BARUMSA 24
Waadaa Yihowaadhaaf Galan hin Eegne
Yihowaan, Museedhaan akkana jedhe: ‘Gaaricha irra ol baʼiitii gara koo kottu. Seera koo gabatee dhagaa irratti barreesseen sitti kenna.’ Museenis gara gaarichaatti ol baʼee guyyaa 40 fi halkan 40f achi ture. Yeroo inni achi turetti, Yihowaan Ajajawwan Kurnan gabatee dhagaa lama irratti barreessee isatti kenne.
Yeroo muraasa booda, Israaʼelonni Museen nu dhiisee deemeera jedhanii yaadan. Achiis Aaroniin, ‘Nama nu geggeessu barbaanna. Waaqa nuu tolchi!’ jedhan. Aaronis, ‘Warqii keessan fidaa’ isaaniin jedhe. Warqichas baqsee siidaa jabbii isaaniif tolche. Sabichis, ‘Jabbiin kun Waaqa keenya isa biyya Gibxiitii nu baase dha!’ jedhe. Kanaaf, jabbii warqii irraa tolfame sana waaqeffachuu jalqaban; ayyaanas ni ayyaaneffatan. Kun dogoggora turee? Eeyyee, sababiin isaas sabichi Yihowaa qofa waaqeffachuuf waadaa galee ture. Taʼus, waadaa isaanii hin eegne.
Yihowaanis wanta taʼe argee Museedhaan akkana jedhe: ‘Gara sabichaatti gadi buʼi. Isaan anaaf ajajamuu didanii waaqa sobaa waaqeffachaa jiru.’ Museenis gabatee dhagaa lamaan qabatee tullicha irraa gad buʼe.
Gara buufatichaatti yeroo dhihaatu, sabichi yommuu sirbu dhagaʼe. Achiis utuu isaan jabbii sanaaf shubbisanii fi sagadanii arge. Museen baayʼee aare. Gabatee dhagaa lamaan lafatti darbate; isaanis ni caccaban. Siidaa jabbichaas yeruma sana barbadeesse. Achiis Aaroniin, ‘Sabichi wanta sirrii hin taane kana akka hojjettu kan si amansiise akkamitti?’ jedhee gaafate. Aaronis akkana jedhe: ‘Hin aarin. Saba kana amala isaa beekta. Waaqa nuu hojjedhu jedhan; anis warqii isaanii ibiddaan baqsee jabbicha kanan hojjedhe!’ Aaron akkas gochuu hin qabu ture. Museen gara tullichaatti deebiʼee Yihowaan sabichaaf dhiifama akka godhu kadhate.
Yihowaanis warra isaaf ajajamuu barbaadaniif dhiifama godhe. Israaʼelonni qajeelfama Musee hordofuun isaanii hammam barbaachisaa akka ture hubattee?
“Inni gowwootatti waan hin gammanneef, yeroo Waaqayyoof wareega wareegdu hundumaatti wareega kee utuu hin turin raawwadhu. Wanta wareegde raawwadhu.” —Lallaba 5:4