LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • jy boq. 132 ful. 300-ful. 301 key. 3
  • “Dhuguma Iyyuu Namni Kun Ilma Waaqayyoo Ture”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Dhuguma Iyyuu Namni Kun Ilma Waaqayyoo Ture”
  • Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Ani Gooftaa Argeera!”
    Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
  • Jechoota Dhumaa Yesuus Dubbate Irraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Yesus Abboomamuu Barateera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
jy boq. 132 ful. 300-ful. 301 key. 3
Yesuus yakkamtoota lama gidduutti muka irratti erga fannifamee booda, ajajaan dhibbaa tokko, “Dhuguma iyyuu namni kun Ilma Waaqayyoo ture” jedhe

BOQONNAA 132

“Dhuguma Iyyuu Namni Kun Ilma Waaqayyoo Ture”

MAATEWOS 27:45-56 MAARQOS 15:33-41 LUQAAS 23:44-49 YOHAANNIS 19:25-30

  • YESUUS MUKA IRRATTI AJJEEFAME

  • YESUUS YOMMUU DUʼU WANTOONNI ADDA TAʼAN NI RAAWWATAMAN

Amma yeroon isaa guyyaa keessaa “saʼaatii jaʼa” dha. ‘Hanga saʼaatii sagaliitti guutummaa lafaa’ irratti dukkanatu taʼe. (Maarqos 15:33) Dukkanni adda taʼe kun akka uumamu kan godhe addeessi lafaa fi aduu gidduu seenuu ishii miti. Haalli akkasii kan uumamu addeessi lafaa fi aduu gidduu yommuu seentutti dha; amma garuu yeroon isaa waqtii Faasikaa yeroo addeessi guutuu itti taatu dha. Dukkanni yeroo addeessi lafaa fi aduu gidduu seentu uumamu daqiiqaa muraasaaf qofa tura; yeroo kanatti garuu dukkanni kun yeroo dheeraadhaaf ture. Kanaaf, dukkanni kun akka uumamu kan godhe Waaqayyo dha!

Wanti taʼe kun namoota Yesuusitti qoosaa turan irratti dhiibbaa akkamii akka geessise mee yaadi. Yeroo dukkanni kun uumame, dubartoonni afur gara muka dhiphinaa kana dhufan. Isaanis haadha Yesuus, Saloomee, Maariyaam Magdalaa fi Maariyaam haadha Yaaqoob isa quxisuu ti.

Yohaannis haadha Yesuus ishii gaddaa jirtuu wajjin ‘muka dhiphinaa bira’ jira. Maariyaam, ilmi ishiin deessee guddiste fannifamee yeroo dhiphatu ilaalaa jirti. Kun ishiidhaaf ‘goraadee dheeraadhaan’ waraanamuu wajjin tokko dha. (Yohaannis 19:25; Luqaas 2:35) Yesuus garmalee isa dhukkubaa kan jiru taʼus, waaʼeen ishii isa yaaddesse. Mataa isaa gara Yohaannisitti qabuuf yaalaa, haadha isaatiin, “Dubartii nana, ilaa ilma kee!” jedhe. Achiis mataa isaa gara Maariyaamitti qabee, Yohaannisiin “Ilaa haadha kee!” jedhe.—Yohaannis 19:26, 27.

Yeroo kanatti haati isaa abbaan manaa ishii irraa duʼuu waan hin oolleef, akka ishii kunuunsuuf ergamaa isa hunda caalaa jaallatutti haadha isaa imaanaa kenne. Yesuus ilmaan Maariyaam warri obboloota isaa taʼan kaan amma yoonaatti akka isatti hin amanne beeka. Kanaaf, karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa haadha isaa kunuunsuuf haala mijeesse. Kun fakkeenya gaarii kan taʼu dha!

Dukkanni kun utuu badaa jiruu Yesuus, “Nan dheebodhe” jedhe. Kun raajiin Kitaabota Qulqulluu akka raawwatamu taasiseera. (Yohaannis 19:28; Faarfannaa 22:15) Yesuus, ejjennoon isaa hanga xumuraatti akka qoramuuf jecha Abbaan isaa eegumsa isaa gochuu akka dhiise hubateera. Kiristoos tarii afaan Aramaayikii akkaataa dubbii warra Galiilaatiin, “Eelii, Eelii, laamaa saabaaqtaanii?” jedhe. Hiikni isaas, “Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko maaliif na dhiiste?” jechuu dha. Namoonni naannoo sana dhaabatan tokko tokko wanta inni jedhe waan hin hubanneef, “Ilaa, inni Eliyaasiin waammachaa jira” jedhan. Isaan keessaa inni tokko fiigee ispoonjii daadhii wayinii dhangaggaaʼaa keessa erga cuuphee booda, ulee shomboqqootti diree akka inni dhugu isaaf kenne. Warri kaan garuu, “Dhiisaa! Mee Eliyaas dhufee akka gad isa buusu ilaalla” jedhan.—Maarqos 15:34-36.

Achiis Yesuus, “Ni raawwatame!” jedhee iyye. (Yohaannis 19:30) Wanta Abbaan isaa akka inni hojjetuuf gara lafaatti isa erge hundumaa raawwateera. Dhuma irrattis, “Yaa Abbaa, ani hafuura koo imaanaadhaan harka keetti nan kennadha” jedhe. (Luqaas 23:46) Haala kanaan Yesuus, hafuura isaa akka isaaf deebisu amanuudhaan Yihowaatti kenne. Kiristoos amantii inni Waaqayyo irratti qabu utuu hin hirʼatin, mataa isaa gad qabee duʼe.

Yeroo kanatti kirkirri lafaa uumamee, kattaawwan babbaqaqse. Kirkirri kun cimaa waan taʼeef awwaalonni Yerusaalemii ala jiran banamanii reeffonni keessaa yaaʼan. Namoonni karicha irra darbanii fi reeffota kana argan, gara “magaalaa qulqulluutti” galanii wanta argan dubbatan.—Maatewos 12:11; 27:51-53.

Yeroo Yesuus duʼe, golgaan mana qulqullummaa Waaqayyoo dheeraa taʼee fi ulfaatu, akkasumas Iddoo Qulqulluu kutaa isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe irraa adda baasu, gararraadhaa hamma gajjallaatti bakka lamatti tarsaʼe. Wanti dinqisiisaa taʼe kun Waaqayyo warra Ilma isaa ajjeesanitti dheekkamuu isaa, akkasumas amma karaan gara Iddoo Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼetti, jechuunis gara samiitti geessu banamuu isaa argisiisa.—Ibroota 9:2, 3; 10:19, 20.

Namoonni achi jiran baayʼee sodaachuun isaanii nama hin dinqisiisu. Ajajaan dhibbaa murtoo Yesuus irratti darbe raawwachiise, “Dhuguma iyyuu namni kun Ilma Waaqayyoo ture” jedhe. (Maarqos 15:39) Namichi kun, Yesuus gaaffiidhaaf Philaaxos duratti yeroo dhihaatee fi ilma Waaqayyo taʼuuf dhiisuu isaa yeroo gaafatametti achi hin jiraatin hin oolu. Ajajaan kun, amma Yesuus qajeelaa akka taʼee fi dhuguma Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa amaneera.

Namoonni kaan wantoota dinqisiisoo taʼan kanaan tuqamanii “gaddaan qoma isaanii rurrukutaa” mana isaaniitti deebiʼan. Akkana gochuun isaanii gaddaa fi qaanii guddaa isaanitti dhagaʼame argisiisa. (Luqaas 23:48) Warra fagoo dhaabatanii ilaalan keessa, dubartoonni hedduun barattoota taʼanii fi darbee darbee Yesuus duukaa deemaa turan jiru. Isaanis wantoota ajaaʼibsiisoo taʼaniin baayʼee tuqaman.

“FANNISI”

Diinonni Yesuus, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan. (Yohaannis 19:15) Jechi afaan Giriikii “muka” jedhamee hiikamee fi Wangeelota keessatti itti hojjetame Istaawuroos kan jedhu dha. Kitaabni, History of the Cross (Seenaa Fannoo) jedhamu akkana jedhee gabaaseera: “Istaawuroos jechuun ‘muka solooloo,’ jechuunis muka cimaa, kan akka qonnaan bultoonni dallaa ijaaruuf itti fayyadamanii jechuun ala hiika biraa hin qabu.”

  • Saʼaatii sadiif dukkanni kan taʼe, addeessi aduu fi lafa gidduu waan seenteef miti kan jennu maaliifi?

  • Yesuus abbaa fi haadha ofii umuriidhaan sokkan kunuunsuu ilaalchisee fakkeenya akkamii nuu kaaʼe?

  • Kirkirri lafaa yeroo uumame maaltu taʼe? Golgaan mana qulqullummaa bakka lamatti tarsaʼuun isaa maal argisiisa?

  • Duuti Yesuusii fi wantoonni yeroo sana taʼan namoota achi turan irratti dhiibbaa akkamii geessisan?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi