Kitaaba Macaafa Qulqulluu Lakkoofsa 66—Mul’ata
Barreessaa: Yohannis Ergamaa
Bakki Itti Barreeffame: Phaaximoo
Barreeffamee Kan Xumurame: Dh.K.B. naannoo 96
WANTOONNI Macaafa Mul’ataa keessatti fakkeenyaan ibsaman namoota sodaachisuuf barreeffamanii? Matumaa! Raajiinsaa raawwatamuunsaa hamoota ni rifaasisa ta’a; ta’us, tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamoon yaada seensaa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamaniifi yaada ergamaan Waaqayyoo xumura kitaabichaarratti dubbatee wajjin walii galu: “Namni isa inni dhugaa ba’e kana dhageessisee dubbisu, warri dubbii raajii dubbatame kana dhaga’anii, wanta isa keessatti caafames eegan attam haa gammadan!” “Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame kana eegu, attam haa gammadu!” (Mul. 1:3; 22:7) Macaafni Mul’ataa macaafota arfan Yohannis geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreesse dura kan barreeffame ta’us, Macaafa Qulqulluu isa Caaffata Qulqullaa’oo geggeessaa hafuura Qulqulluutiin barreeffaman bakka tokkotti sassaabee qabate keessatti dhumarra kaa’amuunsaa sirriidha; sababiinsaas, macaafichi kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu mul’ata wanta hundaa qabate dhiheessuudhaan, namoonni macaaficha dubbisan yeroo gara fuulduraa gamatti akka ilaalan godha; akkasumas, karaa Sanyii Abdachiifamee, jechuunis Mootummaan Kiristosiin bulfamuu, maqaan Yihowaa qulqulluu ta’ee akka eegamu olaantummaansaa akka mirkanaa’uufi ijoo ergaa Macaafa Qulqulluu ta’e karaa ulfina qabuun akkamitti akka raawwatamu ibsa.
2 Yaanni caqasa seensaa akka ibsutti, “Kun mul’ata Yesus Kristos . . . Waaqayyo biraa argatee dha; inni ergamaa isaa waaqa irraa ergee kana hojjetaa isaa Yohannisitti beeksise.” Kanaaf, Yohannis barreessaa malee madda mul’atichaa miti. Mul’anni Yohannis macaaficharratti barreesse kansaa miti; mul’aticha kan ibsus isa miti. (1:1) Waaqayyo kaayyoosaa isa dinqisiisaa gara fuulduraa hojjetaasaatiif waan ibseef, macaafichi afaan Giriikiitiin Appookaaliipsiis (Appookaaliipsi) jedhuufi hiika “Irraa saaquu” ykn “Haguuggii irraa fuudhanii mul’isuu” jedhuun moggaafamuunsaa sirriidha.
3 Yohannis inni jalqaba boqonnaa Macaafa Mul’ataarratti Mul. boq. 1 macaaficha akka barreesse ibsame eenyudha? Namni kun hojjetaa Yesus Kiristosiifi obboleessa akka ta’e, rakkinarratti akka hirmaateefi boojuudhaan gara biyya bishaan keessaa ishee Phaaximoo jedhamtutti akka geeffame nutti himameera. Namoota bara durii ergaasaa dubbisan biratti nama akka gaariitti beekamu waan tureef, eenyummaasaa hubachiisuuf odeeffannoo dabalataa isaaniif tarreessuun isa hin barbaachisne. Namni kun Yohannis ergamaa ta’uu qaba. Barreessitoonni seenaa duriis yaada kanaa wajjin walii galu. Barreessaan seenaa Dh.K.B. walakkaa jaarraa lammaffaatti jiraateefi Paappiyaas jedhamu Macaafa Mul’ataa ergamoota Yesusirraa kan argame godhee akka ilaalu dubbatama. Jastiin Wareegamicha Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti jiraate, kitaabasaa isa “Mariin Nama Yihudii Tiraafooyi Jedhamuu Wajjin Godhe” (LXXXI) jedhamurratti: “Ergamaan Kiristos mul’ata isatti mul’ateen raajii dubbatuufi Yohannis jedhamu tokko nu wajjin ture” jedheera.a Iraaniyas, Kileemanti inni Iskindiriiyaafi Tartuuliyaan dhuma jaarraa lammaffaafi jalqaba jaarraa sadaffaa jiraatan Macaafa Mul’ataa kan barreesse Yohannis ergamaa ta’uusaa ifatti dubbataniiru. Hayyuun Macaafa Qulqulluu beekamaan Oriijan jedhamuufi jaarraa sadaffaatti jiraate akkas jedheera: “Waa’ee Yohannis isa wangeela barreesseefi gara Yesusitti jedhee kana dubbachuun barbaada, . . . Appookaaliipsiis barreesseera.”b
4 Wantoonni Yohannis barreesse garabiraan jaalalarratti kan xiyyeeffatan ta’uunsaanii, Macaafa Mul’ataa isa ibsa cimaafi humna guddaa qabu Yohannis barreessuu hin danda’u jedhanii yaaduun sababii hin ta’u. Yeroo tokko inniifi obboleessisaa Yaaqoob aariidhaan finiinanii, namoota Samaariyaa magaalaa tokko keessa jiraatanirratti ibidda samiirraa buusuu barbaadanii turan. Maqaa “Bo’anerges” ykn “Ilmaan qaqawwee” jedhuun kan moggaafamanis kanaaf ture. (Mar. 3:17; Luq. 9:54) Dhimma Macaafni Mul’ataa irratti xiyyeeffatu adda ta’uusaa hubannaan, akkaataa barreeffamasaarratti addaddummaan kan uumame maaliif akka ta’e hubachuun rakkisaa hin ta’u. Wantoonni Yohannis mul’ata kanarratti arge wantoota inni kanaan dura arge hundarraa addadha. Macaafni Mul’ataa macaafota raajii warra kaanii wajjin guutummaatti kan walsimu ta’uunsaa, Dubbii Waaqayyoo geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman keessaa tokko ta’uusaa shakkii tokko malee kan mirkaneessudha.
5 Ragaawwan bara durii akka argisiisanitti, Yohannis Macaafa Mul’ataa kan barreesse Yerusaalem erga baddee naannoo waggaa 26 booda, jechuunis Dh.K.B. bara 96tti ture. Kunimmoo, bulchiinsi Damishan Mootii warra Roomaa xumuramuu yeroo ga’etti ture. Iraaniyas kitaabasaa isa “Farra Gantootaa” (V, xxx) jedhamurratti, Appookaaliipsiin ilaalchisee akkas jechuunsaa wanti kun dhugaa ta’uusaa mirkaneessa: “Mul’anni kun kan mul’ate waggoota dheeraa dura utuu hin ta’in bara keenya kanatti, jechuunis bara xumura mootummaa Damishanittidha.”c Yusiibiyasiifi Jeroomis yaada kanaa wajjin walii galu. Damishan, Tiitoos isa abbaa duulaa waraana warra Roomaa Yerusaalemiin balleessuuf duuleef obboleessa ture. Macaafni Mul’ataa barreeffamuusaa waggaa 15 dura Tiitoos yommuu du’u kan iddoosaa bu’ee mo’e Damishan ture. Damishan akka waaqaatti akka waaqeffatamu ajajee kan ture si’a ta’u, Doominas eet Deyus nostar maqaa ulfinaa (“Gooftaafi Waaqa Keenyaa”) jedhus qaba ture.d Namoonni waaqolii sobaa waaqeffachaa turan waaqeffannaa moototaarratti hirmaachuun kan isaanitti hin ulfaanne yommuu ta’u, Kiristiyaanota durii dhimma kanarratti ejjennoosaanii laaffisuu hin barbaanneef garuu fudhatama kan hin qabne ture. Kanaaf, bulchiinsi Damishan (Dh.K.B. bara 81-96) yommuu xumuramuusaa jala ga’u Kiristiyaanotarratti ari’atama cimaatu ka’e. Yohannisiin boojuudhaan gara Phaaximootti akka ergamu kan goosise Damishanidha jedhamee yaadama. Damishan Dh.K.B. bara 96tti yommuu ajjeefamu, Neervaa inni ejjennoo laafaa qabu bakkasaa bu’ee kan mo’e si’a ta’u Yohannisiinis walaba baase. Yohannis mul’atawwan macaafasaa keessatti barreesse kan fudhate Phaaximoositti yommuu hidhamee turettidha.
6 Wanti Yohannis argeefi gumiiwwaniif akka barreessu itti himame, mul’atawwan walitti dhufeenya hin qabneefi akkasumaan walitti sassaabaman akka hin taane hubachuun barbaachisaadha. Guutummaan Macaafa Mul’ataa seensaarraa jalqabee hanga xumura mul’atichaatti kaayyoon Mootummaa Waaqayyoo hamma guutummaatti ifa ta’utti sadarkaa sadarkaadhaan beeksisuudhaan wantoonni gara fuulduraatti raawwataman akka gaariitti ifa ta’anii akka mul’atan godha. Kanaaf, Macaafa Mul’ataa, wantoota bara Yohannis booda baay’ee turanii raawwataman dhiheenyatti ilaaluuf nu dandeessisu, akkasumas macaafa waliisaatii walitti dhufeenya qabuufi kutaawwan walsiman goonee ilaaluu qabna. Macaaficha yaada seensaa (Mul. 1:1-9) booda, mul’ata bakka 16tti qoqqoodaman kan qabate taasifamee ilaalamuu kan qabu si’a ta’u isaaniis armaan gaditti kan argamanidha: (1) 1:10–3:22; (2) 4:1–5:14; (3) 6:1-17; (4) 7:1-17; (5) 8:1–9:21; (6) 10:1–11:19; (7) 12:1-17; (8) 13:1-18; (9) 14:1-20; (10) 15:1–16:21; (11) 17:1-18; (12) 18:1–19:10; (13) 19:11-21; (14) 20:1-10; (15) 20:11–21:8; (16) 21:9–22:5. Mul’atawwan kanatti aansee, yaada xumuraa Yihowaa, Yesus, ergamaan Waaqayyoofi Yohannis warri daandii wal qunnamtiirratti adda durummaadhaan ibsaman kennan qabateera.—22:6-21.
FAAYIDAASAA
28 Macaafni Mul’ataa Macaafa Qulqulluu isa macaafota 66 qabateefi geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffameef xumura guddaa ta’eera! Wanti hafe ykn utuu hin xumuramin hafe hin jiru. Amma xumurasaa isa guddaas ta’e, isa jalqabaa ifatti ilaaluu dandeenya. Kutaan Macaafa Qulqulluu inni xumuraa odeeffannoo kutaa Macaafa Qulqulluu isa jalqabaarratti jalqabamee ture xumura. Uumamni 1:1 Waaqayyo bantii waaqaafi lafa uumuusaa yommuu ibsu, Mul’anni 21:1-4 immoo waa’ee bantii waaqa haaraafi lafa haaraa, akkasumas eebbawwan gurguddaa ilmaan namootaatiif dhufan kan ibsu si’a ta’u, Isaayaas 65:17, 18; 66:22fi 2 Phexros 3:13rrattis waa’ee eebbawwan kanaa raajiin dubbatameera. Akkuma nama isa jalqabaatti ajajamuu yoo dide akka du’u itti himame, Waaqayyo ilmaan namootaa ajajamoo ta’aniin “duuni deebi’ee hin argamu” jedhee isaaniif mirkaneesseera. (Uma. 2:17; Mul. 21:4) Bofni yeroo jalqabaatiif ilmaan namootaa kan dogoggorse ta’ee yeroo mul’atetti, Waaqayyo mataan bofichaa akka buruqfamu kan dubbate si’a ta’u, Macaafni Mul’ataammoo bofni inni bara durii, jechuunis Seexanni kan balleeffamu akkamitti akka ta’e ibsa. (Uma. 3:1-5, 15; Mul. 20:10) Namni inni abboomamuu dide muka jireenyaa dhaaba Eeden keessaa ari’amus, Macaafa Mul’ataa keessatti garuu, ilmaan namootaa ajajamoo ta’aniif mukti jireenyaa “saba biyya lafaa fayyisuudhaaf” ta’u mul’ataniiru. (Uma. 3:22-24; Mul. 22:2) Akkuma bishaanni iddoo dhaabaa dhugsiisu Eeden keessaa ba’aa ture, bishaanni jireenya kennu teessoo Waaqayyoo jala yommuu yaa’uu fakkiidhaan mul’ateera. Ibsi kun mul’ata Hisqi’el dursee argee wajjin kan wal fakkaatu ta’uusaarrayyuu, “burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu in ta’ao” jechuun yaada Yesus dubbate nu yaadachiisa. (Uma. 2:10; Mul. 22:1, 2; His. 47:1-12; Yoh. 4:13, 14) Namoonni amanamummaadhaan injifatan haala dhiiraafi durba jalqabaarraa faallaa ta’een, fuula Waaqayyoo duraa ari’amuu mannaa fuulasaa argu. (Uma. 3:24; Mul. 22:4) Dhugumayyuu, wantoota dinqisiisoo mul’atan argaman kana qoruun bu’aa guddaa qaba!
29 Kana malees, Macaafni Mul’ataa, raajiiwwan Baabilon ishee hamtuu sana ilaalchisanii dubbataman akkam godhee akka walitti qabee ibse qalbeeffadhu. Isaayaas Baabilon isheen durii kufuushee waggoota dheeraa dura kufaatiishee argee kan ture si’a ta’u, “In kufte! Baabilon in kufte!” jechuun dubbateera. (Isa. 21:9) Ermiyaasis waa’ee kufaatii Baabilon dubbateera. (Er. 51:6-12) Macaafni Mul’ataa garuu waa’ee “Baabilon guddittii, haadha ejjitootaa fi wanta ciiggaasisaa biyya lafaa” milikkita taate dubbata. Isheenis balleeffamuu kan qabdu si’a ta’u, Yohannis haala kana mul’ataan erga argee booda: “Kufteetti, Baabilon guddittiin kufteetti” jechuun dubbateera. (Mul. 17:5; 18:2) Mootummaan Waaqayyoo mootummoota kaan caccabsee hurreessuudhaan ‘barabaraan jabaatee akka dhaabatu’ mul’ata Daani’el arge ni yaadattaa? Kun labsii samiirra darbeefi Macaafa Mul’ataarratti ibsamee wajjin akkamitti akka walsimu qalbeeffadhu: “Mootummaan biyya lafaa kan gooftaa keenyaa, kan Masiihii isaatiis ta’eera; inni immoo baraa hamma bara baraatti in mo’a.” (Dan. 2:44; Mul. 11:15) Akkuma mul’anni Daani’el ‘ilma namaa kan fakkaatu duumessoota waaqaatiin dhufuusaa, gooftummaan, ulfinni mootummaan akka kennameef’ ibsu, Macaafni Mul’ataas, Yesus Kiristos ‘mootota lafa kanaa akka abboomu,’ ‘duumessaa wajjin dhufuuf akka jiruufi’ ‘iji hundinuu isa ilaaluuf akka jiru’ dubbata. (Dan. 7:13, 14; Mul. 1:5, 7) Bineensonni mul’ata Daani’elirratti caqasamaniifi Macaafa Mul’ataarratti ibsaman karaa isaan itti wal fakkaatan tokko tokkos qalbeeffachuun barbaachisaadha. (Dan. 7:1-8; Mul. 13:1-3; 17:12) Dhugumayyuu, Macaafni Mul’ataa dhimmoota amantii jabeessaniifi qo’annoo gochuuf gargaaran hedduu qabateera.
30 Macaafni Mul’ataa Mootummaa Waaqayyoo ilaalchisee ibsa dinqisiisaafi bal’aa kenna! Wanta raajonni bara duriis ta’an Yesusiif bartoonnisaa Mootummicha ilaalchisanii dubbatan, karaa xiyyeeffannaa namootaa hawwatuun akka gaariitti ibsa. Macaafni kun, “Waaqayyo gooftichi inni hundumaa danda’u, . . . qulqulluu dha, qulqulluu dha, qulqulluu dha!” jechuun raajiiwwan maqaan Yihowaa karaa mootummichaa qulqulluu ta’ee akka eegamu ilaalchisanii dubbataman hundi akka waan raawwatamaniitti ibseera. Inni “Guddina, ulfina, aangoos fudhachuun [isaaf] in ta’a.” Dhugumayyuu, karaa Kiristos ‘humnasaa isa guddaa fudhatee mo’uudhaan’ bulchuu kan jalqabu isadha. Ilmi inni “Mootii moototaa, gooftaa gooftotaas” ta’e saba biyya lafaa yommuu rukutuufi “iddoo cuunfaa waynii dheekkamsa sodaachisaa, isa kan Waaqayyo [“Yihowaa,” NW] hundumaa danda’uu [utuu dhiituu]” argamuunsaa, hinaaffaa guddaa akka qabu kan argisiisudha. Ijoon Macaafa Qulqulluu bulchiinsi Yihowaa sirrii ta’uusaa dubbatu, raawwiisaatti yommuu dhihaatu namni ykn wanti kaayyoo Mootummichaa keessatti hirmaatu hundi qulqulluu ta’uu akka qabu jabeeffamee ibsameera. Hoolichi, jechuunis Yesus Kiristos, inni “banaa Daawit of harkaa qabu,” akkasumas ergamoonni waaqarraa qulqulluu ta’uusaanii dubbateera. Namoonni du’aa ka’uu isa jalqabaarratti qooda fudhatan ‘gammadoofi Waaqayyoof kan qulqullaa’n’ akka ta’an, akkasumas “wanti xuraa’aan tokko illee, warri wanta ciiggaasisaa yookiis wanta sobaa hojjetan tokko illee” gara ‘Yerusaalem mandara qulqulittiitti’ matumaa galuu akka hin dandeenye ibsameera. Kanaaf, namoonni “Waaqayyo keenyaaf mootummaadhaaf, luboota isaas akka [ta’aniif]” dhiiga hoolichaatiin bitaman, qulqullummaa Waaqayyo duratti qaban eeganii akka jiraatan jajjabeeffamaniiru. ‘Tuutni sonaan baay’eenis’ tajaajila qulqulluu dhiheessuuf, ‘uffatasaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffachuu’ qabu.—Mul. 4:8, 11; 11:17; 19:15, 16; 3:7; 14:10; 20:6; 21:2, 10, 27; 22:19; 5:9, 10; 7:9, 14, 15.
31 Wantoota Macaafa Mul’ataa keessatti qofa ibsaman yommuu ilaallu, mul’ata waa’ee Mootummaa Waaqayyoo isa dinqisiisaafi qulqulluu ta’e ibsu matumaa sammuu keenya keessaa kan badu miti. Macaafa kana keessatti, mul’ata guutuu namoonni Mootummicha dhaalan tulluu Xiyoonirratti hoolichaa wajjin faarfannaa haaraa isaan malee namni biraa tokkollee baruu hin dandeenye yommuu faarfatan ibsu arganna. Gara Mootummichaatti galuuf lafarraa kan furaman lakkoofsisaanii 144,000 akka ta’eef, lakkoofsi kunis gosoota Israa’el warra hafuuraa 12n fakkeenyaan ibsaman keessaa akka bobba’an kan nuu ibsu Macaafa Mul’ata qofadha. Du’aa ka’uu isa jalqabaarratti warri Kiristosii wajjin ‘moototaafi luboota’ ta’an Kiristosii wajjin “waggaa kuma tokkoof” akka mo’an kan nuu ibsu Macaafa Mul’ataa qofadha. Kana malees, ifa calaqqisaa ‘Yerusaalem mandara qulqulluu ishee haaraa, Yihowaaf Yesus mandara kanaaf mana qulqullummaa ta’uusaanii, waa’ee karrashee 12nii, waa’ee hundee masaraa sanaa, waa’ee moototashee warra ifa Yihowaa biraa dhufuun geggeeffamaa barabaraaf bitanii ibsa bal’aa kan kennu Macaafa Mul’ataa qofadha.—14:1, 3; 7:4-8; 20:6; 21:2, 10-14, 22; 22:5.
32 Mul’anni waa’ee “bantii waaqaa haaraa” fi ‘Yerusaalem mandara qulqullittii Isheen Haaraa’ dubbatu, wantoota Caaffanni Qulqullaa’oon baraa durii jalqabanii Sanyii Mootummichaa ilaalchisanii raajii dubbachaa turan hundaa akka walii galaatti kan ibsudha jechuun ni danda’ama. Abraham sanyii ‘sabni biyya lafaa irraa hundinuu ittiin eebbifamaniifi’ “mandara hundee jabaa qabu, isa Waaqayyo akka inni itti ijaaramu qopheessee ijaare in eeggata ture.” Mandarri eebbaan guutamte kun Macaafa Mul’ataa keessatti “bantii waaqaa haaraa,” jechuunis Yerusaalem Ishee Haaraa (misirroo Kiristosittiifi) bulchiinsa haaraa, bulchiinsa haaraa misirrichaan hundaa’ee ykn Mootummaa Waaqayyoo akka argisiistu ifatti kaa’ameera. Yerusaalem Ishee Haaraaniifi misirrichi waliin ta’anii bulchiinsi qajeelummaa qabu guutummaa biyya lafaarratti akka dagaagu godhu. Yihowaan namoonni amanamoon jireenya gammachiisaa cubbuufi du’arraa walaba ta’e isa dhaaba Eeden keessatti Waaqayyorratti ka’uun utuu hin jalqabin dura ture akka jiraataniifi “saba isaa” akka ta’aniif waadaa galeera. Macaafni Mul’ataa kana caalaatti addeessuuf jecha, jecha Waaqayyo “imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa” jedhu al lama irra deddeebi’ee nutti hima.—Uma. 12:3; 22:15-18; Ibr. 11:10; Mul. 7:17; 21:1-4.
33 Eeyyee, Caaffata Qulqullaa’oo geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamaniif xumura gaariidha! “Wanta [dinqisiisaa] dafee ta’uun irra jiru” mitii? (Mul. 1:1) Maqaan “Waaqayyo [Yihowaa] gooftaan inni hafuurota raajonni ittiin dubbatan abboomu” qulqulluu ta’ee eegameera. (22:6) Macaafonni raajii jaarraa kudha ja’aaf barreeffaman yommuu raawwataman arguun kan danda’ame si’a ta’u, hojiin amantii waggoota kumaan lakkaa’aman keessatti raawwatamanis badhaasasaanii argataniiru! “Bofni bara durii” du’eera, maccisaas balleeffameera, hammeenyis bara baraaf badeera. (12:9) Mootummaan Waaqayyoo “bantii waaqaa haaraa” ta’ee bulchuudhaan Waaqayyoof galata argamsiiseera. Kaayyoon Yihowaa inni kutaa Macaafa Qulqulluu isa jalqabaarratti Uma. boq. 1 eebbawwan lafti isheen namootaan guutamtuufi haaromfamtu ilaalchisee dubbatame argamsiistu barabaraaf ilmaan namootaatiif qophaa’eera. (Uma. 1:28) Dhugumayyuu, Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu “geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma [akka baasu]” ifatti hubachuun ni danda’ama. Yihowaan tajaajiltoonnisaa hamma guyyaan dinqisiisaan kun ga’utti ga’eessotaafi akka gaariitti kan hidhatan ta’anii akka itti fufan gochuuf, caaffata qulqullaa’oo kanatti fayyadameera. Kanaaf, amantiikee jabeessuuf Caaffata qulqullaa’oo qo’achuu kan qabdu ammadha. Eebba Waaqayyoo argachuuf, qajeelfama barreeffamoonni kun kennaniif ajajami. Gorsa achirratti argamu hordofuudhaan daandii qajeelaa gara jireenya barabaraatti geessurra adeemi. Akkas goonaan, akkuma kutaan xumura Macaafa Mul’ataa jedhu atis garaa guutuudhaan: “Ameen! Kottu, gooftaa Yesus!” jettee dubbachuu dandeessa.—2 Xim. 3:16; Mul. 22:20.
34 Maqaan ‘Waaqayyoo gooftaa waan hundumaa danda’u’ qulqulluu ta’ee akka eegamu kan godhu Sanyichi, jechuunis ‘Mootummaa gooftaa keenyaa, isa kan Masiihichaa’ waan ta’eef, yeroo ammaatti waa’ee Mootummaa kanaa labsuun keenya gammachuu hangana hin jedhamne nuu argamsiisa!—Mul. 11:15, 17.
[Miiljaleewwan]
a Za Antii-Naayisiin Faazars, Jildii I, ful. 240.
b Za Ikilaziyaastikaal Histirii, Yuseebiyas, VI, xxv, 9, 10.
c Za Antii-Naayisiin Faazars, Jildii I, ful. 559-60.
d Za Laayivs oov za Seezaars (Damishan, XIII, 2).