LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • od boq. 2 ful. 12-16
  • Gaʼee Kiristoos Qophii Waaqayyoo Keessatti Qabu Hubachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaʼee Kiristoos Qophii Waaqayyoo Keessatti Qabu Hubachuu
  • Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • GAʼEEN KIRISTOOS MAALI DHA?
  • GAʼEE KIRISTOOS HUBACHUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?
  • Ergaa Lallabuu Qabnu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • “Kiristos” Duukaa Bu’uu Kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Kaayyoon Waaqayyoo Gara Raawwiisaatti Adeemaa Jira
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • “Geggeessaan Keessanoo Kristosuma”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu
od boq. 2 ful. 12-16

BOQONNAA 2

Gaʼee Kiristoos Qophii Waaqayyoo Keessatti Qabu Hubachuu

“JALQABA irratti Waaqayyo samii fi lafa uume,” wanti inni uume hundis “baayʼee gaarii ture.” (Uma. 1:1, 31) Yihowaan ilmaan namootaa yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii dinqisiisaa akka qabaatan godhee uume. Haa taʼu malee, fincilli Eedan keessatti kaʼe, haala gammachiisaa ilmaan namootaa keessa turan yeroodhaaf addaan kuteera. Kaayyoon Yihowaan lafaafis taʼe ilmaan namootaatiif qabu garuu hin jijjiiramne. Waaqayyo sanyii Addaam ajajamoo taʼaniif fayyinni akka jiru dubbateera. Waaqeffannaa dhugaan iddootti deebiʼa, akkasumas Waaqayyo isa hamaa sana hammina isaa hundumaa wajjin ni balleessa. (Uma. 3:15) Wanti hundi akkuma duraa deebiʼee “baayʼee gaarii” taʼa. Yihowaan wantoota kana kan raawwatu karaa Ilma isaa Yesuus Kiristoosi. (1 Yoh. 3:8) Kanaafuu, gaʼee Kiristoos qophii Waaqayyoo keessatti qabu hubachuun keenya dirqama dha.—HoE. 4:12; Filp. 2:9, 11.

GAʼEEN KIRISTOOS MAALI DHA?

2 Gaʼee Kiristoos qophii Waaqayyoo keessatti qabu yommuu yaannu, gaʼeen isaa kun wantoota hedduu akka of keessatti qabatu hubanna. Yesuus Fayyisaa ilmaan namootaa, Luba Ol Aanaa fi Mataa gumii Kiristiyaanaa ti; amma immoo Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe bulchaa jira. Gaʼeewwan inni qabu kanneen irratti xiinxaluun keenya dinqisiifannaa qophii Waaqayyootiif qabnu nuuf guddisa, jaalala Kiristoosiif qabnus nuu dabala. Kitaabni Qulqulluun gaʼee inni qabu keessaa muraasa ibsa.

Yesuus kaayyoo Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu raawwachiisuu irratti gaʼee guddaa qaba

3 Yeroo Kiristoos lafa irra tajaajilaa turetti ilmaan namootaa ajajaman Waaqayyoo wajjin araaramuu kan dandaʼan karaa Yesuus akka taʼe ifa taʼeera. (Yoh. 14:6) Yesuus namoota hedduudhaaf lubbuu isaa furii godhee kennuudhaan, Fayyisaa ilmaan namootaa taʼuu isaa argisiiseera. (Mat. 20:28) Kanaafuu, Yesuus fakkeenya kan nuuf taʼu amalawwan Waaqayyoon gammachiisan argisiisuu qofa irratti miti. Kaayyoo Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu raawwachiisuu irratti gaʼee guddaa qaba. Waaqayyo duratti fudhatama argachuu kan dandeenyu karaa isaa qofa dha. (HoE. 5:31; 2 Qor. 5:18, 19) Yesuus aarsaa taʼee duʼuun isaa fi duʼaa kaʼuun isaa, ilmaan namootaa ajajamoo taʼan bulchiinsa Waaqayyoo isa samii jalatti eebba bara baraa akka argatan karaa baneera.

4 Yesuus Luba Ol Aanaa waan taʼeef, ‘dadhabina keenyatti nuuf gadda;’ duuka buutota isaa amanamoo lafa irratti argamaniifis dhiifama cubbuu argamsiisa. Phaawulos ergamaan akkana jechuudhaan ibseera: “Lubni ol aanaan nuti qabnu, isa cubbuu qabaachuu baatus akkuma keenya karaa hundumaan qorame dha malee, isa dadhabina keenyatti nuuf gadduu hin dandeenye miti.” Achiis Phaawulos itti fufuudhaan namoonni Yesuus Kiristoositti akka amanan hojiidhaan argisiisan qophii Waaqayyo isaanitti araaramuuf godhe irraa guutummaatti akka fayyadaman jajjabeessuuf akkana jedheera: “Kanaafuu, yeroo gargaarsi nu barbaachisutti gara laafinaa fi gaarummaa guddaa akka argannuuf, bilisummaadhaan gara teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti haa dhihaannu.”—Ibr. 4:14-16; 1 Yoh. 2:2.

5 Kana malees Yesuus Mataa gumii Kiristiyaanaa ti. Akkuma duuka buutota isaa jaarraa jalqabaatti turanii, kan nu geggeessu nama miti. Yesuus karaa hafuura qulqulluu fi karaa tiksitoota isa jala jiranii qajeelfama nuu kenna, tiksitoonni kun akkaataa itti hoolota Waaqayyoo qabaniif isa birattis taʼe Abbaa isaa isa samii biratti itti gaafatamu. (Ibr. 13:17; 1 Phe. 5:2, 3) Yihowaan Yesuusiin ilaalchisee, “Kunoo, ani sabootaaf ragaa baatuu, geggeessaa fi ajajaa isa godheera” jechuudhaan raajii dubbateera. (Isa. 55:4) Yesuus barattoota isaatiin, “Geggeessaan [keessan] tokko, innis Kiristoos qofa waan taʼeef, ‘geggeessaa’ jedhamtanii hin waamaminaa” jechuudhaan yeroo dubbatetti raajiin kun raawwii isaa akka argate mirkaneesseera.—Mat. 23:10.

6 Yesuus, “Isin warri dadhabdanii fi baʼaan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, ani boqonnaa isiniif nan kenna. Waanjoo koo baadhaa, ana irraas baradhaa; sababiin isaas, ani garraamii fi kanan gad of qabu dha; ofii keessaniifis boqonnaa ni argattu. Waanjoon koo nama hin quuqu, baʼaan koos salphaa dha” jedheera. Kun ilaalcha isaa fi fedhii inni nu gargaaruuf qabu argisiisa. (Mat. 11:28-30) Yesuus Kiristoos garraamummaadhaan, akkasumas karaa boqonnaa argamsiisuun gumii Kiristiyaanaa geggeessuudhaan akkuma Abbaa isaa isa samii “tiksee gaarii” taʼuu isaa mirkaneesseera.—Yoh. 10:11; Isa. 40:11.

7 Phaawulos xalayaa jalqabaa warra Qorontosiif barreesse irratti gaʼee kan biraa Yesuus Kiristoos qabu akkana jechuudhaan ibseera: “Inni hanga Waaqayyo diinota isaa hunda miila isaa jala godhutti mootii taʼee bulchuu qaba. Haa taʼu malee, yommuu wantoonni hundi isaaf bitaman, Waaqayyo hundumaatiif waan hundumaa akka taʼuuf, yeroo sanatti Ilmi mataan isaa isa wantoonni hundi akka isaaf bitaman godhe sanaaf ni bitama.” (1 Qor. 15:25, 28) Yesuus inni uumama jalqabaa taʼe gara lafaa dhufuu isaa dura “hojjetaa dandeettii qabu” taʼee Waaqa bira ture. (Fak. 8:22-31) Yeroo Waaqayyo gara lafaatti isa ergettis yeroo hundumaa fedha Waaqayyoo raawwachaa ture. Qorumsa cimaa isa irra gaʼe dandamatee hamma duʼaatti Abbaa isaatiif amanamaa taʼeera. (Yoh. 4:34; 15:10) Waaqayyo Ilmi isaa hamma duʼaatti isaaf amanamaa waan taʼeef, duʼaa isa kaasee gara samiitti isa fudhachuudhaan Mootii Mootummichaa akka taʼu godheera. (HoE. 2:32-36) Kanaafuu, Kiristoos Yesuus qaamota humna guddaa qabanii fi kumaatama hedduudhaan lakkaaʼaman geggeessaa bulchiinsa ilmaan namootaa fi hammina hundumaa lafa irraa haxaaʼee akka balleessuuf Waaqayyo mirga addaa isaaf kenneera. (Fak. 2:21, 22; 2 Tas. 1:6-9; Mul. 19:11-21; 20:1-3) Yeroo sanatti guutummaa lafaa bulchuuf aangoo kan qabaatu Mootummaa Waaqayyoo isa Kiristoosiin geggeeffamu qofa taʼa.—Mul. 11:15.

GAʼEE KIRISTOOS HUBACHUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

8 Yesuus Kiristoos inni fakkeenya keenya taʼe mudaa tokko illee hin qabu. Inni akka nu kunuunsu ajajameera. Kunuunsa isaa isa jaalala irratti hundaaʼe irraa faayidaa argachuuf, Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuu fi jaarmiyaa isaa isa guddachaa jiruu wajjin qixxee deemuun keenya barbaachisaa dha.

9 Duuka buutonni Yesuus jaarraa jalqabaatti turan, gaʼee Kiristoos qophii Waaqayyoo keessatti qabu guutummaatti hubatanii turan. Kanas matummaa Kiristoos jalatti tokkummaadhaan hojjechuu fi qajeelfama isaa isa karaa hafuura qulqulluu kennamuuf bitamuudhaan argisiisaniiru. (HoE. 15:12-21) Phaawulos ergamaan akkana jechuudhaan tokkummaa gumii Kiristiyaanota dibamoo gidduu jiru ibseera: “Dhugaa dubbachuudhaan, wanta hundumaan gara isaatti, jechuunis gara Kiristoos isa mataa taʼetti jaalalaan haa guddannu. Guutummaan qaamichaa karaa isaa wal simee kan wal qabate yeroo taʼu, tokkoon tokkoon buusaawwanii wanta isaaf barbaachisu kennaniin walitti hidhameera. Kutaan qaamaa hundi akka gaariitti yommuu hojii isaa hojjetu, qaamni sun akka guddatuu fi jaalalaan akka of ijaaru gochuu irratti gumaacha godha.”—Efe. 4:15, 16.

10 Tokkoon tokkoon namaa gumii keessa jiru matummaa Kiristoos jalatti walii galtee fi waltaʼiinsaan yoo hojjete guddinni ni argama; ‘jaalalli inni tokkummaadhaan namoota walitti hidhus’ ni dagaaga.—Yoh. 10:16; Qol. 3:14; 1 Qor. 12:14-26.

11 Taʼeewwan Kitaabni Qulqulluun raajiidhaan dubbatee fi addunyaa irratti raawwii isaanii argachaa jiran bara 1914 irraa eegalee aangoon Mootummaa Yesuus Kiristoosiif akka kenname mirkaneessu. Amma diinota isaa gidduutti bulchaa jira. (Far. 2:1-12; 110:1, 2) Kun namoota yeroo harʼaatti lafa irra jiraataniif hiika maalii qaba? Yesuus yeroo dhihootti murtii Waaqayyo diinota isaa irratti dabarse raawwachiisuudhaan gaʼee Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa taʼuudhaan qabu ni argisiisa. (Mul. 11:15; 12:10; 19:16) Achiis waadaan Yihowaan yeroo Eedan keessatti fincilli kaʼetti fayyina fiduuf gale, warra karaa mirga Yesuusiin jiraniif ni raawwatama. (Mat. 25:34) Gaʼee Kiristoos qophii Waaqayyoo keessatti qabu hubachuu keenyaan gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama! Guyyoota dhumaa kanatti bulchiinsa Kiristoos jala taʼuudhaan tajaajila addunyaa maratti raawwatamu irratti tokkummaadhaan hirmaachuu keenya itti haa fufnu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi