LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 9
  • Nohi Markaba Hojjete

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Nohi Markaba Hojjete
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Waaqa Dhugaa Wajjin Deddeebiʼeera’
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Nohi ‘Namoota Kan Biraa Torbaa Wajjin Ooleera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Bara Bishaan Badiisaatti Waaqayyoon Kan Dhaggeeffatan Eenyufaʼi? Kan Hin Dhaggeeffannehoo?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
  • Nohi Waaqayyo Biratti Fudhatama Kan Argate Maaliifi? Dhimmi Kun Nu Yaaddessuu Kan Qabu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 9

SEENAA 9

Nohi Markaba Hojjete

NOHI haadha manaa tokkoofi ijoollee sadii qaba ture. Maqaan ijoolleesaa, Seem, Kaamiifi Yaafet ture. Tokkoon tokkoosaaniis haadha manaa qabu turan. Kanaafuu, maatii Nohi keessa namoota saddeettu jira ture.

Amma, Waaqayyo Nohi wanta adda ta’e tokko akka hojjetu isa ajaje. Markaba guddaa tokko akka hojjetu itti hime. Markabni kun, guddaafi saanduqa dheeraa fakkaata ture. Waaqayyo Nohitti, ‘Irraan oleesaa iddoo saditti kuti!,’ ‘keessasaatti kutaa kutaa baasi!’ jedhee itti hime. Kutaawwan kun, Nohiifi maatiisaatiif, bineensotaaf, akkasumas nyaata hundasaaniitiif barbaachisu keessatti kuusuuf gargaaru turani.

Kana malees, markabichi akka bishaan hin galchine godhee akka ijaaru Waaqayyo, Nohitti himee ture. Waaqayyo: ‘Ani uumama hundumaa balleessuuf bishaan badiisaa lafarratti nan fida; markaba keessa kan hin lixne hundinuu ni du’a’ jedhee dubbate.

Nohifi ijoolleensaa Yihowaadhaaf ajajamuudhaan markabicha hojjechuu jalqaban. Warri kaan garuu itti kolfu turan. Wanta hamaa hojjechuusaanii itti fufan. Wanta Waaqayyo, gochuu yaade, yeroo Nohi itti himu namni isa amane hin jiru.

Markabichi baay’ee guddaa waan tureef, hojiinsaa yeroo dheeraa fudhate. Waggoota dheeraa boodas, hojiinsaa ni raawwate. Amma, bineensota gara markabichaatti akka galchu Waaqayyo, Nohitti hime. Bineensota murtaa’an keessaa, kormaafi dhaltuu lama lama gara markabichaatti akka galchu itti hime. Bineensota kaanirraammoo, torba torba akka galchu itti hime. Kana malees, sanyii simbiraa adda addaa hundas akka galchu Nohitti hime. Nohis akkuma Waaqayyo isa abboome godhe.

Kana boodas, Nohifi maatiinsaas gara markabichaatti seenani. Achiis, Waaqayyo balbala markabichaa cufe. Nohifi maatiinsaas, achi keessa taa’anii wanta ta’u eegaa jiru. Mee atis isaanii wajjin markabicha keessa teessee, akka eegaa jirtu godhii yaadi. Dhugumaan, Waaqayyo akkuma dubbatetti bishaan badiisaa ni dhufa ta’innaa?

Uumama 6:9-22; 7:1-9.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi