BARUMSA 18
Harangamaa Bobaʼu
Museen waggaa 40f Miidiyaan keessa jiraate. Achittis haadha manaa fuudhee ijoollee godhate. Gaaf tokko naannoo Gaara Siinaatti hoolota utuu tiksuu wanta nama dinqisiisu arge. Harangamaan tokko kan bobaʼu taʼus, hin gubanne! Museen sababa isaa beekuuf itti siqee yommuu ilaalu, harangamicha keessaa sagaleen tokko akkana jedhe: ‘Musee! Kana caalaa as hin siqin. Iddoon ati dhaabattee jirtu qulqulluu waan taʼeef kophee kee of irraa baasi.’ Maleekaatti gargaaramee isatti dubbachaa kan ture Yihowaa dha.
Museenis waan sodaateef fuula isaa haguuggate. Sagalichis akkana jedhe: ‘Rakkina Israaʼelotaa irra gaʼaa jiru argeera. Warra Gibxii jalaa isaan baasee, biyya gaariitti isaanan galcha. Ati Gibxiidhaa saba koo geggeessitee ni baasta.’ Kun Musee waan naasisu sitti hin fakkaatuu?
Museen akkana jedhee gaafate: ‘Namoonni eenyutu si erge jedhanii yoo na gaafatan maalan jedha?’ Waaqayyos, ‘Yihowaa inni Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob taʼe akka si erge isaanitti himi’ jedhee deebiseef. Achiis Museen, ‘Namoonni sun yoo na dhagaʼuu didanhoo?’ jedhe. Yihowaanis akka isa gargaaru Museetti hime. Museen ulee isaa akka lafa buusu isa ajaje. Uleen sunis bofa taʼe! Museen eegee bofichaa yeroo qabu immoo deebiʼee ulee taʼe. Yihowaanis, ‘Dinqii kana yeroo raawwattu, akka ani si erge ni amanu’ jedhe.
Museen, ‘Ani akka gaariitti dubbachuu hin dandaʼu’ jedhe. Yihowaanis, ‘Wanta dubbattu sittan hima, obboleessi kee Aaronis akka si gargaaruuf nan erga’ jedhee waadaa isaaf gale. Museen, Yihowaan isaa wajjin akka taʼe waan beekeef, haadha manaa isaa fi ijoollee isaa fudhatee gara Gibxiitti deebiʼe.
“Wanti dubbattan saʼaatii sanatti waan isinii kennamuuf, . . . akkamitti yookiin maal dubbanna jettanii hin yaaddaʼinaa.”—Maatewos 10:19