BARUMSA 9
Walgaʼii Keenyaaf Akka Gaariitti Qophaaʼuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
Kaamboodiyaa
Yuukreen
Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa jirta taanaan, yeroo hunda dursitee barumsicha akka qophooftu beekamaadha. Walgaʼii gumiirratti argamuukee duras qophii gochuunkee faayidaa guddaa siif argamsiisa. Gama kanaan barsiifata gaarii yoo qabaanne buʼaa guddaa arganna.
Yeroofi bakka itti qayyabattu murteessi. Yeroon caalaatti xiinxaluuf sii mijatu yoomidha? Ganama barii, hojii jalqabuukee duramoo galgala ijoolleenkee erga rafanii booda? Saʼaatii dheeraadhaaf qayyabachuu kan hin dandeenye yoo taatellee, yeroo hammamiitiif akka qayyabattu murteessi, akkasumas wanti sagantaa kana si jalaa fashaleessu akka hin jiraanne carraaqqii godhi. Bakka gabii qabu filadhu; wantoota yaadakee hihhiran kanneen akka raadiyoo, televijiiniifi moobaayilii cufi. Qayyabannaa dura kadhannaa gochuun, wantoota guyyaa keessatti si dhiphisan irraanfachuudhaan Dubbii Waaqayyoorratti xiinxaluuf si gargaaruu dandaʼa.—Filiphisiiyus 4:6, 7.
Qabxii barumsichaa jala muruudhaan hirmaannaa gochuuf qophaaʼi. Guutummaa yaada barumsichaa hubachuudhaan jalqabi. Matadureesaarratti yaadi; mataduree xixiqqaan mataduree guddaa wajjin akkamitti akka wal qabatan hubadhu; fakkiiwwaniifi gaaffilee irra deebii yaada ijoo ibsanirratti yaadi. Achiis keeyyatasaa tokko tokkoon erga dubbistee booda gaaffii dhihaateef keeyyaticha keessaa deebii barbaadi. Caqasoota kennaman baasii dubbisi; yaada dhihaate akkamitti akka deggeran hubadhu. (Hojii Ergamootaa 17:11) Deebii gaaffichaa erga argattee booda jechoota ykn gaaleewwan ijoo taʼan salphaatti yaadachuuf akka si gargaarutti jala muri. Achiis walgaʼiirratti harkakee baastee jecha mataa keetiin yaada gabaabaa kennuu dandeessa.
Barumsa walgaʼii gumii torban torbaniin godhamurratti dhihaatu qoruudhaan, ‘mana miʼaa’ jechuunis, kuusaa beekumsa Macaafa Qulqulluu qabdurratti yaada haaraa dabalachuu dandeessa.—Maatewos 13:51, 52.
Walgaʼiidhaaf qophaaʼuuf barsiifata akkamii qabaachuu dandeessa?
Walgaʼiirratti yaada kennuuf qophii gochuu kan dandeessu akkamitti?