LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 79 ful. 184-ful. 185 key. 2
  • Badiisni Isaanitti Dhufuuf Kan Jedhu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Badiisni Isaanitti Dhufuuf Kan Jedhu Maaliifi?
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yesus Warra Dhukkubsatan Fayyise
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Kiristiyaanonni Sanbata Kabajuu Qabuu?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Guyyaa Sanbataatti Qamadii Cirachuu
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Hojjechuunis Taʼe Boqochuun Yeroo Qaba
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 79 ful. 184-ful. 185 key. 2
Yesuus guyyaa Sanbataatti dubartii tokko fayyisnaan geggeessaan mana sagadaa baayʼee aare

BOQONNAA 79

Badiisni Isaanitti Dhufuuf Kan Jedhu Maaliifi?

LUQAAS 13:1-21

  • YESUUS HAALAWWAN GADDISIISOO UUMAMAN LAMA IRRATTI HUNDAAʼEE BARUMSA KENNE

  • DUBARTIIN GOOPHATTE GUYYAA SANBATAATTI FAYYIFAMTE

Yesuus namoonni hariiroo Waaqayyoo wajjin qaban irratti akka yaadan gargaaruuf karaa garaa garaatiin yaaleera. Mana Fariisii tokkoo alatti namootaa wajjin erga mariʼatee booda, dhimmi kan biraan tokko ni kaʼe.

Namoota kana keessaa tokko tokko haala gaddisiisaa uumamee ture dubbatan. Waaʼee “namoota Galiilaa warra [Mootiin warra Roomaa Phonxos] Philaaxos dhiiga isaanii aarsaa isaaniitti make sanaa” dubbatan. (Luqaas 13:1) Maal jechuu isaanii ti?

Namoonni Galiilaa kun, warra yeroo Yihudoonni kumaan lakkaaʼaman Philaaxos riqicha bishaanii bishaan gara Yerusaalemitti fidu ijaaruuf, qarshii buusii mana qulqullummaa fudhachuu isaa mormanitti ajjeefaman taʼuu hin oolan. Philaaxos qarshii kanatti kan fayyadame tarii geggeessitoota mana qulqullummaa wajjin walii galee taʼuu dandaʼa. Warri seenaa gaddisiisaa kana dubbatan, namoonni Galiilaa kun kan duʼan gocha hamminaa waan raawwataniif akka taʼe isaanitti dhagaʼamee taʼa. Yesuus garuu yaada kana hin fudhanne.

“Namoonni Galiilaa sun, wanti akkanaa kan isaan irra gaʼe, namoota Galiilaa kaan hunda caalaa cubbamoota waan turaniif isinitti fakkaataa?” jedhee isaan gaafate. Deebiin isaa lakki kan jedhu dha. Taʼus, carraa kanatti fayyadamee, “Isinis yoo yaada geddarachuu baattan garuu hundi keessan akkasuma ni baddu” jedhee Yihudoota akeekkachiise. (Luqaas 13:2, 3) Achiis Yesuus gaaffii armaan gadii gaafachuudhaan haala gaddisiisaa kan biraa tarii dhiheenyatti uumamee fi ijaarsa riqicha bishaanii kanaa wajjin wal qabatu caqase.

“Namoonni 18 warri gamoon Salihoom irratti jigee isaan ajjeese sun, namoota Yerusaalem keessa jiraatan kaan hunda caalaa yakka kan hojjetan isinitti fakkaataa?” isaaniin jedhe. (Luqaas 13:4) Jarri kun, namoonni sun kan duʼan hammeenya dhuunfaatti raawwataniin akka taʼe isaanitti dhagaʼama taʼa. Yesuus ammas yaada kana hin fudhanne. ‘Yeroo fi walitti dhufuun’ uumamuu akka dandaʼuu fi haala gaddisiisaa kanaafis sababa akka taʼe beeka. (Lallaba 9:11, hiika bara 1899) Taʼus, namoonni kun haala gaddisiisaa kana irraa barachuu qabu. Yesuus, “Yoo yaada geddarachuu baattan garuu hundi keessan akkuma isaanii ni baddu” jedhe. (Luqaas 13:5) Yeroo kanatti waaʼee kanaa kan dubbate maaliifi?

Damee muka harbuu baala malee firii hin qabne

Bakka inni tajaajila isaa itti raawwachaa jiru kanaa wajjin walitti dhufeenya waan qabuufi dha; Yesuus dhimma kana akkana jechuudhaan fakkeenyaan ibse: “Namni tokko maasii wayinii isaa keessa muka harbuu dhaabe; haa taʼu malee, yommuu isa irraa firii funaannachuu dhufu homaa irraa hin arganne. Achiis hojjetaa maasii wayinii sanaan, ‘Muka harbuu kana irraa firii funaannachuuf waggaa sadiif deddeebiʼeera; garuu homaa irraa hin arganne. Muka kana muri! Faayidaa malee maaliif iddoo qabata?’ jedhe. Innis deebisee akkana jedheen: ‘Yaa Gooftaa, hamman naannoo isaa qotee dikee itti godhutti waggaa tokkoof haa turu dhiisi. Gara fuulduraatti firii yoo godhate gaarii dha; yoo godhachuu baate garuu ni murta.’”—Luqaas 13:6-9.

Waggaa sadii oliif Yesuus Yihudoonni amantii akka qabaatan gargaaruuf yaalaa ture. Barattoota isaa kan taʼan muraasa siʼa taʼan, namoonni kun firii inni itti dhamaʼee argate akka taʼanitti ilaalamuu dandaʼu. Amma waggaa arfaffaa tajaajila isaa keessa kan jiru siʼa taʼu, carraaqqii tajaajila irratti godhu dabalaa jira. Yihudaa fi Peeriyaa keessatti lallabaa fi barsiisaa jira; kun immoo akkuma waan inni naannoo isaa qotee muka harbuu warra Yihudiitti dikee gochaa jirutti lakkaaʼama. Kun buʼaa akkamii argamsiise? Ergaa isaa kan fudhate Yihudoota muraasa qofa dha. Akka walii galaatti, sabichi yaada geddarachuu kan dide siʼa taʼu, amma badiisatti adeemaa jira.

Yeroo muraasa booda guyyaa Sanbataatti, namoonni baayʼeen ergaa isaa akka hin fudhanne ammas ifa taʼe. Yesuus mana sagadaa keessatti barsiisaa jira. Dubartii jinniidhaan qabamtee waggaa 18f goophattee turte arge. Garaa ishiidhaaf laafee, “Dubartii nana, dhukkuba kee irraa furamteetta” jedheen. (Luqaas 13:12) Harka isaa kan ishii irra kaaʼe siʼa taʼu, ishiinis battalumatti ol jettee dhaabattee Waaqayyoon galateeffachuu jalqabde.

Nama Israaʼel qotiyyoo isaa dallaa keessaa gad baasaa jiru

Kun geggeessaa mana sagadaa kanaa waan aarseef, “Guyyoonni hojiin itti hojjetaman jaʼa jiru; kanaaf guyyaa Sanbataatti utuu hin taʼin, guyyoota sanatti kottaa fayyifamaa” jedhe. (Luqaas 13:14) Geggeessaan kun Yesuus fayyisuuf humna akka qabu hin haalle; kanaa mannaa namoonni fayyifamuudhaaf guyyaa Sanbataatti dhufuu isaaniitti isaan balaaleffachaa jira! Yesuus yaada amansiisaa taʼe dubbachuudhaan isaaf deebise. Akkana jedhe: “Fakkeessitoota nana, isin keessaa namni guyyaa Sanbataatti qotiyyoo isaa yookiin harree isaa dallaa keessaa hiikee bishaan obaasuu hin geessine jiraa? Maarree, dubartiin intala Abrahaam taatee fi waggaa 18f Seexanaan qabamtee turte kun, guyyaa Sanbataatti hidhaa kana irraa hiikamuu hin qabduu?”—Luqaas 13:15, 16.

Mormitoonni isaa kan qaanaʼan taʼus, namoonni kaan garuu wantoota dinqisiisoo Yesuus utuu hojjetuu arganitti baayʼee gammadan. Achiis, Yesuus fakkeenyota waaʼee Mootummichaa ibsanii fi raajii of keessaa qabatan, kanaan dura Galaana Galiilaatti bidiruu irra taaʼee dubbate lama, as Yihudaattis irra deebiʼe.—Maatewos 13:31-33; Luqaas 13:18-21.

  • Yesuus akeekkachiisa kennuuf haala gaddisiisoo uumamanii turan akkamii lamatti fayyadame? Akeekkachiisni inni kenne maali dha?

  • Fakkeenyi waaʼee muka harbuu ija hin godhannee dubbatu, haala Yihudootaa kan ibsu akkamitti?

  • Geggeessaan mana sagadaa kan aare maaliifi? Yesuus fakkeessitummaa isaa kan saaxile hoo akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi