Dhaamsa Macaafa Qulqulluu
Yihowaan, Addaamiifi Hewwaan Jannata keessa barabaraaf akka jiraatan isaan uume. Seexanni maqaa Waaqayyoo balleessuudhaan, mirga Inni bulchuuf qaburratti mormii kaase. Addaamiifi Hewwaan, Seexanaa wajjin ta’anii Waaqayyorratti ka’uudhaan, ofiisaaniirrattis ta’e sanyiisaaniirratti cubbuufi du’a fidan
Yihowaan warra isarratti ka’anirratti faraduudhaan, Fayyisaan ykn Sanyiin Seexana balleessuufi rakkina sababii cubbuutiin dhufe hunda balleessu akka kaasu abdii kenne
Yihowaan, Abrahaamiifi Daawit, Sanyicha ykn Masiihicha Mootii ta’uudhaan barabaraaf bulchuuf akaakilii akka ta’an abdii isaanii kenneera
Masiihichi cubbuufi du’a akka balleessu raajii akka dubbatan, Yihowaan raajota kakaaseera. Masiihichi warra isa faana bulchanii wajjin ta’uudhaan, Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’ee bulcha; akkasumas waraana, dhukkubaafi du’a ni balleessa
Yihowaan Ilmasaa gara lafaatti erguudhaan, Yesus Masiihicha ta’uusaa argisiiseera. Yesus waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabeera; lubbuusaas aarsaa godhee kenneera. Yihowaanis qaama hafuuraa isaa kennuudhaan du’aa isa kaaseera
Yihowaan, Ilmasaa samiirratti moosiseera. Guyyoonni gara dhumaa kan jalqabanis yeroo kanatti ture. Yesus, duuka buutonnisaa addunyaa maratti waa’ee Mootummaa Waaqayyoo yommuu lallaban isaan geggeessa
Yihowaan, Ilmisaa Mootummaasaatiin lafa kana akka bulchu qajeelfama kennaaf. Mootummichi bulchitoota hamoo hunda balleessee, Jannata ni fida; namoonni amanamoo ta’an mudaa kan hin qabne akka ta’an godha. Mirgi Yihowaan bulchuuf qabu ni mirkanaa’a; maqaan Yihowaas barabaraan ni qulqulleeffama