Odeeffannoo Dabalataa Argachuu Barbaaddaa?
Birooshurri kun, seenaa Macaafa Qulqulluu tokko gadi fageenyaan utuu hin ibsin, isa kaaniitti dafee ce’a. Haata’u malee, birooshurri kun wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu hunda gadi fageenyaan ibsuuf kan qophaa’e miti.
Fakkeenyaaf, gaaffiiwwan, Dhugumaan Waaqayyo waa’eekoo dhuunfaatti ni yaadaa? Yeroo duunu maal taana? Gammachuu argachuu kanan danda’u akkamitti? jedhaniif deebii Macaafni Qulqulluun kennu beekuu ni barbaadda ta’a.
Deebii gaaffiiwwan kanaafi gaaffiiwwan xiyyeeffannaa namaa harkisan kaanii, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’erraa argachuun ni danda’ama. Kitaabichi, barumsawwan Macaafa Qulqulluu mataduree matadureedhaan qayyabachuuf kan qophaa’edha. Qayyabannaan akkasii, caqasawwan Macaafa Qulqulluu mataduree tokko keessatti caqasaman akka gaariitti hubachuuf nama gargaara. Foormii gaditti argamu guuttee, teessoowwan armaan gaditti caqasaman keessaa gara siif mijaa’utti erguudhaan kitaabicha argachuu dandeessa.
Barreeffama kana dubbisi ykn buufadhu, akkasumas weebsaayitii www.jw.org/om fayyadamuudhaan Macaafa Qulqulluu qoʼachuuf gaafadhu.