LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • my seenaa 30
  • Huuxxii Boba’u

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Huuxxii Boba’u
  • Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Museen Kan Baqate Maaliifi
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Musee Nama Jaalala Qabu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Museen Eenyu Ture?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Fakkeenya Amantii Musee Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
my seenaa 30
Moses and the burning bush

SEENAA 30

Huuxxii Boba’u

MUSEEN hoolotasaatiif marga argachuuf gaara Horeebitti ol ba’e. Achittis huuxxiin tokko utuu boba’uu arge; garuu hin gubatu ture!

Museen: ‘Wanti kun baay’ee kan nama dinqisiisudha; bira ga’ee akka gaariitti ilaaluun qaba’ jedhe. Ennaa itti siiqu, sagaleen tokko huuxxicha keessaa: ‘As hin dhihaatin. Kan dhaabattee jirtu bakka qulqulluurra waan ta’eef kophee kee baafadhu’ jedheen. Waaqayyo karaa ergamaasaa dubbachaa waan tureef, Museen fuulasaa haguuggate.

Achiis Waaqayyo Museedhaan: ‘Sabni koo biyya Gibxii keessatti rakkachuusaa argeera. Kanaafuu, dhiphina keessaa isaan baasuun barbaada. Saba koo biyya Gibxii akka baastun si erga’ jedhe. Yihowaan sabasaa gara biyya Kana’aan ishee bareedduutti fiduuf jedha.

Museen garuu akkas jedhe: ‘Ani nama waan tokkotti lakkaa’amu miti. Akkamittan kana gochuu danda’a? Dhaquullee nan dhaqaa, Israa’eloonnimmoo, “Eenyutu si erge?” yoo naan jedhan maalin deebisaaf?’

Waaqayyo akkas jedhee deebiseef: ‘“YIHOWAA, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaqiifi Waaqa Yaaqoobtuu na erge” jedhiin.’ [NW] Itti dabalees Yihowaan, ‘Kun bara baraaf maqaa kooti’ jedhe.

Museen: ‘Ati akka na ergite yeroon itti himu yoo na amanuu baatanoo?’ jedheen.

Waaqayyo: ‘Kan si harka jiru maalidha?’ jedhee gaafate.

Museen: ‘Uleedha’ jedheen.

Waaqayyos: ‘Lafatti darbadhu’ jedheen. Museen ennaa lafatti darbatu ulichi bofa ta’e. Ammas Yihowaan dinqii garabiraa Museetti argisiise. ‘Harka kee bobaa jala kaa’adhu’ jedheen. Museen akkuma jedhame erga godhee booda, harkasaa deebisee yommuu bobaa jalaa baafatu, harkisaa akka cabbiitti adii ta’e! Akkuma nama dhukkuba lamxii jedhamuun qabamee fakkaate. Itti aansees Yihowaan, Museen dinqii sadaffaa akka hojjetu humna kenneef. Booddee: ‘Dinqiiwwan kana ennaa itti argisiistu Israa’eloonni akkan ani si erge ni amanu’ jedheen.

Achiis Museen gara manaatti deebi’ee Yetroodhaan: ‘Firoottan koo warra Gibxii jiran ilaaluuf deemuun barbaada’ jedheen. Kanaafuu, Yetroon Museedhaan, nagaadhaan dhaqi jedheen; Museenis gara Gibxiitti deebi’uuf karaasaa jalqabe.

Ba’uu 3:1-22; 4:1-20.

Gaaffiiwwan Qayyabannaadhaaf Qophaa’an

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi