; 1 Xim. 1:3; 2 Xim. 4:13, 20) Ergichi Ximotewos Isa Duraa wajjin kaayyoo tokko waan qabu kan fakkaatu yommuu ta’u, kunis Tiitoos isa hidhata hojii Phaawulos ta’e jajjabeessuufi hojii inni hojjetuuf aboo kennuuf ture.
4 Phaawulos ergaa kana kan barreesse jalqaba erga hidhamee boodaafi yeroo lammaffaaf hidhamuusaa dura, jechuunis Dh.K.B. naannoo bara 61- 64tti ta’uu qaba. Ragaawwan cimoon ergaawwan yeroo kanatti Ximotewosiif ergaman dhugaa ta’uusaaniif dhihaatan, ergaa Tiitoosiif ergamerrattis ni hojjetu; ergaawwan Macaafa Qulqulluu kun sadan yeroo hedduu ergaa Phaawulos akka “abbaa ta’ee barreesse” jechuun beekamu. Akkaataan itti barreeffamanis wal fakkaata. Iraaniyasiifi Oriigan macaafa Tiitoosirraa caqasanii kan barreessan yommuu ta’u, odeeffannoowwan amanamoon bara duriitti argaman hedduunis macaafni kun kutaa Caaffata Qulqullaa’oo ta’uusaa dhugaa ba’u. Macaafni kun barreeffamoota Saayinaatikiifi Aleeksaandiraayin bara durii harkaan barreeffaman keessattis ni argama. Mana Kitaabaa Joon Raayilaand keessatti ciccitaan ykn Firaagmantiin pappaayiras P32 jedhamu tokko kan argamu yommuu ta’u, ciccitaan kunis Dh.K.B. naannoo jaarraa sadaffaatti kan barreeffameefi Tiitoos 1:11-15fi 2:3-8 kan qabate si’a ta’u, waraqata haala koodeeksii wajjin wal fakkaatuun qophaa’edha.c Macaafni Tiitoos kutaa Caaffata Qulqullaa’oo keessaa tokko ta’uusaatiif shakkiin hin jiru.
FAAYIDAASAA
8 Kiristiyaanonni Qareexis, naannoo sobni, amalli manca’aafi sassanni itti babal’ate keessa jiraatu turan. Saboota sanaa wajjin wal fakkaatanii jiraachuu qabu turanii? Moo saba Yihowaaf qulqullaa’an ta’anii Yihowaa tajaajiluuf guutummaatti isaanirraa adda ta’anii jiraachuuf tarkaanfii murteessaa fudhachuu qabu? Phaawulos, namoonni Qareexis “hojii gaariitti qabamuudhaaf akka dhimmaniif” isaan yaadachiisuu akka qabu Tiitoositti erga himee booda, “dubbiin kun namaaf ba’eessa, dhimmas in baasaaf” jedheera. Har’as, Kiristiyaanonni dhugaa biyyaa lafaa isa sobaafi gowwoomsaadhaan guutame kana keessatti, tajaajila Waaqayyoorratti ija gaarii godhachuuf, ‘hojii gaarii hojjechuuf of kennuu barachuunsaanii’ ‘ba’eessaafi dhimma kan baasudha.’ (3:8, 14) Jireenya gadhiisiifi jal’ina magaalaa Qareexisitti mul’atuufi gumii achitti argamuuf baay’ee sodaachisaa ta’e ilaalchisee, akeekkachiisni Phaawulos balaaleffachuun ‘Ayyaana Waaqayyoo isa Waaqayyo malee jiraachuu, kajeellaa biyya lafaa isa hamaa gannee, bara kana keessa of qabuutti, qajeelinatti, namoota Waaqayyoo taanee akka jiraannuuf gorsee, gara gaariitti nu deebisa’ jedhee barreesse har’as akeekkachiisa nuu ta’a. Akkasumas, Kiristiyaanonni warra biyya bulchuuf aboo qabaniif abboomamuufi yaada garaa gaarii qabaachuuf carraaqqii gochuudhaan, “hojii gaarii hojjechuufis qophaa’oo” ta’uu qabu.—2:11, 12; 3:1.
9 Ulaagaa hafuurri qulqulluun ilaaltota olaanaarraa barbaadu ilaalchisee yaanni Tiitoos 1:5-9rratti argamu, yaada 1 Ximotewos 3:2-7rratti ibsame kan jabeessudha. Yaanni Tiitoosirratti argamu ilaaltuun olaanaa kun “dubbicha isa amanamaa sanatti jabaatee qabamuu,” akkasumas gumii keessatti barsiisaa ta’uusaarratti xiyyeeffata. Kunimmoo namoonni hundi ga’eessota akka ta’an gargaaruuf baay’ee barbaachisaadha! Barumsa sirrii barsiisuun barbaachisaa ta’uunsaa ergaa Tiitoosiif ergamerratti irra deddeebi’amee ibsameera. Phaawulos, “wanta barsiisa sirrii sanaa wajjin wal fudhatu dudubbadhu” jechuun Tiitoosiin gorseera. Obboleettonni durbaa dullooman “wanta gaarii ta’e [akka] barsiisan,” warri garbummaa jala jiranis, “barsiisichi waa’ee Waaqayyo fayyisaa keenyaa dubbatu kun, waan hundumaatti akka namatti tolee mul’atu gochuudhaaf, isaan guutummaatti amanamummaa gaarii” kan argisiisan ta’uu qabu. (Tit. 1:9; 2:1, 3, 10) Tiitoos ilaaltuu olaanaa waan ta’eef, barsiisuuf kan hin seesneefi ija jabeessa ta’uu akka qabu Phaawulos jabeessee yommuu ibsu, “Yeroo gorsa kennitu, yeroo balleessaa namatti mul’iftus yaada muramaadhaan kana dubbadhu” ittiin jedheera. Namoota hin ajajamne ilaalchisee yommuu dubbatummoo, “amantii isaaniitti seelkoo akka hin qabaannetti, cimsii balleessaa isaanii itti mul’isi!” jechuun isa gorseera. Kanaaf, ergaan Phaawulos Tiitoosiif barreesse keessumaa “barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.”—Tit. 2:15; 1:13; 2 Xim. 3:16.
10 Ergaan Tiitoosiif barreeffame, “abdii keenya isa eebbifamaa fi ulfina isa deebi’ee mul’atu sanaa in eegganna. Inni mul’achuuf jiru sunis Yesus Kristos; . . . fayyisaa keenya” yeroo eeggachaa jirru kanatti, dinqisiifannaan gaarummaa Waaqayyootiif qabnu akka guddatu kan godhu ta’uusaarrayyuu, biyya lafaa isa cubbamaarraa akka fagaannu nu jajjabeessa. Akkas gochuudhaanis, namoonni karaa Yesus Kiristos qajeelotatti lakkaa’aman, Mootummaa Waaqayyoo keessatti “jireenya bara baraa” argatu.—Tit. 2:13; 3:7.
[Miiljaleewwan]
a Maakliintookiifi Istiroong Saaykilooppiidiyaa, si’a lammaffaaf bara 1981tti maxxanfame, Jildii II, ful. 564; Za Niwuu Shaaf-Heerzog Insaaykilooppiidiyaa oov Riliijiyas Noowleej, 1958, Jildii III, ful. 306.
b Maakliintookiifi Istiroong Saaykilooppiidiyaa, 1981 si’a lammaffaaf bara maxxanfame, Jildii X, ful. 442.
c Za Teekisti oov za Niwuu Teestaamant, Kuurtiifi Baarbaaraa Oolaandiin qophaa’ee bara 1987tti Ii. Effi. Roodsiin kan hiikame, ful. 98.