LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • gf barumsa 7 ful. 12-13
  • Seenaa Bara Durii Akeekkachiisa Nuu Ta’u

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Seenaa Bara Durii Akeekkachiisa Nuu Ta’u
  • Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bara Bishaan Badiisaatti Waaqayyoon Kan Dhaggeeffatan Eenyufaʼi? Kan Hin Dhaggeeffannehoo?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
  • Nohi ‘Namoota Kan Biraa Torbaa Wajjin Ooleera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Bishaan Badiisaa Deebiʼee ni Dhufaa?
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Nohi Markaba Hojjete
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
gf barumsa 7 ful. 12-13

BARUMSA 7

Seenaa Bara Durii Akeekkachiisa Nuu Taʼu

Yihowaan namoonni hamoon Jannata akka balleessan hin godhu. Michootasaa qofatu achi keessa jiraata. Hamoonni maal taʼu? Deebiisaa argachuuf, mee seenaa Nohi haa ilaallu. Nohi nama waggoota kumaan lakkaaʼaman dura jiraatedha. Inni nama gaariifi yeroo hunda fedha Yihowaa raawwachuuf carraaqu ture. Namoonni kaan garuu waan gadhee raawwatu turan. Kanaaf, Yihowaan bishaan badiisaa fidee namoota hamoo hunda kan balleessu taʼuusaa Nohitti hime. Nohiifi maatiinsaa bishaan badiisaa kanaan akka hin balleeffamneef markaba akka hojjetu itti hime.—Uumama 6:9-18.

Yommuu Nohii fi maatiin isaa bineensota gara doonichaatti galchanitti illee namoonni hamoon ergaa akeekkachiisaa fudhachuu didaniiru

Nohiifi maatiinsaa markaba hojjetan. Nohi Bishaan Badiisaa dhufuuf akka jedhu isaanitti himuyyuu namoonni isa hin dhageenye. Waan gadhee raawwachuusaanii ittuma fufan. Nohi erga markabichi hojjetamee booda bineensota gara markabichaatti galche; achiis inniifi maatiinsaa gara markabichaatti galan. Sana booda Yihowaan bokkaa cimaa roobse. Bokkichis guyyaa 40fi halkan 40 roobe. Lafti guutummaatti bishaaniin liqimsame.—Uumama 7:7-12.

Namoonni hamoon yommuu balleeffaman, Nohiifi maatiinsaa garuu oolaniiru. Yihowaan Bishaan Badiisaarraa oolanii lafa hamminarraa walaba taaterra akka jiraatan godhe. (Uumama 7:22, 23) Macaafni Qulqulluun, Yihowaan gara fuulduraattis namoota waan gaarii gochuu hin barbaanne akka balleessu dubbata. Namoonni gaariin, barabaraaf lafa Jannata taaturra jiraatu malee hin balleeffaman.—2 Phexros 2:5, 6, 9.

Yeroo ammaatti namoonni hedduun waan gadhee raawwatu. Biyyi lafaa rakkinaan kan guutamedha. Yihowaan Dhugaa Baatonnisaa akka namoota akeekkachiisaniif irra deddeebiʼee yoo isaan ergeyyuu, baayʼeensaanii dubbii Yihowaa dhagaʼuu hin barbaadan. Akkaataa jireenyasaanii jijjiiruuf fedhii hin qaban. Gaariifi gadhee ilaalchisee wanta Waaqayyo jedhe fudhachuu hin barbaadan. Namoonni kun maal taʼu? Gaaf tokko ni jijjiiramuu laata? Hedduunsaanii hin jijjiiraman. Yeroo hamoonni barabaraaf itti balleeffaman dhihaateera.—Faarfannaa 92:7.

Lafti jannata taati malee hin baddu. Namoonni michuu Waaqayyoo taʼan, barabaraaf lafa Jannata taaturra jiraatu.—Faarfannaa 37:29.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi