BOQONNAA 13
“Wanta Hundumaa Ulfina Waaqayyootiif Godhaa”
TAJAAJILTOOTA Waaqayyoo isaaf of murteessine waan taaneef, wanta dubbannuunis taʼe wanta goonu hundumaan ulfina Yihowaa calaqqisiisuuf dirqamni nu irra jira. Phaawulos ergamaan, “Yeroo nyaattan yookiin yeroo dhugdan yookiin wanta kam iyyuu yeroo gootan, wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif godhaa” jedhee barreessuudhaan qajeelfama ittiin geggeeffamuu qabnu kenneera. (1 Qor. 10:31) Kun ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa warra amala isaa isa mudaa hin qabne calaqqisiisan eeguu gaafata. (Qol. 3:10) Saba qulqulluu waan taaneef Waaqayyoon kan fakkaannu taʼuu qabna.—Efe. 5:1, 2.
2 Pheexiros ergamaan Kiristiyaanonni dhimma kanaaf xiyyeeffannaa akka kennaniif akkana jechuudhaan barreesseera: “Ijoollee ajajamoo waan taataniif, hawwii yeroo wallaalota turtanitti hordofaa turtan sanaan tolfamuu keessan dhiisaa; kanaa mannaa, akkuma Isa Qulqulluu isin waame sanaa, wanta hojjettan hundumaatiin qulqulloota taʼaa; sababiin isaas, ‘Ani qulqulluu waanan taʼeef, isinis qulqulloota taʼaa’ jedhamee barreeffameera.” (1 Phe. 1:14-16) Akkuma Israaʼelota durii, Kiristiyaanonni gumii keessa jiranis qulqulloota taʼuu qabu. Qulqulloota taʼuu qabu jechuun cubbuu fi addunyaa kanaan faalamuu irraa fagaachuu qabu jechuu dha. Akka kanaan tajaajila qulqulluutiif adda kan baafaman taʼu.—Bau. 20:5.
3 Seerawwanii fi qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ifatti kaaʼaman jabeessinee kan eegnu yoo taʼe, qulqulloota taanee jiraachuu dandeenya. (2 Xim. 3:16) Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan waaʼee Yihowaa fi daandii isaa barachuu, akkasumas isatti dhihaachuu dandeenyeerra. Qoʼannaan keenya kun, hundumaa dura Mootummaa Yihowaa barbaaduu fi jireenya keenya keessatti fedha Yihowaa raawwachuuf iddoo guddaa kennuun barbaachisaa taʼuu isaa nu amansiiseera. (Mat. 6:33; Rom. 12:2) Kana gochuuf namummaa haaraa uffachuun nu barbaachiseera.—Efe. 4:22-24.
KARAA HAFUURAA FI KARAA NAAMUSAA QULQULLUU TAʼUU
4 Ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo taʼan eeguun yeroo hunda salphaa miti. Seexanni inni diina keenya isa guddaa taʼe dhugaa irraa nu fageessuu barbaada. Dhiibbaan addunyaa hamaa kanaa fi cubbuun dhaalle, yeroo tokko tokko ulaagaalee kana eeguun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼu. Waadaa yeroo of murteessinetti gallee wajjin wal simnee jiraachuuf lola hafuuraa loluun nu barbaachisa. Kitaabni Qulqulluun yommuu mormiin ykn qorumsi nu irra gaʼutti dinqisiifamuu akka hin qabne nutti hima. Qajeelinaaf jennee rakkachuun nu barbaachisa. (2 Xim. 3:12) Qorumsi akkasii fedhii Waaqayyoo raawwachaa jiraachuu keenya akka argisiisu waan beeknuuf, yommuu qorumsi nu irra gaʼu ni gammanna.—1 Phe. 3:14-16; 4:12, 14-16.
5 Yesuus mudaa kan hin qabne taʼus, rakkina isa irra gaʼe irraa ajajamuu barateera. Yeroo kamitti iyyuu qorumsa Seexanaatiin hin moʼamne ykn wantoota addunyaa kana keessa jiran hin hawwine. (Mat. 4:1-11; Yoh. 6:15) Yesuus takkaadhuma illee ejjennoo isaa laaffisuuf yaadee hin beeku. Amanamummaadhaan jiraachuun isaa addunyaan akka isa jibbu kan godhe taʼus, ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa cimsee hordofeera. Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura, addunyaan kun isaaniinis akka jibbu barattoota isaa akeekkachiiseera. Yeroo sanaa eegalee duuka buutota Yesuus irra rakkinni hedduun gaʼeera; garuu Ilmi Waaqayyoo addunyaa akka moʼe beekuun isaanii ija jabeeyyii taʼuuf isaan gargaareera.—Yoh. 15:19; 16:33; 17:16.
6 Kutaa addunyaa kanaa taʼuu dhiisuuf, akkuma Gooftaan keenya godhe, ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa cimsinee hordofuu qabna. Dhimma siyaasaa fi dhimma hawaasaa addunyaa kanaa keessa galuu dhiisuu malees, dhiibbaa naamusni mancaʼaan nu irraan geessisu dandamachuu qabna. Gorsa Yaaqoob 1:21 irra jiruu fi “Xuraaʼummaa hundumaa fi hammina akkamii iyyuu of irraa fageessaatii, dubbicha isa isin keessa dhaabamee fi isin fayyisuu dandaʼu sana garraamummaadhaan fudhadhaa” jedhuuf xiyyeeffannaa guddaa kennina. Qoʼachuu fi walgaʼii irratti argamuudhaan ‘dubbiin dhugaa garaa fi sammuu keenya keessa akka dhaabamu’ gochuu dandeenya; yoo akkas goone, wanta addunyaan nuuf dhiheessu hawwuuf illee hin yaannu. Yaaqoob baratichi, “Addunyaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii? Kanaafuu, namni michuu addunyaa taʼuu barbaadu kam iyyuu diina Waaqayyoo of godha” jechuudhaan barreesseera. (Yaq. 4:4) Kanaan kan kaʼes, Kitaabni Qulqulluun ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa akka eegnuu fi addunyaa irraa walaba taanee akka jiraannu gorsa cimaa nuuf kenna.
7 Dubbiin Waaqayyoo amala qaanessaa fi naamusaan ala taʼe irraa akka fagaannu nu akeekkachiisa. Akkana jedheera: “Namoota qulqulluudhaaf sirrii waan hin taaneef, halalummaan, xuraaʼummaan akaakuu hundumaa yookiin sassatni isin gidduutti hin dubbatamin.” (Efe. 5:3) Kanaafuu, sammuun keenya yaada hamaa, yaada qaanessaa ykn mancaʼaa taʼe irratti akka hin xiinxalle dhowwuu qabna; kana malees, wantoonni kun haasaa keenya keessa akka hin jiraanne gochuu qabna. Akkas gochuudhaan ulaagaalee naamusaa Yihowaa warra qulqulluu fi qajeeloo taʼan eeguu akka barbaannu argisiisna.
QULQULLINA QAAMAA
8 Qulqullina hafuuraa fi naamusaa malees, Kiristiyaanonni qaamni isaanii qulqulluu taʼuun isaa barbaachisaa akka taʼe ni hubatu. Israaʼel durii keessatti, Waaqni inni qulqulluun buufanni isaanii qulqulluu taʼuu akka qabu isaan irraa ni eega ture. Nutis Yihowaan “wanta qaanessaa taʼe akkamii iyyuu” nu keessatti akka hin argineef qulqulluu taʼuu qabna.—Kes. 23:14.
9 Kitaaba Qulqulluu keessatti qulqullummaa fi qulqullinni qaamaa yeroo baayʼee waliin caqasamu. Fakkeenyaaf Phaawulos, “Yaa obboloota jaallatamo, nuti abdii kana waan qabnuuf, Waaqayyoon sodaachuudhaan qulqullummaa keenya guutuu gochuuf, wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu” jedhee barreesseera. (2 Qor. 7:1) Kanaafuu, dhiironnii fi dubartoonni Kiristiyaanota taʼan, yeroo hundumaa qaama isaanii dhiqachuu fi uffata isaanii miiccachuudhaan qulqullina isaanii eeggachuuf carraaqqii gochuu qabu. Haalli jiru biyyaa biyyatti garaa gara taʼus, walumaa galatti qulqullina qaama keenyaa fi kan ijoollee keenyaa eeguuf yoo xinnaate saamunaa fi bishaan gaʼa argachuun nutti hin ulfaatu.
10 Hojii lallabaa irratti hirmaachuu keenyaan kan kaʼe, uummata keessa jiraannu keessatti akka gaariitti beekamna. Manni keenya keessi isaas taʼe alli isaa qulqulluu fi seera qabeessa taʼuun isaa qofti olloota keenyaaf dhugaa baʼiinsa gaarii kenna. Kana gochuun itti gaafatamummaa miseensota maatii hundaa ti. Mooraan qulqulluu fi manni sirriitti qabame warra kaan irratti dhiibbaa gaarii akka godhu beekuudhaan, obboloonni manaa fi naannoo mana isaaniitiif xiyyeeffannaa addaa kennuu qabu. Mataawwan maatii kana gochuun isaanii fi dhimmoota hafuuraa irratti dursa fudhachuun isaanii, maatii isaanii haala gaariidhaan bulchaa akka jiran argisiisa. (1 Xim. 3:4, 12) Obboleettonnis mana isaaniitiif kunuunsa barbaachisaa taʼe gochuuf itti gaafatamummaa qabu. (Tit. 2:4, 5) Ijoolleen sirriitti leenjiʼan, ofii isaanii fi kutaa isaanii qulqullinaan qabuudhaan gaʼee isaanii baʼuu dandaʼu. Haala kanaan maatichi walii wajjin hojjechuudhaan barsiifata qulqullinaa addunyaa haaraa Mootummaan Waaqayyoo fiduuf malu horachuu dandaʼu.
11 Sabni Yihowaa yeroo harʼaa jiru baayʼeen gara walgaʼii deemuuf konkolaataatti fayyadama. Iddoowwan tokko tokkotti konkolaataan tajaajilaaf baayʼee barbaachisaa dha. Konkolaatichi qulqulluu fi haala gaariidhaan kan qabame taʼuu qaba. Mannii fi konkolaataan keenya, kutaa saba Waaqayyoo warra qulqulluu akka taane kan argisiisu taʼuu qaba. Boorsaan tajaajilaa fi Kitaabni Qulqulluun keenyas qulqulluu taʼuu qaba.
12 Akkaataan uffannaa fi miidhaginaa keenya, ulaagaalee Waaqayyoo wajjin kan wal simu taʼuu qaba. Uffata qulqullina hin qabne ykn seera qabeessa hin taane uffattee nama beekamaa tokko duratti dhihaachuuf illee akka hin yaanne beekamaa dha. Maarree yeroo Yihowaa bakka buunee tajaajillu ykn waltajjiitti baanu, akkaataan uffannaa keenyaa kana caalaa nu yaaddessuu hin qabuu? Akkaataan uffannaa fi miidhaginaa keenya, ilaalcha warri kaan waaqeffannaa Yihowaatiif qaban irratti jijjiirama fida. Gama kanaan ulfina kan hin qabne ykn warra kaaniif kan hin yaanne taʼuu hin qabnu. (Mik. 6:8; 1 Qor. 10:31-33; 1 Xim. 2:9, 10) Kanaafuu, tajaajila baʼuuf ykn walgaʼii gumii, walgaʼii aanaa ykn walgaʼii naannoo dhaquuf yeroo qophoofnu, waaʼee qulqullina qaamaa fi miidhaginaa wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu yaadatti qabachuu qabna. Yeroo hundumaa Yihowaa kabajchiisuu fi isaaf ulfina fiduu barbaanna.
Tajaajiltoota Waaqayyoo isaaf of murteessine waan taaneef, wanta dubbannuunis taʼe wanta goonu hundumaan ulfina Yihowaa calaqqisiisuuf dirqamni nu irra jira
13 Yeroo waajjira muummee ykn waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa daawwannuttis akkasuma gochuu qabna. Beetel jechuun “Mana Waaqayyoo” jechuu akka taʼe yaadadhu. Kanaafuu, akkaataan itti uffannuu fi amalli argisiisnu, akkuma yeroo Galma Walgaʼiitti walgaʼii irratti hirmaannuu taʼuu qaba.
14 Yeroo bashannana tokko tokko irratti hirmaannutti illee, akkaataa uffannaa fi miidhaginaa keenyaaf xiyyeeffannaa kennuu qabna. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Akkaataan itti uffadheen kan kaʼe karaa al idilee taʼeen lallabuun na qaanessaa?’
BASHANNANAA FI BOHAARTII GAARII
15 Madaallii keenya eeggachuu fi fayya buleeyyii taʼuuf boqonnaa fi bashannanni barbaachisaa dha. Yeroo tokko Yesuus, barattoonni isaa, isaa wajjin bakka namoonni hin jirre dhaqanii ‘xinnoo akka boqotan’ isaanitti himee ture. (Mar. 6:31) Boqonnaan, bashannanni ykn bohaartii gaariin hamma tokko gammachuu argamsiisuu dandaʼa. Wantoonni kun nu haaromsuudhaan sochii guyyaa guyyaadhaan goonu akka itti fufnu nu gargaaruu dandaʼu.
16 Yeroo ammaatti gosti bashannanaa hedduun waan jiruuf Kiristiyaanonni ogummaa Waaqayyootti fayyadamanii filannoo gochuu qabu. Bashannanni faayidaa kan qabu taʼus, wanta jireenya keenya keessatti bakki guddaan kennamuufii qabu miti. Namoonni “guyyoota dhumaatti” “Waaqayyoon jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan” akka taʼan akeekkachiisni nuuf kennameera. (2 Xim. 3:1, 4) Bashannanaa fi bohaartii kan jedhaman hedduun namoota ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa eeguu barbaadaniif kan taʼan miti.
17 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa dhiibbaa addunyaan naannoo isaanii inni gammachuu isaa irratti qofa xiyyeeffatuu fi bohaartii gaarii hin taane irratti hirmaatu irraa isaan irra gaʼu dandamachuun isaan barbaachisee ture. Namoonni agarsiisa sarkasii Roomaa daawwatan dhiphina warra kaanii ilaaluudhaan bashannanu turan. Hamminni, dhiiga dhangalaasuu fi halalummaan, namoota sana bashannansiisuuf waltajjii irratti ni dhihaatu turan; Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa garuu wantoota akkasii irraa fagaataniiru. Yeroo harʼaattis, bohaartiiwwan addunyaa hedduun, fedhii dogoggoraa namootaa guutuuf wantootuma kanaa wajjin wal fakkaatan dhiheessu. Bohaartii naamusaan ala taʼe irraa fagaachuuf, ‘of eeggannoodhaan deddeebiʼuu’ qabna. (Efe. 5:15, 16; Far. 11:5) Bohaartiin sun dogoggora taʼuu baatu illee, wantoonni naannoo sanatti raawwataman fudhatama kan hin qabne taʼuu dandaʼu.—1 Phe. 4:1-4.
18 Bohaartii fi bashannanni gaariin Kiristiyaanotaaf taʼu jira. Namoonni baayʼeen gorsa Kitaaba Qulqulluu fi yaadawwan barreeffamoota keenya irra jiran hojii irra oolchuudhaan fayyadamaniiru.
19 Yeroo tokko tokko maatiiwwan muraasni bashannanaaf mana Kiristiyaana tokkootti affeeramuu dandaʼu. Yookiin obboloonnii fi obboleettonni, cidha irratti ykn qophii biraa irratti akka argaman affeeramuu dandaʼu. (Yoh. 2:2) Namoonni affeeran wanta affeerraa sana irratti raawwatamuuf dhuunfaatti itti gaafatamummaa akka qaban isaanitti dhagaʼamuu qaba. Namoonni hedduun yeroo walitti qabamanitti of eeggannoo gochuun barbaachisaa akka taʼe beekamaa dha. Haalli gammachiisaan qophii akkasii irratti uumamu, namoonni tokko tokko daangaa isaanii darbanii amala sirrii hin taane argisiisuudhaan garmalee akka nyaatanii fi akka dhugan, darbees dogoggora cimaa akka raawwatan gochuu dandaʼa. Kiristiyaanonni ogeeyyii taʼan kana sammuutti qabachuudhaan baayʼina namoota affeeramanii fi saʼaatii qophii sanaa daangessuun gaarii akka taʼe hubataniiru. Dhugaatiin alkoolii kan dhihaatu yoo taʼe, baayʼee dhugamuu dhiisuun isaa barbaachisaa dha. (Filp. 4:5) Qophiin sun gaarii fi karaa hafuuraa kan nama haaromsu akka taʼuuf carraaqqiin yoo godhame, nyaannii fi dhugaatiin wanta iddoon guddaan kennamuuf hin taʼu.
20 Keessummaa simachuun wanta baayʼee gaarii taʼe dha. (1 Phe. 4:9) Nyaata waliin nyaachuuf, buna ykn shaayii waliin dhuguuf, waliin bashannanuu fi waliin yeroo dabarsuuf Kiristiyaanota mana keenyatti yeroo affeerru namoota xiyyeeffannaan hin kennamneef yaadachuu barbaanna. (Luq. 14:12-14) Qophiiwwan akkasii irratti yommuu argamnu, amalli keenya gorsa Maarqos 12:31 irra jiruu wajjin kan wal simu taʼuu qaba. Yeroo hundumaa gaarummaa warri kaan nutti argisiisaniif dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuun keenya gaarii dha.
21 Kiristiyaanonni, kennaawwan hedduu Waaqayyo biraa argatanitti ni gammadu; akkasumas, ‘nyaachuu, dhuguu fi hojii isaanii isa jabaatanii hojjetan hundumaa irraa gammachuu argachuu’ akka dandaʼan beeku. (Lal. 3:12, 13) Warri affeerres taane warri affeeramne, ‘wanta hundumaa ulfina Waaqayyootiif yoo goone,’ waaʼee qophii sanaa duubatti deebine yommuu yaannu karaa hafuuraa akka haaromne nutti dhagaʼamuu dandaʼa.
SOCHIIWWAN MANA BARUMSAA
22 Ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa, barumsa idilee irraa faayidaa argatu. Yeroo mana barumsaatti dabarsan sirriitti dubbisuu fi barreessuu barachuu irratti xiyyeeffatu. Barumsi dargaggoonni mana barumsaatti argatan kan biroon, galma hafuuraa hordofan irratti isaan gargaaruu dandaʼu. Waggoota mana barumsaatti dabarsanitti, wantoota hafuuraatiif dursa kennuudhaan ‘Uumaa isaanii isa Guddaa’ yaadachuuf carraaqqii guddaa gochuu barbaadu.—Lal. 12:1.
23 Kiristiyaana dargaggeessa barumsa irra jirtu yoo taate, utuu hin barbaachisin dargaggoota addunyaa kanaa wajjin yeroo akka hin dabarsine of eeggachuu qabda. (2 Xim. 3:1, 2) Yihowaan eegumsa akka argattuuf qophii barbaachisu waan godheef, dhiibbaa addunyaa irraa of eeguuf wantoota hedduu gochuu dandeessa. (Far. 23:4; 91:1, 2) Kanaafuu, eegumsa argachuuf qophii Yihowaan godhetti fayyadami.—Far. 23:5.
24 Dargaggoonni Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan hedduun, yeroo mana barumsaa turanitti sochiiwwan dabalataa mana barumsaatti godhaman irratti hirmaachuu dhiisuudhaan addunyaa kana irraa adda taʼaniiru. Ijoolleen daree kee fi barsiisonni kee ejjennoo kee kana hubachuun isaanitti ulfaata taʼa. Haa taʼu malee, wanti guddaan Waaqa kee gammachiisuu dha. Kana gochuuf, qalbii kee isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamuudhaan wal morkii ykn sabboonummaa irraa fagaachuuf murtoo gochuun si barbaachisa jechuu dha. (Gal. 5:19, 26) Isin dargaggoonni, gorsa Kitaaba Qulqulluu warri keessan Kiristiyaanota taʼan isinii kennan dhaggeeffachuu fi gumii keessatti michoota gaarii qabaachuudhaan ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa cimsitanii hordofuu dandeessu.
HOJII FI MICHUMMAA
25 Mataawwan maatii, wanta maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuuf itti gaafatamummaan irra jira. (1 Xim. 5:8) Taʼus tajaajiltoota Waaqayyoo waan taʼaniif, fedhii Mootummichaa dursuuf hojii isaaniitiif iddoo lammaffaa kennuu akka qaban beeku. (Mat. 6:33; Rom. 11:13) Waaqayyoof buluudhaan, akkasumas nyaataa fi uffata qabanitti gammadanii jiraachuudhaan dhiphina qabeenyi geessisuu fi kiyyoo isaa irraa fagaachuu dandaʼu.—1 Xim. 6:6-10.
26 Kiristiyaanonni of murteessanii fi wanta ittiin jiraatan argachuuf hojii hojjetan hundi qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu yaadatti qabachuu qabu. Galii haqa qabeessa taʼe argachuu jechuun, wanta seera Waaqayyoo ykn seera biyyattii wajjin wal faallessu hojjechuu dhiisuu jechuu dha. (Rom. 13:1, 2; 1 Qor. 6:9, 10) Michoonni gadheen balaa guddaa akka geessisan yaadachuu qabna. Loltoota Kiristoos waan taaneef, daldala ulaagaalee Waaqayyoo akka cabsinu nu godhu, akkasumas ejjennoo dhimmoota siyaasaa fi waraanaa irraa fagaachuuf goone laaffisu ykn sochii hafuuraa keenya balaadhaaf saaxilu irraa ni fagaanna. (Isa. 2:4; 2 Xim. 2:4) Kana malees, “Baabilon Guddittii” ishii diina Waaqayyoo taatee wajjin walitti dhufeenya qabaachuu hin barbaannu.—Mul. 18:2, 4; 2 Qor. 6:14-17.
27 Ulaagaalee qajeelinaa cimsinee hordofuun keenya, qophiiwwan tiʼookraasii irratti dhimmoota daldalaa keenya beeksisuu ykn dhimmoota dhuunfaa keenya babalʼisuu irraa nu eega. Walgaʼii gumii, walgaʼii aanaa fi walgaʼii naannoo irratti obboloota keenyaa wajjin kan walitti qabamnu Yihowaa waaqeffachuuf qofa dha. Maaddii hafuuraa isaa irraa ni nyaanna, akkasumas ‘wal jajjabeessina.’ (Rom. 1:11, 12; Ibr. 10:24, 25) Yeroo hundumaa qophiiwwan akkasii irratti sochiiwwan hafuura irratti qofa xiyyeeffachuu qabna.
TOKKUMMAA KIRISTIYANAATIIN WALIIN JIRAACHUU
28 Ulaagaalee qajeelinaa Yihowaatiin jiraachuun, “hidha nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeguuf” carraaqqii cimaa gochuus ni gaafata. (Efe. 4:1-3) Namni hundi wanta isa gammachiisu raawwachuu mannaa, warra kaaniif wanta gaarii gochuuf carraaqqii gochuu qaba. (1 Tas. 5:15) Miirri akkasii gumii kee keessa akka jiru hin shakkisiisu. Lammiin keenya, sanyiin keenya, sadarkaan hawaasa keessatti qabnu, dinagdeen ykn sadarkaan barumsaa keenya maal iyyuu yoo taʼe, hundi keenya iyyuu ulaagaalee qajeelinaa wal fakkaataa taʼeen geggeeffamna. Namoonni Dhugaa Baatota hin taane illee, sabni Yihowaa amaloota gaggaarii kana akka qaban hubataniiru.—1 Phe. 2:12.
29 Phaawulos ergamaan wanta tokkummaa keenyaaf buʼuura taʼe caalaatti yommuu ibsu akkana jedhee barreesseera: “Akkuma yommuu waamamtan abdii tokkoon waamamtan, qaama tokkoo fi hafuura tokkotu jira; Gooftaa tokko, amantii tokkoo fi cuuphaa tokkotu jira; akkasumas, hundumaa ol kan taʼe, karaa hundumaa kan hojjetuu fi hundumaa keessatti kan hojjetu Abbaa hundumaa kan taʼe Waaqa tokkotu jira.” (Efe. 4:4-6) Yaanni caqasa kana irra jiru, barumsa Kitaaba Qulqulluu buʼuuraa fi barumsawwan ol aantummaa Yihowaa akka fudhanne argisiisan kan biroo irratti hubannaa wal fakkaataa qabaachuu gaafata. Dhuguma iyyuu, qooqa dhugaa isa qulqulluu nuuf kennuun isaa harka wal qabannee akka isa tajaajillu nu dandeessiseera.—Sef. 3:9.
30 Tokkummaa fi nagaan gumii Kiristiyaanaa keessa jiru warra Yihowaa waaqeffatan hundumaaf madda jajjabinaa taʼa. Waadaa Yihowaan, “Akkuma hoolota goorannoo keessa jiraniitti . . . walitti isaan qabee tokkummaa akka qabaatan nan godha” jechuudhaan gale raawwatamaa akka jiru argaa jirra. (Mik. 2:12) Ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa cimsinee eeguudhaan tokkummaan kun akka itti fufu gochuu barbaanna.
31 Namoonni gumii Yihowaa isa qulqulluu taʼe keessatti fudhatama argatan gammadoo dha! Maqaa Yihowaatiin waamamuuf jecha, aarsaa akkamii iyyuu kaffaluun keenya kan isaaf malu dha. Hariiroo cimaa Yihowaa wajjin qabnu eegnee itti fufuuf jecha, ulaagaalee qajeelinaa cimsinee hordofuu fi warri kaanis akkas akka godhan jajjabeessuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna.—2 Qor. 3:18.