LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 4/1 ful. 3
  • Museen Eenyu Ture?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Museen Eenyu Ture?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Museen Kan Baqate Maaliifi
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Huuxxii Boba’u
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Musee Nama Jaalala Qabu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Fakkeenya Amantii Musee Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 4/1 ful. 3

Mataduree Fuula Jalqabaa: Museerraa Maal Baranna?

Museen Eenyu Ture?

[Fakkii fuula 3⁠rra jiru]

Maqaa Musee jedhu yommuu dhageessu maaltu gara sammuukeetti dhufa?

  • mucaa haatisaa guuboo keessa keessee Laga Abbayyaa keessa dhoksitedhaa?

  • mucaa intalli Faraʼoon qananiidhaan guddiste taʼus, nama Israaʼel taʼuusaa hin irraanfannedhaa?

  • nama waggaa 40f biyya Miidiyaan keessa tiksee taʼee jiraatedhaa?

  • nama huxxii qoraattii bobaʼu fuulduratti Yihowaaa wajjin dubbatee turedhaa?

  • nama Israaʼeloota garbummaa jalaa baasuuf Faraʼoon dura dhaabatee ija jabinaan dubbatedhaa?

  • nama yommuu Faraʼoon Waaqa dhugaa morme, ajaja Waaqayyootiin Dhaʼicha Kurnan Gibxirratti dhufan labsedhaa?

  • nama Israaʼeloota hedduu geggeessee Gibxii baasedhaa?

  • nama Galaana Diimaa akka gargar kutu Yihowaan itti fayyadamedhaa?

  • nama Abboommiiwwan Kurnan Waaqayyo biraa dhufan Israaʼelootaaf kennedhaa?

MUSEEN wantoota kana dabalatee waan hedduu raawwateera. Namni amanamaan kun Kiristiyaanota, Yihudootaafi Musiliimota biratti kabaja guddaa kan qabu taʼuunsaa kan nama dinqisiisu miti!

Museen raajii gocha baayʼee ‘sodaachisaa’ taʼe raawwate akka ture hin shakkisiisu. (Keessa Deebii 34:10-12) Inni Waaqayyo gocha gurguddaa raawwachuuf akka isatti fayyadamuuf of kenneera. Taʼus Museen, akkuma Eliyaas raajichaa isa yeroo Yesus lafarra tajaajilaa turetti Musee wajjin dinqiidhaan mulʼatee, “nama akka keenyaa ture.” (Yaaqoob 5:17; Maatewos 17:1-9) Rakkinni baayʼee keenyarra gaʼu Museerra kan gaʼe taʼus, akka gaariitti moʼeera.

Kana kan godhe akkamitti akka taʼe beekuu ni barbaaddaa? Amala gaarii Museen argisiise sadii qoruudhaan, wanta isarraa barachuu dandeenyu ilaali.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo isa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamedha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi