BOQONNAA 15
Faayidaa Qophii Tiʼookraasiif Bitamuun Qabu
FEDHA Yihowaa raawwachuuf gurmaaʼuu kan barbaannu yoo taʼe, Waaqayyo isa uumama cufa irratti ol aantummaa qabuuf bitamuun keenya barbaachisaa dha. Matummaa Ilmi isaa gumii Kiristiyaanaa irratti qabu ni fudhanna; akkasumas kallattii jireenyaa keenya kan biroo keessatti seera matummaatiif ni bitamna. Qophiiwwan tiʼookraasii akkasiitiif bitamuun keenya nama hundumaa fayyada.
2 Namoonni aangoodhaaf bitamuun isaanii barbaachisaa taʼuun isaa iddoo biqiltuu Eedan keessatti ifa taʼeera. Yaanni kun ajaja Waaqayyo Uumama 1:28 fi 2:16, 17 irratti kenne keessatti ibsameera. Uumamawwan kaan namootaaf bitamuu qabu; Addaamii fi Hewaan immoo fedhii Waaqayyoo fi aangoo isaatiif bitamuu qabu. Aangoo Waaqayyoo kanaaf bitamuun nagaa fi qindoominni akka jiraatu godha. Seerri matummaa yeroo booda 1 Qorontos 11:3 irratti ibsameera. Phaawulos ergamaan, “Mataan dhiira hundumaa Kiristoos, mataan dubartii dhiira, mataan Kiristoos immoo Waaqayyo taʼuu isaa akka beektan nan barbaada” jedhee barreesseera. Kun Yihowaa irraa kan hafe qaamni hundi qophii matummaatiif bitamuu akka qabu argisiisa.
3 Namoonni hedduun seera matummaa hin fudhatan ykn isaaf hin ajajaman. Maaliif? Rakkinni kun kan jalqabe yeroo Addaamii fi Hewaan Eedan keessatti taʼe jedhanii matummaa Waaqayyootiif bitamuu diduu filatanitti ture. (Uma. 3:4, 5) Taʼus akkana gochuun isaanii bilisummaa dabalataa isaaniif hin argamsiisne. Kanaa mannaa, Seexana isa uumama hafuuraa hamaa taʼeef bitamuu jalqaban. Fincilli jalqabaa kun ilmaan namootaa Waaqayyo irraa akka adda baʼan godheera. (Qol. 1:21) Kanaan kan kaʼes, yeroo harʼaatti ilmaan namootaa garri caalaan humna isa hamaa sanaa jala jiru.—1 Yoh. 5:19.
4 Dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru barachuu fi hojii irra oolchuudhaan dhiibbaa Seexanaa jalaa baʼuu dandeenyeerra. Dhugaa Baatota of murteessinee cuuphamne waan taaneef, Yihowaan jireenya keenya irratti ol aantummaa akka qabu amannee fudhanneerra. Akkuma Daawit Mootichaa nutis Yihowaan “hundumaa irratti mataa” akka taʼe ni amanna. (1 Sen. 29:11) Gad of qabuudhaan yaada, “Yihowaan Waaqa taʼuu isaa beekaa. Kan nu tolche isa dha, nutis kan isaa ti. Nuti saba isaa ti, hoolota kaloo isaa keessa jirru dhas” jedhu amannee fudhanna. (Far. 100:3) Yihowaan hundumaa waan uumeef inni guddaa akka taʼee fi guutummaatti isaaf bitamuun keenya akka isaaf malu ni amanna. (Mul. 4:11) Tajaajiltoota Waaqa dhugaa waan taaneef, Waaqayyoof bitamuu irratti fakkeenya gaarii Yesuus Kiristoos nuuf taʼe ni hordofna.
5 Yesuus yeroo lafa irra turetti rakkina isa irra gaʼe irraa maal barate? Ibroonni 5:8, “Inni ilma Waaqayyoo yoo taʼe iyyuu, rakkoowwan isa irra gaʼan irraa ajajamuu barateera” jechuudhaan deebii kenna. Yesuus yeroo rakkinni isa irra gaʼaa turetti illee, Abbaa isaa isa samiitiif amanamummaadhaan bitamuu isaa itti fufeera. Kana malees, Yesuus ofii isaatiin kakaʼee waan tokko illee hin raawwanne. Ofii isaatiin kakaʼee hin dubbanne; ofii isaatii ulfina argachuus hin barbaanne. (Yoh. 5:19, 30; 6:38; 7:16-18) Tajaajila isaa yeroo raawwachaa turetti kana gochuun mormii fi ariʼatama kan isa irraan geessise taʼus, fedhii Abbaa isaa raawwachuutti ni gammada ture. (Yoh. 15:20) Yesuus Waaqayyoof akka bitamus argisiiseera. “Hamma muka dhiphinaa irratti fannifamee duʼutti” illee ‘gad of qabeera.’ Yesuus guutummaatti Yihowaadhaaf bitamuun isaa kallattiiwwan hedduudhaan eebba argamsiiseera; ilmaan namootaatiif fayyina bara baraa argamsiiseera, isaaf iddoo guddaa argamsiiseera; Abbaa isaatiifis ulfina fideera.—Filp. 2:5-11; Ibr. 5:9.
KALLATTIIWWAN QOPHII TIʼOOKRAASIIF BITAMUUN ITTI NU BARBAACHISU
6 Fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan yommuu isaaf bitamnu, dhiphinaa fi abdii kutachuu namoota ol aantummaa isaatiif bitamuu didan irra gaʼu irraa oolla. Diinni keenya Seexanni nu liqimsuuf yeroo hundumaa yaalii godha. Yoo isa morminee fi gad of qabuudhaan Yihowaadhaaf yoo bitamne isa hamaa sana irraa ni oolla.—Mat. 6:10, 13; 1 Phe. 5:6-9.
7 Gumii Kiristiyaanaa keessatti matummaa Kiristoosii fi aangoo inni ‘garbicha amanamaa fi ogeessaaf’ kenneef ni bitamna. Kunis ilaalcha waliif qabnuu fi amala walitti argisiisnu irratti jijjiirama fida. Gumii keessatti Waaqayyoof bitamuun kallattii jireenyaa keenya hundumaa keessatti Dubbii Waaqayyootiif ajajamuuf nu kakaasa. Ajajamuun tajaajila baʼuu, walgaʼii irratti argamuu fi hirmaachuu, hariiroo jaarsolii wajjin qabnuu fi qophii jaarmiyichi godhee wajjin waltaʼiinsaan hojjechuu dabalata.—Mat. 24:45-47; 28:19, 20; Ibr. 10:24, 25; 13:7, 17.
8 Waaqayyoof bitamuun keenya nagaa, tasgabbii fi qindoomina gumii Kiristiyaanaatiif gumaacha godha. Warri Yihowaadhaaf bulan amala isaa ni calaqqisiisu. (1 Qor. 14:33, 40) Wanti jaarmiyaa Yihowaa keessatti argine, miirri Daawit Mootichatti dhagaʼame akka nutti dhagaʼamu godheera. Daawit garaa garummaa warra Yihowaa tajaajilanii fi namoota hamoo gidduu jiru erga hubatee booda gammachuudhaan, “Sabni Waaqni isaa Yihowaa taʼe gammadaa dha!” jedheera.—Far. 144:15.
9 Qophii gaaʼelaa fi maatii keessatti “mataan dubartii dhiira” dha. Dhiironni immoo Kiristoosiif bitamuu qabu; mataan Kiristoos immoo Waaqayyo dha. (1 Qor. 11:3) Haadhotiin manaa abbootii manaa isaaniitiif, ijoolleen immoo warra isaaniitiif bitamuu qabu. (Efe. 5:22-24; 6:1) Miseensonni maatii hundi seera matummaa kanaaf yoo bitaman nagaan ni jiraata.
10 Abbaan manaa fakkeenya Kiristoos hordofuudhaan matummaa isaa jaalalaan itti fayyadamuu qaba. (Efe. 5:25-29) Abbaan manaa matummaa isaa karaa dogoggora taʼeen itti hin fayyadamu yoo taʼe ykn yoo dabarsee hin kennu taʼe haati manaa isaa fi ijoolleen isaa gammachuudhaan isaaf bitamu. Gaʼeen haadha manaa gargaaruu ykn guutuu taasisuu dha. (Uma. 2:18) Haati manaa obsaan abbaa manaa ishii kan deggertuu fi kan isa kabajju yoo taʼe surraa isaa argatti; akkasumas Waaqayyoof ulfina fiddi. (1 Phe. 3:1-4) Abbootiin manaa fi haadhotiin manaa matummaa ilaalchisee gorsa Kitaaba Qulqulluu yommuu hordofan, Waaqayyoof bitamuu irratti ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii taʼu.
Qophii tiʼookraasiif bitamuun keenya kallattii jireenyaa keenya hunda irratti jijjiirama fida
11 Waaqayyoof bitamuun keenya ilaalcha “abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabanii” fi ‘aangoo isaanii isa daangaa qabu Waaqayyo biraa argataniif’ qabnu irrattis jijjiirama fida. (Rom. 13:1-7) Kiristiyaanonni lammiilee seeraaf bulan waan taʼaniif gibira kaffaluudhaan, “wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof” deebisanii kennu. (Mat. 22:21) Kana malees, qophiin naannoo tajaajilaa waliin gaʼuuf godhamu seera odeeffannoo dhuunfaa eeguuf baʼee wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Hamma seera qajeelinaa Yihowaa wajjin wal hin faallessinetti, qaamota aangoon isaaniif kennameef karaa hundumaan bitamuu fi ajajamuudhaan carraaqqii fi humni keenya hojii lallabaatiif akka oolu gochuu dandeenya.—Mar. 13:10; HoE. 5:29.
12 Qophii tiʼookraasiif bitamuun keenya kallattii jireenyaa keenya hunda irratti jijjiirama fida. Ija amantiitiin yeroo ilmaan namootaa hundi Yihowaadhaaf bitaman arguu dandeenya. (1 Qor. 15:27, 28) Namoonni gammachuudhaan ol aantummaa Yihowaa deggeranii fi bara baraaf isaaf bitaman eebbifamoo dha; isa birattis fudhatama ni argatu.