LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lf gaaffii 4 ful. 22-29
  • Jireenyi Hundi Qaama Tokkorraa Fooyyaʼee Dhufee?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jireenyi Hundi Qaama Tokkorraa Fooyyaʼee Dhufee?
  • Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • MUKTI DAARWIIN NI JIGE
  • HAMBAALEEN ARGAMAN MAAL MIRKANEESSU?
  • RAKKOOWWAN “RAGICHI” QABU
  • “FIILMICHI” DHUGUMAAN MAAL ARGISIISA?
Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Deebii Argachuu Qaban Shan
lf gaaffii 4 ful. 22-29

GAAFFII 4

Jireenyi Hundi Qaama Tokkorraa Fooyyaʼee Dhufee?

Muka jireenyaa Daarwiin isa jireenyi hundi qaama tokkorraa akka dhufe argisiisu

Daarwiin, jireenyi qaama tokkorraa fooyyaʼee akka dhufe yaada ture. Akkaataan jireenyi lafarraa itti dhufe muka guddaa tokkoo wajjin wal fakkeessa ture. Yeroo booda, namoonni kaan “mukti jireenyaa” kun jirma tokkittii seelota jalqabaa wal xaxaa hin taane arsisiisu akka taʼetti amanuu jalqaban. Achiis sanyiiwwan garaa garaa jirma kanarraa latuudhaan damee ykn maatii biqiltootaa fi bineeldotaa taʼan. Sanyiiwwan yeroo harʼaatti maatii biqiltootaa fi bineeldotaa gidduutti ramadaman hundis kanarraa dhufan. Taʼus, dhuguma wanti raawwatame kanadhaa?

Saayintistoonni hedduun maal jedhu? Hedduunsaanii ragaan qorannaa hambaalee jireenyi hundi qaama tokkorraa fooyyaʼiinsaan akka argame argisiisa jedhu. Uumamawwan jiraatoo hundis “qooqa kompiitaraa” wal fakkaatu ykn DNA waan qabuuf qaama tokkorraa jijjiiramaan kan argame taʼuu akka qabu falmu.

Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Seenaan Kitaaba Uumamaa biqiltoonni, uumamawwan bishaan keessaa, uumamawwan lafarraa fi uumamawwan barrisan ‘akka akaakuu isaaniitti’ akka uumaman dubbata. (Uumama 1: 12, 20-25) Ibsi kun “akaakuun” hundi garaa garummaa akka qabanii fi daangaa dhaabbataan akaakuu isa tokko isa kanirraa adda baasu akka jiru argisiisa. Kana malees, gabaasa kitaaba Uumamaa yeroo dubbisnu, hambaaleen uumama haaraa qaama guutuu qabanii akka tasaa argamuunsaa kan nama hin dinqisiisne akka taʼe hubanna.

Ragaan jiru maal argisiisa? Ragaan argame yaada Kitaaba Qulqulluumoo yaada Daarwiin deggera? Ragaawwan waggoota 150 darbanitti argaman maal mirkaneessu?

MUKTI DAARWIIN NI JIGE

Saayintistoonni waggoota dhihoodhaa asitti jenetik koodii orgaanizimoota seel qeenxee, akkasumas biqiltootaa fi bineeldota wal bira qabanii ilaaluu dandaʼaniiru. Akkas kan godhan, “mukti jireenyaa” damee godhatuu fi Daarwiin waaʼeesaa dubbate sirrii taʼuusaa mirkaneessuufi. Taʼus, akka isaan yaadan hin taane.

Qorannaan kun maal mirkaneesse? Baayooloojistiin Maalkoom Goordan, bara 1999​tti akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Jireenyi madda hedduu waan qabu fakkaata. Uumamni madda tokkorra waan dhufan hin fakkaatu.” Akkuma Daarwiin amanaa ture, ragaan dameewwan jireenyaa warri guguddaan hundi jirma tokkittii irraa akka biqilan mirkaneessu jiraa? Itti dabaluudhaan akkas jedhaniiru: “Ragaawwan yeroo harʼaatti argaman yaanni jireenyi qaama tokkorraa fooyyaʼiinsaan argame jedhu ramaddii mootummaa jedhamurratti kan hojjetu hin fakkaatu. Tarii hundarratti taʼuu baatullee faayilamoota hedduu fi kutaawwan (classes) hedduu faayilamootaa keessatti hojjechuu dhiisuu dandaʼa.”29a

Qorannoon dhiheenyatti godhames, barumsa Daarwiin isa jireenyi hundi qaama tokkorraa fooyyaʼee dhufe jedhuu wajjin wal faallessa. Fakkeenyaaf, mata dureen barruu New Scientist irratti bara 2009​tti maxxanfame tokko saayintistii jijjiirama tirannaa kan taʼan Eeriik Baateesti, “Ragaa yaanni mukti jireenyaa dhugaa taʼuu isaa mirkaneessu hin qabnu” jechuu isaanii caqaseera.30 Baayooloojistii jijjiirama tirannaa kan taʼan Maayikil Roozis barruuma sanarratti akkas jechuudhaan dubbataniiru: “Mukti jireenyaa suutuma suuta awwaalamaa akka jiru hundi keenyayyuu beekna. Wanti nutti ulfaate garuu iaalcha buʼuuraa gama baayooloojiitiin qabnu jijjiiruudha” jedhaniiiru.31b

HAMBAALEEN ARGAMAN MAAL MIRKANEESSU?

Saayintistoonni hedduun ragaan hambaalee jireenyi qaama tokkorraa fooyyaʼee akka dhufe mirkaneessa jedhu. Fakkeenyaaf, amfiibiyaanonni qurxummiileerraa, hoosiftoonnimmoo reeppitaayilootarraa argaman jedhanii falmu. Ragaan hambaalee garuu kana argisiisaa?

Hayyuu qorannoo hambaalee jijjiirama tirannaa kan taʼan Deevid Rawuup akkas jedhaniiru: “Wanti jiʼooloojiistonni bara keenyaas taʼan bara Daarwiinitti turan argatan ragaa uumamawwan jiraatoon suutuma suuta jijjiiramaa akka dhufan argisiisu utuu hin taʼin funaansuma xixinnoodha. Sanyiiwwan tokko tokko akkuma tasaa mulʼatanii baroota jiraatan keessatti jijjiirama xiqqoo gochuudhaan ykn jijjiirama tokkollee utuu hin argisiisin akka tasaa badu.”32

Hambaalee hedduun garuu uumamawwan garaa garaa utuu hin jijjiiramin bara dheeraaf akka jiraatan argisiisu. Ragaan argame, gara uumama kan biraatti akka jijjiiraman hin argisiisu. Kanaa mannaa, ijaarsa qaamaa isaaniitu akka tasaa jijjiirame. Kana malees, wanta haaraatu akka tasaa qaama isaaniirratti mulʼata. Fakkeenyaaf, simbirri halkanii dambalii sagaleetti fayyadamtee kallattii fi fageenya wanta tokkoo beekuunshii, bineensa kan biraa irraa akka argamte hin argisiisu.

Qoqqoodama guguddaa bineensotaa keessaa walakkaa ol kan taʼan yeroo gabaabaa jedhamu keessatti kan mulʼatan fakkaata. Qorattoonni bara uumamawwan haaraan adda taʼan hedduun akka tasaa hambaalee keessatti itti argaman, “dhoʼiinsa Kaambeeriyaan” jedhanii waamu. Kun bara isa kami?

Mee tilmaamni qorattoonni kennan dhugaadha haa jennu. Akka isaan jedhanitti yoo taʼe umurii lafaa dheerina dirree kubbaa miilaa tokkoo wajjin wal fakkeessuu dandeenya (1). Akka fakkeenya kanaatti bara qorattoonni Kaambeeriyaan jedhanii waamanirra gaʼuuf, fageenya dirree kubbaa sanaa harka saddeet keessaa harka torba deemuu qabda (2). Garee guguddaan bineensonni itti qoqqoodaman hambaalee keessatti akka tasaa argamuu kan jalqaban yeroo gabaabaa Kaambeeriyaan keessatti argamuttidha. Yeroon argamuu itti jalqaban hangam gabaabaa dha? Dirree kana keessa deemuu kee yommuu itti fuftu, uumamni garaa garaa hundi kan dhufan dheerina yeroo tarkaanfii tokko hin guunne keessattidha.

Dheerina yeroo dirree kubbaa miilaa jalqaba seenaa lafaa hanga dhoʼiinsa Kaambeeriyaan jedhamee waamamu argisiisu

Uumamawwan garaa garaa kun akka tasaa mulʼachuunsaanii qorattoonni hambaalee tokko tokko yaada Daarwiin akka shakkan godheera. Fakkeenyaaf, baayooloojistii jijjiirama tirannaa kan taʼan Istuwaart Niiwumaan gaafannoo bara 2008​tti isaaniif godhamerratti yaanni jijjiirama tirannaa haaraa sababa itti uumamawwan haaraan akka tasaa mulʼatan ibsu akka barbaachisu dubbataniiru. Akkas jedhaniiru: “Yaanni Daarwiin jijjiirama tirannaa ibsuuf itti fayyadame suuta suuta akka dhiifamu natti dhagaʼama. Waaʼee maakirooʼivooluushinii, jechuunis waaʼee jijjiiramawwan gurguddaa kutaalee qaamaa irratti raawwatamanii hubachuufillee hin gargaaru.”33

RAKKOOWWAN “RAGICHI” QABU

Fakkii hambaalee kitaabota barataa tokko tokkorra jiranii fi hanga isaanii argisiisu

Kitaabonni barataa tokko tokko hanga hambaalee yaada jijjiirama tirannaa deggeruuf tartiibaan kaaʼamanii garaagara kan godhan maaliifi?

Akkaataa Kitaaba Barataa Irra Itti Kaaʼamee Jiru

Hanga Isaanii Hamma Tokko Kan Ibsu

Ragaawwan hambaalee qurxummiiwwan amfiibiyaanotaatti, reeppitaayiloonni immoo hoosiftootaatti akka jijjiiraman argisiisuuf dhihaatan maal mirkaneessu? Jijjiirama tirannaatiif ragaa amansiisaa taʼuu? Gad fageenyaan yeroo qorrutti rakkoowwan hedduutu ifatti baʼa.

Tokkoffaa, fakkiiwwan reeppitaayiloota gara hoosiftootaatti jijjiiraman ibsuuf kitaaba barataa irratti kaafan tokko tokko sirrii miti. Fakkii bineensota kanaa wal qixa godhanii kaasuu mannaa kaan ni guguddisu tokko tokkommoo baayʼee xixinneessu.

Qorumsi guddaan inni lammaffaan ragaan bineensonni kun walitti dhufeenya akka qaban argisiisu kan hin jirre taʼuu isaati. Akka qorattoonni tilmaamanitti hambaaleen akka fakkeenyaatti ibsaman kun garaa garummaa waggoota miliyoonaan lakkaaʼamanii qabu. Qorataa bineensotaa kan taʼan Henarii Jiin, “Garaa garummaan yeroo hambaalee gidduu jiru baayʼee guddaa waan taʼeef dhalootaanis taʼe sanyiidhaan walitti dhufeenya akkamii akka qaban afaan guunnee dubbachuu hin dandeenyu” jedhaniiru.34c

Qorataa baayooloojii kan taʼan Maalkom Goordan, hambaalee qurxummiilee fi amfiibiyaanotaa ilaalchisee, ‘hambaaleen kun uumamawwan jiraatoo bara sana turan muraasa qofa bakka buʼu; tariimmoo bakka buʼuu dhiisuuyyuu dandaʼu’ jedhaniiru. Akkasumas, “Uumamawwan kun guddina isaan booda argameef Gumaacha hammamii akka godhan ykn hariiroo isaan qaban beekuun hin dandaʼamu” jedhaniiru.35d

Giraafii walitti dhufeenya bineensota gosa garaa garaa gidduu jiru jedhamee yaadamu argisiisu

“FIILMICHI” DHUGUMAAN MAAL ARGISIISA?

Mata dureen barruu National Geographic jedhamuu irratti bara 2004​tti baʼe tokko, waaʼee galmee hambaalee fakkeenyaan ibsuuf fiilmii jijjiirama tirannaa argisiisuuf qophaaʼee fi fakkii 1000 qabu keessaa 999 akka badan ibseera.36 Mee fakkeenyi kun hiika maalii akka qabu haa ilaallu.

Maraa fiilmii fi fakkiiwwan fiilmichaarraa fudhataman muraasa

Fakkiiwwan hambaalee 95n bineensonni akaakuu tokkorraa gara biraatti akka hin jijjiiramne argisiisu erga taʼee, qorattoonni hambaalee fakkiiwwan 5n hafan yaada kana akka deggerutti kan qindeessan maaliifi?

Fiilmii fakkiiwwan 100,000 qabu keessaa fakkiiwwan 100 argatte haa jennu. Fakkiiwwan argatte kanatti fayyadamtee seenaa fiilmichaa beekuu dandeessaa? Mee seenaasaa tilmaamteetta haa jennu. Garuu, fakkiiwwan 100 keessaa yaada kee kan deggeran 5 qofa utuu taʼanii fi fakkiiwwan 95n hafan garuu seenaa gara biraa kan dubbatan utuu taʼaniihoo? Fakkiiwwan yaada kee deggeran shanan sana qofarratti hundooftee tilmaamnikee sirrii akka taʼe falmuun sirriidhaa? Fakkiiwwan shanan tartiiba kanaan kan keesse yaada kee waan sii deggeruuf qofa taʼuu hin dandaʼuu? Fakkiiwwan 95n hafanitti fayyadamtee ilaalcha kee sirreessuun sirrii sitti hin fakkaatuu?

Fakkeenyi kun ilaalcha namoonni jijjiirama tirannaatti amanan hambaalee ilaalchisee qaban kan ibsu akkamitti? Qorattoonni, hambaalee baayʼeen jechuunis fiilmiiwwan 95n, sanyiiwwan sun baroota hedduu keessatti jijjiirama muraasa akka godhan akka argisiisu waggoota hedduudhaaf hin fudhanne. Ragaa amansiisaan akkasii utuu jiruu maaliif callisan? Barreessaan Riichaardi Mooris jedhaman akkas jedhaniiru: “Qorattoonni hambaalee, yaada jijjiirama tirannaa isa babalʼate waan fudhataniif, ragaa kallattii gara biraatti geessu yeroo argatanittillee yaada isaaniitti waan cichan fakkaata. Hambaalee argaman irratti ibsa kan kennan yaada jijjiirama tirannaa isa babalʼatee jiru irratti hundaaʼaniiti.”37

“Hambaalee tartiibaan kaaʼuudhaan jijjiirama tirannaa mirkaneessuuf yaaluun yaada saayinsiidhaan mirkaneeffamuu dandaʼu utuun hin taʼin oduu durii ijoollee raffisuuf dubbatamudha; nama bashannansiisa, barumsas dabarsuu dandaʼa, garuu saayinsaawaa miti.”—In Search of Deep Time—Beyond the Fossil Record to a New History of Life, by Henry Gee, ful. 116-117

Waaʼee namoota yeroo harʼaatti jijjiirama tirannaatti amananiihoo maal jechuutu dandaʼama? Hambaalee argaman tartiiba taʼe tokkoon kan kaaʼan, hambaalee fi ragaawwan jenetikii tartiiba kana waan deggeraniif utuu hin taʼin, yaada jijjiirama tirannaa isa babalʼatee jiruu wajjin waan wal simuuf jedhaniitii laata?e

Maarree maal sitti fakkaata? Ragaan jiru yaada isa kam deggera? Dhugaawwan hanga ammaatti irratti mariʼanne hubadhu.

  • Jireenyi jalqaba lafarratti mulʼate wal xaxaa kan hin taane miti.

  • Kutaaleen garaa garaa seelii tokkoollee carraan isaan akka tasaa argamuuf qaban baayʼee xinnoodha.

  • DNAn, jechuunis “sagantaan kompiitaraa” ykn koodiin seelota toʼatu wal xaxaa waan taʼeef, sagantaa nam tolcheen ykn kuusaan odeeffannoo akkamiiyyuu ittiin qixxaachuu hin dandaʼu.

  • Qorannaan jenetikii, uumamawwan jiraatoon qaama tokkorraa fooyyaʼanii akka hin dhufne mirkaneesseera. Kana malees, gareen gurguddaan bineensotaa hambaalee keessatti mulʼachuu kan jalqaban akkuma tasaati.

Kanarraa kaʼuudhaan ragaawwan kun Madda jireenyaa ilaalchisee ibsa Kitaabni Qulqulluun kennuu wajjin wal sima jechuun sirrii sitti hin fakkaatuu? Taʼus, namoonni hedduun seenaan uumamaa Kitaaba Qulqulluu hedduunsaa saayinsii wajjin wal faallessa jedhu. Kun dhugaadhaa? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

a Jechi baayooloojii faayilam jedhu bineensota hedduu ijaarsa qaamaa wal fakkaatu qabanii fi garee tokko keessatti ramadaman argisiisa. Mala saayintistoonni uumamawwan hunda itti hiran keessaa tokko mala abbaa sadarkaa torbaa isa gubbaadhaa asii gadi dhiphachaa deemudha. Sadarkaa inni tokkoffaan balʼinaan hundarra kan caaluu fi mootummaa kan jedhamudha. Sadarkaawwan itti aansuudhaan jiran faayilamii, murna, oordarii, warra, qaccee fi sanyii kan jedhamanidha. Fakkeenyaaf, fardi haala itti aanuun ramadama: mootummaa, Aniimaaliyaa; faayilam, Kordaataa; murna, Maamaaliyaa; oordarii, Periisoodaaktiilaa; warra, Ekiwiidee; qaccee, Ekiiwus; sanyii, Kaabaalas.

b Barruun New Scientist, akkasumas Baateestii fi Rooz kana kan ibsan barumsi jijjiirama tirannaa dogoggora akka taʼe dubbachuu barbaadanii miti. Kanaa mannaa, yaanni Daarwiin muka jireenyaa ilaalchisee ibsee fi ijoo barumsa isaa taʼe ragaa akka hin qabne ibsuu barbaadaniiti. Saayintistoonni akkasii ammayyuu jijjiirama tirannaa ilaalchisee ibsa gara biraa barbaadaa jiru.

c Henarii Jiin yaada kana kan dubbatan jijjiiramni tirannaa dogoggora akka taʼe ibsuuf utuu hin taʼin, ragaawwan hambaaleerraa argaman murtaaʼoo akka taʼan ibsuufidha.

d Maalkom Goordan nama jijjiirama tirannaa deggeranidha.

e Fakkeenyaaf, saanduqa “Ilmaan Namootaahoo Jijjiirama Tirannaatiin Argamanii?” jedhu ilaali.

DHUGAA JIRUU FI GAAFFILEE KAʼAN

  • Dhugaa jiru: Yaadawwan jijjiirama tirannaatiif buʼuura taʼan lama, jechuunis yaanni uumamawwan hundi qaama tokkorraa fooyyaʼiinsaan argaman jedhu fi qaamoleen buʼuuraa haaraan suutuma suuta jijjiirama gochaa dhufan jedhu, qorattoota seenaa uumamaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame hin deggerre biratti mormii kaasaa jira.

    Gaaffii: Yaadawwan Daarwiiniif buʼuura taʼan kanarratti mormiin erga kaʼee, barumsi jijjiirama tirannaa inni barsiise saayinsii dhugaadha jechuun ni dandaʼamaa?

  • Dhugaa jiru: Uumamawwan hundi “qooqa kompiitaraa” ykn koodii, jechuunis diizaayinii DNA wal fakkaataa bocaa fi hojiiwwan seelii ykn seelotaa toʼatu qabu.

    Gaaffii: Wal fakkeenyi akkasii jiraachuu kan dandaʼe, qaama tokkorraa fooyyaʼanii waan dhufaniif utuu hin taʼin, qaamni diizaayinii hundasaanii baase tokko waan taʼeef sitti hin fakkaatuu?

Ilmaan Namootaahoo Jijjiirama Tirannaatiin Argamanii?

Buqqee mata

Kitaabota barataa fi insaayikilooppiidiyaa hedduurraa mata duree waaʼee jijjiirama tirannaa namaa ibsu yoo ilaalte, jaldeessi gugguufee jiru suutuma suuta ol jechaa fi buqqeen mataasaa guddachaa yommuu deemu argita. Dhuma irrattis fakkii nama yeroo ammaa jiruu argita. Fakkiiwwan akkasii fi gabaasni sabqunnamtii waaʼee argannoowwan qaawwaa hambaalee gidduu jiru guutu jedhamanii ibsan, namoonni wantoonni kun namni uumamawwan jaldeessa fakkaatanirraa fooyyaʼiinsaan akka argame mirkaneessu jedhanii akka yaadan godhaniiru. Ibsi akkasii ragaa qabatamaa taʼerratti kan hundaaʼedhaa? Waaʼee dhimmoota armaan gadii yaada qorattoonni jijjiirama tirannaa kennan ilaali.f

RAGAAN HAMBAALEE MAAL ARGISIISA?

Dhugaa jiru: Jalqaba jaarraa 20​ffaatti hambaaleen namoonnii fi jaldeessonni qaama tokkorraa fooyyaʼiinsaan akka argaman deggeru jedhamanii yaadaman hundi utuu walitti qabamanii minjaala karanbullaa irratti taphatan tokko hin caalan turan. Yeroo sanaa asitti baayʼinni hambaalee yaada kana deggeru jedhamanii dabalaniiru. Amma fuurgoo baaburaa tokko guuta jedhama.38 Hedduunsaanii garuu lafeewwanii fi ilkaan walitti funaanamanidha. Guutummaa lafee namaa haa hafuutii, guutummaa buqqee mataa argachuunillee baayʼee ulfaataadha.39

Gaaffii: Hambaaleen qaccee ilmaan namootaa baayʼinaan argamuunsaanii, gaaffii qorattoonni jijjiirama tirannaa namoonni uumamawwan jaldeessa fakkaatanirraa fooyyaʼanii kan argaman yoomii fi akkamitti akka taʼe gaafataniif deebii argamsiiseeraa?

Deebii: Matumaa. Dhugaan jiru faallaa kanaati. Awustiraaliyaatti, Yunivarsiitii Niiwu Saawuz Weelsi keessaa kan hojjetan Roobiin Deriikoorti haala ramaddii hambaalee kanaa ilaalchisee bara 2009​tti, “Tarii wanti amma irratti walii gallu, walii galuu kan hin dandeenye taʼuusaati”40 jechuudhaan barreessaniiru. Bara 2007​tti barruun saayinsii Nature jedhamu argannoo haaraan qorattoonni gama jijjiirama tirannaatiin qaawwaa jiru akka guutu amanan ilaalchisee sanyiin namaa jaldeessarraa kan argame yoomii fi akkamitti akka taʼe akka hin beekamne ibseera.41 Biyya Hangaariitti Yunivarsiitii Ooyeetivooyeesh Looraanti keessatti, Dippaartimantii Baayooloojikaal Antiroopoolojii keessaa qorataa kan taʼan, Diyulaa Diyeeniish bara 2002​tti, “Ramaddiin hambaalee hominidii fi bakki isaan jijjiirama tirannaa keessatti argaman hanga harʼaatti falmisiisaa taʼee itti fufeera”g jedhaniiru. Barreessaan kun ragaawwan hambaalee hanga harʼaatti argaman ilmaan namootaa uumamawwan jaldeessa fakkaatanirraa yoom, eessattii fi akkamitti fooyyaʼanii akka dhufan nu hubachiisuu akka hin dandeenye dubbataniiru.42

GABAASA WAAʼEE ARGANNOOWWAN QAAWWAA JIRU GUUTU JEDHAMANII

Dhugaa jiru: Yeroo baayʼee sabqunnamtiin waaʼee argannoowwan qaawwaa jiru guutu jedhamanii balʼinaan yeroo tamsaasu ni dhageenya. Fakkeenyaaf, bara 2009​tti hambaan Aayidaa jedhamtu argamtee turte; barruun oduu tokko, waaʼeen ishii balʼinaan akka gabaafame ibseera.43 Gaazexaan The Guardian jedhamuu fi Ingilizitti maxxanfamu, “Hambaan Aayidaa qaawwaa jijjiirama tirannaa namaa kan guutudha” jedheera.44 Taʼus, guyyaa muraasa booda barruun saayinsii New Scientist jedhamuu fi Ingilizitti maxxanfamu, “Aayidaan qaawwaa jijjiirama tirannaa namaa kan guuttu miti” jedheera.45

Gaaffii: Argannoon haaraan qaawwaa jiru guuta jedhamu yommuu argamu sabqunnamtiin iddoo guddaa kan kennuuf erga taʼee, qaccee maatii tokko jalaa yeroo baafamu ifa kan hin godhamne maaliifi?

Hambaa

Deebii: Namni Roobiin Deriikoorti jedhamanii fi olitti caqasaman namoota hambaalee akkasii argatan ilaalchisee akkas jedhaniiru: “Dura taaʼaan garee qorannoo tokkoo dhaabbilee barnootaa beekamoo taʼaniin ala deggersa qarshii qorannoo gochuuf oolu argachuuf jecha ‘argannichi’ baayʼee adda akka taʼe godhee dhiheessuun isa barbaachisa taʼa. Kana akka godhan kan isaan jajjabeessanimmoo dhaabbata maxxansaa fi eleektiroonikii warra oduu haaraa argachuu barbaadanidha.”46

FAKKIIWWANII FI BOCA NAMOOTA JALDEESSA FAKKAATANII

Dhugaa jiru: Fakkiiwwanii fi bocni sanyii ilmaan namootaa irraa argaman argisiisu jedhamanii fi kitaabota barataa fi godambaa keessatti argaman, yeroo baayʼee fuula, halluu fi dabbasaa adda taʼe qabu. Yeroo baayʼee warra durii qamalee fakkeessu, warra caalaatti namoota fakkaatu jedhanimmoo fuula, halluu fi dabbasaa kan namaa fakkaatu akka qabaatan godhu.

Gaaffii: Saayintistoonni hambaalee argatan qofarratti hundaaʼuudhaan boca sirrii hojjechuu dandaʼuu?

Deebii: Hin dandaʼan. Awustiraaliyaatti Yunivarsiitii Adileeditti Dippaartimantii Anaatoomiik Saayinsiitti hayyuu foreensiikii kan taʼan Kaarli Istiivan bara 2003​tti akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Fuula sanyii ilmaan namootaa durii fakkeessanii hojjechuunis taʼe mirkaneessuun hin dandaʼamu.” Itti dabaluudhaanis, jaldeessota yeroo ammaatti argaman buʼuura godhachuudhaan sanyii ilmaan namootaa durii fakkeessanii hojjechuuf yaaluun, “Sirrii kan hin taanee fi gatii kan hin qabne taʼuun isaa hin oolu” jedhaniiru. Xumurarrattis, “Yaaliin fuula hoominidii durii fakkeessanii hojjechuuf godhamu nama dogoggorsuu dandaʼa” jedhaniiru.47

DANDEETTII SAMMUU GUDDINASAATIIN MADAALUUN NI DANDAʼAMAA?

Dhugaa jiru: Qorattoonni jijjiirama tirannaa walitti dhufeenyi sanyii namoonni akka irraa argaman dubbataman durii ilmaan namootaa wajjin qaban dhihoo ykn fagoo taʼuu isaa murteessuuf malawwan gurguddaa itti fayyadaman keessaa tokko hamma sammuuti.

Gaaffii: Dandeettii yaaduu guddina sammuurratti hundaaʼuudhaan madaaluun sirriidhaa?

Buqqee mataa namaa fi jaldeessaa

Deebii: Sirrii miti! Gareen qorannaa tokko, guddina sammuu ilaaluudhaan uumamawwan lafarra hin jirre keessaa namootaa wajjin walitti dhufeenya kan qabu isa kam akka taʼe tilmaamuuf yaaluun “yeroo baayʼee amansiisaa” akka hin taane dubbateera.48 Maaliif? Ibsa bara 2008​tti barruu Scientific American Mind jedhamurratti baʼe qalbeeffadhu: “Saayintistoonni, kan namootas haa taʼu kan sanyii bineeldota kaanii, hammi sammuusaanii fi dandeettiin yaaduusaanii hariiroo akka qabu mirkaneessuu hin dandeenye. Akkasumas, kutaa sammuu Birookaas eeriyaa (Brocaʼs area) isa dandeettii dubbachuu namootaa toʼatu utuu hin dabalatin, kutaawwan sammuu tokko tokko jiraachuunsaaniis taʼe hammisaanii dandeettii yaaduu wajjin walitti dhufeenya akka qabu ragaa argachuun hin dandaʼamne.”49

Maarree maal sitti fakkaata? Saayintistoonni dandeettiin yaaduu hamma sammuurratti akka hin hundoofne utuma beekanii, jijjiirama tirannaa namootaa argisiisuuf hamma sammuutiin kan tarreessan maaliifi? Ragaan sun dirqama yaadasaanii akka deggeru gochuuf jedhaniitii laata? Qorattoonni yeroo hundumaa hambaalee “hidda maatii” namootaa keessatti dabalamuu qaban ilaalchisee kan wal falman maaliifi? Hambaaleen isaan qoratan gosa jaldeessotaa yeroo ammaatti hin argamnee waan taʼeefii laata?

Waaʼee hambaalee Niyaandertaal jedhamanii fi namni jaldeessa fakkaatu yeroo taʼe tokkotti jiraachaa akka ture argisiisuuf akka ragaatti itti fayyadaman ilaalchiseehoo maal jechuutu dandaʼama? Qorattoonni ilaalcha hambaalee kanaaf qaban jijjiiruu jalqabaniiru. Miilfordi Wuulpoof bara 2009 barreeffama American Journal of Physical Anthropology jedhamurratti, “Niyaandertaalonni sanyii ilmaan namootaa warra sirrii taʼuu hin oolan” jedhaniiru.50

Namni haqaan madaalu tokko, of tuulummaan, maallaqnii fi fedhiin xiyyeeffannaa sabqunnamtii argachuu, akkaataa ragaan jijjiirama tirannaa itti dhihaaturratti dhiibbaa akka godhe hubachuu dandaʼa. Maarree ati ragaa akkasiitti amanuu barbaaddaa?

f Hubachiisa: Qorattoonni saanduqa kana keessatti caqasaman hundi barumsa Kitaabni Qulqulluun waaʼee uumamaa dubbatutti hin amanan. Hundi isaanii jijjiirama tirannaatti amanu.

g “Hoominidiin” jecha qorattoonni jijjiirama tirannaa, maatiin ilmaan namootaa fi sanyiin ilmaan namootaa sirni barreeffamaa eegaluusaa dura turan irraa argaman argisiisuuf itti fayyadamanidha.

FAKKIIN KUN HANQINA AKKAMII QABA?

Akka barumsa jijjiirama tirannaatti akkaataa jaldeessi suutuma suuta gara namaatti jijjiirame argisiisu
  • Fakkiiwwan akkasii dhugaarratti utuu hin taʼin fedhii fi yaada tilmaamaa qorattootaa fi namoota ogummaa fakkii qabaniirratti kan hundaaʼedha.51

  • Ilkaan bara durii

    Fakkiiwwan kana keessaa hedduunsaanii kan kaafaman, gar tokkee buqqee mataa fi ilkaan iddoo gara garaatii argaman buʼuura godhachuudhaani. Guutummaa lafeewwan namaa argachuu haa hafuutii, guutummaa buqqee mataa argachuuniyyuu baayʼee ulfaataadha.

  • Qorattoonni Akkaataa hambaaleen uumamawwan gara garaa itti qoqqoodamanirratti walii hin galle.

  • Namni fakkii kaasu tokko uumama yeroo ammaatti lafarra hin jirre fuula, bifa gogaa fi rifeensa itti gochuudhaan kaase

    Namoonni fuula, halluu fi dabbasaa uumamawwan yeroo ammaa hin jirree fakkeessanii hojjechuu hin dandaʼan.

  • Jijjiiramni tirannaa namootaa tartiibaan kan kaaʼamu hanga buqqee mataasaaniirratti hundaaʼuudhaani. Taʼus, haala kanaan kan tarreessan hamma sammuurratti hundaaʼuudhaan dandeettii yaaduu madaaluun sirrii akka hin taane utuma beekaniiti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi