LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ll kutaa 6 ful. 14-15
  • Bishaan Badiisaa Isa Guddaarraa Barumsa Akkamii Arganna?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bishaan Badiisaa Isa Guddaarraa Barumsa Akkamii Arganna?
  • Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kutaa 6
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu!
  • Seenaa Bara Durii Akeekkachiisa Nuu Ta’u
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Bara Bishaan Badiisaatti Waaqayyoon Kan Dhaggeeffatan Eenyufaʼi? Kan Hin Dhaggeeffannehoo?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
  • Nohi Waaqayyo Biratti Fudhatama Kan Argate Maaliifi? Dhimmi Kun Nu Yaaddessuu Kan Qabu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
ll kutaa 6 ful. 14-15

KUTAA 6

Bishaan Badiisaa Isa Guddaarraa Barumsa Akkamii Arganna?

Waaqayyo namoota hamoo balleessee, Nohiifi maatiisaa oolcheera. Uumama 7:11, 12, 23

Ergamoota hamoo foon uffatanii dubartootaa wajjin walqunnaman

Guyyaa 40fi halkan 40f bokkaa cimaan waan roobeef guutummaan lafaa bishaaniin uwwifame. Namoonni hamoon hundi ni balleeffaman.

Ergamoonni Waaqayyorratti kaʼan garuu qaama foonii uffatanii turan dhiisanii hafuurota xuraaʼoo taʼan.

Dubartii daa‵ima baattee jirtuu fi mucaa ishii rukkutaa jiru; Neefliimota, ilmaan ergamoota hamoo, gocha gara jabinaa raawwatan

Yeroo kanatti namoota markaba keessa turan qofatu oole. Nohiifi maatiinsaa yeroo booda kan duʼan taʼus, gara fuulduraatti barabaraaf akka jiraataniif Waaqayyo duʼaa isaan kaasa.

Gara fuulduraattis Waaqayyo namoota hamoo balleessee, namoota gaarii ni oolcha. Maatewos 24:37-39

Nohi Waaqayyoon dhaggeeffateera

Seexanniifi hafuuronni hamoon namoota gowwoomsuusaanii itti fufaniiru.

Yeroo ammaattis akkuma bara Nohi, namoonni hedduun qajeelfama Yihowaan jaalalaan kakaʼee kennu fudhachuu hin barbaadan. Yeroo dhihootti Yihowaan namoota hamoo taʼan hunda ni balleessa.—2 Phexros 2:5, 6.

Nohii fi maatiin isaa markaba hojjetaniiru

Namoonni akkuma Nohi Waaqayyoon dhaggeeffataniifi wanta inni jedhe raawwatan muraasni jiru; isaanis Dhugaa Baatota Yihowaati.

  • Karaa gara jireenyaatti geessu filadhu.—Maatewos 7:13, 14.

  • Hamoonni ni balleeffamu; garraamonni garuu nagaadhaan jiraatu.—Faarfannaa 37:10, 11.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi