LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • fg barumsa 7 gaaffilee 1-5
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
  • Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidhaa?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
fg barumsa 7 gaaffilee 1-5

BARUMSA 7

Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?

1. Mootummaan Waaqayyoo maalidha?

1. Mootummaan Waaqayyoo samii irratti; 2. Yesuus nama dhukkuba lamxiitiin qabame yommuu fayyisu

Yesus Mootii gaʼumsa qabu akka taʼu kan isa godhe maalidha? —MAARQOS 1:40-42.

Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samiirratti argamudha. Mootummaan kun bulchiinsa namootaa hunda kan bakka buʼu yommuu taʼu, fedhiin Waaqayyoo samiirrattis taʼe lafarratti akka raawwatamu godha. Misiraachoon waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsu kun baayʼee kan nama gammachiisudha. Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti fedhii namoonni bulchiinsa gaarii argachuuf qaban ni guuta. Namoonni hundi tokkummaadhaan lafarra akka jiraatan godha.​—Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:9, 10; 24:14 dubbisi.

Bulchiinsi tokko mootii qabaachuu qaba. Yihowaan, Mootii Mootummaasaa akka taʼuuf, Ilmasaa Yesus Kiristosiin muudeera.​—Mulʼata 11:15 dubbisi.

Viidiyoo, Mootummaan Waaqayyoo maalidha? jedhu ilaali.

2. Yesus Mootii gaʼumsa qabudha kan jennu maaliifi?

Ilmi Waaqayyoo gaariifi wanta sirrii taʼe raawwachuurraa duubatti kan hin jenne waan taʼeef, Mootii gaʼumsa qabudha. (Maatewos 11:28-30) Akkasumas Yesus samiirra taaʼee lafa kana waan bulchuuf, humna namoota gargaaruuf isa dandeessisu qaba. Erga duʼaa kaʼee booda gara samii dhaqee mirga Yihowaa taaʼee eeggachaa tureera. (Ibroota 10:12, 13) Dhumarrattis, bulchuu akka jalqabuuf Waaqayyo aboo isaaf kenneera.​—Daaniʼel 7:13, 14 dubbisi.

3. Namoonni Yesusii wajjin bulchan eenyufaʼi?

Tuutni ‘saba qulqullaaʼaa’ jedhaman Yesusii wajjin samiirra taaʼanii bulchu. (Daaniʼel 7:27) Sabni qulqullaaʼaan jalqaba filataman, ergamoota Yesus warra amanamoodha. Yihowaan, dhiirotaafi dubartoota amanamoo qulqullaaʼoo taʼan hanga ammaatti filachuusaa itti fufeera. Namoonni kunis, akkuma Yesus qaama hafuuraa taʼanii duʼaa kaʼu.​—Yohannis 14:1-3; 1 Qorontos 15:42-44 dubbisi.

Namoonni gara samii dhaqan meeqadha? Yesus, “karra xinnayyoo” jedhee isaan waameera. (Luqaas 12:32) Dhumarrattis lakkoofsisaanii 144,000 taʼa. Namoonni kun Yesusii wajjin lafa kana bulchu.​—Mulʼata 14:1 dubbisi.

4. Yesus yommuu bulchuu jalqabu maaltu raawwatama?

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu

Mootummaan Waaqayyoo bara 1914 jalqabee bulchaa jira.a Yesus Mootii akka taʼeen, jalqaba Seexanaafi ergamoota Seexanaa gara lafaatti darbachuudhaan tarkaanfii fudhateera. Seexannis baayʼee waan aareef, guutummaa biyya lafaarratti rakkina geessisuu jalqabe. (Mulʼata 12:7-10, 12) Yeroo sanaa kaasee rakkinni ilmaan namootaarra gaʼu ittuma caalaa dhufeera. Waraanni, beelli, dhukkubni addaddaafi sochoʼi lafaa, ‘milikkita’ Mootummichi yeroo dhihootti dhimmawwan biyya lafaa guutummaatti akka toʼatu argisiisudha.​—Luqaas 21:7, 10, 11, 31 dubbisi.

5. Mootummaan Waaqayyoo maal raawwata?

Mootummaan Waaqayyoo, hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamaa jirutti fayyadamee, namoonni saba garaagaraa keessaa dhufan tokkummaa akka qabaatan gochaa jira. Kanaaf namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi gad of deebisan Yesusiif bitamaa jiru. Mootummaan Waaqayyoo sirna hamaa kana yommuu lafarraa balleessu isaaniif eegumsa godha. Kanaaf, namoonni Mootummaa Waaqayyoorraa faayidaa argachuu barbaadan hundi Yesusiif abboomamuu barachuu qabu.​—Mulʼata 7:9, 14, 16, 17 dubbisi.

Lafa Jannata taatu keessatti namoota Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan

Mootummichi waggaa 1,000 keessatti sadarkaa sadarkaadhaan kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif jalqaba baasee ture galmaan gaʼa. Guutummaan biyya lafaas gara jannataatti jijjiirama. Dhumarrattis, Yesus Mootummicha deebisee Abbaasaatti kenna. (1 Qorontos 15:24-26) Atoo namni waaʼee Mootummaa kanaa itti himuu barbaaddu jiraa?​—Faarfannaa 37:10, 11, 29 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa? jedhamu boqonnaa 8fi 9 ilaali.

a Raajiin Macaafa Qulqulluu waaʼee bara 1914 maal akka jedhu ibsa balʼaa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 215-218 ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi