LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • bhs ful. 3-7
  • Kaayyoon Waaqayyo Nuuf Qabu Maali Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kaayyoon Waaqayyo Nuuf Qabu Maali Dha?
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Barumsa Macaafa Qulqulluu dubbisi
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • KITAABNI QULQULLUUN WAAQAYYO LAFA IRRATTI WANTOOTA DINQISIISOO AKKA RAAWWATU IBSA.
  • WANTA KITAABNI QULQULLUUN BARSIISU IRRAA FAAYIDAA ARGADHU
Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
bhs ful. 3-7

Kaayyoon Waaqayyo Nuuf Qabu Maali Dha?

GAAZEXAA yommuu dubbistu, televizyiinii yommuu ilaaltu ykn raadiyoonii yommuu dhaggeeffattu, wanti dubbistus taʼe wanti ilaaltu ykn wanti dhaggeeffattu caalaan isaa yakka, waraanaa fi shororkeessitummaa wajjin kan wal qabate dha. Tarii dhukkubaan ykn nama jaallattu duʼaan dhabuu keetiin gaddi guddaan si irra gaʼeera taʼa.

Maatii oduu raadiyooniidhaan darbu dhaggeeffachaa jiru

Akkana jedhii of gaafadhu:

  • Kaayyoon Waaqayyo anaafis taʼe maatii kootiif qabu kanaa?

  • Rakkoowwan koo damdamachuuf eessaan gargaarsa argadha?

  • Dhugumaan yeroo nagaan itti dagaagu ni dhufaa?

Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf deebii quubsaa kenna.

KITAABNI QULQULLUUN WAAQAYYO LAFA IRRATTI WANTOOTA DINQISIISOO AKKA RAAWWATU IBSA.

  • Namoonni hin dhukkubsatan, hin dullooman ykn hin duʼan.—Mulʼata 21:4

  • “Namni naafti akka borofaa in utaala.”—Isaayaas 35:6

  • “Iji warra jaamotaa in banama.”—Isaayaas 35:5

  • Namoonni duʼan gara jireenyaatti deebiʼu.—Yohaannis 5:28, 29

  • Namni dhukkubsatu hin jiru. —Isaayaas 33:24

  • Namni lafa irra jiraatu hundi nyaata baayʼee irraa hafaa qabaata.—Faarfannaa 72:16

    Maanguddoon dargaggeessa yommuu taʼu, namni naafa taʼe yommuu utaalu, namni duʼe yommuu kaʼu, kan dhukkubsatee fi kan jaame yommuu fayyu

WANTA KITAABNI QULQULLUUN BARSIISU IRRAA FAAYIDAA ARGADHU

Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko nama tokko Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼachiisu

Yaadawwan fuulawwan jalqabaa kitaaba kanaa irratti ibsaman, abjuu sitti fakkaachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, Waaqayyo dhiheenyatti wantoota kana akka raawwatu waadaa kan gale siʼa taʼu, Kitaabni Qulqulluunis Waaqayyo abdiiwwan kana akkamitti akka raawwatu ibsa.

Kana malees, Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti illee jireenya gammachuu qabu jiraachuuf maal gochuu akka qabnu nu barsiisa. Mee yeroo muraasaaf waaʼee wantoota si yaaddessanii yaadi. Tarii wantoonni kun qarshii, maatii, fayyaa ykn nama jaallattu duʼaan dhabuu wajjin kan wal qabatan taʼuu dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaatti rakkoowwan kana akka damdamattu si gargaaruu isaa irra iyyuu, gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii kennuudhaan si jajjabeessuu dandaʼa:

  • Rakkinni kan nu irra gaʼu maaliifi?

  • Rakkoowwan keenya damdamachuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Maatiin keenya gammachuu qabaachuu ni dandaʼaa?

  • Yeroo duunu maal taana?

  • Namoota jaallannuu fi duʼaan dhabne deebisnee ni argannaa?

  • Waaqayyo wantoota waadaa gale hunda akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

Kitaaba kana dubbisuu jalqabuun kee iyyuu wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekuu akka barbaaddu argisiisa. Kitaabni kunis si gargaara. Keeyyata hundaaf gaaffiin qophaaʼeera; isaanis Kitaaba Qulqulluu caalaatti hubachuuf si gargaaru. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu irratti mariʼachuun isaanii isaan fayyadeera. Atis akka faayidaa argattu ni abdanna. Wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekuuf yommuu carraaqxu eebbi Waaqayyoo si wajjin haa taʼu!

KITAABA QULQULLUU KEE WAJJIN WAL BARI

KITAABNI QULQULLUUN kitaabotaa fi xalayaawwan 66 kan qabate dha. Hundi isaanii iyyuu boqonnaa fi lakkoofsaan hihhiramaniiru. Kunis caqasa baasuun akka salphatu godha. Kitaaba kana irratti, lakkoofsi maqaa kitaabichaatti aanee argamu boqonnaa Macaafa Qulqulluu argisiisa; lakkoofsi itti aanee jiru immoo lakkoofsa caqasaa kan argisiisu dha. Fakkeenyaaf, “2 Ximotewos 3:16” jechuun, xalayaa Ximotewosiif barreeffame isa lammaffaa, boqonnaa 3, lakkoofsa 16 jechuu dha.

Caqasawwan kitaaba kana keessatti caqasaman baastee yommuu dubbistu Kitaaba Qulqulluu wajjin daftee wal barta. Kana malees guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabuu dandeessa. Guyyaa guyyaadhaan boqonnaa sadii hanga shanii yoo dubbiste, waggaa tokko keessatti dubbistee fixuu dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi