LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfb barumsa 5 ful. 18-ful. 19 key. 5
  • Doonii Noh

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Doonii Noh
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Nohi Markaba Hojjete
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Bara Bishaan Badiisaatti Waaqayyoon Kan Dhaggeeffatan Eenyufaʼi? Kan Hin Dhaggeeffannehoo?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
  • ‘Waaqa Dhugaa Wajjin Deddeebiʼeera’
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Nohi ‘Namoota Kan Biraa Torbaa Wajjin Ooleera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
lfb barumsa 5 ful. 18-ful. 19 key. 5
Nohii fi maatiin isaa doonii yommuu hojjetan

BARUMSA 5

Doonii Noh

Yeroo booda, namoonni lafa irratti baayʼachuu jalqaban. Hedduun isaanii garuu hamoota turan. Maleekonni samii tokko tokko illee hamoota taʼanii turan. Samii isa bakka jireenyaa isaanii taʼe dhiisanii gara lafaa dhufan. Kana kan godhan maaliif akka taʼe beektaa? Qaama foonii uffatanii dubartoota fuudhuu waan barbaadanifi.

Maleekonni sun dubartoota kana irraa ilmaan godhatan. Ilmaan isaanii kun immoo yommuu guddatan baayʼee ciccimoo fi abbaa humnaa taʼan. Isaanis namoota miidhu turan. Yihowaan wantoonni kun akka itti fufan hin heyyamu. Kanaaf, namoota hamoo bishaaniin balleessuuf murteesse.

Nohii fi maatiin isaa doonii yommuu hojjetanii fi nyaata yommuu qopheessan

Taʼus, namni adda taʼe tokko jira ture. Inni Yihowaa ni jaallata ture. Maqaan isaa Noh jedhama. Haadha manaa fi ilmaan sadii qaba ture: isaanis Seem, Kaamii fi Yaafet kan jedhaman siʼa taʼu, sadanuu haadha manaa qabu turan. Yihowaan isaa fi maatiin isaa Bishaan Badiisaa sana irraa ooluu akka dandaʼaniif, doonii guddaa akka hojjetu Nohitti hime. Dooniin, saanduqa guddaa bishaan irra asii fi achi sochoʼuu dandaʼu dha. Yihowaan bineensonni hedduunis akka oolaniif gara doonichaatti akka isaan galchu Nohitti hime.

Nohis yeruma sana doonii hojjechuu jalqabe. Nohii fi maatiin isaa doonii kana hojjechuun gara waggaa 50 isaanitti fudhateera. Akkuma Yihowaan isaanitti himetti doonicha hojjetan. Yeroo sanatti, Nohi waaʼee Bishaan Badiisaa sana namoota akeekkachiisaa ture. Haa taʼu malee, namni isa dhagaʼe hin jiru.

Dhuma irrattis, yeroon itti doonichatti seenan ni gaʼe. Mee amma wanta itti aanee taʼe haa ilaallu.

“Akkuma bara Nohitti taʼee ture, argamni Ilma namaas akkasuma ni taʼa.”—Maatewos 24:37

Gaaffii: Yihowaan Bishaan Badiisaa fiduuf kan murteesse maaliifi? Yihowaan Nohiif qajeelfama akkamii kenne?

Uumama 6:1-22; Maatewos 24:37-41; 2 Pheexiros 2:5; Yihudaa 6

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi